Iraan Ulaa Hormuz yoo cufte addunyaarratti dhiibbaa akkamii uuma?

Madda suuraa, Atta Kenare / Getty Images
Wal haleellaan misaa'elaa tibbana Israa'eliifi Iraan jidduutti gaggeeffamaa jiru yaaddoo tarii ulaa murteessaa ittiin boba'aan darbu Ulaa Hormuz (Strait of Homuz) cufuu dandeessi jedhu kaaseera.
Jikinni boba'aa addunyaa kanaa harka shan keessaa tokko kan ta'u karaa ulaa qarqara galaanaa dhiphoo bal'ina kilomeetira 40 qabuu kana keessaan darba.
Iraan ulaa kana cufuuf yaaduu dandeessi jedhan ajajaan humna galaanaa biyyatti.
Akkasumas itti gaafatamaan dhaabbata basaasaa UK MI6 duraanii, Sar Aleeks Yaangar BBC'tti akka himanitti, haalli hamaan yoo dhufe chaanaaliichi cufamu danda'a.
"Dhiibbaa cufamuun ulaa kanaan gatii boba'aa irratti qabu yoo ilaalle, ulicha cufuun rakkoo dinagdee hamaa ta'uun isaa ifaadha."

Madda suuraa, Stocktrek / Getty Images
Karaa ulaa Hormuz boba'aa hangamiitu darba?
Bulchiinsi Odeeffannoo Annisaa Ameerikaa wallakkeessaa jalqabaa bara 2023tti, guyyaatti boba'aan barmeela miiliyoona 20 akka darbe tilmaamama.
Kunis waggaatti daldalli boba'aa gara doolaara biiliyoona 600 ta'u ulaa galaanaa kanarra darba jechuudha.
Rakkoon ulaa galaanaa kanarratti mudatu amuu sadarkaa addunyaatti dhiyeessitii boba'aa irratti harkifannaa olaanaa hordofsiisuu danda'a. Kun ammoo batalumatti qaala'insa gatii boba'aa uumuu danda'a.
Haata'u malee, xinxaltoonni yoo walitti bu'iinsi Israa'eliifi Iraan jidduu jiru kan itti cimaa adeemu ta'e, rakkoo cimaa qabaachu akka danda'u akeekkachiisu.
Yunaayiti Isteet dabalatee biyyoota boba'aa biyyoota galoo galaanaarratti hirkatan biraa irratti dhiibbaa olaanaa qabaachu danda'a.

Ulaan Hormuz hangam dhiphaadha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ulaan Hormuz ulaa Iraan fi Omaan gidduu jirudha. Seensaa fi bahuun isaa naannoo kiilomeetira 50 kan bal'tu yoo ta'u, jidduu keessaan ammoo bakka dhiphii gara kilomeetira 40 kan ta'udha.
Haata'u malee, ulaan kun gadi fageenya kan qabu yoo ta'u, dooniiwwan gurguddoo darbuu kan danda'an kutaasaa giddugaleessa keessaan qofaadha.
Bohaartoonni galaanaa haala nageenya daandii seensaa fi bahaarratti, daandii ba'uumsaa isaa akkasumas naannoo qarqara galaana lamaan gidduu jiru eegamuu kan mirkanneessan yoo ta'u, dooniiwwan boba'aa fa'an kanneen ulfaatina jidduu galeessa qabaniif kan mijatu ta'u ibsu.
Walumaagalatti dooniiwwan gurguddoon karaa bal'inni gara Km10 qabuu irra deemuu qabaatu.
Taankaroonni gara Galoo Galaana Pershiyaatti yeroo darban, karaa odola Tund kan naannoo Iraanii fi biyyoota Arabaa gidduutti wal falmisiisaa ta'etti dhiheenyaan darbu.
Qaamni dooniiwwan daldalaa karaa ulaa kanaatiin darban rakkoo itti uumuu yoo jiraatee tarkaanfiin waraanaa tilmaama keessa akka galuu dubbatu ogeeyyii.
Taateen akkasii kunis yeroo waraana Iraan fi Iraaq kan bara 1980 hanga 1988tti umamee ture.

Madda suuraa, Gallo Images via Getty Images
Aadeeffannaa tarkaanfii ittisaa
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Iraaniif Ulaan Hormuz cufuun bifa "humna ittisaa" ta'ee fudhatama; kunis akka meeshaa nikulaaraa qabaachuu wajjin wal fakkaata.
Akkuma sagantaan nikulaaraa Iraan hawaasa addunyaa biratti yeroo dheeraadhaaf beekamaa tureetti, biyyoonni gurguddoon Teehiraan haala tarsimoo teessuma lafaa ishee fayyadamtee dhiyeessii anniisaa addunyaa akka ukkaamsituuf akka hin hayyamneef irra deddeebiin ibsaniiru.
Yeroo baayyees Iraan yeroodhaaf ulaa kana cufuu akka dandeessu ogeeyyiin tilmaamaniiru. Haata'u malee, namoonni hedduun ammoo, Ameerikaa fi michoonni ishee mala waraanaatti fayyadamuudhaan saffisaan haala adeemsa galaana kanaa bakka tureetti deebisuu akka danda'aman amantaa qabu.

