Buufataaleen nukilaraa Iraan meeqatu haleelaman? Eessafaatti argamu?

Buufataalee nukilaraa Iraan

Madda suuraa, Maxar / BBC

Suuraaleen saatalaayitii sagantaa BBC verify jedhamuuf qoodame, buufataalee nukilaraa Iraan lameen fi buufataalee waraanaa haleellaa Israa'eliin miidhaman agarsiisan.

Suuraleen qaamolee suuraa saatalaayitii kaasan lamarraa argaman buufataaleen nukilaraa Natanz akkasumas iddoon handhuura misaa'elaa kibba Tabriz guddoo miidhamuu agarsiisu.

Magaalaan Tabriz haleellaa jalqaba, Jimaata, Israa'el Iraan irratti raawwatteen haleelame.

Suuraaleen kaan buufataaleen misaa'elaa biyyattii bebbeekamoon haleelamuu mul'isaniiru.

Israa'el ammallee iddoowwan ijoo ta'an irratti qiyyafattee Iraan haleeluu cimsiteetti. Kun ammoo Iraan cimsitee akka haaloo baatu taasiseera. Kanaan muddamni biyyoota lameen gidduutti hammaate.

Buufataalee nukilaraa Iraan

Jaarmiyaan teeknooloojii Maxar jedhamu kan suuraalee saatalaayitii kunneen kaase miidhaa buufataalee nukilaraa Natanz fi Isfahan keessatti argaman irra ga'e qulqulleessee agarsiiseera.

Akka suuraalee saatalaayitii jaarmiyaa kanaatti buufata Natanz keessatti kutaaleen oomisha boba'aa fi buufati anniisaa maddisiisu miidhameera.

Buufata nukilaraa guddicha kana keessaa kutaaleen kunneen miidhamuu xiinxalee kan adda baase Inistitiyuutii qorannoo Saayinsii fi Nageenya Idiladdunyaa (ISIS) jedhamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiinxalli kun kan duraan suuraa raadaariin agarsiifame hordofee kenname, wal deeggaras.

Jimaata darbe hoogganaan Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa Raafaa'el Giroosii akkas jechuun Mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himanii turan.

''Bakki Iraan yuraaniyemii itti gabbisaa jirtu kan lafa irraa barbadaa'eera. Bakka manca'e kanatti Iraan yuraaniyemii niwukilaraaf barbaachisu, U-235, bira ga'uuf dhibbeentaa 60 gabbisteetti.''

Buufataalee anniisaa nukilaraafis ta'e meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf yuraaniyemiin sadarkaa U-235 jedhamu kanatti gabbachuun dirqama.

Haleellaa booda suuraan mirkanaa'e bakka kanarraa wayita aarri samiitti ol ka'u agarsiisa.

Jaarmiyaa Royal United Services Institute (RUSI) jedhamurraa BBC Verify'tti kan dubbate Jastin Biroonk, waliigalatti, dhohiinsa mudate yoo ilaallu ''boombiin humna cimaa qabu dhoosee seenuu hubanna. Tarii gosa GBU-31(V)3 ykn ammoo kanarra baayyee balaafamaa kan ta'e GBU-28 kan jedhaman,'' jedhe.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarra qoodame aarri hedduun buufa kanarraa samiitti wayita ol ka'u mul'isa

Madda suuraa, Telegram

Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarra qoodame aarri hedduun buufa kanarraa samiitti wayita ol ka'u mul'isa

Meeshaalee waraanaa dahannoo lafa jala dhoosuun haleellaa qaqqabsiisan kunneen duraan Israa'el Gaazaa fi Libaanon keessatti fayyadamteetti.

Caasaalee lafa jalaa gareen hidhattootaa qopheeffatan boombiiwwan kunneeniin diigaa turte.

Haata'u ''caasaaleen nukilaraa lafa jiran haleelamuu wanti mul'isu hin jiru,'' jedhan Aab Giroosiin.

Lafa jala bakka ijoo yuraaniyemiin itti gabbifamaa jiruu fi bakka haadhoo nukilaraa ta'erratti haleellaan kallattiin raawwatamuu mallattoon agarsiisu hin jiru jedhan.

Sambata darbe IAEA buufata Isfahan keessatti gamoowwan ijoo ta'an afur barbadaa'uu ibsee ture.

Yuraaniyemiin gabbatatanii fi buufataaleen anniisaa nukilaraa as keessatti argamu.

