Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'

Hana Zeratsyon

Madda suuraa, Hana Zeratsyon

    • Barreessaa, Gaazexeessituu Hannaa Zaraatsiyoon
    • Gahee, BBC Tigrinya irraa

Lola Naannoo Tigraayitti hammaachaa dhufeen, obbolessi koo ganna 11 dhukkuba dugugguruufi eppilipsii jedhamu qaba, qoricha isaa argateera laataa waan jedhu baayyee na yaaddessa.

Maatii koo waliin magaalaa guddoo naannichaa Maqalee jiraatu. Lolli kun otoo hin jalqabamiin guyyaa tokko dura viidiyoodhaan waa’ee wal’aansa isaa haasofnee turre.

Maqaleetti gatiin qorichasaa mi’aawaa waan taheef, qarshii ergeefi Fifinneerraa akka bitaniif waliigallee turre.

Asuma baankii Keeniyaa iddoon jiraadhuutii gara baankii biyya jirutti qarshii ergus, erga waraanni jalqabee baankiiwwan 600 Naannoo Tigraay keessatti argaman waan cufamaniif maatiin qarshicha baafachuu hin dandeenye.

Otuma qarshicha argatanillee qoricha argachuu hin danda’an, sababiinsaammoo geejbni gara Tigraay deemu hundi dhaabbateera.

Kaartaa Tigraay
1px transparent line

Daangaan qilleensarraa amma xiyyaara waraanaa qofatu irratti balali'a.

Badhaasa Noobeelii bara darbe kan mo’atan Ministirri Muummee Itoophiyaa, haleellaan qilleensarraa ijaa jiruuf uummatni Tigraay alatti akka walitti hin qabamne akeekkachiisanii turan.

Mootummaan naannichaa seeraan ala aangoorra jira jechuun, akkasumas waraana mootummaa federaalaa Maqaleetti qubatee jiru humnaan to’achuu yaaleera jechuun aangoorraa buusuu fedha. Mootummaan Naannoo Tigraay garuu kana ni haala.

Mootummaan Naannoo Tigraayis geejiba magaalawwan naannichaa keessatti taasifamu dhorkee jira.

A bus and tuk tuk in Mekelle, Ethiopia - November 2020
Ibsa waa'ee suuraa, Tigraay keessaa bahuufi garas dhaquunis ammatti hin danda'amu

Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitti jedhutti naannoo saliixa oomishu Humaraa dabalatee, qonnaan bultoonni naannichaa naannoo ollaa Amaaraa waliin wal gargaaraa jiraatu. Kunimmoo sabooti Itoophiyaa wal-keessa jiraachuu isaanii agarsiistuu dha.

Yeroo ammaa, dhalatoonni Tigraay muraasni poolisii federaalaa fi waraana keessa tajaajilan, meeshaa isaanii akka deebisaniifi hojii akka hin dhufnee itti himamuun isaan yaadessaa jiraachuu natti himaa jiru.

Dhimma bishaanii

Oduun lola kanaa gaafa Sadaasa 4 yeroo iji addunyaa filannoo Ameerikaarra turetti dhagahame. Waayila koo tokkotu, ''waan tahaa jiru dhageessettaa? Maatiikeef bilbilteettaa?'' naan jedha.

Yeroosuma sana maatii fi obboloota kootti billbilus argachuu hin dandeenye. Ana dabalatee dhalattoonni Tigraay kumaafi dhibbaan lakkaa’aman maatii keenyarraa akkuma adda baanetti jirra.

Obboleessa koo eegoo (quxisuu) baayyeen yaade. Haasa’uu hin danda’u waan taheef, yeroon maatii koo viidiyoon dubbisun isa argadha ture.

Amma suuraasaa ilaalaa lolli kuni dhaabbatee qoricha isaa argataa laata jedheen abdii horachuu yaala. Miilasaan deemuun waan isa rakkisuuf, Naayroobii fideen isa yaalsisuufi wiilcheerii bituufiif yaada qaba tureeyyu.

Kuni hunduu hanga lolli kun goolabamutti turuu qaba. Yoo itti fufe hoo?

Yaada marii mootummaan Naannoo Tigraay dhiyeesse MM Abiy Ahimad waan dideef, carraan lolichi itti fufu guddaa dha. Mootummaan Naannoo Tigraay Adda Bilisa Baasaa Tigraayiin (TPLF) hogganamu, lolli kun xumura argatu malee aangoo waan salphaatti kennu miti.

Army vehicles in Tigray, Ethiopia - November 2020

Kana booda maatii koofi kaan irrattillee maaltu uumama? Hanqinni nyaataa ni mudataa laata? Gatiin miyaa ni dabalaa?

