Lola Tigraay, Itoophiyaa: MM Sudaan dhimma Naannoo Tigraay keessaarratti MM Abiy waliin mari’atan

MM Abiy Ahimad fi MM Abdallaa Hamdook

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad/Twitter

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook dhimma mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti 'olaantummaa seeraa kabachiisuurratti' MM Abiy waliin mari'atanii waliigaluu waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa ibse.

Ministirri Muummee Sudaan guyyaa har’aa, Dilbata, daawwannaa guyyaa lamaaf ture Finfinnee kan seenan.

Qondaalli olaanaa Sudaan jila isaanii waliin yeroo Finfinnee gahan MM Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi qondaaltonni Itoophiyaa olaanoo biroo buufata xiyyaaraatti simataniiru.

Daawwannaan qondaala olaanaa Sudaan erga baatii darbe mootummaan Kaaba biyattiitti oppireeshinii waraanaa gaggeesseefi lammiileen 50,000'tti siqan Sudaanitti baqatani as kan duraati.

Itoophiyaan oppireeshinii waraanaa gaggeessuun qondaaltota TPLF aangoorraa erga kaafte booda dhimmi itti aanu Naannoo Tigraay ijaaruufi kanneen biyyarraa baqatan qe’eetti deebisuu akka ta’e ibsiteetti.

'Sudaan hojii seeraa kabachiisuu Itoophiyaa deeggarteetti'

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad barreeffama tiwiitara isaanii gubbaa barreessaniin Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook ‘obboleessakoo’ jedhan daawwannaa hojii guyyoota lamaaf simachuu isaanii beeksisan.

Hamdook gama isaaniitin Ministira Muummee Abiy waliin dhimmoota siyaasaa waloo, namoomaafi nageenyaarratti akka mari’atan himaniiru.

Mariin kunis, nagaa, tasgabbiifi badhaadhina biyyoota obbolaa lamaanif gaanfa Afrikaaf akka gumaatu ibsan.

Biyyoota ollaa Itoophiyaa lola Naannoo Tigraay keessa turen baqattoota kumaan lakkaa’aman simachuuf diqaman keessaa ijoon Sudaanidha.

Waajjirri Ministira Muummee akka ibsetti hoggantoonni lamaan jila isaanii waliin simannaa booda marii taasisaniin waligalteerra gahaniiru.

''Hojii seera kabachiisu Itoophiyaa ilaalchisee Sudaan deeggarsa ishee ibsiteetti,'' jedheera waajjirichi

Mariin hoggantoota lamaan gidduu taasifame dhimmoota waloo 'hedduu' irratti waliigalteerra gahame xumurameera jedheera waajjirichi dhimmoota kana bal'inaan osoo hin ibsin.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Yeroo jalqaba lolli eegaleetti gorsaan MM Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachaw Sudaan daawwataniiru.

Kana dura Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii biyyoota tarkaanfii mootummaan federaalaa fudhate bira dhaabbatan keessaa tokko Sudaanidha jedhani ibsanii turan.

Dabaluunis ''Haleellaan Itoophiyaarratti raawwatamu kamiyyuu isaanirratti akka raawwatametti akka lakkaa’an mirkaneessaniiru. Haala kamiinuu Itoophiyaa cinaa dhaabbachuuf waliigalaniiru,” jechuun Jibuutinis akka deeggarte ibsan.

Pirezidantiin Sudaan waggoota 30’f biyyattii bulchal al- Bashir aangoorraa bu’uun mormiin biyyatti keessa mudatetti akka furmaata argatu MM Abiy gumaachuun isaanii ni yaadatama.

Ministira Muummee Itoophiyaa yeroo barbaachisaa ta'etti nuuf dhaqqaban jechuun MM Abdallaa dubbachuu isaanii waajjirri MM Itoophiyaa ibseera.

Wanti haaraa maali?

Torban muraasa booda torban kana deggarsi qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa Koree Fannoo Diimaa Idil-adunyaa fi Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaan waliin ergan yeroo jalqabaaf Maqalee gaheera.

Ministeerri Fayyaas deeggarsaalee fayyaa ergu ibsameera.

Kanneen Allaamaaxaatti deeggarsa namoomaa mootummaa Itoophiyaarraa fudhataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen Allaamaaxaatti deeggarsa namoomaa mootummaa Itoophiyaarraa fudhataa jiran

Hospitaalli Ayidar Maqaleetti argamu deeggarsa meeshaalee fayyaan rakkachuufi hojii dhaabuuf dirqamu gabaafamee ture.

Gama kaaniin, mootummaan Itoophiyaas midhaaniifi kaan jiraattota Naannoo Tigraayif barbaachisan geessaa akka jiru ibseera.

Mudde 8 irraa eegalee konkolaattonni fe'umsaa 44 midhaan nyaataa fi meeshaalee tajaajila fayyaa fe'an magaalota akka Shiree, Allaamaaxaa fi Maqalee gahuu waajjirri Ministira Muummee ibseera.

UN garuu baaseen ammallee baqattoonni Tigraay keessa jiraniifi kanneen qe'eerraa buqqa'aniif deeggarsi taasifame hin jiru jechuun ibsa Kamisa baasen ibseera.

Sababa lolli ammallee itti fufee jiruuf deeggarsa namoomaa Tigraay dhaqqabsiisuu dhabne yaadotni jedhan "dhugaa kan hin taanee fi hojii raayyaan ittisaa naannicha tasgabbeessuuf hojjete kan xiqqeessudha" jedha ibsi waajjira MM.

Milishoota TPLF harca'anii hafaniin dhukaasni bakkaa bakkatti dhagaahamuu mala kan jedhe ibsichi, kana akka lola adeemaa jiruutti fudhachuun dogoggora jedhe ibsichi.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bakkeewwan baqattoonni Ertiraa jiran dabalatee deeggarsa ofumaa geessuuf akka eeyyamamuf irra – deddeebbiin gaafataa jira.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Ta’us mootummaan Itoophiyaa UN deeggarsa akka taasisu mootummaan garuu ofumaa kanneen deeggarsa fedhan biratti nyaataafi dhugaatii akkasumas kaan akka geessu himeera.

Baatii dura hojjettoonni dhaabbilee gargaarsaa afur du’u kan gabaafames torban kana keessadha.

Ka'umsi lola kanaa maali?

Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.