Hawwaa Yaasiin Abdallaafi imala qabsooshee Walloo hanga Jibuutiifi Asmaraatti

Hawwaa qabsooftuu ABO durii

Seenaa imala loltuu WBO duraanii, Walloorraa hanga Jibuutii fi Asmaraatti

Hawwaa Yaasiin Abdallaa jedhamti. Wallotti dhalattee kan guddatte yoo ta'u, ganna 14tti heerumte.

Waggaa lama booda umuriishee 16tti ammoo mucaa dubaraa tokko godhatte. Yeroo daa'imnishee baatii torba taatu manatti dhiistee qabsoodhaaf gara Jibuutii imalte. Bara 2000 dirree qabsootti akka seente kan dubbattu loltuun duraanii WBO kun, ganna shaniif Jibuutii turte.

Hakimoota waliinis yaala fayyaa kennaa turte. "Ati furdoodha deemuu hin dandeessuu hafi naan jedhan" jechuun waan gaafa gara qabsoo hidhannootti seentu ishee mudate yaadachiisti. Intalashee tokkoottii sanas boodarra dirree qabsoo hidhannootti dabalte. Dubartiin ganna 44 kun waan keessa dabartee fi mudannooshee akkanaan BBCtti himteetti.

Qbsooftuu duraanii WBO

'Ati furdoodha deemuu hin dandeessuu hafi'

Jibuutiitti akka maandhee dhaaba ABO ta'uun hojjechaa turte. Bara 2003 ammoo Jibuutiidhaa bahaa jedhamuun akka bahan dubbatti. Baruma sana Eertira seente. Imallisaa garuu ulfaataa akka ture himti loltuun duraanii WBO kun.

Jibuutii bakka Hayyuu jedhamu dhaquun nama achii isaan fuudhee gara Asmaraa geessuun wal argan. Namni sunis sababa furdina qaamasheetiif "deemuu hin dandeessu hafi" akka isheen jedhe yaadachiisti.

Namni daandii isaan agarsiisu gurrisaa akka hin dhageenye kan kaastu loltuun duraanii kun, namni sun isaan gatee akka sokke dubbatti. Erga namni daandii isaan agarsiisu isaan gatee deemee booda gariin ni deebina kaan ammoo ni deemna jechuun walfalmaa akka turanis dubbatti.

Daandii haalaan waan hin beekneef Jibuutiirraa bahanii daangaa Eertiraa gahuuf torban tokko akka itti fudhates kaasti Hawwaan.

Nama 26 ta'anii imala gara Asmaraatti akka eegalan kan dubbattu Hawwaan, namoota torba otoo gargar hin faffaca'iin daangaa qaqqaban keessaa tokko akka turtes dubbatti.

Namoonni biroon dheebuu bishaanii fi dadhabbii irraa kan ka'e kukkufanii hafuu kaan ammoo gar gar baduu kan yaadachiistu Hawwaan, boodarra barbaadamanii akka argaman dubbatti.

"Furdoo waan taateef dirree qabsoo hin dandeessu naan jedhu turan" kan jettu loltuun duraanii kun maandhee taatee namoota hedduu gara dirree qabsoottii dabalaa turuu yaadachiisti.

Boodarra "ofiikootiifan murteeffadhe, karaa gaafannee gaafachiisnee deemne" jechuun haala itti gara qabsoo hidhannootti seente ibsiti. Jibuutii keessa bakkaa Hayyuu jedhamu hanga ga'anitti qofa nama daandii agarsiisu argatan malee sana booda ofumaaf iyyaaffachaa akka imalan himti.

Qabsooftuu duraanii WBO

'Moqadishoo gaafa geenyu lola baay'eetu nu qunname'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dursitee obboleessashee hangafa gara qabsoo hidhannootti dabalte. Ganna lamaa booda Eertiraa bakka Moloobar dhaquun obboleessaanis wal argani.

Bara 2006 ammoo obboleessashee waliin karaa Somaaliyaatti Moqadishoo bobba'an. Moqadishoottis lolli hamaan isaan mudatee gargar faffaca'an. "Moqadishoo gaafa geenyu lola baay'eetu nu qunname.

Lola sanarraa Rabbi nu baasee, adda facaane" jechuun waan isaan mudate yaadachiisti Hawwaan. Obboleessashee waliinis waraana hamaa Somaaliyaatti isaan mudateen kan gargar bahan yoo ta'u, amma jiraachuuf du'uusaa akka quba hin qabne dubbatti.

