Morkii Barnaboo gaaddidduu himannaa jibba sanyummaa jalatti Moriinoo malee gaggeeffamu

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Arjentiinaa fi Benfikaa Giyaanluukaa Piristiyaanii erga jifataa Riyaal Maadiriid jibba sanyummaan himatee booda tapha marroo lammataa irratti akka hin hirmaanne murtaa'eera.
Dabalataan leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo taatee mudaterratti yaada kenneen kaardii diimaa waan argateef tapha marroo lammataa dursuu irraa uggurameera.
Haala kanaan morkiin Saantiyaagoo Barnaboo Moriinoo fi Piristiyaanii malee gaggeeffama jechuudha.
Qaamni kubbaa miillaa Awurooppaa bulchu UEFAn taphataa kana tapha Barnaboo irraa ittisuun tarkaanfii jalqabaa ta'uu fi kaan ammoo qorattoonni namuusaa fi amala gaarii qabatanii qorataa jiraachuu ibse.
Tapha jalqabaa torbee darbe guyyaa Kibxataa Lisbanitti taphatamerratti ture Viniishiyes Juuniyer sanyummaan arrabsamuu kan himate, Piristiyaaniin garuu kana haaleera.
Benfikaanis wanti qabatamaatti raawwate akka hin jirre eeruun adabbii taphataasaarratti darbe kanaaf ol iyyannoo dhiheesseera.
Taphi torbee darbe sababa himannaa Viniishiyes Juuniyer kanatti daqiiqaa 10f adda citee ture.
Taateen kun boqonnaa booda kan mudate yoo ta'u taphattoonni Riyaal Maadiriid kaanis Viniishiyes Juuniyer faana dirree gadhiisanii ba'anii turan.
Kiliyaan Imbaappee fi Tirent Aleksaandar-Arnoold akkasumas taphattoonni Riyaal Maadiriid kaanis taatee kana balaaleffachuun yaadasaanii ibsaniiru.
Imbaappeen taphataa kanaaf hirmaannaan tapha Awurooppaa guddicha- Chaampiyoonsi Liigii hin maluuf jechuun akka gara Saantiyaagoo Barnaboo hin seennes gaafatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan umrii waggaa 25 Viniishiyes Juuniyer goolii tokkittii Maadiriid ittiin injifate wayita galchu akkaataa itti gammachuusaa ibseen adabbii kaardii keelloo argatee ture.
Moriinoon yeroo sana yaada kenneen kaardii diimaa waan argateef dhimmoota tapha kanaan walqabatan hedduurraa dhorkameera.
Dhimmoota garee Benfikaa waliin qabatan ilaalchisee miidiyaatti kan dubbatuu fi Bernabootti kan bakka bu'u gargaaraa isaa Jaawoo Tiraalhoodha.
Giyaanluukaa Piristiyaanii tapha marroo lammataa Barnaboo irraa dhorkamus osoo istaadiyemii kana keessatti shaakala hojjetuu mul'ateera.
''Viniishiyes waan hamaa hojjete hin qabu''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo jifataan Riyaal Maadiriid Viniishiyes Juuniyer akkaataa kabajaa fi naamusa cabseen gammachuu ibsachuu fi kanaanis deeggartoota tuttuquun dubbii kaasuu dubbate.
''Goolii bareedduu galchus garuu waan gammade miti. Goolii akkanaa wayita galchitu karaa naamusa qabuun gammachuu ibsatta,'' jedhe Moriinoon.
Gooli eegaan Maadiriid Tiiboo Kortuwaa yaada Moriinoon kenne irratti gaafatamee ''Moriinoon akkuma beeknu Moriinoodha. Akka leenjisaatti kilaba keef falmuun waanuma eegamu. Garuu gammachuun Viniishiyes ibsate akkamiin akka isa mufachiise bitaa natti gale,'' jedhe.
Viniishiyes Juuniyer erga goolii galchee booda akkaataan itti gammachuu ibsate ''himannaa gocha jibbiinsa sanyummaa'' haguu waan qabu miti jedhe Kortuwaan.
''Viiniin waan hamaa hin raawwanne. Akkuma taphataan kamuu garee faallaa irratti gammachuu ibatutti innis gammachuusaa isaanirratti ibsate.''
Yoo ta'es akka fedhanitti gammachuu ibsachuun gocha jibba sanyummaan himatamuu jalaa nama hin baasu jedha gooli eegaan Maadiriid kun.
Moriinoon Viniishiyes Juuniyer fi Giyaanluukaa Piristiyaanii irraa arrabsoo sanyummaa osoo hin taane waan biraa akka dhagahe ibse.
Pirezidantiin Benfikaa Ruyi Kostaa, Piristiyaaniin ''jibba sanyummaa hin qabu,'' jechuun inumaa erga ''hamileensaa miidhamee'' booda kilabichi isa amanuu qaba ture jedhe.
Kortuwaan garuu waahila isaa bira akka dhaabbatu dubbate.
''Viiniin gonkumaa waan akkanaa hin jenne, kanaafuu akkanni dhagahe harka 100 nan amana,'' jedhe taphataan Beeljiyem kun.
''Guutummaa isa nan amana. Garuu callisaa waan tureef waan jedhameen sirriitti beekuu hin dandeenye. Garuu kana caalaa wanti gochuu qabnu jira.''
Liigii Poorchugaal keessatti taphoota 23 taphatan keessaa qabxii 55 argachuun sadaffaarra kan jiru Benfikaan, Riyaal Maadirid saddeet keessa galee kallattiin akka 16 keessa hin galle gochuun ofii dorgommii kana keessatti hafeera.
Kilaboonni lameen morkii Chaampiyoonsi Liigiin gara kilaboota 16 keessa galuuf wayita ramaddiin ba'u walitti ramadaman.
Tapha marsaa jalqabaa diraamaan guutamee fi torbee darbe taphatameen Maadiriid qabxii dhiphaan [goolii 1 fi 0n] injfateera, morkii cimaan har'a Barnaboo irratti eegama.
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii baranaan kilaboonni 1-8 jiran kallattiin gara 16tti kan darban yoo ta'u, 9-24 kan jiran ammoo wal morkachuun 16 keessa galu.
Hanga ammaatti Niwukasil, Atileetikoo Maadiriid, Leverkusen, Bodo/Glimt gara 16tti kan darban yoo ta'u taphoota har'a galgala taphatamiin kilaboonni afur darban ni baramu.
Arsenaal, Muunik, Liiverpuul, Tootanhaam, Baarseloonaa, Chelsii, Ispoortiing, Maanchistar Siitii durumaan darban.
Kilaboonni kunneen kilaboota 9-24 jiran keessaa warra darban saddeet waliin taphatu.












