Iraan maaliif walitti bu’iinsa baayyee keessatti hirmaatti?

Namoota alaabaa Iraan biratti harka dhaadannoo agarsiisan

Madda suuraa, Getty Images

Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti humnoota diinotashee waliin wal-lolan deeggaruu keessatti seenaa dheeraa qabdi. Garuu garee Iraan deeggartu kunneen eenyufaadha, Iraan maal barbaaddee isaan deeggarti?

Waraanni Gaazaa keessatti deemaa jiru wayita itti fufee jiru kanatti, gahee Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti qabdu qalbii addunyaa harkisaa jira.

Walitti bu’iinsa Israa’el-Gaazaa keessatti Iraan Hamaas deeggarti. Iraaq, Sooriyaafi Paakistaan keessatti ammoo haleellaa gaggeessiteetti. Meeshaan waraanaa Iraan ammoo waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessitu keessatti hojiirra oolaa jira.

Iraan haleellaawwan Baha Giddu-galeessaa tokko tokko – kan akka haleellaa Libaanosirra Irsaa’el irratti raawwatamu, haleellaa diroonii loltoota US Jordaan keessatti raawwatame, akkasimas haleellaa dooniiwwan biyyoota Lixaa Galaana Diimaarra darban irratti xiyyeeffatamuun Yaman irraaraawwataman keessatti kallattiin hirmaachuu haaltus, gareewwan Iraaniin deeggaraman ammoo itti gaafatamummaa fudhataniiru.

Haata’u malee gareewwan kunneen eenyufaadha? Walitti bu’iinsa kanneen keessatti ammoo gaheen Iraan maalidha?

Iraan gareewwan kam deeggarti?

Hamaas kan Gaazaa keessa jiru, Hezboollaah kan Libaanos keessa jiru, Huutii kan Yaman keessa jiruufi kanneen biroo Iraaq, Sooriyaafi Baahireen keessa maadheffatan dabalatee gareen hidhattootaa Baha Giddu-galeessaa keessatti Iraan waliin hidhata qaban hedduudha.

Maqaa “Axis of Resistance” jedhuun gareewwan kunneen baayyeen isaanii biyyoota Lixaatiin gareewwan shororkeessitootaatti ramadamaniiru akka ogeessi Kiraayisis Giruup dhimma Iraan irratti hojjetu Alii Vaa’ez dubbatutti. Gareen kun kaayyoo waliin qooddatan tokko qabu. Innis: “Qaxanaa sana balaa Ameerikaafi Israa’el irraa dhufu irraa eeguudha” kan jedhudha.

“Yaaddoo guddaa hunda caalu Iraan jira jettee yaaddu kan US waliin walqabatudha, isatti aansuun ammoo Israa’el taati. Ameerikaan naannicha keessatti Isrfaa’eliin fayyadamtee lolti jettee amanti Israa’el. [Kanaaf,] Iraan taphni Iraan taphachaa jirtu neetiwoorkii ittiin humna ishee agarsiifattu kana [“Axis of Resistance”] uumteetti,” jedha Aliin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraan haleellaa diroonii Amajji 28 Jordaan keessatti gaggeeffamuun loltoota US sadii ajjeese duuba kallattiin jiraachuu waakkatteetti. Haata’u malee, Islaamik Resistans Iraaq keessa jiru kan gareewwan Iraan deeggartu dabalatee ijaarame itti-gaafatamummaa fudhateera.

Qaxanaa sana keessatti haleellaan Jordaan keessatti raawwatameen loltoonni US du’uun, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatee booda waraanni Gaazaa akka jalqabamu godheen booda isa jalqabaa ture.

Kanaaf, Pirezidantiin US Joo Baayidan akka haaloo bahaniif dhiibbaan isaaniirra tureera.

Deebii kanaa, US torban booda Humna Quddis kan Iraan Rivoluushinarii Gaard Koorpis (IRGC) ta’eefi milishoota garee kana waliin hidhata qaban Iraaq fi Sooriyaa keessa jiran rukkuttee ture. Kana malees, US UKn waliin ta’uun garee Iraaniin deeggaramu Yaman keessa jiru, Huutii itti aansuun haleelan.

Waggaa soddomaa as ifatti waraana keessa seenuu baattus, Iraan yeroo baayyee walitti bu’iinsawwan keessaatti maqaan ishee yeroo ka’u ni dhaga’ama.

