Israa'el fi Iraan humna waraanaan walgituu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbatni dhimma niikuleeraa hordofu waggaa 20 keessatti yeroo jalqabaaf Iraan gabbisa niikuleeraa irratti qajeelfama kaahame cabsuushee ifa godheera.
Boordii Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idila Addunyaa (IAEA) 35 keessaa biyyootni 20 wixinee tarkaanfiin akka fudhatamu UK, US, Faransaayiifi Jarmaniin dhiyeessaniif sagalee kennaniiru.
Wixinee qophaaye keessatti Iraan sadarkaa gabbisni Yuraaniyeemiishee irra gahe ilaalchisee deebii gahaa kennuurratti irra deddeebiin ''kufteetti'' jedha. Kunis dhimmicha irratti walta'iinsa jiraachuu malu cabsa jedha.
Kuufama yuraaniyemii gabbifamanii kaa'amanirraa yaaddo guddaan jiraachuus hima. Kuufamni kun akkuma anniisaaf oolu, meeshaa waraanaa niikuleeraafis ooluu danda'a.
Iraan gabbisa yuraaniyeemiishee ilaalchisee murtee ejensichi irratti dabarse balaaleffattee murtichi dantaa siyaasaa akka qabuufi wiirtuulee gabbisa yuraaniyeemii haaraa akka bantu ibsiteetti.
Iraan irra deddeebiin yuraaniyeemii gabbistee niikular hojjecha kan jirtu anniisaaf malee waraana niikuleeraaf akka hin taane ibsiti.
Israa'el gama isheen Iraan nikuleera hidhatti taanaan wabii jireenyaa isheef yaaddoo guddoo ta'uu amanti. Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu dhimma kana furuuf dippiloomasii caala waraana filannoo akka godhatan amma dura dubbatanii turan.
Ebla bara darbee Iraan dirooniin Israa'el haleelteetti. Sana booda Israa'el haaloo bahuuf qophii jabaa goote. US haleellaan haaloo bahuu kun buufataalee niikuleera Iraan akka hin xiyyeeffanne gorsaa turte.
Kamisa Waxabajjii 12/2025 ammoo Israa'eel buufataalee nikuleeraa Iraa haleeltee hoogganoota olaanoo ajjeesuun gabaafameera. Kunis muudamma guddaa uumeera.
Biyya kimiitu olaantummaa waraanaa qaba?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC dandeettii biyyoonni lamaan qaban baruudhaaf madden adda adda fayyadameera. Haata’u malee biyyoonni kunneen dandeettii dhokataa kaan caalaa qabaachu akka danda’aman yaadama.
Dhaabbanni qorannoo tarsiimoo addunyaa (International Institute for Strategic Studies (IISS)) dandeettii meeshaa waraanaa Israa’eliifi Iraan qaban tilmaamuudhaaf maddeeniifi malawwan mootummaa garaagaraa akkasumas odeeffannoo eenyumtu hin arganne fayyadamameera.
Dhaabbanni akka Institiyuutii Qorannii Nageenya Addunyaa Istookholm fa’ii, dandeettiin waraanaa biyyoota kanneenii baruudhaaf qorannoo gaggeessaniiru. Haata’u malee odeeffannoo sirrii argachuudhaaf biyyoonni kunneen ragaa waan hin kenniineef garaagarummaan ni mul’ata.
Hojjataa Insititiyutii Qorannoo Nagaa Osloo (PRIO) kan ta’an Niikoolaas Maarsh akka jedhaniitti garuu ragaan dhaabbata qorannoo Tarsimoo Addunyaa, dandeettii waraana biyyoota addunyaa baruudhaaf akka ka’umsaatti fudhatamu ni danda’a.
Dhaabbatichi akka jedhuutti, Israa’el Iraan caalaa ittisaaf maallaqa olaanaa waan ramadduuf walitti bu’iinsa kamuu keessatti cimiinsa olaanaa akka qabaattu dandeessiiseera.

Haala odeeffannoo IISS’tti bara 2022 fi 2023tti, baajanni raayyaa Iraan naannoo doolaara biiliyoona 7.4 kan ture yoo ta’u, kan Israa'el ammo dacha kanaa doolaara biiliyoona 19 ture. Gama diinagdeetiinis oomishini waliigalaa Israa’el kan Iraan dachaadhaan caala.
Olaantummaa teeknolojii

