Qanaatuu Karoorsaa: Haati warraa barsiisaa amantiifi barreessaa og-barruu Oromoo Luba Dafaa Jammoo eenyu?

Adde Qanaatuu Koorsaa

Madda suuraa, Negash Qement & Samuel Daffa

Aaddde Qanaatuu Karoorsaa haadha warraa barsiisaa amantiifi barreessaa og-barruu Oromoo beekamaa Luba Dafaa Jammooti.

Aadde Qanaatuun jaarraa tokkoo ol jiraatanii umurii waggaa 104tti gaafa Hagayya 31, 2025 du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

Abbaan warraasaanii Luba Dafaa Jammoo Waldaa Warra Wangeelaa Makanaa Yesuus Itoophiyaatti nama jalqaba luba ta'eedha jedhamama. Barsiisa Wangeelatiin alatti kitaabota og-barruu Oromoo heddu nama barreeessaniidha.

Namoonni Afaan Oromoon akka waaqeffatan barsiisuun cinaatti barnoota ammayyaa, kunuunsa naannoo, qulqullina ofiifi kan mana keessaa fa'aa dubartoota barsiisaafi leenjisaa turan Aadde Qanaatuun.

Aadde Qanaatuun waggootan dura miidiyaa Raadiyoo Warra Wangeelaa jedhamu wajjin turtii taasisaniin, bara 1921tti Dambi Doollotti akka dhalatan dubbatanii ture.

Abbaafi haatisaanii daa'imummaatti waan irraa du'aniif obbolaasaanii guddisuun daa'imummaatti itti gaafatamummaa fudhatan.

Haata'u garuu, ijoollummaan mishinaroonni Amantoota Wangeelaa Lixa Oromiyaa, Dambi Doolloo jiran ofitti fudhachuun isaan guddisan. Baruumsa amantaa cinaattis baruumsa ammayyaa barachuuf carraa argatan.

Xaaliyaaniin Itoophiyaa osoo hin weerariin dura Giriikonniifi Araboonni akkasumas lammiileen biyya biroo kaan achi jiraachaa kan turan yoo ta'u, ijoolleen Oromoo naannoo sanaa Afaan Ingiliffaa akka hin baranneef bulchiinsi Itoophiyaa yeroo sana ture dhiibbaa akka irratti gochaa ture himanii ture Aadde Qanaatuun.

"Yeroo barannu rakkina guddaadhaan baranna [turre] nuyi. Warri Giriikotaa, Araboonniifi Amaara ta'an afaan Ingilizii baratu. Nuyi afaan Ingilizii baruuf nuuf hin hayyaman ture. Akka nuyi [Ingiliffa] hin baranne kan nu eegu Addisaabaa [Finfinnee]dhaa dhufee nu bira taa'ee nu eega Tafarraa Ballihuu kan jedhamu," jechuun hacuuccaa isaan irra ture Raadiyoo Warra Wangeelatti himanii turan.

Waan nu barsiisan yoo deebisuu baanne Luba Gidaadaa Soolaan nu garafu turan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Qanaatuun umurii daa'imummaatti baruumsa amantiifi ammayyaa baratan. Baruumsa amantii, kan ammayyaa, ogummaa harkaa, qulqullina naannoofi kan ofii, sirna nyaataafi kaan irratti waan baratan namoota naannoosaanii barsiisu turan.

Keessumaa abbootiin amantaa amntoota Wangeelaa Itoophiyaa keessatti beekamuu ta'an kanneen akka Luba Gidaadaa Soolan, Luba Lataa Waaqayyoofi Luba Maammoo Corqaa fa'aa jalatti akka baratan himanii ture.

Gidaadaa Soolan nama agartuu hin qabneefi Waldaa Warra Wangeelaa Beeteelitti barsiisaa amantii beekamaa turan. Itoophiyaatti nama qaro dhabeessa Macaafa Qulqulluu bireelidhaan barraa'e dubbisuufi bireelii fayyadamuun barsiisaa tureedha jedhama.

Ilmisaanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa pirezidaantii duraanii Itoophiyaa turan. Ilmisaanii biraa Dr. Solomoon Gidaadaa ammoo bara ADWUI keessa UKtti ambasaaddara Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.

Adda Qanaatuun akka jedhanii turanitti, keessumaa Luba Gidaadaa jalatti waa heddu akka baratan himu.