"Ani hakimohota jalan deeman ture. Naman hakkaman ture. Dhukkubsataa lilmeen waraana; gulukoosiin kenna. Dhukkubsataa kana jalan fiigaa ture" jechuun ogummaa waldhansaatiinis waraana gargaaraa turuu dubbatti.

Boodarra Moqadishoorraa karaa Hargeessaa gara Jibuutiitti deebite. Sababa waldhabdee keessoo dhaabichaatti mudatee tureen bara 2008 jeequmsi hamaan Jibuutiitti akka isaan mudate yaadachiisti.

Waldhabdeen sunis humna 'ABO jijjiiramaa' jedhamuun B/jeneraal Kamaal Galchuutiin durfamu akka ture kaasti. Haala rakkisaa keessa turuun booda marroo lammaffaaf bara 2012 gara Eertiraatti deebite, Hawwaan.

Eertiraa fi Jibuutii gidduu deddeebi'uun qabsaa'ota hedduu gara dirreetti makaa kan turte Hawwaan, boodarra intala tokkittii qabdus gara qabsootti akka galchite himti.

Haala kanaan mucaashee waliin qabsoo hidhannoo WBO keessa kan turte Hawwaan bara 2018 waliigaltee mootummaan Itoophiyaa Adda Bilisummaa Oromoo waliin taasise hordofuun mucaashee waliin gara Itoophiyaatti deebite.

Qabsooftuu obboleessashee fi intalashee tokkitti waliin dirree hidhannoo turte

bsooftuu duraanii WBO wayita waahillan waliin bakka ergamaa turteetti

Jalqaba gaafa qabsoof manaa baatu daa'ima baatii torbaa manatti dhiistee deemte. Maandhee ta'uun dargaggeeyyii hedduu gara dirree qabsootti ergiteetti.

Obboleessishees qabsoof dirree ture. Boodarrammoo intala tokkitti kan daa'ima ganna tokkoo manaa qabdu gara dirree qabsootti dabalte.

"Mucaan baatii torbatti dhiisee deeme guddattee, mucaa waggaa [tokkoo manatti] dhiistee Jibuutii, na bira dhufte. Jibuutiidhaa kaaseen Eertiraatti geesse" jechuun intallishees faanashee hordofuun dirree qabsootti makamuu ibsiti dubartiin Walloo kun.

Waliigaltee mootummaa Itoophiyaaf dhaaba isaanii gidduutti taasifameen intalashee fi jaallan qabsoo kaan waliin kan Itoophiyaatti deebite Hawwaan qormaata cimaa dirree qabsoo keessatti isaan mudateen jaallanshee hedduu wareegamuus dubbatti.

"Bu'aa bayii baay'een kan nu qunname Moqadishoottidha. Moqadishootti waan badaatu nu qunname" kan jettu loltuun duraanii kun, lolli cimaa Moqadishootti "humna Wayyaaneerraa lafoo fi xiyyaaraan bu'aa bayii guddaa nu argisiise" jetti waan addatti Somaaliyaatti isaan mudate yeroo ibsitu.

'Obboleessi kiyyallee wareegameeraa, jiraa waa takka waanan beeku hin qabu'

Boodarra jaala qabsooshee kan turte dubartii Kadijjaa jedhamtu waliin Moqadishoorraa gara Gaalkaayootti dabarfamuu kan kaastu loltuun duraanii kun, lola isaan mudate sanaan gariin wareegamuun kaan ammoo akka gargar faca'an dubbatti.

Namoonni waliin dirree qabsoorra turan "jiranii dhumanii, obboleessi kiyyallee wareegameeraa, jiraa hin jiruu isaa waa takka waanan beeku hin qabu" jechuun jaallan qabsoorra turan keessaa eenyufaa akka wareegamaniif, eenyufaa akka lubbuun jiran odeeffannoo akka hin qabne ibsiti.

'Gaaftokko of duuba deebi'ee hin beeku'- Qabsoo hidhannoo fi dubartummaa

Aaddee Hawwaa Yaasiin Abdallaa
Ibsa waa'ee suuraa, Hawwaa Yaasiin Abdallaa

"Qabsoo hidhannootti hirmaachuun [dubartootaaf] waan tokko ulfaataa miti. Onneetu si hirmaachisa, hamma onneen sun si keessa jirutti, waan gara fuulduraa akkam godhu" kan jedhutu nama yaaddessa malee "bu'aa bayiinsaas si cinqee wanti duuba si deebisu hin jiru.

