Miciree waggoota 30 dura cabbeessaa keessa olkaa'aman irraa ijoollee lakkuun dhalatan

Ijoollee lakkuu miciree diilalleefame irraa dhalatan

Madda suuraa, NATIONAL EMBRYO DONATION CENTER

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Teneesee keessatti miciree namaa waggoota 30 dura firiijii keessa olkaa’ame irraa ijoollee lakkuun dhalatan.

Miciree waggoota dheeraaf tursiifame irraa daa’imni yoo dhalatu kun rikardii haaraa tahuu danda’a.

Micireen kun tempireechera - 128C (-200F) diilallaa’u keessa naayitiroojinii dhangala’aa tahe keessa Eebla 22, 1992 kaa’ame.

Dubartiin Racha’el Riijwey jedhamtu Onkoloolessa 31 ijoollee kana kan deesse yoo tahu, abbaan isaanii Filiippi Riijwey ''waan sammuu namaan oliiti’’ jedhan.

Akka Gidduugala Gumaacha Miciree Biyyaalessaa, dhaabbata dhuunfaa amantaa irratti hojjetuutti Liidiyaa Aanii fi Timootii Riijwey rikardii haaraa galmeessan.

Dhaabbati kun miciree gumaachame irraa ijoolleen 1,200 akka dhalatan gargaareera jedhe.

Rikardii dhaabbatichaa kan ture daa‘imni Moolii Giibsan jedhamu bara 2020 miciree waggoota 27’f tursiifame irraa yeroo dhalatedha.

"Murteen kun…dhukkubsattoota miciree isaanii waggoota 5,10, 20 darbe keessa tursiisan akka itti amanan gochuuf’’ jedhan Dr Joon Deevid. ''Deebiin sun sirriidha mitiiree,’’ jedhan.

Micireen lakkuun sun maatii eenyummaan isaanii hin ibsamneef IVF fayyadamuun kaa’ame.

Namichi kunis umuriin isaa wagga 50 keessa yoo ta'u, nama waggaa 34 miciree gumaacheef irratti hundaa’uun ture kan kaa’uu danda’an.

Micireen lakkuu kun hanga bara 2007tti laabiraatoorii qarqara Lixa US tursiifamuun booda maatiin kun maatii gara biraaf akka kennamuuf dhaabbata NEDC’f gumaachan.

Dhaabbatichi bu’aan argae kun namoota kaan miciree isaanii kaa’anii dhala godhachuu barbaadaniif oduu jajjabinaa dabarsa jedhe.

"Yeroo Waaqayyo Liidiyaa fi Timootiif lubbuu kenne ani daa’ima wagga shaniin ture, lubbuu sanas hanga ammaatti tursiise,’’ jedhe Filiippi Riijwey maatii kana keessaa.

''Isaan hangafoota keenyadha jechuudha, yooma ijoollee xixiqqoo nuutii gadii tahaniyyuu jechuudha,’’ jechuun CNN'tti hime.