Zahaa Hadiid: Arkiteektii jabduu Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu duuba jirtu

Daandiin Qileensaa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa dhiheenya Bishooftuutti ijaaramuuf dhakaan bu'uuraa guyyoota muraasa dura kaa'ame.
Buufatni xiyyaaraa dolaara biliyoona 12.5'n ijaaramu kun ijaarsisaa boqonnaan duraa yoo xumurame waggaatti imaltoota miliyoona 60 keessummeessuu danda'a.
Buufatni xiyyaaraa kun guutuutti gaafa xumuramu waggaatti imaltoota miliyoona 110 keessummeessa jedhamee eegama.
Buufani xiyyaaraa kun lafa hektaara 3,500 irra oola.
Yeroo buufata xiyyaaraa kanaaf dhakaan bu'uuraa kaayame dubbii ijoo kan ture keessaa tokko waayeen arkiteekt Zaahaa Hadiid ishee tokko.
Zaahaa Hadiid ogummaa ijaarsaan wal qabatee ogeeyyii bebbeekamoo keessaa nama takka.
Garee gorsitoota diizaayinii buufata xiyyaaraa Bishooftuu keessaa tokko kan kan Zahaan hundeessite 'Zahaa Hadiid Arkiteektis' kan jedhamudha. Kan biraammoo 'Daar' jedhama.
Deem Zaahaa Hadiid (Zahaa Hadiid) arkiteektii, dizaaynarii fi Artiisti Iraan-Inglaandi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
A.L.A 1950 Baagdaad keessatti dhalatte. Bara 2016 immoo dhibee onneetiin duute.
Ogeettii arkiteektii gamoo kan taate Zahaan ogummaa ijaarsaa adda ta'aniin maqaan ishee leellifama.
Sararoonni uumamaa fi maqni diizaayiniiwwan isheef bu'uura akka ta'an ogeeyyijn damee kanaa ni himu.
Zahaa Hadiid gamoo ijaarsuuf yoo gaafatamtu jalqaba naannoo qo'atti. Diizaayinii gamoo qopheessuun dura yaada ishee fakkiin lafa keessi.
Zahaan bara 2004 dubartii jalqabaa badhaafamtuu Priizkar Arkiteekchar taate jirti. Badhaasni kun ogummaa diiizaayinii ijaarsaa keessatti badhaasa olaanaa dha.
Dhaabbanni Zahaa Hadiid bra 2024 ibsa karaa weebsaayitii isaa baaseen, Dhaabbata Daar jedhamu waliin ta'uun Buufata Xiyyaaraa Bishooftuutiif gorsaa diizaayinii ta'uu isaa ibsee tureera.
Daarektarri damee aviyeeshinii Zahaa Hadiid Arkiteekt Kiristiyaanoo Seesaatoo "Buufatni xiyyaaraa Aabbuuseeraatti ijaaramu kun karra seensa gara Afrikaa fi Itoophiyaas wiirtuu deddeebisa ardichaa kan godhu" jedhan weebsaayitii dhaabbatichaarratti.
Buufata xiyyaaraa kana kan diizaayinii isaa hojjetu "aadaa biyyattii" bu'uura godhachuun ta'uu fi ijaarsi isaas yoo xumuramu "buufata xiyyaaraa si'ataa addunyaa" akka ta'u ibse.
"Teessuma lafaa Aabbuseeraa giddugaleessa karaa godhateen uumama bu'uura godhachuun hojjetama" jedhan daarektarri damee aviyeeshinii Zahaa Hadiid.

Madda suuraa, Getty Images
Dizaayiniin haala naannoo giddugaleessa godhate ogummaa arkiteekt Zahaa Hadiid ittiin beekamtu dha.
Lammummaa lakkuu Iraaqii fi Ingliiz kan qabdu Zahaa Hadiid dubartii jalqabaa badhaasa warqee 'Rooyaal Institiyuut of Biriitish Arkiteektis' jedhamu badhaafamte dha.
Yeroo badhaasa kana fudhatte "Yeroo ammaa arkiteektota dubartoota beekkamtii argaa jirra. kun salphaa miti. Qormaata hedduutu jira. Waggoota dhiyoo as garuu jijjiirama guddaatu mul'ata. Kanas itti fufsiifna" jechuun ishee gabaafameera.
Gamoowwan Zahaa UK, Hoong koong, Jarman, Azarbaajaanii fi biyyoota biroo hedduu keessa jiru.
Chaayinaatti Guwaanzhuu Opeeraa Haawus, Landanitti Sarpeentiin saaklar gaalarii fi muuziyemiin tiraanspoortii Glaasgoow diizaayinoota ishee keessaayi.=
Zahaan badhaasa arkiteektota Yunaayitid Kiingdamiif kennamu Riibaa Istarliing Piraayiz jedhamus si'a lama injifatteerti.
Bara 2010 badhaasa Room Maasii Muuziyeem bara 2011 immoo Biriistanitti kan argamu badhaasa Eevaliin Girees Akkaadamii argattee jirti.
Zahaa Hadiid Yunivarsiitii oof Beerutitti Herrega qo'atte. Boodarra yunivarsiitii kanaaf diizaayinii gamoo tokkoo hojjetteef.
Arkiteektii Zahaa Hadiid dhaabbata jedhamu kan hundeessite bara 1979 ture.
Piroojektii guddaa jalqabaa ishee Jarman, Wii Aam Riinitti kan ijaarame 'Viitraa' kan jedhamu buufata ittisa balaa ti.

