Sababoota ijoo dhiirri akka maseenu taasisan beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Maseenummaan dhiirotaa baay'ataa akka dhufe himu qorattoonni fayyaa. Sababni isaa ammoo baay'inni sanyii kormaa dhiirotaa haala saffisaa ta'een hir'ataa deemuudha.
Waggoota 50 darban keessatti lakkoofsi sanyii kormaa dhiirotaa dhibbeentaa 51n hir'ina agarsiisuu qorannoon ni mul'isa.
Ragaan kun kan argame Israa'elitti kan argamu Hibruu Yunivarsiitiifi Ameerikaadhaa ammoo Yunivarsiitii Siinaa Maawunten Meedikaal Iskuul waliin ta'uun qorannoo maxxansan irraayi.
Qorattoonni kun dhiironni waggaa 50 dura turan sanyii kormaa miili liitira tokko keessaa sanyiin kormaa wal-hormaataaf ta'an miliyoona 101 qabu turan. Lakkoofsi kun amma miliyoona 49 tti gadi bu'eera.
Lakkoofsi xiqqachuu qofa osoo hin taane qulqullinni sanyii kormaa hanqaaquu dubartii wajjin wal-arguus waggoota kudhanii as akkan xiqqaachaa deemuu ragaalen ni akeeku.
"Kan nama dhibu sochiin sanyii kormaa dhiirotaa xiqqaachuu isaati," jedhu Biraazilitti pirezidaantii ittaanaa waldaa fayyaa wal-hormataa saayinsiin deeggaruu kan ta'an Rufaa'el Raada'el.
Kuni ammoo ogeeyyii fayyaa biratti gaaffii kaasee jira.
Seelii sanyii kormaa hir'achuun ardiilee hundumaatti kan mul'ate ta'us Awurooppaa, Afrikaa, Giddu-galeessa fi Ameerikaa Kibbaatti ammoo dabaleera.
Sanyiin kormaa dhiirotaa akka hir'atu kan taasisu sababani maalidha?
Ogeeyyon fayyaa yoo xiqqaate sababoota shan tarreessu:
1. Baay'ee furdachuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiironni baay'ee yoo furdatan, seelonni sannyii kormaa haala miidhaa geessisu uuma.
Guutummaa qaama keenyaa keessatti seelii cooma kuusu Adiyoopaz baay'ee akka guddatu godha. Kuni ammoo seelii sanyii kormaa dhiiraa keessatti hormoonota ijoo ta'an keessaa testestiroonii kallattiin miidhuu kan danda'an wantoota summaa'oo ta'an akka maddu taasisa.
Humnaa ol furdachuun adeemsa qaama keenya keessatti seelonni akka miidhaman godhu "Oksidiitiv istires" jedhamu akka uumu dubbatu hoji gaggeessaa Waldaa Yurolojii Biraazil kan ta'an Edwaardoo Miraandaa.
"Dhiironni baay'ee furdatan qaama saalaa isaanii irratti kuufama coomaa baay'ee qabu; kuni ammoo seelii sanyii kormaatiif baay'ee hamaadha," jedhu.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akka agarsiisutti, dhiirota addunyaarra jiran keessaa harka 39 furdoo yoo ta'an dhibbeentan 11 ammoo humnaa ol furdoodha.
Kuni ammoo waggoota 50 darban keessatti seelin sanyii kormaa dhiirotaa gadi xiqqaachaa deemudhaaf agarsiistudha.