"Waan Qees Gidaan nu barsiisan sammuutti qabannee deebisuu baannan ni garafamna. [Luba Gidaadaan qaro dhabeessa ta'anii] warra ija qaban caalaa barsiisu," jechuun dubbatu.

Adde Qanaatuun magaalaa Dambi Doolotti hanga kutaa 8ffaa baratanis Xaaliyaanin Itoophiyaa weeraruu irraa kan ka'e baruumsa isaanii itti fufuu hin dandeenye.

"Hanga kifilii [kutaa] 8tti baradhe. Isa booddee Xaaliyaanin dhufee biyya keenyaa manni baruumsaa ni cufame.

Dajjaach Maangashaa Wubee dhufee ijoollee dhiiraa keessaa filatee duula Xaaliyaanitti fudhatee deeme.

Ijoolleen dhiiraa kaan achitti dhuman, ijoolleen dubaraa ammoo kan haadhafi abbaa qaban isaan biratti galan; ani [haadhafi abbaa waan hin qabneef] warruma mishinarii birattan hafe," jechuu ibsanii ture.

Xaaliyaanin bara 1935tti Itoophiyaa weeraruu hordofee mishinaroonni biyyoota garaa garaa biyyaa hari'aman. Manneen barnootaa mishinaroonni hundeessuun namoonni heddu keessatti barataa turanis cufaman.

Xaaliyaanin mishinaroota hari'uu hordofee dubartiin akka haadhatti Adde Qanaatuu fudhattee guddisuun barsiisaa turte gara Sudaanitti baqatte. Adde Qanaatuun narsii tokkoofi luba amantaa tokko qofaa biratti hafan.

Gaafan heerumu halkan afur karaa bullee warrasaa geenye

Adde Qanaatufi Luba Dafaa Jammoo akka wal-fuudhaniif sababa kan ta'e abbaa amantii lammii Jarmanii nama Waayismaan jedhamuudha.

Waayismaan mishinarii yoo ta'u, Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruu hordofee maatiisaa gara Sudaanitti akka baqatan gochuuf Dambi Doolloo deemee mishinaroota achi jiran biratti Adde Qanaatuu argee suura kaafate.

"Qees Waayismaan ijoolleesaanii guuranii nu bira dhufan nu bira bulani. Narsiin isheen nu bira jirtu fira isaaniti, Jarmaniidha isheenis. Guyyaa sadi nu bira turanii ijoolleen haara galfatanii karaa Gambeellaa deemani. Waayismaan si'iilii [suura] na kaafatee gale osoo ani hin beekin," jechuun heeruma isaaniif karaan akkamitti akka baname yeroo lubbuun jiran Raadiyoo Warra Wangeelatti himan.

"Giiftin na guddiste yoo isheen heerumuuf fedha qabaatte gaafadhaa jennaan, nan heeruman jedheen. Achumaan Qes Gidaan fa'aa, Qees Maammoo [Corqaa] fa'aa, firoonni koos jijjiru isaan na heerumsiisan. Guyyaa afur karaa bullee achi geenye," jechuun deemsa dheeraa booda biyya Luba Dafaa Jammoo gahanii jireenya gaa'elaa eegaluu himan.

Suura cidha Luba Dafaa Jammoofi Adde Qanaatuu Karoorsaa

Madda suuraa, Negash Qement

Ibsa waa'ee suuraa, Luba Dafaa Jammoofi Adde Qaanaatuu Koorsaa suura cidha isaanii yeroo ka'an

Jireenya gaa'elaan alatti waldaa gaggeessufi hojiin tajaajila hafuuraa Luba Dafaa Jammoofi Adde Qanaatuu Karoorsarratti kufe. Sababni isaa Xaaliyaaniin mishanaroota waan biyyaa akka bahan waan gootef, tajaajilli hafuuraa, manneen barnootafi yaalaa mishinaroonni hogganaa turan Luba Dafaa fa'aarratti kufe.

Yeroo sana saamtonni nama saamufi ajjeesun baramaa ta'uu kan himan Adde Qanaatun, Lubi Dafaa Jamoo ogummaa waldhaansa fayyaas mishinaroota irraa waan barataniif amantoota waldaa qofa osoo hin taane namoota kanneen saamtotaan waraanaman fa'aa yaalaa turan.

