Meeshaaleen waraanaa US ittiin dhaadattuu fi Iraan ittiin haleelaa jirtu kan akkamiiti?

Madda suuraa, U.S.Central Command
US fi Israa'el waloon Iraan irratti haleellaa kan banan Guraandhala 28, 2025 ture.
Haleellaawwan jalqabaatiin Jeettiiwwan lolaa Humna Qilleensaa Israa'el, kanneen akka F 15 Eagle, F 22 Raptor, and F 35 Lightning II, jedhaman Iraan keessatti boombii qilleensarraa darbachuun haleellaa raawwatan.
Battaluma san, US misaayeloota fageenya dheeraa kiruus Tomahawk jedhamaniin haleellaa qilleensaa raawwachuun oppireeshinii kanatti makamte.
Akka gabaasni maddeen waraanaa agarsiisutti US bara kana Amajjii darbee kaasee Iraan haleeluuf qophaa'aa turte.
BBC Sinhala sa'aatiiwwan jalqabaa 48 haleellaan Iraanirratti raawwatamaa turetti meeshaalee US waraanaa gosoota kamii fi gulantaa lolaa sadarkaa kamitti Iraan haleelaa akka turte qorate.
Diroonii Luqaas (Lukas Drone)
Ajaja Giddugaleessaa waraana Ameerikaatti, kan oppireeshinii waraanaa Baha Jiddugaleessaa hogganu US yeroo jalqabaatiif dirooniiwwan Luqaas jedhaman fayyadamuu mirkaneesse.
Dirooniiwwan gatii gad-aanaa, dizaayiniin isaanii diroonii Iraan Shahed 136, fakkaatan kunniin kutaa bulchiinsa Ariizoonaatti kan argamu kaampaanii oomisha meeshaalee waraanaa SpektreWorks jedhamutu hojjete.
Xiyyaara lolaa B-1 bomber
Xiyyaarri lolaaa, Rockwell B 1 Lancer, jedhamu Wixata, kuusaa misaayeloota lafa jalaa fi buufata dhukaasa misaayelaa Iraan ittiin haleeluf dhimma itti baatee jirti.
Humni waraanaa US akka jedhetti haleellaan kunneen xiyyaarota fageenya dheeraa Rockwell B 1 Lancer Ameerikaa irraa gara Iraan balali'an sadiin raawwatame.
Xiyyaarota waraanaa fageenya dheeraa B-2 Bomber
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaaronni B-2 Spirit, kan oomishaman kaampaanii Northrop Grumman, jedhamuuni. Humna Qilleensaa US keessatti teknolojii xiyyaarota fageenya dheeraa baay'ee fooyya'ee bahe dha.
Waxabajjii 2025, US buufata niwukilaraa Iraan haleeluuf xiyyaarota kanneen Afur fayyadamtee turte.
Xiyyaarri kun Buufata Qilleensaa US Whiteman jedhamurraa gara sa'aatiiwwan 37 balali'uun haleellaa raawwate.
US miilanas irra deebiin xiyyaarota B-2 Spirit bombers afurfayyadamuun iddoowwan addaa Iraan keessaa Bitootessa 01, 2026 haleelteerti.
Kaampaaniin xiyyaara kana oomishe akka jedhetti, xiyyaarri waraanaa B-2 kun hanga ulfaatina 18,000kg baachuu danda'a.
Humni Qilleensaa US akka jedhetti garuu B-2'n yaaliidhaaf ulfaatina GBU 57A/B bunker busters lama baachuu danda'eera. Kun tilmaaman 27,200 kg ta'a.
Xiyyaaronni waraanaa B-2 akaakuun fageenya dheeraa boba'aa qilleensarratti hin guuttatin hanga fageenya 11,000km boba'aa qilleensaratti guuttachuun immoo18,500km balali'uu danda'u.
Kutaa addunyaa kutaa fedhe sa'aatiiwwan muraasa keessatti gaha.
Xiyyaara waraanaa B 52
Xiyyaarri B-52 Stratofortress xiyyaara haleellaa tarsiimaawaa Humna Qilleensaa US dha.
B-52, kan oomishu Booyingi yoo ta'u, bara 1955 kaasee Humna Qilleensaa US tajaajilaa ture.
Xiyyaara qiyyaafannoo fageenya dheeraati. Meeshaa waraanaa hanga 32,000kg baatee fageenya hanga 14,200km boba'aa osoo lammata hin guuttatin balali'uu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Ittisa haleellaa qilleensaa Patriot
Waraanni Ameerikaa sirna ittisa haleellaa qilleensaa Patriot jedhamu bara 1981 kaasee fayyadamaa ture.US fi biyyoonni michoota ishee itti dhimma bahaa turan.
Sa'uudii Arabiyaa dabalatee biyyoonni Galoo Galaanaa gariin xiyyaara MIM-104 Patriot ni fayyadamu
Ittisa haleellaa qilleensaa THAAD
Sirni ittisa haleellaa qilleensaa Terminal High Altitude Area Defense (THAAD), kan hojjetameef misaayeloota baalastikii fageenya fageenya gabaabaa, giddu-galeessaafi dheeraa qolachuu fi barbadeessufi.
Waraanni US sirna ittisa qilleensaa THAAD fayyadamuu kan jalqabe bara 2008.
Kan oomishame kaampaanii Lockheed Martin Missile jedhamuuni. Gatiin isaa dolaara Ameerikaa biliyoona 1.25 yoo ta'u, misaayeloota inni dhukaasu waliin gara dolaara miliyoona 12.7 jedhame.
THAAD haleellaa misaayelootaa baalastikii hidhattoonni Huutii Yaman keessaa bara 2022 keessa UAE irratti raawwatan qolachuu akkasumas waraana guyyoota 12 Israa'elii fi Iraan gidduu bara 2025 ture dabrees immoo waraana Baha Jiddugaleessaa amma deemaa jirurratti faayidaarra ooleera.

