Waraanni Israa'el xiqqaafi hammayyaa'aan Iraan guddittiin lolu hanga ammaa maal galmaan geesse?

Jeettii

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni Iraaniifi Israa'el irra keessa yoo ilaalame waan wal gitu hin fakkaatu. Biyyi uummata miiliyoona sagalii biyya guddoo Baha Gidduugalaa uummata miiliyoona 88 qabdutti bu'aa jirti.

Tahus humni waraanaa Israa'el akkaan wal-xaxaa fi jabaa tahe irra jireessaan meeshaa waraanaa Ameerikaan deeggaramuun diina guddaa jedhu akka irra aanu isa dandeessisaa jira.

Waraana Baha Gidduugalaa kanaan BBC'n madaala waraanaa biyyoota lameenii ilaaleera.

Israa'el hamma yoonaa maal fiixaan baaste?

Israa'el daangaa qilleensaa Teehraan to'annoo jala oolfachuu himteetti. Kanaan qilleensa irrattii wal caalmaa guddaatu mul'ate. Jeettiiwwan Iraan mallattoo tokkoyyuu kan hin agarsiisne yoo tahu inumaa of dhoksaniiru.

Jeettiiwwan Israa'el Ameerikaatti hojjetaman ol ka'insa dhihoo irraa itti dhukaafamuu otoo hin sodaatiin Iraanitti boombii buusaa turan.

Humni ittisa qilleensaa Iraan yaaddessaa ture haleellaa Iraan Onkololeessa keessa raawwatteen barbadaa'eera. Sirni misaayeelaa Iraan S300 jedhamus meeshaa waraanaa halaalarraa itti haleelamuun manca'e.

Yeroo ammaa kana humni Israa'el raadaariiwwaniifi laawunchariiwwan lafa jiran irratti qiyyaafateera.

Haleellaan kuni osoo hin jalqabiin dura Israa'el Iraan keessatti oppireeshinii basaasaa kaa'uun deebii Iraan kennitu fashaleessuuf qophaa'aa turte.

Basaastonni Moosaad diroonii seeraan biyyattii galchuun sirni ittisa qilleensaa Iraan akka irratti qiyyaafatamu godhaniiru.

Kana malees Israa'el hogganoota olaanaa Iraan waan balleessiteef kunis deebii Iraan kennitu akkaan xiqqeessuu mala.

Iraan ammallee deebistee haleeluu dandeessii?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el haleellaa jalqabuun dura Ameerikaan Iraan '' Baha Gidduugalaa keessatti misaayela baalastikii isa guddaa qabdi,'' jetteenii ture.

Lakkoofsaanis 2,000 hanga 3,000 gaha. Misaayelota kunneen keessaa muraasni akkasumas warshaaleen meeshaalee waraanaa kana oomishan Israa'eliin haleelamaniiru.

Kana malees Humni Waraanaa Israa'el, tokko sadaffaan laawuncharii Iraan lafarraa galaanatti ykn galaanarraa lafatti haleelu barbadaa'era jedhe.

Haa tahu malee Teehraan ammallee misaayela wal-jalaan Israa'elitti darbachaa jirti, gariin misaayelota kanaa ittisa qilleensaa Israa'el wal-xaxaa tahe keessa bahanii haleellaa raawwataniiru.

Israa'el laawunchariiwwaan Iraan tokko sadaffaa mancaaseera jettus, sagantaan misaayelaa Iraan akka durii jiraachuu baatus guutummaatti garuun hin barbadoofne kanaaf ammallee Israa'eliif kallattiin yaaddoo irra buusa.

Otuma Israa'eliin haleelamtuu Iraan ammallee misaayelota ittisa qilleensaa fageenya gabaabaa qabdi.

