Boombiin US humna cimaa nukilara lafa jalaa Iraan barbadeessuu qabu maali?

Xiyyaara waraanaa US B-2 Spirit jedhamu qofatu meeshaa waraanaa kana (MOP) qabatee gara iddoo barbaadameetti imaluu danda'a

Madda suuraa, US Air Force

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara waraanaa US B-2 Spirit jedhamu qofatu meeshaa waraanaa kana (MOP) qabatee gara iddoo barbaadameetti imaluu danda'a

Meeshaalee waraanaa wiirtuuwwan nukilaraa Iraan lafa jalaa qabdu barbadeessuu danda'an keessaa tokko ammallee hojiirra hin oolin jira, ammoo ammaaf harka Israa'el hin jiru.

Meeshaan humna qabeessi GBU-57A/B Massive Ordnance Penetrator jedhamu kun ofiisaa boombii nukilaraa miti. Garuu handhuura meeshaalee waraanaa nukilaraa lafa jalatti ijaaraman diiguuf humna qaba. Kan qabu US qofa.

Meeshaan waraanaa kiilogiraama 13,600 ulfaatu kun wiirtuu nukilaraa guddicha Iraan gaara keessatti lafa jalatti ijaarte- Fordo jedhamu uree seenuun barbaddeessuu danda'a.

US hanga ammaatti meeshaa kana Israa'eliif hin kennine.

Garuu meeshaan kun maali, fayyadamuuf maaltu qormaata ta'a, ammoo fayyadamuun danda'amaa?

Mootummaan US akka jedhutti meeshaan waraanaa GBU-57A/B jedhamu kun ''dahannoowwan ykn ijaarsa lafa jalaa akkaan cimoo ta'anii fi eegumsa addaa qaban cabsee seenuun barbadeessuu danda'a.''

Meetira ja'a kan dheeratu meeshaan kun dhohuu dura meetira 61 lafa keessaa gadi seenuu danda'a.

Ergasii booda boombiiwwan balaafamoo hedduu walduraa duubaan gadhiisa, dhohiinsi boombiiwwan kunneen uuman mata mataatti bakka irra bu'an barbadeessuu danda'u.

Meeshaan dhaabbata Booyiingiin hojjetamu kun hanga yoonaa waraana irratti hojiirra oolee hin beeku. Garuu iddoo shaakala waraanaa US kan Niiwu Meeksikoo keessatti argamutti yaaliif hojiirra ooleera.

Boombii balaafamaan kun meeshaa waraanaa Massive Ordnance Air Blast (MOAB), jedhamu caalaa humna qaba. Meeshaan kun ammoo kiilogiraama 9,800 kan ulfaatu yoo ta'u, haadha boombiiwwan hundaa "Mother of All Bombs," jedhamuun beekama.

Bara 2017 waraana Afgaanistaan irratti hojiirra ooleera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunivarsitii Biraadford kan UK keessatti argamutti pirofeesara damee nageenyaa kan turan Pool Roojarsi ''Humni Qilleensaa US meeshaa waraanaa MOAB waliin walfakkaatu hojjechuuf baayyee ifaaje. Kun meeshaa sibiila cimaarraa hojjetame kan boombiiwwan dhohuun balaa cimaa qaqqabsiisan of keessatti qabatedha- GBU-57A/B Massive Ordnance Penetrator,'' jedhe.

Yeroo ammaa xiyyaara waraanaa US B-2 Spirit jedhamu qofatu meeshaa waraanaa kana (MOP) qabatee gara iddoo barbaadameetti imaluu danda'a.

Xiyyaara, B-2, kana kubbaaniyyaa teeknoojii ittisaa fi imala qilleensaa ta'e Northrop Grumman jedhamutu oomisha.

Xiyaarri kun oomisha meeshaalee waraanaa Humna Qilleensaa US keessatti akkaan ammayyaa'aa kan ta'edha.

Kubbaaniyyaan kun akka jedhutti xiyyaarri B-2 jedhamu kun ulfaatina hanga kiilogiraama kuma 18 fe'uu danda'a.

Haata'u malee Humni Qilleensaa US xiyyaara kanatti boombii balaafamaa kana lamaansaa itti fe'uun shaakaluun milkaa'inaan hojiirra oolchuu ibse.

Kun ammoo ulfaatina kiilogiraama kuma 27 fi 200 qabachuusaa agarsiisa.

MOP lafa jala meetira 61 gadi seeniin dhohiinsa cimaa uumuu danda'a

Madda suuraa, Whiteman Air Force Base

Ibsa waa'ee suuraa, MOP lafa jala meetira 61 gadi seeniin dhohiinsa cimaa uumuu danda'a

Xiyyaarri humna cimaa qabuu fi boombii balaafamaa kana baatu kun boba'aa yeroo tokko guuttateen fageenya kiilomeetira kuma 11 imaluu danda'a.

Osoo qilleensarra jiruu boba'aa guuttannaan ammoo kiilomeetira kuma 18 fi 500 balali'uu danda'a.

Kun akka xiyyaarri kun sa'atiiwwan keessatti kutaa addunyaa waliin ga'u isa gargaara jedhe Northrop Grumman.

Pirofeesar Roojarsi boombii balaafamaan US, MOP jedhamu kun osoo biyya ittisa qilleensaa ammayyaawaa ta'e qabdu akka Iraan kana haleeluuf hojiirra ooleera ta'ee, xiyyaarri B-2 xiyyaara waraanaa kaaniin dabaalamuu qaba ture.