Hanqina qarshii mudatu maatiin akkamiin dandamatu laata? Keessumaa qarshii deeggarsaa ijoolleerraa ergamuun jiraatu taanaan? Ammumallee hanqinni daakuu fi boba’aa akka jiru gabaasni achii bahu agarsiisa. Hunda kan caalummoo bishaani!

Maqalee, magaalaan abbaa warraa 400,000-500,000 qabdu bishaan boombaa torbeetti al tokko qofa argatti. Amma inniyyuu dhaabbateera.

Maatii duraan warreen bishaan qaruuraadhaan rabsanirraa bitu ture, amma garuu bilbilli ijaa hin hojjenneef bishaan ajajanii bituunis hin danda’amu.

Gaafa Kibxataa hidhi naannichaa aannisaa maddisiisu haleellaa qilleensaan barbadaa’uu fi tajaajilli elektiriikii addaan cituu gabaafamaa jira. Mootummaan federaalaa garuu dhimma kanarratti haga ammaa hin dubbanne.

'Adii akka hin uffanne'

Sodaan koo inni guddaan garuu magaalaa dhaloota taankii ykn haleellaa qilleensaan yoo barbadeessan hoo kan jedhu dha.

Yeroo lola Eritiraa Itoophiyaa bara 1998-2000 sirriitti nan yaadadha, yeroo xiyyaarri waraanaa waaqarraa huursitu haadha koo jala dhokadha ture. Akka adda hin baafamneef wayyaa adii hin uffatiinaa jedhamna ture.

Hanga umrii dargaggummaa kootti adii uffachuu nan jibba ture. Boodarra adiin homaa rakkoo hin qabu jedheen of amansiise.

Hiriyyoonni koo yaadni isaanii yeroo ammaafi duraa keessa asii fi achi adeemaa jira. Yaadannoo hamaa qabna yeroo Eritiraan mana barnootaa gubde, nutimmoo ijoollee waggaa afurii taanee iddootti qawwee jalaa dahannu ijaaraa turre.

Yaadannoon keenyi kana qofaa miti, seenaan hiriyaan keenya nutti himes nu keessaa hin bahu.

Haatisaa tokkoo bara 1989 haleellaa boombii ajajaa Dargii Mangistuu Haayilamaaramiin ajajame jalaa baqachuun, magaalaa Maqalee keessaa baqattee baate.

Akaakayyuun gurbaadhuma kanaa ammoo bara 1943tti ajaja mootii Haayilesillaaseen, Humni Qilleensaa Biriteen magaalattiirra haleellaa boombii taasisaniin lubbuun isaanii dabre.

Akkuma naannoolee Tigraay biroo Maqaleenis waraanuma keessa dabarsite.

Yeroo waqtiin ayyaanaa gahaa jiru kanattillee haleellaan boombii akka hin taasifamne sodaachaa jiru.

Silaa baatii dhufu ayyaana Qillee achitti kabajeen achumaan jaalallee koo yeroo ani hojii BBCf Naayiroobii dhufe, Maqaleetti hafetti heerumuufan ture.

A Christmas stall holder in Mekelle, Ethiopia - January 2020

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni Qillee magalaa Maqaleetti guddinaan kabajama

Karoora koo hunda bishaantu nyaate. Amma isas maatii koos argachaa hin jiru. Abbaan koo hojii mukaa hojjetuufi an mararsiifadhus, akkasuma sababa lola biyyoota lamaanii obboleettiisaa Ertiraa jirtu baroota dheeraaf qunnamuu hin dandeenye ture.

Waggaa 20f akkatti ishee yaade dubbata ture. Yeroof haa tahuyyuu bara 2018tti yeroo daangaan baname, ishee barbaadus du’uu ishee qofa dhagahe.

MM Abiy Ahimed bara 2019tti yeroo badhaasa Nobeelii nagaa badhaafame haasaa Oslootti taasiseen:

''Waraana jalqabuuf namoota muraasatu barbaachisa. Nagaa buusuuf garuu gandi tokko guutuun waliin tahuu gaafata.

Anaaf nagaa kunuunsuun akkuma mukkeen dhaabuufi guddisuuti. Akkuman mukkeen guddachuuf bishaaniifi biyyoo barbaadan, nagaanis of kennuu, obsaafi fedhii kunuunsuu fi firii isaa nyaachuu barbaada.''

Akkuma hooggantoota kaanitti, MM Abiy fi hoogganaan Naannoo Tigraay Debiratsiyoon Gabiramikaa’el (PhD) nagaa buusu jedheen amana.

Kun tahuu baannaan, sanyiin jibbaa biqiluu mala - biyyattiin silumayyuu walitti bu'insa saboota gidduun, erga 2018 dhalattoota Tigree 100,000 dabalatee, namootni miiliyoona lama tahan qe'eerraa itti buqqa'anidha.