Saayintistoonni lama Kemistiriidhaan badhaasa Noobelii bara 2020 mo'atan

Emmanuelle Charpentier (L) and Jennifer Doudna

Madda suuraa, Getty Images

Saayintistootni lama meeshaa qaccee dhala namaa [DNA] ittiin sireessan hojjetan Kemistiriidhaan badhaasa Noobelii bara 2020 mo'atan.

Imaanu'eelee Kaarpeentir fi Jeenifer Duudnaa dubartoota jalqabaa lamaan badhaasa kana qooddatan yoo tahu teeknoloojii qaccee namaa [DNA] ittiin qajeelchan hojjechuun badhaafaman.

Argannoon isaanii Kirispiir-Kaas9 Jenetik Siisersi [Crispr-Cas9 ] jedhamu seelii lubbuu qabeessaa keessaa addatti qaccee sirreessuuf kan gargaarudha.

Dhiirri tokkoyyuu osoo qooda keessaa hin qabaatiin dubartoota yeroo jalqabaaf badhaasicha injifachuun qooddatan tahaniiru.

Mo'attootni kunneen badhaasa Kiroonii miliyoona 10 ykn Doolaara [1,110,400] tahu addaan qooddatu.

Piroofeser Imaanu'eel Chaarpeentiir Maaksi Pilaanki Yuunit, gidduugala qorannoo dhukkubootaa Berlin irraa, yaada kenniteen mo'achuu ishee kanaan akka miira guddaan itti dhagahame himte.

''Yeroo kun tahu baayyee si ajaa'ibsiisa, dhugaadha sitti hin fakkaatu. Garuu dhuguma waan tahedha,'' jette.

Yeroo qorannoo baakteeriyaa Istreptokokas Piyaajinsi jedhamu irratti gaggeessaa turte kanaan dura molokiyuulii hin beekamne Tiraakir RNA jedhamu argatte.

Altering DNA

Madda suuraa, Getty Images

Akka qorannoosheetti waan kun qaama ittisa dhibeeti. Kunis CRISPR/Cas jedhamuun kan beekamu yoo tahu, DNA vaayirasoota bakkaa kutuun akka humna dhaban taasisa.

Bara 2011 keessa Charpeentiyer hojii ishee kana Pirof. Duudna waliin Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti eegalan.

DNA kutuun akka inni irra deebiin sirratu taasisa - hojii isaan hojjetan kun.

Qaccee qaqqajeelchuu dandeenya, gaaffii hunda gaafachuu dandeenya, kanaaniis dhukkuboota gama qacceen wal qabatanii dhufan yaaluun danda'a jette saayintisti Kilaas Gustaafsan.