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Iraan akkamitti Ulaa Hormuz cufuu dandeessi?
Tajaajilli qorannoo kongrasii Ameerikaa bara 2012tti qorannoo taasiseen, Iraan ulaa kana cufuudhaad adeemsa harkifataa hordofuu dandeessi jedhe.
Tarkaanfiiwwan ta'u danda'u jedhamuun tarreeffaman keessaa kan itti aanan ni argamu:
Ulaan Hormuz keessatti rakkoo inni qabaatu osoo hin ibsine karaa sana akka hin dabarreef uggura labsuu,
- Bu'aa labsiicha cabsuun fidu ifatti osoo hin ibsin.
- Doonii karaa sana darban darban sakatta'amuu ykn qabamuu akka danda'an labsuu.
- Dhukaasa akeekkachiisaa doonii irratti dhukaasuu.
- Dooniiwwan adda ta'an humna waraanaatiin irratti xiyyeeffachuu.
- Dhootuuwwan galaanaa Ulaan Hormuz fi Galoo Galaana Pershiyaa keessa awaaluu.
- Dooniiwwan daldalaa fi waraanaa irratti xiyyeeffachuuf doonii bishaan jalaa fi misaa'ela fayyadamuu.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Tibba waraanaa Iraaniifi Iraaqiitti Iraan dooniiwwan boba'aa fe'an irratti misaa'eloota fayyadamaa kan turte yoo ta'u, Galoo Galaanaa keessa ammoo fanjiiwwan kiyyeesite akka turte ni yaadtama.
Fanjiiwwan sana keessaa tokko doonii 'USS Samuel B Roberts' jedhamu rukutee, waraanni Ameerikaa akka haaloo bahu taasiseera.
Iraan 'Strait of Hormuz' guutummaatti cufuu kan dadhabde yoo ta'u, ta'us kaffaltii inshuraansii doonii haalaan ol kaasteeeera.
Akkasumas, karaa bahiinsa Galoo Galaanaa irratti dhiphina galaanaa waan umameef baasii olaanaaf saaxilee ture.

Madda suuraa, Norbert Schiller via Getty Images
Dandeettii waraanaa Iraan
Haleellaan xiyyaaraa Israa'el Teehraan irratti raawwatte erga Meejar Jeneraal Huseen Salamiin, ajajaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) yeroo sanaa ajjeefamuu isaatiin guyyoota lama dura, turan kan kutaalee buufatan humna galaanaa 'Strait of Hormuz' keessa kan daawwatan.
Isaanis, Galoo Galaana Pershiyaa fi naannoo ishee akka naannoo ittisaa Rippabiliika Islaamaa keessaa isa tokkotti ibsaniiru ture.
Addatti ammoo, dooniiwwan misaa'ela saffisa guddaa qabaniifi daqiiqaa sadii gadi keessatti km10 deemuu danda'an akeekaniiru.

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Jeneraal Salamiin, dooniiwwan haleellaa saffisaa, dooniiwwan lolaa ulfaatoo fi misaa'eloonni kunneen duula ittisaa keessatti akka hirmaatan akka taasifaman dubbatan.
Akkasumas fanjiin galaanaa farra doonii ''waraana galaanaa keessatti meeshaa waraanaa murteessaa ta'e keessaa tokkodha'' jechuun ibsan.
Saaalamiin dirooniiwwan humna galaanaa ''fageenya, dandeettii fi garaagarummaa ergamaatiin'' babal'ataniiru jedhan.
Xiinxaltoonni maal tilmaamu?
Ogeeyyiin akka tilmaamanitti, daandiiwwan Iraan bu'aa qabeessoon ittiin dooniiwwan 3,000 fi sanaan ol ta'an kanneen ji'a ji'aan daandii bishaanii kanarra imalan dhaabuuf dandeessisan keessaa tokko bidiruu haleellaa saffisaa fi doonii bishaan jalaa fayyadamuun fanjiiwwan kaa'uu akka ta'u tilmaamaniiru.
Humni galaanaa idilee Iraan fi humni galaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) dooniiwwan waraanaa biyya alaa fi dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa banuu danda'a.
Haata'u malee, dooniiwwan waraanaa gurguddoon deebii kanaatiif haleellaa Ameerikaa fi israa'eliin xiyyeeffannaa ta'u danda'u.
Bidiruuiiwwan saffisoon Iraan yeroo baayyee misaa'ela farra doonii kan hidhatan yoo ta'u, biyyattiin dooniiwwan lafa irraa, dooniiwwan walakkaa bishaan keessa lixanii fi dooniiwwan bishaan jalaa adda addaas qabdi.
Yeroo ammaa kanas, marsariitiiwwan hordoffii galaanaa suuraa saatalaayitii fayyadaman sochii bidiruuwwan waraanaa Iraan naannoo daangaa galaanaa kibba biyyattiitti argaman gabaasaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota kamtuu cufamuu Ulaa kanaan baay'ee miidhama?
Qorannoon dhaabbata xiinxala 'Vortexa' jedhamuun gaggeeffame akka agarsiisutti, Sa'uudii Arabiyaan guyyaatti jikita boba'aa naannoo barmeela miliyoona 6 karaa Ulaa Hormuz ergti. Kunis biyyoota ollaa kamiyyuu ni caalaa.
Chaayinaan, Indiyaa, Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa kanneen jikita boba'aa baayyee karaa sanaan darbu galchan keessaayi.
Ebla 16 bara 2025 irratti, haleellaa misaa'ela Israa'el ittisa qilleensaa Iraan irratti raawwachuu isheetiin guyyoota sadii qofaan dura, dhaabbanni oduu motummaa Iraan IRNA, Pirezidantii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk-yeol wabeeffachuun, dhiyeessiin boba'aa biyya isaanii keessaa %60 karaa Ulaa Hormuz akka darbu ibseera.
EIA akka jedhutti, Ameerikaan guyyaatti jikita boba'aa naannoo barmeela 700,000 fi kondensaayitii ulaa kanaan galchiti. Kunis, tilmaamaan boba'aa waliigalaa galchitu keessaa %11 fi fayyadama boba'aa ishee keessaa %3 ta'a.
Gaheen waloo biyyoo Awurooppaa boba'aa karaa ulaa kanaatiin geejjibsiifamu guyyaatti barmeela miliyoona 1 gadi ta'ee mul'ata.
Kana yoo ilaalamu, biyyoonni Arabaa fi Eeshiyaa, Ameerikaan ykn humnoota Awurooppaa, kanneen waldhabdee dhiheenya kana Israa'el waliin siyaasaan hiriiran hirra caalaa kan, cufamuu Ulaa Hormuz'n guddaa waan dhaban fakkaata.
Biyyoonni Eeshiyaa hedduun Iraan waliin hariiroo gaarii ykn walitti dhiyeenyaa gaarii qabu.
Dhiibbaa Chaayinaa