Iraan waraana ergisaa qama/garee itti dhiyootiin gaggeeffamu (Proxy war) keessatti kallattii hirmaachuu wakkattullee, warraaqsa biyyattii wagga 45 dura gaggeeffamerraa kaasee garee milishootaa deeggaraatuma jirti.

Tooftaa kana ammoo baroota 1980n keessarraa kaastee akka qama tarsiimoo nageenya biyyasheetti fudhattee ittiin hojjechuu jalqabde.

Harka alaabaa Iran fi US uffatee aboottateeru

Madda suuraa, Getty Images

Seenaa fi harriiroo Iraan US waliin qabdu

Seenaa Iraan ammayyaa keessatti taateewwan lama ejjennoo biyyattiin qaxanaa keessatti qabduufi hariiroo hammaataa isheen US waliin qabdu ibsuuf ni gargaaru.

Warraaqsi Iraan bara 1979 akka biyyattiin warra Lixaarraa adda baatu godheera.

Waashingiteen keessatti, bulchiisni Jiimii Kaarter dippilomaatota Ameerikaa 52 magaalaa Iraan, Tehiraan keessatti ugguraman gadhiisisuudhaaf carraaqqii waggaa tokko fudhateen ijibaatee ture.

Kana hordofee ammoo miirrii Iraan adabamuu qabdi jedhuufi waltajjjii addunyaarraa adda baafamuu qabdi jedhu uumamee ture.

Kun ammoo US fi michoonnishee Lixaa akka Iraaq, biyya bara 1979 hanga 2033tti Saadaam Huseeniin gaggeeffamaa turte, Iraaniin caalchifachuun akka deeggaran taasise.

Achiin booda waraanni Iraan-Iraaq bara 1980 hanga1988tti ture akka dhohu ta’e.

Walitti bu’iinsi sun Iraan fi Iraaq waliigaltee dhukaasa dhaabuu tolfachuun goolabame. Garuu gatii guddaa baasisee kan ture yoo ta’u, gama lamaanirraa namoonni miliyoona tokko ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru. Dinagdeen Iraan ammoo ni burkutaa’e.

Kun ammoo aanga’oonni Iraan olaanoon weerara gara fuula duraa biyyattiitti dhufuu malu, sagantaa balaastik misaa’el misoomsuufi neetiwoorkiiwwan lolawwan bakka bu’iinsaa (proxies) dabalatee malawwan gara garaa uumanii hambisuu barbaadan.

Boodarra, weerarri USn durfamu (2001) Afgaanistaan fi Iraaq (2003), akkasumas mormiiwwan guutummaa Arabaa keessatti bara 2011 irraa kaasee gaggeeffame ilaalcha kana cimseera.

Iraan maal barbaaddi, maaliif?

Ayaatolaah Komaanii nama jabaa Warraaqsa Iraan duuba turanidha

Madda suuraa, Getty Images

Humna waraanaatiin yeroo ilaalamu Iraan US caalaa baayyee dadhabduudha. Kanaaf, akka ogeessonni jedhanitti, tarsiimoon waan itti dhufuu malu maqsuu jedhu tooftaa ittiin mootummaan Iraan jiraachuu danda’u ta’a jedhu.

“Waraanni US waliinii waan dhumaa Iraan fi gareen ‘axis of resistance’ barbaadanidha,” jedha Aleks Vaatankaa Inistitiyuutii Baha Giddu-galeessaa (MEI) irraa.

“Iraan US Baha Giddu-galeessaa keessaa akka baatuuf dhiibbaa irratti taasisuu barbaaddi. Kun ammoo tarsiimoo yeroo dheeraa akka isheen nuffitu/dadhabdu taasisuunidha,” jedha Vaatankaan.

UK'tti Yunivarsiitii Sooseks irraa Kaamraan Maartiin yaada Vaatankaa kana waliin kan waliigalu yoo ta’u, Iraan waltajjii addunyaarratti biyya dhiibbaa uumtu ta’uu barbaaddi jedha.

“Iraan durii, kan seenaa keessatti Pershiyaa jedhamuun beekamtu, seenaa bareedaa darbe kan qabdu yoo ta’u, jaarraa 12 oliif lixa Eeshiyaa keessatti biyya hunda caaltu turte,” jedha Kaamraan Maartiin.

