Dursituu garee qorannoo hawaa ta'uu caalaa haadha ta'uun ulfaataadha- Paayileetii garee balallii hawaa Nasa

Elen Koliin dubartii jalqabaa garee qorannoo NASA dursitee fi Xiyyaarsamii gara hawaa deeme balaliiste.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Elen Koliin dubartii jalqabaa garee qorannoo NASA dursitee fi Xiyyaarsamii gara hawaa deeme balaliiste dha. Garuu milkaa'ina isheen galmeessiteen qixatti namni hedduun ishee hin beeku.

Isheen astiroonootii cimtuudha. Tibbana dokimantariin 'Spacewoman' jedhamu kan hojiisheerratti xiyyeefatu gadhiifamuun seenaashee dhokatee ture namni hedduun akka beeku godhe.

Kolin muuziyeemii Saayinsii London keessatti turte. Isheen nama suuta haasa'uu jaalatu, baayyee tasgabbooftuu dha. Garuu hammuma ishee faana dubbatte yeruma gabaabaa kessatti nama xiyyeeffannaa fi kutannaa qabdu akka taate barta.

"Ani barruulee tokkorraan waa'ee astironootii Jemiin dubbisaan ture. Yeroo sana umriinkoo waggaa sagal ture. Ogummaan kuni bareeda ta'uun hubadhe. Eegasii fedhiinkoo gara kana ta'e" jetti.

"Dhugaa dubbachuuf anaan dura astironootiin dubartiin hin turre. Kanaaf ani dubartii astironootii ta'uun qaba jedheen ofitti hime" jetti Kolin.

Dubartiin xiqqeenyaan ogummaa qorannoo Hawaa irratti fuulleffatte kuni dhumarratti xiyyaarsamii gara hawaa deemu balaliisuurra geesse.

Karaan tokkichi ittiin kana ta'an ammoo raayyaa ittisaatti makamuun balaliistuu xiyyaaraa ta'uu ture.

Humna qilleensaa keessatti tuuta namoota hedduu keessaa sagantaa astironootii akka seentuuf filatamte. Xiyyaarsamiiwwan Nasa balaliisuuf foo'amte jechuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1995 yeroo jalqabaatiif gaafa ergama gara Hawaa fudhattu iji addunyaa guutuun isheerra akka ture yaadatti.

"Akka dubartii jalqabaa Xiyyaarsamii gara hawaattii balaliistu tokkootti qophii guddaan godhe ture. Sababni isaas namootni 'Laali kunoo dubartiin dogoggora hojjette' akka jedhanu hin fedhu. Sababni isaas dhimmi kuni kankoo qofa osoo hin taane kan dubartoota nabooddee dhufan hundaati" jetti.

Kanan ergama kana fudhadheef maqaa gaarii dubartootaa eegsisuun 'Laali isaan cimoodha' akka jedhaman gochuufi jetti.

Isheen dubartii cimtuudha. Yeroo gabaabaadhaan booda ogummaa kanaan dubartii gulantaa Komaandaraatti guddatte jalqabaas taateetti.

Kolin haadha ijoollee lamaati. Isheen dubartii hojjettuu fi haadha manaa cimtuu ta'uushee gochaan mul'isuu dandeesseetti.

Kolin, Haadha ta'uu fi Komaandara ta'uun 'addunyaarratti hojiiwwan filatamoo lamaani' jechuun ibsiti.

"Dhugaa dubbachuuf Komaandara xiyyaarsamii balaliistu ta'uu caalaa haadha ta'uun hojii ulfaataadha" jechuun kolfaan ibsite.

Kana malees "Leenjii gaariin ani Komaandara ta'uudhaaf fudhadhee fi nagargaare, haadha ta'uukooti. Sababni isaas namootaan lakkii jechuu barachuu qabda" jetti.

Xiyyaarsamiiwwan Nasa waggoota kurnan sadiif gara hawaa balali'aa turan milkaa'inoota gurguddoo argamsiisaniiru. Akkasumas kufaatiiwwanis keessummeessaniiru.

Bara 1986 xiyyaarsamiin gara hawaa ergamte kufaatiin ishee mudatee kanneen imala sana keessa turan namootni torba du'aniiru.

