Ergamni US-Israa'el Ali Kaamenii ajjeesuu ji'ootaaf karoorfamaa ture akkamiin milkaa'e?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Gordon Koreeraa
- Gahee, Xiinxalaa nageenyaa
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Haleellaan Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameenii ajjeese akka eegametti halkan qixxee osoo hin taane ganama keessa raawwate.
Kunis sababa qaba. Ameerikaafi Israa'el odeeffannoo tikaa sa'aatii muraasa dura gurra isaan buute itti dhimma bahuuf waan murteessaniifi.
Ameerikaafi Israa'el ji'ootaaf aangawoonni olaanoo Iraan yerootti wal gahan gaadaa, eegaa turan.
Osoo kanatti jiranii Kaameeniin gaafa Sambataa ganama qe'ee gidduugala magaalaa Tehiraan argamu keessa akka argaman odeeffatan.
Akkasumas qondaalonnii olaanoo waraanaafi tikaa yeroo wal fakkaataatti bakka wal gahan baran.
Ameerikaafi Israa'el ji'ootaaf sochii Hogganaa Olaanaa Iraan gaadaa turan.
Tooftaan isaan itti dhimma bahan iccitiidha garuu bareeffamni Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessan waan akeeke qaba.
''Tikaafi sistamii faana isaanii hordofu ofirraa [Ali Kaameenii] balleessuu hin dandeenye,'' jedhan.
Kuni yookiin nama gurra isaan buusutu jira yookiin immoo karaa teknikaan isaan hordofaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa darbe waraana baatii Adoolessa keessa tureen Israa'el saayintistootaafi qondaalota sagantaa niwukilaraa Iraan waliin hidhata qaban irratti qiyyaafatte.
Yeroos sistamii bilbilaafii teleekomii fayyadamuun sochii namoota barbaaddu akka hordoftu gabaafamee ture.
Kuni yeroo tokko tokko eegdota qondaalota waliin sosso'an faana bu'uu dabalata.
Kuni yeroo keessa jiruufi jireenya isaanii raaguuf gargaara. Yerootti isaan haleeluu mijatuus adda baasa.
Iraan hogganaan olaanaa ishee diinotaan akka gaadaman beekti.
Wanta nageenya isaaniif yaaddoo ta'an dursanii furuu dhabuun nageenyaafi tika Iraaniif hamaa akka ta'us hin wallaalle.
Kanaan achi Ameerikaafi Israa'el cimanii karaa biiraan akka faana isaanii dhahan karra banaaf.
Kanarraa ka'uun warri Iraan haleellaan guyyaa keessa ni raawwata jedhanii hin tilmaamne ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barruun Niiw Yoork Taayimis akka jedhetti Ali Kaameniin Sambata ganama akka wal gahiirra argaman odeeffannoon Dhaabbata Basaasaa US (CIA) gurra buute.
Ta'us, oduun suni gara Israa'el akka ergamu ta'ee Israa'el haleellaa raawwatte.
Wanti amma jiru Israa'el qiyyaafannoo qondaalota waraanaa akka haleeltu, US immoo qiyyaafannoo maandheefi meeshaa waraanaa Iraan akka haleeltu waan hojii wal qoodan fakkaata.
Odeeffannoon Israa'eel argatte sochii hogganaa olaanaa fi qondaalota olaanoo biroo ifa godhe.
Kanatti Israa'el erga odeeffannoo kana argatte booda jeettii waraanaa misaa'ela fageenya dheeraa dhukaasaniin haleeluuf qophoofte.
Carraa kanatti fayyadamuun wanti yaadame haleellaa tokko qofa raawwachuu osoo hin taane jalqabbii duula guddaa akka ta'udha.
Jeettiiwwan Israa'el Tehiraan gahuuf sa'aatii lama itti fudhachuu mala. Garuu, fageenya hangamirraa akka dhukaasan ifa miti.
Jeettiiwwan Israa'el bombii 30 fayyadamuun dallaa Ali Kaameniin keessa jiran ganama naannawa 3:40'tti haleelan.
Sababni kanaa tarii hogganaan olaanaa nageenya isaaniif kutaa lafa jalaa dallaa keessa jiru fayyadamu jedhameeti.
Waan qiyyaafatame haleeluuf meeshaan danuu barbaachiseera ta'a.
Bakkeewwan biroo magaalaa guddoo Iraan, Tehiraan keessa jiran kanneen akka waajjira pirezidantii Masuud Pezeshikaanis haleelamaniiru.
Boodarra pirezidantiin Iraan nagaan qaba jechuun ibsa baasaniiru.
Iraan qondaalonni waraanaa olaanoo sadii ajjeefamuu mirkaneessiteetti.
Kunneenis Barreessaa Mana Maree Nageenyaa Ali Shamkani, Ministira Ittisaa Birgaader Jeneraal Aziz Naasirzaadeh fi Ajajaa Egdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan Jeneeraal Mohaammad Paakpur.
Yeroo jeettiin Iraan haleelu bakki Tiraamp jiran Filoridaa hin bariinee - halkan qixxeedha.
Hogganaan Olaanaa Iraan ajjeefamuu isaanii mirkaneessuun sa'aatii muraasa fudhata.
Iraan garuu haleellaa akkanaaf qophoofteetti.
Yoo Ali Kaameeniin ajjeefaman qofa osoo hin taane qondaalonni olaanoo biroo yoo ajjeefaman nama bakka isaanii bu'u qopheessiteetti.
Kana jechuun Ali Kaameniin ajjeefamuun waraana adeemaa jiruf maal jechuudha kan jedhu ifa miti jechuudha.