Xiinxalaan dhimma ittisa waraanaa Jastiin Biroonk Israa'el yeroo ammaa qilleensa Iraan irratti olaantummaa akka qabdu himtus daangaa qilleensaa Iraan garuu guutummaan hin to'anne, misaayelotaa fageenya gabaabaa Iraaniin ammallee yaadda'uunshee hin hafu jedhe.

Meeshaa waraanaa Iraan

Madda suuraa, EPA

Iraan michoota qabdi? Maal godhuuf?

Iraan waggootaaf Hamaas Gaazaa keessa jiruufi Hezboollaa Libaanos keessa gorsa waraanaa, meeshaa waraanaafi teeknolojiidhaan deeggaraa turte.

Haa tahu malee humnoonni kunneen tarkaanfii Isaraa'el waggoota lamaan darbaniif fudhataa turteen dadhabanii jiru.

Hamaas Gaazaa keessatti laamsha'eera, Hezboollaan akkaan dadhabuurraan kan ka'e abbaan mindaasaa Iraan yoo Israa'eliin haleelamtu deeggaruullee hin dandeenye.

Gareen hidhataa Huutii Yaman irraa takka takka Israa'elitti misaayela darbachaa ture.

Jalqaba waggaa kanaan Ameerikaan boombii irratti roobsitus jalaa hafuun dirooniiwwan US misaayela fageenya gabaabaan gad buusaa ture.

Biyyoota kaan hirmaachaa jiru?

Gareen hidhataa Iraaq keessa jiruufi Iraaniin deeggaramu buufataalee waraanaa biyyoota lixaa naannicha keessa jiru irratti qiyyaafateera.

Yeroo ammaa kana loltoonni UK 100 tahan waraana Ameerikaa wajjin Baagidaad keessatti buufata waraanaa qabu.

Eegumsa isaaniif jechas Ministirri Mummee Biriiteen Sar Keer Istaamar jeetiiwwan RAF Typhoon gara Qophiroositti erganiiru.

Humnooti galaanaa Ameerikaa fi UK Baahireen keessa jiru. Waraanni kuni jabaannaan humnoota biyyoota lixaaf yaaddoo tahuunsaa hin hafu.

Iraan hulaa mummee addunyaa Istreet oof Hoormuuz dandeettii cufuu fi mancaasuu qabdi.

Teehraaniif yeroo ammaa waraana kana jabeessuu dhiisuun murtoo abashaalummaa tahuu mala, garuu gochuu dandeessi.

Israa'el kaayyooshee galmaan gahuu dandeessii?

Israa'el irra aanaa jirti garuu duulli waraanaa itti fufnaan garuu ammallee Ameerikaan deeggaramuu qabdi.

Waggaa waaggaan deeggarsa waraanaa doolaara biiliyoona hedduun lakkaa'amu US irraa argatti.

Iraan sagantaa niwukilaaraa lafa jalaa qabdu Israa'el boombiiwwan Ameerikaa irraa argamaniin haleelte.

Tiraamp hamma yoonaa haleellaa sagantaa niwukilaaraa kana deeggaraa kan jiran tahullee, hogganaa olaanaa Iraan Alii Kaameenii ajjeesuuf isa karoorsite garuu mormaniiru.

Ameerikaan meeshaa waraanaa sagantaa niwukilaaraa lafa jalaa barbadeessu kan danda'u boombii Ordnance Penetrator boombii kg 13,600 ulfaatu akka Israa'el fayyadamtu hin eeyyamne.

Deeggarsa waraanaa Ameerikaa otooma qabduullee Israa'el waan milkeessuu dandeessu daangeeffamaa dha.

Haleellaan qilleensarraa sagantaa niwukilaaraa Iraan dadhabsiisuu danda'a garuu dhabamsiisuu hin danda'u.

Duulli waraanaa qilleensarraa sodaafi jeequmsa uumuu danda'a. Garuu Liibiyaa bara 2011 akka taate yaadaa, haleellaan Israa'el Gaazaa irratti taasiftus injifannoo kana jedhamu waan fide hin qabu.