Hirriba keessa isparmii of jalatti dhangalaasuun mallattoo maseenuutii?

Waan isparmiin fakkaatu

Madda suuraa, Getty Images

Dhiirri tokko rafaa osoo jiruu irriba keessa ta'ee yoo isparmii dhangalaase, ogeessonni haala akkasii kana abjuu ifa ta'edha jedhu.

Wanti kun yeroo isaan mudatu dhiironni baayyeen yaaddoo keessa galu. Sababiin isaas, wanti akka kanaa isaan mudatu kun mallattoo jalqabaa baayyinni isparmii hir'achaa dhufuuti ykn mallattoo maseenuuti jedhanii yaadu.

Doktoroonni akka jedhanitti garuu, yeroo raftanitti isparmiin dhangala'uun mudannoo baratamaadha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhutti, dhiirri tokko yeroo umurii dargaggummaa keessa galutti, sadarkaan hormooniin testestiroonii saalaa isaa ni guddata. Kun ta'uun ammoo, yeroo hirriba keessa jiran ismparmii ofirratti dhangalaasuun akka dabaluuf ni gumaacha.

Saayinsiin waan kana maal jedha?

Mallattoowwan isparmii

Madda suuraa, Getty Images

Yunivarsiitii Shuu Yen jedhamu kan Hong Kong keessa jiru dhimma kanarratti qorannoo gaggeesseera.

Qorannoon mata-dureewwan abjuuwwan 'Saal-qunnamtii, abjuun jiidhuu fi halkan ofirratti dhangalaasuu' kanneen jedhan kaasuun dhiirri halkan hirriba keessa ta'ee akka ofirratti dhangalaasuuf waan sababa ta'u qorateera.

Dhiirota qorannoo keessatti hirmaatan keessaa parsantaa 80 kan ta'an akka halkan ofirratti dhangalaasan kan sababa ta'uuf abjuudhaan saal-qunnamtii raawwachuu ta'uu qorannoon kun adda baaseera.

Namoonni umurii dargaggummaa keessa jiran kanneen mana barumsaa sadarkaa lamafaafi kollejjii keessa jiran akka waliigalaatti abjuudhaan saal-qunnamtii raawwachuu keessa galu jedhama.

Akka qorannoo kanaatti, waggaa tokko keessatti si'a abjuudhaan saal-qunnamtii raawwatu.

Qaamni dhiiraa tokko isparmii omishuun waan ta'uuma qabudha. Ofirratti dhangalaauu (ejaculation) bifa gara garaan saal-qunnamtii raawwachuun kan bahu ta'ullee, isparmiin nama keessatti omishame yeroo dhiirri rafus ni baha.

"Kun waanuma eegamuufi sirriidha," jedha dhimma saal-qunnamtiifi fayyaa wal hormaataarratti ispeeshaalistii kan ta'e Dr. Joon Bhupaatii.

"Akkuma dubartiin daraaraa ji'aa (menstruatation) argitu, dhiirris ni dhangalaasa. Haata'u malee, waa'ee dandeettii dhiirummaa (male potency) waliin walqabsiisee odeeffannoo dogoggoratti nama geessanitu jiru," jedha Dr. Joon Bhupaatii.

Ogeessa isparmii qorannoof qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Dhiirri maseenuu danda'aa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka gabaasa marsariitii US National Libarary of Medicine irratti maxxanfameetti, qorattoonni Tongjii Medikaal Kollejj Chaayinaa keessa jirurraa ta'an isparmii haala gara garaatiin ykn sababa hin beekkamneen dhiironni dhangalaasan kan dhiironni fayyaaleyyii ta'an dhangalaasan waliin wal bira qabuun ilaalaniiru.

Haala kana keessatti, ismarmiin osoo hin beekiin ykn to'annoo abbaatiin ala kan dhangala'u jiru. Dhiironni akkasii kun yeroo isparmiin dhangala'u yeroo gabaabaatiif haatauyyu malee baasuutti rakkootu isaan mudata.