Akka fakkeenyaatti xiyyaarri waraanaa F-22 jedhamu duuka bu'uun humna ittisa qilleensaa diinota isaanii laaffisuu qaba.

Kana duubaan ammoo dirooniiwwan balaa mudate sakatta'anii fi haleellaan dabalataa akka barbaachisu murtee fudhatantu hordofu.

Pirofeesar Roojarsi US boombii balaafamaa MOP jedhamu kana muraasa akka qabdu tilmaama.

''Tarii kan amma hojiirra oolchuuf qopheessan 10, walumaa galatti ammoo boombiiwwan 20 qabaachuu danda'u. Sanaa ol hin ta'u,'' jedhe.

US boombii balaafamaa- MOP'n Iraan haleeluu dandeessii?

Buufata nukilaraa Iraan isa haadhoo- Natanz jedhamutti aanee wiirtuun nukilaraa Fordo isa guddaadha.

Magaalaa guddoo biyyattii Tehraan irraa kallattii kibba lixaan kiilomeetira 95 fagaatee handaara magaalaa Qom jedhamuutti gaara jalatti ijaarame.

Ijaarsi wiirtuu kanaa bara 2006 akka eegalame amanama, bara 2009 ammoo hojii eegale. Iraanis buufata kana achii qabaachuu ifatti kan beeksiste baruma sana ture.

Eegumsi bakka kanaa baayyee cimaadha. Dhagaa fi dachee jala meetira 80 gadi seenanii ijaaran. Kana cimaatti bakki kun sirna ittisa haleellaa misaa'elaa Iraan fi Raashiyaatiin eegama.

Bara 2023 jaarmiyaan dhimma anniisaa atoomawaa hordofu- International Atomic Energy Agency (IAEA) qabiyyee yuraaniyemii dhibbeentaa 83,7 gabbate bakka kanatti adda baaseera. Qabiyyeen kun humna meeshaa waraanaa nukilaraa oomishuu bira ga'eera.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu sagantaa misaa'elaa fi nukilaraa Iraan dhabamsiisuuf haleellaa akka eegalan ibsan.

Neetaaniyaahuun sagantaan meeshaa waraanaa Iraan ''jiraachuu Israa'eliif yaaddoodha,'' jechuun ibsu.

Karoorri tokko wiirtuu Fordo barbadeessuu akka ta'e qondaalonni biyyattii ibsaniiru.

Garuu Israa'el meeshaa balaafamaa buufata kana barbadeessuu danda'u- MOP ofiisheetiin dhukaasuuf dandeettii hin qabdu, meeshaa kanas hin qabdu.

US ammoo osoo ofii kallattiidhaan waraanicha keessatti hin hirmaatin meeshaa kana hin eeyyamtu jedhe Pirofeesar Roojarsi.

''Israa'el akka ofiisheen tarkaanfii fudhattuuf meeshaa kana itti hin kennan. Israa'el ammoo meeshaa wiirtuu uree seenuun barbadeessu hin qabdu.''

US meeshaa kana kan hojiirra oolchitu (dhukaastu) yoo waraanicha keessa seentee haala hammeessuuf guutummaatti fedhii qabaatte qofadha.

Keessattuu bulchiinsa Pirezidant Doonaald Tiraamp jalatti jalqaba fedhiin akkasii mul'achuu qaba.

''Tiraamp waraana kana keessatti guutummaatti Israa'eliin gargaaruu yoo murteessanidha kan tarkaanfii kanatti seenan,'' jedhe Roojarsi.

Kora biyyoota G7 Kanaadaatti gaggeeffamerratti US yoo maal ta'e gara tarkaanfii waraanaatti seenuu akka dandeessu gaafatamuun akkas jedhan.

''Dhimma kanarratti dubbachuu hin barbaadu.''

Iraan sagantaan nukilaraa ishee naga qabeessa akka ta'ee fi anniisaaf akka hojjetaa jirtu akkasumas waa'ee meeshaa waraanaa nukilaraa yaaddeetuu akka hin beekne ibsiti.

Garuu dhihoo kana IAEAn Iraan seera meeshaa waraanaa nukilaraa sarbuu ishee waggaa 20 keessatti yeroo jalqabaaf ibseera.

Tiraamp kora G7 irratti waa'ee hirmaannaan waraanaa US wayita gaafataman ''sanarratti dubbachuu hin barbaadu,'' jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp kora G7 irratti waa'ee hirmaannaan waraanaa US wayita gaafataman ''sanarratti dubbachuu hin barbaadu,'' jedhan

Israa'el buufata nukilaraa Iraan irratti xiyyeeffachuun haleellaa cimsitus ''wiirtuu nukilaraa biyyattiin lafa jalatti ijaarte bira ga'uun miidhaa irraa ga'uu hin dandeenye,'' jedhe Pirofeesar Roojarsi.

''Wiirtuu nukilaraa Iraan kana barbadeessuuf boombii balaafamaa MOP jedhamu qabaachuu qabu.''

Garuu osoomallee MOP hojiirra oolee milkaa'inni inni dhumaa argame jechuu hin dandeenyu.

Sababni isaa gadi fageenyi fi eegumsa wiirtuuwwan nukilaraa Iraan kunneen hangam akka ta'an sirriitti hin beekamu jedha Pirofeesar Roojarsi.

''Meeshaan waraanaa balaafamaan kun wiirtuuwwan nukilaraa Iraan lafa jalatti ijaarratte barbadeessuuf humna qaba, meeshaalee waraanaa amma jiran kamuu caalaa jechuudha. Garuu godhee argineerraa? Gochuu danda'aa- Maalitti beekna?''