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan IISS akka agarsiisuutti, Israa’el xiyyaaroota waraanaaf qophii ta’an 340 yoo qabaattu, isaaniis qiyyeeffannoo adda baasuun haleellaa raawwachuuf dandeettii qabdi.
Jettiiwwan waraanaa qabdu keessaa xiyyaaroonni fageenyaa dheeraa balalii’udhaan haleellaa raawwatan F-15, xiyyaaroota baayyee ammayyaa’o ta’an F-35 ammoo raadariin ala imalu kan danda’u yoo ta’u, hilikoptaroota saffiisaan haleellaa raawwatanis qabdi.
Iraanis xiyyaroota dandeettii waraanaa qaban 320 ta’an qabdi. Jeettiiwwan bara 1960motaa dabalatee, xiyyaaroota waraanaa F-4, F-5 fi F-14 akka qabdu IISS ibseera.
Niikoolaas Maarshii, Dhaabbanni qorannoo nagaa Osloo irraa ammo, Iraan xiyyaaroota waraanaa moofaa qabdu keessaa meeqasaanii balalii’u akka danda’an baruun rakkiisaadha jedha. Sababiinsaas meeshaalee xiyyaaroota kanneen suphuudhaaf barbaachisan ammatti argachuun rakkiisaa waan ta’eefiidha jedhu.
Sirnawwan ittisa haleellaa misaa’elaa

Madda suuraa, Getty Images
Sirnoota ittisa haleellaa Ayiran Doom fi Arow jedhaman teeknoloojiiwwan Israa’en haleellarraa ittisan isaan ijoodha.
Injinara misaa’elii kan ta’an Uzii Rubiin, hundeessaa dhaabbata Ministira Raayyaa Ittisaa israa’eliin dhaabbate, kan dhaabbata ittisa misaa’elii Israa’el keessatti argamuu turan.
Ammaa ammoo Iyyarusaalam keessatti dhaabbata Tarsimoofi nageenyaa keessatti qorataa olaanaa yoo ta’an, Sambata darbe misaa’elootaafi dirooniiwwan Iraaniin dhukaafaman sirnoonni ittisaa ayiran doom fi michoonni Israa’el fashaleessan wayita ilaalan‘‘nageenyummaatu natti dhagahame’’ jechuun BBCtti himan.
“Ittisiwwan haleellaa miisaa’eloota fashaleessuudhaan hanqina hin qaban…gammachuufi tasgabbiitu natti dhagahame. Sirnootii ittisaa kunneen haleellaawwan miisaa’elii fageenya dhihoos kan fashaleessan yoo ta’an, malli isaan fakkaatu kan gara biraa hin jiru jedha.
Iraan Israa’el irraa hangam fagaatti?
Israa’el Iraan irraa fageenya kiiloomeetira 2,100 ol irratti argamti. Gulaalaan Barruu Defence Eye jedhamu Tiim Riipileey BBCtti akka himeetti, Iraan Israa’el irratti haleellaa raawwachuudhaaf meeshaan ishee guddaan misaa’ela.
Kanaafu Iraan sagantaa ijaarsa misaa’elii gaggeessituun biyyoota Baha Jidduugalaatti argaman keessaa guddichaafi dandeettii garaagaraa kan qabu ta’u himama.
Ajaja waraanaa jidduugala Ameerikaatti Janaraala kan ta’an Keeneeti Maakeenzii bara 2022tti akka dubbataniitti, Iraan miisaa’eloota dhukaafaman ‘‘3,000 ol’’ qabdi.
Haala odeeffannoo CSIS Misael Defence Project baaseetti, Israa’elis miisaa’elootaan ofiisheerra darbuu biyyoota hedduutti gargurtee jirti.

Misaa’elootafi dirooniiwwan Iraan
Iraan erga biyya ollaashee Iraaq waliin bara 1980 irraa kaasuun waraana wagga sadeetiif erga gaggeessiteen booda, ijaarsa misaa’elootaafi diroonii bal’aa gaggeessaa turte.
Kanaanis Iraan misaa’eloota fageenya gabaabaa fi dheeraa imaluu danda’an tolchu dandeessee jirti.
Baayyee isaanitis haleellaa dhiheenya Israa’el irratti raawwatteef itti fayyadamte jirti.
Xinxaltoonni akka jedhanitti, misaa’eloonni Huutiin Yaman Saawud Arabiyaarratti dhukaasan, misaa’eloota Iraan keessatti hojjatamaniidha.
Haleellaa fageenyaarraa 'adabu’
Tiim Riipileey Israa’el Iraan waliin lola waraana lafoo keessa galuuf carraan baayyee gadanaa jedhu. ‘‘Israa’el himni qilleensaa qabduufi meeshaalee waraanaa dhukaafaman hammayyaa qabaachuun gargaareera. Kanaafuu, qiyyeeffannaawwan Iraan keessaa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuuf dandeettii ni qabdi.’’
Itti dabalunis, haleellaawwanqilleensaa Israa’el raawwattuun qiyyeeffannaa mummeen qondaaltoota Iraan ajjeessuufi dhaabbilee boba’aashee barbadeessuu ta’u danda’a jedha.
‘‘Jechi ‘addabbii’ jedhu kan yeroo hunda waraanaa fi dureewwan siyaasaa Israa’el jidduutti faayyidaarra ooluudha. Kunis qaama falaasama isaanii yoo ta’u, kanaanis diinnoon ishee miidhaa olaanaa qaqabsiisuuf osoo harkasaanii Israa’el irratti hin kaasiin dura kaayyoo yeroo lama akka yaadan gochuuf qaba.’’
Haleellaan qilleensaa duraan Israa’el raawwattu qondaaltoota waraanaafi siiviilii olaanoo Iraan ajjeessaniiru.
Dhiheenya kanas haleellaa qonstilaa Iraan Siiriyaa keessarratti raawwatteen qondaaltoota waraanaa baayyee ajjeefte. Israa’el haleellaa sanaaf itti gaafatamummaa fudhachu baattuulleen, Iraan haleellaa haaloo bahu akka raawwattuuf sababii ta’eera.