Qorannoon akka agarsiisutti, haalli kun jiraachuun parsataa 72 masllattii maseenummaan dhiira ajiraachuudha. Dhiironni yeroo dhangalaasanitti rakkoon to'annoo isaanii ala t'uu ykn fedhiisaanii malee ta'uufi dhangalaasuuf rakkachuun jiraannaan mallattoo maseenummaa dhiiraa jiraachuu agarsiisuu mala.

Kun ammoo qabjuu keessatti qofa osoo hin taane, yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis rakkoon dhangalaasuu ykn haala fedhiifi to'annoosaanii ala ta'een dhangalaasuun jiraannaan mallattoo maseenummaa dhiiraati.

Meeshaawwan itti hafarsan addaa ((PVS fi EEJ) dhiirota 91 warra yeroo rafan isparmii dhangalaasan rakkoon isaan mudaturraa ismarmiin fudhatame qorannoon gaggeeffame.

Qorannoon kun akka agarsiisetti, dhiironni hirriba keessa osoo jiranii osoo hin bariin dhangalaasan fayyaaleyyiidha. Warri ammoo yeroo dhangalaasan rakkoon isaan mudatu garuu rakkoo fayyaa qabachhuu akka malan agarsiisa.

Qorannoo kanaaf, yeroo rafan dhangalaasuun yoom akka uumamu kan hin beekamne warri ji'oota sadan darban hirriba isaanii keessatti haalli kun mudate kondomii uffachuun halkan hunda saamuda sanyii dhiiraa akka kaayan gorfamaniiru.

Qorannoon biraa marsariitii Kolleejjii Fayyaa Walhormaataa Ameerikaa Dubartootaa fi Dhiirota irratti maxxanfame, dhiirota warra qaamni saalaasaanii dhaabachuu rakkatan haadha warraa ykn jaalallee isaanii ulfeessuu dadhaban isparmii isaanii yeroo isaan rafan fudhateera.

Qorannoon kun akka mul'isutti, qulqullinni isparmii halkan yeroo rafaa jiranii fudhatamee namarraa namatti addaa adda ta'us, qorannoo saayinsiif yeroo barbaadamutti mala elektiooniksiifi wallaansa baqaqsanii yaaluutiin fudhachuurra hanqaaquu dhalaa waliin qorannoof gargaaramuuf yeroo hirribaa kan dhangala';u kana fudhachuutu gorfama.

"Namni kamiyyu umurii waggaa 12 hanga umurii maanguddummaatti dhiirri yeroo rafu ofirratti ni dhangalaasa.

Dhiirri tokko yeroo rafutti ofirratti dhangalaasuun mallattoo maseenummaa dhiiraa ta'uu ykn baayyinni ismarmii xiqqachuuf saayinsiin hin mirkaneessine.

Qaamni namaa yeroo isparmii dhangalaasu haaraa omishuu itti fufa. Rafuun ykn isparmii ofirraa baasuun dandeettii hormaataa hin hir'isu," jedha Dr. Kamaraajii.

Mallattoo isparmii

Madda suuraa, Getty Images

Osoo raftanii isparmii maaliif ofirratti dhangalaaftu?

"Isparmiin dhiiraa omishame 'seminaal visiikil' keessatti kuufama. Hangi isparmii omishamuu namarraa namatti addaa adda ta'uu danda'a.

Akkuma barmeeliin yeroo bishaan guutamu irra ba'ee dhangala'uu, isparmiinis yeroo omishamee bakka itti kuufamu guutu ni dhangala'a," jedhe Joon Bhupaatii.

Kamaraajiinis yeroo raftanitti isparmii dhangalaasuun rakkoo qabdu jechuu miti jedha.

"Yeroo rafanitti maaltu akka isparmii ofirratti dhangalaasaniif sababa akka ta'u ilaalchisuun qorannoon baayyee taasifamullee, haalli akkasii kun ammallee guutummaatti hin hubatamne.

Yeroo dhiirri abjuun saal-qunnamtii raawwatu ykn tasa sireerratti fedhiin isaa ka'utti mudata.

Kun ta'uun ammoo dandeettii dhiirummaa akka hir'isu ykn saal-qunnamtiirratti dandeettii qabu laafaa taasisuu danda'a kan jedhuuf ragaan hin jiru."