Rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaanirra jiruun miidhaan qaqqabuun ibsame

Kaartaa Itoophiyaa fi Sudaan agarsiisu

Jiraattota naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sudaan kan dhiheenya kana sochiin waraanaa keessatti mul'atu jiraatanirra miidhaan wayita qaqqabu, namoonni hedduun qe’eesaanirraa buqqa’uu bulchiinsi Godina Gondar Lixaa beeksise.

Biyyi Sudaan gama Kaaba Lixaa Itoophiyaa daangeessiti. Lafa daangaa biyyoota lamaan daangessu kanatti lafti magariisa qonnaaf oolu biyyoota lamaan waggoota dheeraaf wal dhabsiisaa ture.

Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, walitti bu’iinsa uumameen namoota afur irratti miidhaan dhaqqabeera. Namoonni lama immoo du'aniiru. Kanneen 1,700 ol ta'an immoo buqqa’aniiru jedhan.

Haleellaa qaqqabe hordofuunis qonnaan bultoonni 200 tti dhiyaatan qabeenyisaanii yeroo dheeraaf horatan loltoota Sudaaniin manca'e jechuun himan.

Ministeerri Beeksisaa Sudaan, loltoonni biyyaasaanii naannoo daangaa biyyoota lamaanirratti lafa qonnaan bultoota Itoophiyaatiin qabamee ture jedhan keessaa harka caalu to’achu dubbachuu isaanii Sambata duraa Rooyitars gabaasera.

‘’Rakkoon kamiyyuu mariin furama jenneetu amanna‘’ jedhan Ministirri Odeeffannoo Sudaan Faayisaal Saalih.

‘’Haa ta’u malee, loltoonni keenya lafa keenya deebisuuf itti gaafatamummaa isaanii ni bahu. Kanaafuu ammatti lafa Sudaan keessaa harka 60-70 kan ta’u deebisee qabateera’’ jechuun Rooyitarsitti himan.

Obbo Dassaalany BBCtti akka himanitti, waraanni Sudaan iddoowwan walfalmiin daangaarra argamanirratti haleellaa qaqqabsiisuu kan eegalan xumura ji’a Onkolooleessaa keessa ture.

''Sudaanotaan sochiin Onkololeessa 27 eegaluum qabeenyarratti miidhaa dhaqqabuulleen, namarratti miidhaa qaqabe waan hin turreef jecha dhimmicha osoo hinarbeessiin to'achuuf yaallee turre,'' jedhaniiru bulchaan godinaa kun.

Haa ta'u malee, loltoonni Sudaan bakkeewwan tokko tokko to'achuu isaaniifi wanta kanas akka dhaabu qaban mari'atu kan himan Obbo Dassaalany, ta'us ergasii itti hammaatuu himu.

''Sadaasa 3 fi 4'tti bakkeewwan haaraa qabachuun kaampiiwwan qonnaan bultootaa gubuuniifi miidhaa dhaqqabsiisuun hanga kaleessaatti itti fufeera,'' jedhan.

Bulchaan Godina Gondar Lixaa kun akka jedhanitti, tarkaanfii loltoonni Sudaan naannichatti walitti aansuun naannichatti fudhataniin jiraattonni buqqa'u isaanii akkasumas qabeenyi manca'u himu.

''Qabeenyi qonnaan bultootaagaraagaraa, maashiniiwwan, manneen kuusaafi midhaan gubanii kan hafemmoo walitti qabanii fudhataniiru. Oomishoota bisingaafi jirbii funaananii fudhataniiru,'' jechuun dubbatan.

Sababa haleellaa raawwaten badiin dhaqqabe birrii biiliyoona tokkotti tilmaamama jedhan Obbo Dassaalany.

''Ganda xiqqoo Salaam Barr jedhamtufi kan tilmaamaan qonnaan bultoonni 400 hanga 500 ta'an keessa jiraataa turuan amma qe'ee isaanii gadhiisanii akka bahan ta'eera. Kanaanis, maatiin 1,750 ta'an buqqa'aniiru,'' jedhan.

Gama kaaniin, loltoonni biyyattii tarkaanfii ofirraa ittisuu fudhachuu Rooyitarsiitti kan himan ministeerri beeksisaa Sudaan, xumura torban darbe walitti bu'iinsi qabbannaa'u himanii ture.

Saalih itti dabaluunis, ''gabaasni tikaa Sudaan akka mirkaneessetti saalaan humnoonni loltoota Sudaan waraanee, kan leenjiifi hidhannoon humna idilee qabu malee milishaa miti,'' jechuun walitti bu'iinsi humna kam waliin akka ta'e akeekaniiru.

Daangaarratti yeroo garaa garaa walitti bu'iinsi akka dhalataa tureefi salphaattis furmaata argataa akka ture kan himan bulchaan Godina Gondar Lixaa, inni ammaa garuu adda jechuun BBC'f himan.

''Inni ammaa haleellaa waraana mekaanaayizdiin ijaarame hiriirsuun meeshaa waraanaa guddaan dabaalamee kan raawwatedha. Dabalataanis, bakkeewwan kana dura gahanii hin beeknellee qabachuuf kan karoorfatedha,'' jechuun himan.

Qonnaan bulaa Sudaan kutaa biyyaa al-Jazirah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Anga'oonni Sudaan Al-Faashqaan lafa Sudaaniiti jechuun irra deddeebiin dubbatu

Hawaasni naannichaa walitti bu'iinsatti akka hin seenne yaalii gochaa akka jiran kan himan bulchaan Gondar Lixaa, ''… haalli kuni mootummaan furmaata yoo hin arganne gara kallattii biraatti akka hin qajeelle yaaddoon jira,'' jedhan.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii torban darbe BBC'f akka dubbatanitti, biyyoonni lamaan dhimmicharratti sadarkaa mootummaan mari'ataniiru.

Rakkinni dhalatees, ''fedhii mootummaa Sudaan miti,'' jechuun caasaa mootummaa naannoo daangaa jiruun kan raawwatedha jechuun himan.

Rakkoo daangaarratti dhalate hordofee biyyoonni lamaan torban darbe guyyaa lamaaf Kaartumitti marii gaggeessanii turan. Jila Itoophiyaas MM I/Aaanaa Dammaqaa Mokonninitu durse.

Bakkeewwan Itoophiyaafi Sudaan daangessanitti rakkoon lafni naaf mala jedhu jira. Kanaanis, yeroo garaagaraatti daangaarratti walitti bu'iinsi akka dhalatu gabaafamaa ture.

Mootummoonni biyyoota lamaanis rakkoo yeroo dheeraaf ture kana furuuf komishinii daangaa waloo hundeessuun marii gaggeessanis murtee dhumaarra osoo hin gahin hanga ammaa tureera.