“Aadaan badhaadhaa aartiifi og-barruun Pershiyaa addunyaarratti beekamu akka ilaalchi Iraan biyya guddoofi humna qabdu jiraatu godhu waan jiruuf, Iraan dhimma qaxanaafi addunyaa keessatti gahee guddaa akka taphattutti amanti”.

Iraan gareewwan deeggartu to’achuurratti humna hangam qabdi?

Iraan gareewwan waraana ergisaa ittiin gaggeeffattu kanneen irratti humna guddaa hin qabdu jedha aktivistiin siyaasaafi hayyuun Iraan Yaasmin Maater UKtti Yunivarsiitii Okisfoord irraa.

Huutii utiiaman keessaa dooniiwwan Galaana Diimaarratti haleelan akka fakkeenyaatti kaasuun, “isaan callisanii ajajuma IRaan qofa hin hordofan. Axanaa sana keessatti humna kan qaban ta’anii mul’achuudhaaf ajandaa mataasaanii ni qabu, malee callisaniidhuma ergamtoota waraanaa Iraan miti,” jedha Yaasmin Maater.

Kiraayisis Girpp irraa Alii Vaa’ez kana waliin walii ni gala. “Rakkoon akka biyya Iraan kana kana imaammatasaa qaamolee biyya hin taane gareen socho’an kanatti kontiraata hiree qooduu, neetiwoorkii isaaniirratti humna guutuun to’achuu hin qabu jechuudha,” jedha.

Kana malees, humni Iraan hanga jirtuun ol harbeeffameera ykn guddifamee mul’ifameera jedhee yaada Aliin. “Ilaalchi Iraan guutummaa qaxanaa kana keessatti wantota gareewwan gara garaa godhan kana adda-durummaan qajeelcha jedhu jira.

Garuu Iraan fi michiinnisee Israa’el akka [Gaazaa keessatti] waraana dhaabsisuu ykn US akka qaxanicha keessaa baatu gochuu dabalatee kaayyoo isaanii ijoo ta’e milkeeffachuu hin dandeenye.”

Haata’u malee, Iraan sagantaa nuukilara gabbisuu ni qabdi. “Kun ammoo wagga 20 darban caalaa baayyee sadarkaa guddaarra gaheera jedha Aliin.

Israa’el fi biyyoota Lixaatiif rakkoon inni guddaan nuukilara Iraan itti jirtu kana malee hojii isheen karaa gareewwan ergisaan waraana gaggeessaniif ykn michootasheetiin raawwattu miti jedha hayyuun kun.

'Waraana Addunyaa sadaffaa?'

Akkuma guutummaa qaxanaa sana [Baha Giddu-galeessaa] keessatti dabalaa deemeen interneeta irratti gaalee ‘Waraana Addunyaa Sadaffaa’ jedhu barbaaduun dabalaa dhufeera.

MEI irraa Vaatankaan akka jedhutti, mormii dhiyeenya keessa dura-bu’ummaa dubartootaatiin mootummaarratti gaggeeffameen hordofeee Iraan amma biyyshee keessaa mormiin itti cimaa waan jiruuf of eegganootiin deemuu qabdi.

“Ummanni Iraan baayyee aarii qaban kan waan mootummaan Tehiraan qaxanaa sana keessatti hojjechaa jiru hiika isaaniif hin kennine jiru.”

Akkuma kana, biyyoonni Lixaas Iraan walin waraanatti seenuu hin barbaadan jetti Hariiroo Alaa Mana-maree Awurooppaatti itti-aanaan sagantaa Baha Giddu-galeessaati Afrikaa Kaabaa Ellii Geranmaayeeh.

“Pirezidantiin US filannootti yeroo deemaa jiru kanatti kana gochuu hin danda’u. Israa’elis akkuma kana oppereeshinii Gaazaa keessatti gaggeessaa jirturraa kan ka’een, sadarkaa idil-addunyaarratti akka baayyee miidhamuu dandeessu osoo beektuu kana gochuu hin dandeessu,” jetti.

“US fi Iraan walirratti xiyyeeffachuufi wal haleeluudhaaf qaxanicha keessatti warra qooda fudhatan fayyadamaa jiru. Wanti mudatu hamaa ta’uu waan danda’uuf, akkasuma lamaan isaanii waan hin dandeenyeef kallattiin waliif bahu dhiisanii, beekaa ta’e jedhanii harka tokko dugda duubatti hidhatanii wal-lolaa jiru,” jetti Elliin.