Aangawaan olaanaa Iraan Israa'el ajjeesuuf dhaadattu, Ayaatolaah Ali Kameenii, eenyu?

Ayatolaah Alii Kameenii

Madda suuraa, EPA

Ayatolaah Alii Kameenii gaggeessaa hafuuraa [amantaa] Iraan yoo ta'an, biyyattii keessatti aangoo hundaa ol ta'e qabu.

Biyyattii keessatti dhimmoota mootummaa ilaallatan hundarratti murtee dhumaa namni kennu Ayatolaah Alii Kameeniidha.

Dursaan amantaa umuriin isaanii waggaa 85 ta'e kun abbaafi hundeessaa Rippablika Iraan Ayaatolaah Ruhollaa Komeenii du'uu hordofee ture bara 1989 kan gara hogganaa olaanaa ta'an.

Yeroo sanarraa kaasee, siyaasa Iraaniifi humnoota hidhatan irratti olaantummaa qabachuun sirna bulchiinsaafi aangoo biyyattii kamiiniyyu ol ta'anii jiraatu.

Ayatolaah Kameenii waldhabdee Ameerikaa waliin deemaa jiru dabalatee dhimmoota alaa irrattis yeroo hunda ejjennoo cimaa fudhachaa tureera.

Bara 1939 magaalaa kaaba bahaa Mashhaad keessatti kan dhalate, ilma hayyuu amantii kan ta'e Alii Kameenii, gara magaalaa qulqulluu Shi'aa Qoom osoo hin deemin dura magaalaa dhaloota isaatti seminaarii keessatti barate.

Bara 1962 sochii mormitoota amantii Ayaatolaah Komeenii Shah Mohammad Reezaa Pahlavii irratti hirmaate.

Dargaggummaasaatti Alii Kameenii duuka buutuu Komeenii of kenne ta'e. Akka seenaa dhuunfaa isaatti wanti inni har'a hojjeteefi amanu hundi mul'ata Komeenii Islaamummaa irraa kan maddedha.

Alii Kameenii mormii shaah irratti gaggeeffamerratti dammaqinaan kan hirmaate yoo ta'u, yeroo hedduus hidhameera.

Bara 1979 Warraaqsa Islaamaa booda Alii Khaameeniin Mana Maree Warraaqsaa mootummaa yeroo waliin bulchaa ture keessatti tajaajilaa ture.

Itti aansuunis itti aanaa ministeera ittisaa ta'uun dhaabbilee humna guddaa qaban Iraan keessaa tokko ta'e Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) qindeessuuf gargaareera.

Ayaatolaah Alii Kameenii bara 1981 hanga 1989tti pirezidantii Iraan ta'uun tajaajileera.

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waxabajji bara 1981 haleellaa boombii masjiida Tehraan irratti raawwatame kan gareen finciltootaa ittiin himatame akka malee miidhame. Taateen kun harka mirgaa isaa akka laamsha'u taasiseera.

Ji'a lama booda gareen finciltootaa walfakkaataan kun Pirezidaantii Iraan, Mohammad-Alii Rajaai ajjeese.

Alii Kameenii Rajaa'i bakka bu'ee kan filatame yoo ta'u, gahee yeroo sanaa baay'inaan sirna ta'e waggoota saddeetiif kan ture yoo ta'u, yeroo baayyee muummicha ministeeraa yeroo sanaa Miir Hosseen Musaavii kan sirna Iraan irratti haaromsa garmalee jaallatu jedhee yaadu waliin wal dhabe.

Erga Komeeniin Waxabajji 1989 du'ee booda Yaa'iin Ogeessotaa (mana maree abbootii amantaa) Alii Kameenii abbootii amantaa Shi'aa keessaa sadarkaa barbaadamu kan heerri mootummaa kaa'e - marja-e taqlid (madda fakkeenyaa) ykn Grand Ayatollah - argachuu baatus, Hogganaa Olaanaa haaraa akka ta'uuf filate.

Haala jiru sirreessuuf heerri mootummaa fooyya'ee Hogganaan Olaanaa "hayyummaa Islaamaa" agarsiisuu qaba, kunis Alii Kameenii akka filatamu dandeessiseera.