Madda suuraa, Getty Images
Humna galaanaa
IISS akka jedhuutti, humni galaanaa Iraan baroota lakkoofsiise dooniiwwan 220 kan qabu yoo ta’u, Israa’el ammoo 60 kan ta’an qabdi.
Iraaniifi Israa’el galaanni qooddatan waan hin jirreef karaa humnoota galaanaa isaanitiin waraana keessa galuudhaaf carraansaa gadaanaadha.
Haata’u malee hidhattoonni Huutii Yaman keessaa kanneen Iraaniin deeggarama galoo Galaanaa Edanii fi karaa galaana Diimaatiin dabarsu irratti dooniiwwan Israa’eliifi biyyoota lixaa irratti haleellaa raawwataa jiru.
Haleellaa Saayibarii
Biyyoonni lamaan osoo karaa saayibariitiin wal walii isaaniirratti haleellaa bananii kan caalaa miidhamtu Israa’eliidha.
Iraan Israa’el waliin yoo wal bira madaalchiifamtu, sirna teeknoloojii ittiisaa gadaanaa qabdi. Kanaaf, haleellaan Israa’el irratti raawwatamu cimaa ta’u danda’a.
Kutaan saayibarii biyyaaleessa mootummaa Israa’el haleellaawwan saayibarii dameewwan garaa garaarratti raawwataman haala olaanaadhaan dabalusaanii eeruun, ‘‘tibba waraanaatti walitti dhufeenyi Iraaniifi garee hidhattoota Lebaanos jidduu jiru dabaleera.
Erga Hamaasiifi Isra’el jidduutti waraanni eegalee kaasee, baatii sadii qofaa keessatti haleellaan 3,380 ta’an raawwatamuun gabaafameera.
Gama Iraaniin ammo, Ittigaafatamaan dhaabbata Ittisa Siivilii biyyattii, Birgaadar Janaraal Golaamreezaa Jalaalii akka jedhaniitti, filannoon mama maree Iraan dhiheenyaa gaggeeffamuun baatii tokkoon dura haleellaan saayibarii 200 ta’u fashalaa’eera jedheera.
Muddee darbe haleellaa saayibarii iraan irratti raawwatameen, tajaajilli dhaabbilee raabsaa boba’aa biyyattii guuttuu argaman rakkoon mudatee akka ture ministitti boba’aa biyyatti Jaavaad Owuji dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Yaaddoo Niikulaaraa
Israa’el meeshaa waraanaa nikulaaraa mataashee kan qabdu ta’uutu himama, sadarkaa motummaatti garuu akka hin himamne waan taasifameef hunda biratti shakkiin akka umamu taasisaa turte jirti.
Iraanis meeshaa waraanaa nikulaaraa qabdi jedhamtee himatamtulleen hanga ammaatti raga qabatamaan omaatu hin jiru. Iraan sagantaan nikulaaraa gaggeessaa jirtu kan tajaajila nagaatiif ooluudha jechuun mormiiti.
Israa’eliifi warri Lixaa garuu kana waan hin fudhanneef Iraan guyyaa tokko nikulara hidhattee as baati jechuudhaan yaaddoo qabu.
Teessuma lafaafi baayyina ummataa
Ummata miiliyoona 89 ta’u kan qabdu Iraan, Israa’el waliin wal biratti yoo ilaalamte biyya guddoodha. Ummata miiliyoona 10 kan qabdu Israa’el, harka sagaliin lammii Iraanii gadii qabdi.
Dabalataanis, Iraan miseensota waraana idlee Israa’el qabduu dacha jahaan caalu qabdi.
Kanaanis Iraan loltoota idilee 600,000 yoo qabdu, Israa’el ammo 170,000 ta’usaanii ragaan IISS ni mul’isa.