Madda suuraa, CFOTO / Future Publishing via Getty Images
Chaayinaan biyyoota boba'aa Ulaa Hormuz keessa darbu fayyadamtu keessaa tokkodha. Boba'aa kana keessaa harki guddaan Iraaniin gatii gabaa addunyaatiin gadi ta'een gurgurama. Innis sarara jireenyaa dinagdee murteessaa ta'ee fi qoqqobbii Ameerikaa akka dandamtu Teehraan kan gargaarudha.
Akka fayyadamtuu boba'aa Iraan guddaatti, Beejiing gatiin boba'aa dabaluu ykn daandii doonii irratti addaan cituu umamuu kamiyyuu simachuun ishee hin oolu.
Chaayinaan ulfaatina dippilomaasiishee guutuutti fayyadamuudhaan daandii anniisaa barbaachisaa ta'e kana akka hin cufamneef gochuuf yaaduu dandeessi.
Waayiilli dhaabbata gorsaa anniisaa 'Outlook Advisors' kan ta'an Anaas Alhaajji CNBCtti akka himanitti, Ulaa Hormuz cufuun diinashee caalaa michoota Iraan miidhuu hin oolu jedhan.
''Isaan [Iraanonni] waan dursanii of miidhu hojjechuu hin barbaadan,'' jedhan.

Madda suuraa, Chip Hires via Getty Images
Daandiiwwan filannoo uggura ulaa kanaa ittisuu danda'u jiraa?
Balaan itti fufiinsaan cufamuu Ulaa Hormuz kanaa waggoota darban keessa biyyoonni boba'aa al-ergii naannoo Galoo Galaanaa daandii al-ergii filannoo akka qopheessan kakaaseera.
Akka gabaasa EIAtti, Sa'udiin ujummoo ishee Baha–Lixaa, sarara dheerina km 1,200 qabuu fi guyyaatti jikita boba'aa hanga barmeela miliyoona 5 geejjibsiisuu danda'u hojiirra oolchiteetti.
Bara 2019tti Sa'uudii Arabiyaan yeroodhaaf ujummoo gaazii uumamaa jikita boba'aa geessuuf irra deebitee hojiirra oolchiteetti.
Yunaayitid Arab Emireets ammoo dirree boba'aa biyya keessaa ishee kan buufata doonii Fujaayiraa Galoo Galaana Omaan irratti argamu, karaa ujummoo guyyaatti boba'aa barmeela miiliyoona 1.5 dabarsuu danda'uun wal qunnamsiisteetti.
Ji'a Adooleessaa bara 2021 keessa, Iraan ujummoo Goreh–Jask kan jikita boba'aa gara Galoo Galaana Omaan geessuuf yaadame eebbifte.
Ujummoon kun yeroo ammaatti guyyaan naannoo barmeela kuma 350 fe'uu danda'a. Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, Iraan garuu hanga ammaatti akka itti hin fayyadamane mul'isu.
Daandiiwwan filannoo kunneen walumaa galatti guyyaatti boba'aa naannoo barmeela miiliyoona 3.5 qabachuu danda'u. Kunis, tilmaamaan jikinni boba'aa %15 yeroo ammaa karaa Ulaa kanaatiin ergama.