Xiinxalli BBC Verify suuraalee saatalaayitii Maxar irraa argate irratti taasise yoo xiqqaate buufata Isfahan keessaa iddoowwan lama haleelamuu mirkaneesseera.

Iddoowwan ijoon buufatichaa tuttuqamuus agarsiiseera.

Suuraa saatalaayitii buufataalee nukilaraa haleelaman agarsiisu

Jaarmiyaan dhimma nukilaraa hordofu- IAEA ''carallaan nukilaraa iddoo buufataalee Natanz fi Isfahan alatti ba'ee mul'ate ykn yaaddoo gama kanaan jiru,'' akka hin daballe ibseera.

Maxar iddoo buufataalee nukilaraa ijoo Iraan lama biroo irraas suuraalee saatalaayitii dhiheesseera.

Suuraalee buufataalee Arak fi Fordow irraa fudhataman kunneen irraa akka hubatamutti miidhaa guddaan hin qaqqabne.

Miidiyaan Iraan buufataaleen kunneen xiyyeeffannaa haleellaa Israa'el akka turan gabaasan, humni ittisaa Israa'el ammoo kana haaleera.

Buufataalee misaa'elaa/Raadaaii

Suuraalee fi xiinxalli gaafa Jimaataa jaarmiyaa Umbra Space jedhamurraa argaman magaalaa kaaba lixa Iraan, Tabriz keessatti buufataaleen misaa'elaa ijoon haleelamuu mul'isan.

Kuusaan meeshaalee waraanaa, iddoon misaa'eloonni dhokfaman fi gamoowwan mankuusaa meeshaalee waraanaa ta'an hedduun kanneen haleelamanidha.

Miidhaa dirree nilulaaraa irra qaqabe

Naannawa Kermanshah jedhamu keessatti suuraan qulqullina hin qabnee fi jaarmiyaa Planet Labs jedhamurraa argame buufata misaa'elaatti haleellaa guddaan mudachuu fi gamoowwan lama manca'uu mul'isa.

Suuraaleen BBCn mirkaneesse Jimaata darbe aarri buufata haleelame kanarraa samiitti olka'uu mul'isa.

Bakkeewwan mallattoonni b=gubachuu cimaan itti mulatu

Maxar suuraa buufati misaa'elaa handaara magaalaa Tehraan Ghadir jedhamu haleelamii agarsiisu gadhiiseera.

Buufati kun kan jaarmiyaa warraaqsa Islaamaa Iraan- Islamic Revolutionary Guard Corps (IRGC) jedhamuuti.

Lixa Azarbajaan keessatti handhuurri raadaarii IRGC kan Piranshahr keessatti argamus manca'uu agarsiiseera.

Buufataaleen Iraan meeshaalee nukilaraa fi oomisha nukilaraaf oolan eessatti argamu?

Wayita Israa'el Waxabajji 13, 2025 guyyaa Jimaataa Iraan haleeluu eegaltu buufati nukilaraa ni haleelama yaaddoon jedhu tureera.

Haleellaa Israa'el booda viidiyoo BBCn argate iddoowwan gabbisa nukilaraa ta'an shan miidhamuu agarsiisu.

Hedduunsaanii magaalaa guddoo Iraan, Tehraan keessatti kanneen argamaniidha. Kaan Natanz.

Bakki kun kibba Tehraanitti argama. Bakka yuraaniyemiin itti gabbifamaa jiruudha.

Buufataaleen Natanz fi Arak jedhaman xiyyeeffannoo haleellaa Israa'el ta'uu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

Iraan sagantaan nukilaraa ishee faayidaa uummataaf ta'uu irra deddeebiin ibsiti.

Qaamni dhimma nukilaraa hordofu IAEA jedhamu garuu kana amanee hin fudhanne.

Buufata Natanz

Buufata Natanz

Buufati Natanz buufata guddicha yuraaniyemii nukilara oomishuuf gargaaru itti gabbisanidha.

Dubbi himaan waraana Israa'el Efi Dufferin Waxabajjii 13, 2025 Israa'el iddoo kana miidhuu ibsanii turan.

IAEA buufati Natanz xiyyeeffannaa haleellaa Israa'el akka ta'e ibse.

Iddoon kun kutaa lama qaba: gabbisa nukilaraa yaaliif taasifamu (PFED) fi gabbisa nukilaraa qabatamaan taasifamu ykn isa ijoo (FEP) jechuudha.

Iddoon kun balaa itti dhufu qolachuuf jecha lafa jalatti ijaarame.