Madda suuraa, Getty Images
2. Araada qabaachuu
Dhugaatii alkoolii, tamboo, veepingii, maruwaanaa, kokeenii, anaabolik fi qorichoota sammuu namaa adoochan biroon addunyaa irratti namoota heddutu fudhata.
Wantoonni araada nama qabsiisan kun hundinuu seelii sanyii kormaa irratti miidhaa ni geessisu.
“Wantoota araada nama qabsiisan kanneen keessaa kaan isaanii kallattiidhan seelota sanyii kormaa burqisiisan kan miidhaniidha," jechuun dubbatu Eduwaardon.
Kaan immoo karaa al-kallattidhan hormoonota sanyiin kormaan akka uumamuuf kakaasan irraan miidhaa kan gahaniidha.
Keessumaa dhiironni maashaa isaanii gabbifachuuf jecha testestiroonii lilmoodhan, kiniiniifi jeelidhaan fudhachuun isaanii yaaddoo akka ta'e himu ogeessonni.
Testestiroonin bifa ifa hin taaneen gaafa fudhatamu, qaamni keenya uumamaan testestiroonii omishuu ni dhaaba jechuudha.
Kanarraa kan ka'e testestiroonin sanyii kormaa dhiiraa keessa jiru zeerorra gaha jechuudha. Kunis dhibee Azoaspermiyaa jedhamuudha.
3. Dhibeewwan saal-qunnamtiin daddarban
Dhibeewwan baakteeriyaan daddarban kanneen akka fanxoo fi cophxoo fa'aa ujummoowwan sanyii kormaa dabarsan irratti dhiiton akka uumamu gochuu danda'u.
Kuni ammoo seelii sanyii kormaa irratti balaa uuma.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka agarsiisutti, bara 2020 keessa qofa namoonni miliyoona 129 dhibee fanxootin kan qabaman yoo ta'u, miliyoona 89 kan ta'an ammoo cophxoodhan qabamaniiru.
Vaayirasii hiyumaan paappiloomaa jedhamee kan waamamu sababa biraa akka ta'e himu qorattoonni. Vaayirasiin kun ammoo saal-qunnamtiin kan dadarbudha. Dhibeen kun sanyiin kormaan akka hin omishamne danquun alatti qaccee sanyii kormaa irrattis dhiibbaa uuma.
4. Kompitara gudeedarra kaawwachuu
Sanyiin kormaan hoo'ina qaamatii gaditti digrii seentigireedii 1 hanga 2 gaditti turuu qaba. Haata'u malee, waggoota kurnan darban keessatti dhiironni kompitara ofirra ykn kofarra kaa'atanii barreessun sanyiin kormaan balaa dabalataaf akka saaxilamu taasiseera.
Kompatarri gaafa hoo'u gara qaama namaatti cehuun sanyii kormaa sadarkaa "bilcheessuu" danda'uurra gahuu mala. Eduwaardoo akka jedhanitti, wantoonni biroo hoo'ina cimaa qabanis wal-hormaata irratti dhiibbaa uumaa jiru. Wantoota hoo'aa qabaniifi wal-hormaata irratti dhiibbaa qaban jechuun ogeeyyin eeran keessaa yeroo dheeraf bishaan hoo'an qaama dhiqachuu, gandaa bishaan hoo'aa keessa yeroo dheeraa turuu fa'i.
Dabalataanis Waayifaayi (Wifi) fi dambaliin elektirikii seelii sanyii kormaa irratti dhiibbaa akka uumu ibsameera, sababni isaa garuu hin beekamne.

Madda suuraa, Getty Images
5. Sirni indookiriinii dhiphachuu
Qaama keenya keessa sirni indookirinii jedhamuufi xannachoota, akkasumas neetwoorkii caasaa qaama keenyaa sirna qabateedha.
Wantoonni sumaa'oo ta'anii sirna Indokirinii jeeqan sanyii kormaa irratti dhiibbaa mataa isaanii qabu. Wantoonni summaa'oon kun xuraa'aa qilleensa keessa jiru, pilaastikiiwwan, fi farra ilbiisotaa fa'aadha.
Qorannoowwan dhiyeenya bahan akka agarsiisanitti, wantoonni summaa'oo ta'an kunneen jijjiiramni isaan qaama keenya keessatti gaggeessan sanyii kormaa irratti dhiibaa akka fidu argameera.

Madda suuraa, Getty Images
Hir'achuu sanyii kormaatiif sababoota naannoofi alaatin alatti wantoonni biroo lama jiru.
Inni jalqabaa haala qaccee sanyii ykn jenetiksiiti.
Dhiirota ijoollee godhachuuf rakkatan keessaa dhibbeentaa 10 hanga 30 kan ta'an rakkoo qacee sanyii (DNA) dhiiraa wajjin kan wal-qabatudha jedhama.
Lammaffaan ammoo umurii wajjin wal-qabata. "Umuriin hanguma dabalaa deemu dandeettin dhala godhachuu dadhabaa akka adeema ni hubanna.
Dandeettin dhala godhachuu dhiirotaa akka kan dubartootaa ibsamuu baatus, hormoononni seelii sanyii kormaa omishuuf gargaaran xiqaataa deemaa jiru," jechuun ibsu Eduwaardon.
Furmaanni maali?
Dhiironni ijoollee godhachuu barbaadan miidhaa sanyii kormaarra gahu kamuu hambisuuf haala jireenya isaanii irratti jijjiirama gochuu qabu.
Nyaata madaalawaa nyaachuu, sochii qaamaa gochuu, dhugaatii alkoolii dhaabuu, tamboo xuuxuu dhiisufi wantoota sammuu namaa adoochan irraa of eeguun fala ogeeyyin fayyaa himaniidha. Gama biraan dhiirri tokko, qunnamtii saalaa nama garaa garaa wajjin kan taasisu yoo ta'e dhibeewwan akka cophoofi fanxootiin akka hin qabamneef kondomii fayyadamuu qaba.
Yeroo umurii dargaggummaatti namoonni HPV fudhatan vaayirasichi qaccee sanyii irratti dhiibbaa geessisu irraas of eeggachuu qabu.
Falli biraa ammoo vaayitaaminiiwwan fudhachuudha. Haala jireenyaa kana jijjiirun mucaa godhachuu yoo hin dandeenye ogeessa fayyaa bira deemun waan gaarii akka ta'e gorsu ogeeyyiin. Sababni maseenummaa ykn dhala godhachuu dhabuu dhibee yoo ta'e qorichaan ykn yaalii baqaqsanii wallaanuutiin kan furamus ta'uu akka malutu himama.