Akka kiyyatti, ana cinqiin duratti na oofti malee gaaftokko of duuba deebi'ee hin beeku. Dhiirotaafuu fakkeenya taateetu fuuldura baata" jechuun jabina dubartoonni qabsoo hidhannoo keessatti agarsiisan kaasti loltuun duraanii kun.

Bu'aa bayiin dirree qabsoo hidhannoo keessatti mudatu "waan tokko si cinqee duubatti si deebisu hin jiru" kan jettu dubartiin kun, "ijoollee [dubartootaa] duubatti haftu takkaa hin agarre.

''Ijoolluma onnee horattee, fuuldura dhiiraa fiigdee dhaadachaa deemtu malee ijoollee duubatti haftu hin agarre. Inumaayyuu dhiirotaaf fakkeenya ta'anii [kakaasu]. Nadhoon xinnoo dhiirota biratti yoo dhaadatte dhiirri rafuyyuu hirribaa ka'a" jechuun gootummaa dubartoonni dirree qabsoo hidhannoo keessatti agarsiisan dhugaa baati.

"Ani naman waliin qabsaa'e keessaa Kadiraa Idriisin dinqisiifadha. Kadiraan ijoolleedha. Obboleessishee illee qabsoo keessatti wareegame. Isheenis qabsoo Oromoo galmaan gaha jettee otoo hin jilbeenfatiin wareegamte" jechuun waa'ee jaalashee dirree qabsoo irratti wareegamtee dubbatti.

Mudannoo isheen dirree qabsoo keessatti hin daganne gaafa Somaaliyaa, Moqadishoo dhaqan "nama hin taane takka karaatti nu eegsisani. Namtichi sun Gaalkaayyootti akka malee nu godhe.

Namni kun dhaabaafan hojjedha daba inni dubartootarratti hojjete sammuu kiyya keessaa hin baddu" jechuun waan isheef jaallansheerra gahe dubbatti.

"Nadhoo lamatu na waliin jira. Ijoollee [dubaraa] san baay'ee itti taphe. Wanni sun hanga ammaallee garaa kiyyaa hin badu" jechuun miidhaa saalaa jaallan dubaraarraa gahe yaadachiisti.

Namni miidhaa saalaa dubartootarraan geessise sun Jibuutiittii akkumashee maandhee ta'ee hojjetaa turuus kaastu loltuun duraanii kun, boodarra "achii fuudhanii gara Somaaliyaa ergan" jetti.

Eenyummaa nama kanaa sirnaan akka hin beekne kan dubbattu Hawwaan hubaatii hedduu qabsoo Oromoorraan gahuusaa ibsiti.

"Namni sun Somaalii ta'ee Oromoo namni beeku hin jiru. Jaallan keenyas Somaaliyaatti lafa qochisiisee, hojjechiisee akka namni maallaqa hin kennineef godha. Isa san qofadha wanni fuulakoo dura deemu. Kanaa achi gammachuu malee waan takka waan irraa himannu hin qabnu" jechuun miira turtii dirree qabsooshee dubbatti.

'Jireenya gadadoo'

Erga gara biyyaatti deebitee booda "jireenya gadadoo" jiraachaa jirra kan jettu loltuun duraanii WBO kun, "haala yerooti jennee calluma jennee jirra, waan goonu hin qabnu. Kanaan dura bakka dalagaa nuu kennanii dalaguutti turre.

Amma bakka dalagaa sana koriidar jedhanii erga jigee waggaa guuteera. Waggaa kana keessa takkaa achi baanee dalagnee hin beeknu, walumatti garagallee teenya" jechuun ibsiti.

"Oromoon Walloo ofii isaatii [rakkoo] jala jira malee" Oromoo kaaniif jaalalaaf marartee addaa qabaachuu dubbatti. "Har'a yoo bira deemte bakka si kaa'u dhaba. Oromoo bakka akkanaatii dhufe jennaan bakka nama san kaahan dhaban" jechuun ibsiti.

"Qabsoon qoosaa miti. Ilmi namaa kaayyoosaa galmaan gahuuf qabsaa'a. Ani ummanni Oromoo tokko ta'uu qaban jedha. Maalummaasaa baruu qaba. Eessan jira, maalirran jira" jedhee of gaafachuu qaba jechuun gorsiti.