Iraan diroonidhaan Azarbaajaan haleelte

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa diroonii Iraan Azarbaajaan irratti gaggeessiteen namoonni lama miidhamuu Ministeerri dhimma alaa biyyattii beeksise.
Haleellaan diroonii kun buufata xayyaaraafi naannoo manni baruumsaa jirutti kan raawwate ta'uu mootummaan Azarbaajaan beeksise.
"Dirooniin tokko buufata xayyaaraa Bulchiinsa Naakchivaan keessatti argamu haleele, dirooniin biraa ammoo naannoo manni baruumsaa jirutti kufe," jechuun ibse ministeerri dhimma alaa Azarbaajaan.
Haleellaa diroonii buufata xayyaaraa irratti gaggeeffameen gamoowwaniifi nama lamarra miidhaan qaqqabuus beeksise.
Iraan haleellaa diroonii biyya ollaasheerratti raawwachuurraa kan ka'e, Azarbaajaan ambasaaddarri Iraan deebii akka kennuuf hatattamaan waamtetti.
Waraana US-Israa'el fi Iraan kanaan haleellaan Tehraan biyyoota Baha Giddugalaafi Israa'eliin ala biyya ollaashee kan taate Azarbaajaan haleeluunshee kun kan jalqabaati.










