Seelii dhala namaa miciree qamaleetti makanii misoomsuun mormii kaase

Madda suuraa, Weizhi Ji/Kunming Univ of Science and Technology
Miciree sanyii qamalee laabaraatorii keessatti hojjetameetti seelii dhala namaa makuun qorachuun qeeqa kaase.
Gareen qorattootaa Ameerikaa fi Chaayina miceeree sanyii qamalee laabaraatorii keessatti uumaniitti seeelii dhala nama makuun qorannoo gaggeessuu erga eegalanii guyyoonni lakkaawamaniis qeeqa kaaseera.
Seeliin dhala namaa miciree sanyii qamaleetti makame kun adeemsaan gara tishuutti guddatta. Micireen kun amma guyyoota 20f qo'atamaa jira.
Armaan dura qorannoo walfakkaatuun sanyii binoonsotaa diqaalomsuun laaboraatorii keessatti uumuun kan danda'ame yoo ta'u, Seeliin dhala namaa miciree hoolaa fi Booyyeetti makamees yaalameera.
Gareen qorattootaa kun Ameerikaa Inistitiyuutii Silkitti Piroofeesar kan ta'an Huwaan Kaarloos Ispeesuwaa Beelmoonteen kan durfamu yoo ta'u, saayintistiin kun bara 2017'tti yeroo jalqabaaf miciree booyyee keessatti seelii dhala namaa guddisuun diqaalomsuun keessatti gahee guddoo bahan.
Hojiin qo'annoo kun hanqina qaama keessoo dhala namaa kan wladhaansa baqaqsanii waldhaanuun bakka buusuu keessatti mudatu furuuf kara saaquu mala, guddina isa jalqabaa dhala namaa akkaan hubachuufis gargaara, darbees adeemsa guddina dhibee fi jaaruus hubachuuf gargaara jedhan Piroofeesarichi.
''Adeemsi qo'annoo 'chimeric' (miciree lubbuu qabeessa tokkotti seelii namaa makuun) qo'annoo baayoomeedikaalaa kan sadarkaa jalqabaa jireenyaa qofa osoo hin taane kan kan gara boodaa jabeessuuf akkaan fayyada'' jedhan.
Qeeqni hedduun qo'annoon miciree qamaleetti seelii dhala namaa makuu safuu hawaasaa dhala namaa cabsuudha jedhu hedduun dhagaahamaa jiraatus, barruu Cell jedhamurratti maxxansa dhiyaateerratti piroofeesarichi qeeqa kanaaf deebii qo'annichi qajeeltoowwan seeraa guuteera jedhu kennan.
Galmi qo'annoo kanaa fayyaa namaa halaan hubachuufi wayyeessuudha jedhan.
Saayintistootni gariin qo'annicharraa yaaddoo qaban ibsuun miceeruun kun guyyaa 20ffaa isaatti guddinni isaa akka adda citu godhaniis gariin ammoo qo'annicha itti fufuu fedhu.
Gariin qaama dhala namaa gariin ammoo qaama dhala namaa hin taane laabraatorii keessatti misoomsuurratti falmiin akka gaggeefamus gaafatameera.