Luba Daffaa Jamoo bara jiraatan keessatti waa'ee amantii qofa osoo hin taane, uummanni Oromoo afaanifi aadaasaa akka hin daganneef kitaabota hog-barruu Oromoo heddu barreessaniru.

Keessumaa kitaaba Kuusaa Sagalee Oromoo jedhu keessatti sirbi, geerrarsi, weedduun, yeroo ayyaana Oromoo kanneen akka ateetee fa'aa ayyaaneffataman sirbaman fa'aa of keessatti qabachuunsaa uummanni Oromoo aadaasaa akka hin daganneef quuqama qaban irraa akka ta'e himan Adde Qanaatuun.

"Kan har'aa duwwaa hin yaadu inni, waan fuula duratti ta'u ni beeka. Guyyaa booddetti Oromooni akka afaan Oromoo hin wallaalle barsiisanii caafani," jechuun Luba Dafaan kitaaba Kuusaa Sagalee Oromoo jedhu maalif akka barreessan himu Aade Qanaatun.

Luba Dafaan adda durummaan kitaabota kana haa barreessan malee Adde Qanaatunis gargaaruun kitaabota barreessaa akka turaniifi keessumaa kitaabota amantaa afaan Jarmanii fa'aarraa abbaa warraasaanii gargaaruun halkan hiikaa akka buluu himan.

'Guuboo jechootaa Afaan Jarmaniifi Oromoo barreessuu Adde Qanaatuun keessatti hirmaatan

Luba Dafaa Jammoo bara jiraatanitti kitaabota amantaafi hog-barruu Oromoo walumaa galatti 27 ta'an akka barreessantu himama.

Haa ta'u malee, gumaati isaan isaan hog-barruu Oromoo keessatti qaban heddu akka hin dubbatamne hima namni miidiyaa hawaasaa irratti seenaa Oromoo, kitaabota dur barreeffamanii amma gabaarra hin jirreefi seenaa saboota biroo heddumminaan qoodun beekamu Nagaash Qimaant.

Kitaaboota 27 isaan barreessan keessaa maxxanfamee gabaaf kan dhiyaate kitaabota jaha qofa akka ta'e hima Nagaash turtii kanaan dura BBC waliin taasiseen.

Kitaabota Luba Dafaa Jammoo barreessan keessaa tokko guuboo jechootaa Afaan Oromoofi Jarmanii yoo ta'u, kibaaba kana barreessuu keessatti Adde Qanaatuun abbaa warraasaanii gargaaruun akka barreessan himan.

Osoo Xaaliyaanin bara 1935tti Itoophiyaa hin weerarin dura mishinaroota biyyoota garaa garaa Lixa Oromiyaa qubatan keessaa kan warra Jarmanii tokkoodha.

Mishinariin Jarmanii Paastar Waayismaan jedhamu michuu Luba Dafaa Jammoo yoo ta'u, waliin tajaajilaa turan. Luba Dafaan Afaan Oromoo yoo isa barsiisu, Waayismaan ammoo afaan Jarmanii Luba Dafaa fa'aa barsiise.

Kanarraa ka'uun Guuboon Jechootaa Afaan Jaramniifi Oromoo barraa'uu danda'e. Waayismaan suura Adde Qanaatuu kaasee Luba Dafaatti agarsiisun akka isaan wal-fuudhaniif nama sababa ta'eedha.

"Anis ergan dhufee [ergan itti heerumee] gargaaren barreessaa ture. Shamarran ammoo walitti qabeen waa'ee qulqullinaafi akka itti mana qabatan nan barsiisa. Biqiltuu garaa garaa mana kiyya bira dhaaben namoota naannoo koo jiraniifis nan dhaaba.

Waanan ani qabu akka qabaatan, waanan ani beeku akka beekanin hojjachaa ture," jechuun Aadde Qanaatun Raadiyoo Warra Wangeelatti himanii ture.

Adde Qanaatufi Luba Dafaa Jammoo bara 1936tti gaa'ela dhaabbachuun ijoollee heddu horatanii waggaa 66 waliin jiraataniiru.

Luba Dafaan bara 2002tti du'aan boqotan. Adde Qanaatuun bara darbe ganna 103tti kitaana seena jireenyasaanifi Luba Dafaa Jammoo ibsu Reverend Daffa and I: The Reminiscence of our lives in My Own Words jedhu barreessanii ture.