Manni maree Nageenyaa UN Iraan gabbisa yuraaniyemii bakka kanaa akka dhaabdu akeekkachiisullee buufatichi garuu bara 2007 irraa eegalee hojiisaa ittuma jira.

Iddoon lafa jalaa kun gamoowwan gurguddoo sadi qaba. Meeshaalee gabbisa yuraaniyemiif oolan kuma 50 qabachuu danda'u.

FEP yuraaniyemii rukkinni isaa xiqqaa oomisha. Yuraaniyemii gabbate U-235 harka 3-4 qofa.

Sun anniisaa nukilaraa oomishuuf kan gargaaruudha. Ammoo hanga dhibbeentaa 90 gabbifamuun meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf ooluu danda'a.

Akkaataa waliigaltee bara 2015 irra ga'ameen (JCPOA) Iraan meeshaalee yuraaniyemii gabbisan kan dulloomanii fi gatii guddaa hin baasne 5,-60 qofa, sanuu kan waggaa kan waggaa 10 qofaaf gargaaru, akka dhaabdu waliigaltee turte.

Haata'u malee erga US bara bulchiinsa Pirezidanti Tiraamp (2018) marii sagantaa nukilaraa Iraan eessaa baatee gaabbisi yuraaniyemii biyyattii dabaleera.

Amma dhibbeentaa 60 irraan geesseetti, 90 geenyaan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhatte jechuudha.

Buufata Fordow

Kun buufata lafa jalaa magaalaa Tehraan irraa kallattii kibbaatti kiilomeetira 160 fagaatee naannawa Qom jedhamutti argamudha. Eegumsa cimaa qaba.

Gaara keessatti lafa jalatti ijaaramee jiraachuunsaa bara 2009 barame. Kun yaaddoo sagantaa nukilaraa Iraan irratti ture baayyee dabale.

Buufati kun meeshaalee gurguddoo yuraaniyemii gabbisuuf oolan 3,000 akka qabatutti ijaarame, haleellaa qilleensaa ofirraa qolachuu danda'a.

Bu'uura waliigaltee JCPOA jedhamuun Iraan buufata kana gara gidduugala qorannootti geeddaruun hojii gabbisa yuraaniyemii eegalte waggoota 15f akka adda kuttu ibsitee turte.

Haata'u malee erga US marii kana keessaa baatee Iraan sagantaasheetti deebite. Bara 2021tti gabbisa yuraaniyemii dhibbeentaa 20tti guddisteetti.

Bara 2022 ammoo gabbisa yuraaniyemii buufata Fordow qofa dhibbeentaa 60 irraan geesse.

Buufata Arak- Khandab heavy water reactor jedhamuunis beekama

Buufata nukilaraa Iraan

Buufati Khandab duraan Arak Heavy Water Reactor jedhamaa ture bulchiinsa Markazi magaalaa Khandab keessatti argama.

Jalqaba akka giddugala qorannoo carallaa nukilaraatti eegale. Gidduugalli kun dandeettii piluutooniyem oomishuu qaba. Kun ammoo meeshaalee waraanaa Nukilaraa oomishuuf oola.

Kanaaf giddugalli kun sagantaa nukilaraa Iraan irratti yaaddoo dabaleera.

Akkaataa waliigaltee JCPOAn yoo ilaalamu Iraan giddugala kana cufuu ture.

Yaaddoo oomisha piluutooniyemii hambisuuf jecha giddugalli kun dhabamsiifamee bifa haaraan akka hundaa'u murtaa'ee ture.

Iraan bara 2026 giddugala kana akka hojii eegalchiistu ibsiteetti. Egereen giddugala kanaa sagantaa nukilaraa Iraan keessatti yaaddoo guddaa ta'ee itti fufeera.

Giddugala Teknooloojii Nukilaraa Isfahan

Giddugalli kun iddoo itti yuraaniyemiin gabbate gara anniisaa nukilara oomishuuf gargaarutti geeddaramudha.

Yuraaniyemiin buufataalee Natanz fi Fordow jedhamaniif gargaru- uranium hexafluoride (UF6) jedhamu asitti oomishama.

Carallaawwan (reactors) niwukilaraa oomishuufis ni gargaara. Buufata Bushehr dabalatee jechuudha.

Onkoloolessa 2023 Iraan giddugala qorannoo kanatti damee afraffaa banuuf akka jirtu beeksistee turte.

Buufata nukilaraa Iraan

Madda suuraa, AFP