Bara 2003ttis balalliin Kolombiyaa irraa ka'e gara xumura ergama isaa irratti samii teeksaas keessatti dhohuun yerosis namootni ergama sanarra turan torba du'aniiru.

Kolin ergamawwan Hawaa kan Kolombiyaa irraa ka'ee samiirratti dhohe kana keessatti miiltoowwna hojiishee du'an yaadachuun mataashee cinaatti raaste gadda ibsite.

Garuu akka komaandaraatti ergama kana itti fufsiisuu qabdi. Eegasii imalawwan taasifaman irratti ittigaafatamummaashee bahaa jirti.

Elen Koliin dubartii jalqabaa garee qorannoo NASA dursitee fi Xiyyaarsamii gara hawaa deeme balaliiste.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Yeroo sana hojii kana dhaabuu yaaddee turee?

"Namooni sagantaa imalaa kana keessa jiran hedduun komaandara irratti quba qabaa turan. Akkan ani yaadutti hojicha dhaabuun faallaa nama cimaa tokkorraa waan eegamuuti. Kanaaf ani gaggeessituu cimtuun ta'uu barbaada.Ofitti amanamummaa kana namoota biraa keessatti akka uumamu gochuun fedha" jetti.

Gara bara 2005 yeroo ergamni ishee gara hawaa taasistutti waan nama sururutu irra deebiin mudate. Yeroo xiyyaarsamiin kuni gara samiitti dhukaafamu qaamni wayii irraa cabe.

Yeroo kanatti carraan balaa gahe adda baasuu raawwachuu nijira ture. Carraan kuni garuu carraa seenaa balallii hawaa keessatti isa sukaneessaa jedhamu.

Kolin xiyyaarsamii kana digirii 360 naannessuun buufata hawaa idil addunyaa keessatti deebisuu yaalte. Yeroo kana miiltoowwanshee kutaa laaboraatoorii keessa hojjetan gara jalaa xiyyaarsamii kanaa suura kaasuun waa'ee rakkoo gahe kanaa akka adda baasaniif carraa uuma.

"Yeroo sana injinarootaa fi manaajaroota wanti kuni hin ta'u jedhantu ture. Sababa kanaafi filannoo hamaadha kan jedhamuufis. Marii isaanii nan dhageefadhe. Ta'us komaandarri balallii kanaa ana akka ta'e nibeeku. Kanaaf 'waan kana gochuu nidandeenya' jedheen murteesse" jetti.

Harkasheen too'annoo xiyyaarsamichaa jabessitee qabachuun sagalee tasgabbii qabuun warra to'attoota ergama kanaatti dubbatti. Kolin suuta xiyyaarsamii kana gadi dhiheessitee waan jirtuuf bakka miidhaan gahe akka mul'atu ta'e.

Yeroo kana gareen samiirratti bakka miidhaan gahe kana suphu olbahee qilleensarrati raawwatame. Haala akkasiitiin booda Kolin faa ergama isaanitiin booda nagaan gara dachiiti deebi'an.

Balalliin gara hawaa inni kuni Kolinif balallii dhumaati. Akka iesheen jettutti ergama afraffaa erga raawwatteen booda namoota birootiif carraa kennuuf jecha kana booda ergama kanatti hin hirmaattu.

Amma astiroonootonni hedduun Kolin faana dhahan uumamaniiru. Dhaloota duubaan dhufuuf ergaa akkamii qabdi?

"Hojiimanee keessan hojjedhaa. Barsiisaa keessan caqasaa, daree keessatti qalbiidhaan hordofaaa, kitaaba dubbisaa kana yoo gootan waan irratti xiyyeeffachuu qabdan bartu" jetti.

Kanneen Kolin booda dhufan milkaa'ina isheen dubartummaadhaan argatte qofa osoo hin taane milkaa'ina balaliisummaa fi Komaandarummaatiin isheen argamsiisterraa baratu.

Isheen hojii astiroonootummaa kana dhaabuu isheetti gaabbii hin qabu jetti. Erga dhaabuuf murteessitee ofduuba hin deebine. Garuu boodarra carraan bilisaan gara samii deemuu yoo argame deemuuf fedhii akka qabdu himti.

"Eeyyee, gaaftokko gara hawaa deebi'ee osoon deemee natti tola. Yeroon dulloome osoon gara hawaa deemuu carraa argadhee natti tola" jetti.