Akkasumas, halkan tokkotti sadarkaa barreessaa Hojjat al-Islam irraa gara Ayatolaah'tti ol guddate.

Heerri mootummaa Iraanis jijjiiramee aangoo muummicha ministeeraa haquun aangoo guddaa pirezidaantummaaf akka kennuuf taasifameera.

Ayaatolaah Kameenii anga'oota duraanii Iraan waliin

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantonni afran ergasii Ayaatolaah Kameenii jalatti tajaajilaa turan tokkoon tokkoon isaanii Rippabiliika Islaamaa osoo hin xiqqeessiin aangoo isaarratti qormaata uumanii ture.

Mohammad Kataamii, nama haaromsaa, bara 1997 fi 2005 gidduutti aangoorra osoo jiruu, warra dhihaa waliin ta'uun bilisummaa hawaasummaa fi siyaasaa Iraan keessatti fiduu yaale ture.

Garuu hogganaan olaanaa kuniifi michoonni isaa haaromsa isaa hedduu ugguran.

Bakka bu'aan Mohaammed Kataamii kan konsarvaatiiviirraa ta'e Mahmuud Ahmadinejad, namoota tokko tokko biratti akka eegduu Ayaatolaah Kameenii ta'etti ilaalama ture.

Garuu mootummaan isaanii bulchiinsa dinagdee fi murtii imaammata alaa irratti qeeqa dabalaa dhufe kan isa mudate yoo ta'u, sana booda aangoo ofii gudhisuuf yaaluun isaa erga himamee booda hogganaa olaanaa waliin wal dhabaniiru.

Ahmadinejad bara 2009 irra deebiin filatamuun isaaniis mormii guddaa erga warraaqsa kanaa booda Iraan keessatti kaase. Hogganaan olaanaa kun bu'aan kun seera qabeessa ta'uu cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, mormitoota baayyee ajjeefamaniifi kumaatamaan lakkaa'aman hidhaman irratti tarkaanfiin guddaan akka fudhatamu ajaje.

Hasan Ruhaanii, nama giddu galeessa ta'eefi bara 2013 aangoo qabate yoo ta'u, eebba Ayaatolaah Kameeniin humnoota addunyaa waliin waliigaltee niwukilaraa adda ta'e irratti mari'ataniiru. Garuu hogganaan olaanaa kun tattaaffii pirezidaantichi bilisummaa siiviilii babal'isuu fi dinagdee sirreessuuf taasisaa ture mormaniiru.

Rakkoo dinagdee lammiilee Iraan idilee hedduurra gahe salphisuu dhabuun isaanii, kan Ameerikaan bara 2018 waliigaltee niwukilaraa dhiistee qoqqobbii Iraanirra kaa'e deebiftee booda haalaan hammaatee Sadaasa bara 2019 mormii ummataa kaase.

Mormii kanarratti namoonni "duuti abbaa irreetiif" jedhanii dhageessisan dhaga'ameera - dhaanannoo kunis hogganaa olaanaa kana kan ilaallatu ture.

Jeequmsi kun humnoota nageenyaatiin tarkaanfii dhiigaan guutame akka fudhatan taasiseera. Amninistii Internaashinaal akka jedhetti, namoonni 304 ol kan ajjeefaman yoo ta'u, gabaasni dhaabbata oduu Rooyitars lakkoofsi namoota du'anii 1,500 akka ta'e ibseera. Angawoonni Iraan garuu lakkoofsa lamaan kuffisaniiru.

Qondaalli tokko gabaasa Ayaatolaah Kameenii humnoonni nageenyaa fi mootummaan "isaan dhaabuuf waan barbaachisu hunda akka godhan" ajaje jedhus haaleera.

Ayaatolaah Kameenii dhimma alaa Iraan hunda irrattis yaada dhumaa nama kennudha.

Hariiroo biyyoota Lixaa, keessumaa Ameerikaa waliin qabu yeroo hunda ija shakkiin ilaala.

Bara 1981 yeroo pirezidaantii turetti, "warra yaada liberaalizimiif of kennoo ta'aniifi warra yaada Ameerikaa fudhatan" akka dhabamsiisu dhaadachuun ni yaadatama.

