Dubartiin ulfi irraa bahe battalatti deebitee ulfaa’uun balaa qabaataa?

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin fayyaa dubartiin ulfi irraa bahee tokko ji’oota muraasa keessatti deebitee akka ulfooftu kanaan dura hin gorsan ture.
Faallaa kanaa ammoo qorattoonni ragaa haaraa agratan akka himanitti, haatii ulfi irraa bahe tokkoo ji’oota muraasa keessatti deebitee ulfaa’uun haadhas ta'e daa'immasheerratti balaa fidu hin qabu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dubartiin tokko erga ulfi irraa bahe booda deebitee ulfaa‘uudhaaf ji’oota addaan fageessuu akka qabdu gorsa.
Kunis dubartiin sun yeroo bayyanattu akka argattu gargaara jedha.
Qorannoon 'PLoS Medicine’ akka agarsiisutti, abbaa warraa fi haati warraa battaluma sana daa’ima argachuu yaalu akka danda’an hima.
Dhaabbanni gargaarsaa daa’immaan karoorsuurratti gargaarsa kennufi Toomii jedhamu tokko akka jedhutti, dubartoonni erga ulfi irraa bahe booda ulfaa’uu yoo barbaadan, hanga rakkoo fayyaa biraa hin qabaanneetti battaluma sana yaalu danda’u.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti ammoo, qorannoon addaan fageessanii ulfaa’uu ilaallatu dabalataan gaggeeffamaa jira.
Qorannoon Norweeyitti ganna saddeetiif gaggeeffame tokko, firiin qorannoo isaa qorannoo duraan gaggeeffame kanarraa garaagarummaa hin qabu.
Garuu ammoo kan duraan Laatiin Ameerikaatti addaan fageessanii ulfaa’urratti gaggeeffame ture waliin gargaaridha.
Ogeeyyiin qorannoo kana barreessan akka himanitti, warri lameen yeroo daa’ima argachuuf yaalan murteessuuf gorsi dhimma kanarratti kennamu irra deebiin ilaalamu qabu.
Erga ulfi dubartii ulfarraa bahee booda warri daa’ima horachuu barbaadan muraasni ji’oota jaha eeguun isaaniif fudhatamuu dhiisu mala jedhan barreessitoonni qorannichaa.
Taatullee qorannoon dabalataa akka gaggeeffamu gorsan.
Ulfi erga bahee booda deebiisanii baachuu
Ogeeyyiin akka jedhanitti, dubartiin tokkoo fayya buleetti ta’uunshee carraa ulfaa’uuf ishee ni dabala.
Dubartoonni wayita ulfaa’uuf yaalan guyyaa guyyaatti dawaa foolik asiidii akka fudhatan gorfama. Akkasumallee yeroo ulfaatti torban 12'f fooliik asiidii fudhachuun ni gorfama.
Foolik asiidiin daa’imni dhalatu carraa rakkoowwaan sammuu, dugugguruu fa'iif akka hin saaxilamne ni gargaara.
Akka qorannuun kun jedhuutti, dubartoota shan keessaa tokko umurii isaanii keessaatti yeroo ta’e ulfi irraa bahuu mala, sababni isaas hin beekamu.
Yoo ulfi dubartii tokkoorraa marroo tokko bahe, inni ittaanu yeroo heddu carraa milkaa’u bal’aa qaba. Carraan irra deebiin ulfi bahu xiqqaadha.
Dhaabbanni dhimma kanarratti gargaarsa kennu Toomiin akka jedhutti, kanan dura ulfii yoo dubartii tokkorraa bahe, deebite ulfaa’uun dura rakkoo fayyaa biroo qabaachuu fi dhiisuu baruuf hakiima dubbisuu qabdi.