Madda suuraa, Reuters
Israa’el attamiin Iraan haaloo baatii laata?
Hidhattoonni Iraaniin deeggaramaniif biyyoota ollaa Israa’el keessatti argaman Israa’el irratti haleellaa idilee raawwataa kan jiran yoo ta’u, deebii isaa isaan irratti qiyyeeffachu dandeessi.
Ogeessi waraana Baha Jiddugaleessaa Jeereemii Biine akka amananiitti, ‘‘Israa’el haaloo bahu yoo barbaadde, iddoowwan Libaanos fi Sooriyaa keessa jiran fa’irratti filannoo hedduu qabdi.’’
Haata’u malee yaaddoo waraanni idilee ta’e biyyoota lamaan jidduutti ni ka’a jedhu Beeneen ni shakku. Kanaafis, Iraaniifi Israa’el karaa lafaatiinis ta’e galaanni walitti isaan fidu waan hin jirreef carra fuldura wal waraanuu hin qaban jedhu.
Kanaafuu meeshaalee waraanaa fageenyaa dheeraa deemuufi haleellaa qilleensaa fayyadamuudha filammaan gama lamaaniinu jiru jedha. Kun ammo naannoo qilleensaa biyyoota Iraaniifi Israa’el jidduutti argaman Siiriyaa, Yordaanoos ykn Iraaqi cabsuu gaafata.
Gala Israa’eliin akkuma kana dura raawwattu dhoksaadhaan basaastoora ishee bobbaasuun Iraan keessatti haleellawwan hin eegamne raawwachu haalli itti dandeessu jira.

Madda suuraa, Getty Images
‘Kaardii Iraan’
Ogeessa Baha Jiddugalessaaa kan ta’an Taariiq Suleemaan BBCtti akka himaniitti, walitti bu’insi biyyoota lamaan jidduu jiru ni cima amantaa jedhu hin qaban.
Haata’u malee miseensoonni paarlaamaa waraana iraan irratti raawwatamu deeggaran waan jiraniif MM Beenjaamiin Neetaaniyaahuun irratti dhiibbaa taasisuu danda’u jedhu.
Akkasumas siyaasa jijjiramaa Israa’el keessatti ‘‘yeroo Neetaaniyaahuun dadhabbiin siyaasaa mudateetti kaardii Iraan kaasuu danda’u,’’ jechuun akeekkachiisu.
Waraana harka jalaa
Israa’eliifi Iraan hanga ammaatti waraana kallattii taasisanii beekuu baatan illeen biyyoonni lamaan walitti bu’insa ifa hin baanee gaggeessaa turan.
Kanaanis namoonni Iraan murteessoonni biyyoota gara biraa keessatti ajejeffaman Israa’eliin akka ajjeeffaman irra dedebiin himama. Iraan ammo karaa gareewwan hidhattootaa deeggartuutiin Israa’el irratti haleellaa raawwataa turte.
Gareen siyaasaafi waraanaa Hezbollaa Libaanos keessa ta’un Israa’el irratti waraana Iraan guddicha karaa harka jalaatiin gaggeessaa jira. Iraan Hezbollaa akka deeggartu yeroo tokkolleen haaltee hin beektu.
Deeggarsi Hamaas Gaazaatti argamuuf taasiftuus wal fakkaataadha. Onkololeessa 7, 2023 Israa’el irratti haleellaa raawwateen Israa’el waliin waraanaa keessa kan gale hamaas waggootaaf Gaazaa keessaa Israa’el irratti rookeettiiwwan dhukaasaa ture.
Israa’eliifi biyyoonni lixaa Iraan Hamaasiif meeshaa waraanaa, rasaasaa fi leenjii akka kenniituuf amanu.
Hidhattoonni Huutii Yamaniitti argamanis gareewwan Iraaniin deggaraman gara biraati. Saawud Arabiyaanis misaa’eloonni Huutiidhaan dhukaafaman kan Iraaniin hojjatamaniidha jetti.
Kana malees, gareewwan Iraaniin deeggaraman Iraaqiifi Siiriyaa keessatti aangoo olaanaa qabu. Iraan mootummaa Siiriyaan kan deeggartu yoo ta’u, haleellawwan Israa’el irratti raawwatamuuf bulchiinsi Siiriyaa faayyiidaarra akka ooluu himama.