Waliigaltee niwukilaraa bara 2015 kana hin mormine, garuu Ameerikaan amananii mari'achuu isaanii Prezidaant Ruhaaniin qeeqaniiru.

Doonaald Tiraamp bara 2018 waliigaltee kana dhiisanii qoqqobbii irra deebi'anii kaa'uuf erga murteessanii booda, Ayaatoolaan kana ''dogongora hojjete'' jechuun pirezidaantii Ameerikaatti himeera. Yaada kenneenis: "Guyyaa jalqabaarraa kaasee akkas jedheen ture: Ameerikaa hin amaninaa."

US Waxabajji bara 2020 haleellaa diroonii Iraaq keessatti raawwateen jeneraal Iraan humna guddaa qabu Qaasem Solemaanii - michuu dhiyoo fi hiriyyaa dhuunfaasaa yeroo ajjeestetti Ayaatolaah Kameenii ''haaloo akka ba'an" ' waadaa galee ture.

Haleellaa misaa'ela balistikii haaloo ba'uuf Iraan buufataalee Iraaq lama humnoota Ameerikaa keessummeessan irratti raawwatte Ameerikaaf ''fuula keessa kabaluudha'' jedheera. Ta'us garuu "tarkaanfiin waraanaa akkanaa gahaa miti" jechuun cimsee dubbatee ture.

"Wanti barbaachisaa ta'e, Ameerikaan naannicha keessatti malaammaltummaadhaan jiraachuushee xumuruudha," jechuun labseera.

Hogganaan olaanaa kun Mootummaan Israa'el akka dhabamsiifamus irra deddeebiin gaafachaa tureera.

Bara 2018 biyyattiin ''xannacha kaansarii'' naannicha keessaa baafamuu qabdu jechuun ibseera.

Holocaust [duguuggaa sanyii warra Yuhudootaarratti raawwatame] uumamuu fi dhiisuu isaas ifatti gaaffii kaaseera. Bara 2014tti, tiwiitara isaa wabeeffachuun akkas jedhamee ture: "Holocaust taatee dhugaan isaa mirkanaa'aa hin taanee fi yoo ta'e akkamitti akka ta'e mirkanaa'aa miti."

Olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Kameenii

Madda suuraa, Anadolu Agency

Odeeffannoon dhiheenya keessa haala fayyaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Kaameen irratti bahaa jirani, gaaffii osoo isaan sababii dhukkubaatiin ykn boqachuun biyya hogganuu dadhabanii, eenyutu isaan dhaalala laata jedhu kaasaa jira.

Maanguddoo umrii waggaa 86 guutuuf jiru kun biyyatti keessatti abbaa aangoo siyaasaa olaanaa biyya baha giddu-galeessaa kan ta'an kana namni dhaalu Iraan, naannichaafi addunyaa hundaaf dhimma murteessaadha.

Iraan keessatti Hogganaa Olaanaa aangoo jabaa isa dhumaa qabu.

Dhimmoota murteessoo ta'an irrattiifi imaammatawwan sirreessuu akkasumas addunyaa biraa waliin walitti dhufeenya jiruurratti murtee isa dhumaa kan dabarsaniidha.

Iraan biyyoota addunyaa keessaa biyya Shii'aa cimtu fi bara oggansa Alii Kaameeneetti biyya olaantummaa ishee Jidduugala Bahaa keessatti babalifachuuf yaalaa turteedha.

Du'atiin hogganaa kanaas adeemsa seenaa naannichaa irratti jijjirama fiduu qofa osoo hintaane, kan addunyaa maratti dhagahamuudha.

Hatakaaroon Iraaniifi Ameerikaa fi Israa'el jidduu, fakeenyaaf, jibbaa dhunfaa Ayaatoolaah Kaameenee biyyota lamaaniif qabanii cimee gara waldhabdee fi tasgabii dahbiinsa baroota dheeraa irra qaqabe.

Haata'u malee, adeemsa dhaala aangoo kanaan eenyumtu aangootti dhufulleen sarara isaanii kan hordofu ta'a.