Madda suuraa, Getty Images
Olompikiidhaaf kan diizaayinii isaa tolchite, dorgommiin bishaan irraa kan irratti taphatamu 'Landan Akkuwaatik seentar' boca danbalii bishaanii kan qabu yoo ta'u, boolla bishaan daakkii meetira 50 gadi fagaatu qaba.
"Naannoon ani jiraadhutti waan ijaarameef nan jaaladha" jetteerti gaaffii fi deebii tokkorratti.
Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar qopheessiteef Istaadiyemoota ijoo turan keessaa tokko kan Zahaan dizaayinii isaa hojjette dha.
Olompikii Tookiyoo bara 2020tiif diizaayiniin Istaadiyoomii isheen hojjette immoo fudhatamni dhorkatamee istaadiyoomii gatii rakasaan bakka buufamuun dubbii ijoo ta'ee ture.
Zahaa Hadiid Arkiteektota urjii jaarraa 20ffaa fi 21ffaa jedhaman keessatti akka eeramtu ogeeyyiin damee kanaa ragaa bahuuf.
Damee olaantummaa dhiirotaan dhuunfatame keessatti hojiiwwan ishee beekkamtii fi fudhatama akka argatan akkasumas dubartoonni akka damee kana keessatti hirmaatan qabsaawuu isheetu himamaaf.
Ogeeyyiin ogummaawwan diizayinii ishee hojii ammayyaa fi agarsiiftuu addunyaa borii jedhanii ibsu.
Barnootaaf Iraaq keessaa kan baate umrii ishee ganna 17 taateti. Yunivarsiitii Beerut irraa erga eebbifamtee booda London architectural association school of architecture keessatti baratte.
Waggoota 30f gara Iraaq osoo hin deebi'in bara 2010 dizaayinii gamoo Baankii Biyyaalessaa Baagdaad akka hojjettuuf yoo gaafatamtu "baay'ee miira keessa galtee" akka turte dubbatteerti.
Jarman Laayipzhiingitti kan argamu gamoo BMW, Ispeenitti, Zaaraagoozaatti kan argamu riqichi Ispeen hojiiwwan Zahaa Hadiid keessaayi.
Bara 2014 Baakuu, Azarbaajaanitti keessatti kan hojjette diizaayiniin muuziyeemii diizaayinii filatamaa bara sanii jedhamee badhaafameera.
Saawud Arabiyaa Riyaaditti daandii baaburaa lafa jalatti ijaaramuufis dizaayinii hojjettee jirti.
Arkiteektonni UK "loogii koorniyaa" akka agarsiisan Zahaan qeeqxee jirti.
Waggaa tokko dura gaaffii fi deebii tolchiteen dameen kun "olaantummaa dhiirotaan kan dhuunfatame" jettee turte.
"Yeroon barsiisutti barattoonni koo ciccimoon dubartoota. Hundisaaniituu garuu dhawaata dhabamaa deemu" jechuun qeeqxe.
Arkiteektonni dubartii diizaayinii gamoowwan guguddaa hamma hojjetan mana jireenyaa ykn gamoo qaalii yoo hojjetan kan jedhu ilaalcha jallataa qaban ni mormit.
"Dubartii ta'ee gamoo bareedaa samii tuqu hojjechuu akkan danda'u sirriittin mirkaneessa. Hojii dhiirotaa qofa jedhee hin amanu" jechuun dubbattee turte.
Gamoowwan Zahaa beekkamtii idil-addunyaa argatan
Gamoowwan Zahaa Hadiid diizaayinii isaanii tolchite boca gamoo beekamurraa adda kan ta'ani. Gamoowwan kunneen argaaf hawwatoo kan ta'anis kanaafi.
Artikeekt Zahaa Hadiid kan dizaayinii isaanii hojjettee fi bebbeekamoo kan ta'an suuraan dhiyaatanii jiru:

Madda suuraa, RIBA

Madda suuraa, Riba/ Luke Hayes

Madda suuraa, RIBA

Madda suuraa, RIBA

Madda suuraa, Helene Binet

Madda suuraa, Inexhibit