Madda suuraa, Getty Images
Jeettiiwwan lolaa fi xiyyaara basaasaa (aerial reconnaissance aircraft)
Jeettiiwwan lolaa US haleellaa Iraan keessatti gootuf itti fayyadamte F 15, F 16, F 18, F 35, fi A 10 kanneen jedhamani.
Jeettiiwwan kunneen buufataalee waraanaa US kanneen Baha Giddugaleessaa keessatti ni argamu, dooniiwwan lolaa Galaana Arabiyaarrattis ni argamu.
Dablataan, ajajni giddugalaa waraana US xiyyaarota EA 18 Growler kanneen siistama uggurrii (jamming) hidhatan, meeshaalee elektirooniksii diinni qunnamtiif itti fayyadamuu fi siistama raadaarii balleessu oppireeshinii waraanaa Iraan kanarratti dhimma itti bahuu hime.
US akkanumallee xiyyaarota Airborne Early Warning & Control (AEW&C) aircraft, P 8 Maritime Surveillance, fi Airborne Communication Relay jedhaman dhimma itti bahe.
Akkasumas xiyaarota qilleensarratti xiyyaarota waraanaf boba'aa guutan KC 46A, KC 135R, fi KC 135T jedhaman waraana kana keessatti tajaajilarra oolchiteerti US.

Madda suuraa, U.S.Central Command
Dirooota MQ 9
US diroonota haamtuu MQ 9 kan basaasaa fi haleellaaf oolanis fayyadamte.
Diroonota haamtuu MQ 9 xiyyaarota nam-maleeyyii turbo pro-powered jedhaman kanaan Ajajaa Eegdota Warraaqsaa kan ture Jeneraala Qaasim Suleemaanii bara 2020 Iraaq keessatti ajjeeftee turte US.
Diroononni MQ 9A gosa diroonota haamtuu (MQ 9 Reaper drone) ta'anii sa'aati 27 qilleensarra turuu fi ol ka'iinsa meetira 15,240 irra barrisuu danda'u.
Misaayeloota hanga 1,746 kg ulfaatan baachuu danda'us.

Madda suuraa, Getty Images
Siistama Misaayilaa M-142
Siistamni 'M-142 High-Power Artillery Rocket System' siistama rokkeettii hedduu irraa dhukaasun danda'amu. Waraanni US sistama kana kan tajaajilarra oolche bara 2005.
US siistama misaayilaa M-142 jedhamu waraana waraana Afgaanistaan, Sooriyaa, waraana Raashiyaa fi Yukreeni Raashiyaa amma deemaa jiru irratti itti fayyadamteerti.
Siistamni misaayelaa kun dolaara miliyoona 20 baasa. Xiyyaarota C-17 Globemaster, C-5 Galaxy, fi C-130 Hercules jedhaman qofaan geejjibsiifama.=
Dooniiwwan xiyyaara baatan

Madda suuraa, USCentral Command
Dooniin US xiyyaarota waraanaa baattu USS Abraham Lincoln haleellaa kana dursee torban shan dura Baha Jiddugaleessaatti bobbaafamte.
USS Abraham Lincoln humna galaanaa US keessatti doonii gita shanaffaa Nimitz -class jedhama. Doonii sadaffaa maqaa pireezdaantii duraanii US Abrahaam Linkolniin moggaafamte.
Anniisaa niwukilaraan kan hojjettu dooniin tun nama 5,600 fi xiyyaarota 90 baatti.
Dooniin xiyyaarota waraanaa baatu hundarra guddaa ta'e biraa USS Gerald R. Galaana Kaaribiyaanirraa gara Baha Jiddugaleessaa ergamte.
Dooniin Pireezdaantii US 38ffaan moggaafamte tun dandeettii xiyyaarota 74 baachuu qabdi. Namoota 4,600 baatti.
Dabalataan US dooniiwwan haleellaa garaagaraa misaayeloota Tomahawk dhulkaasisuu dandeessisan ergiteerti gara naannichaa.
US taankariiwwan boba'aa madda anniisaa dooniiwwanii ta'anis Baha Jiddugaleessaatti ergite.












