Dhimmoonni ijoon MM Abiy fi Pirezidant Erdowaan kaasan maal fa'i?

Madda suuraa, Presidency of the Republic of Türkiye
Pirezidantiin Turkii Rajiib Xayyib Erdowaan Kibxata, Guraandhala 17, 2026 Itoophiyaa daawwachuu booda ibsa kennaniin biyyi isaanii ''walitti bu'iinsaa fi dhibee Gaanfa Afrikaatti mudatu,'' callistee akka hin ilaalle himan.
Naannoon kun ''dirree waraanaa humnoota alaa'' ta'uu akka hin qabnes dhaaman.
Affeerraa Ministira Muummee Abiy Ahamdiin Itophiyaa daawwachuunsaanii kan himamu Pirezidant Erdowaan ''beekamtiin biyyummaa Israa'el Somaalilaandiif kennite Somaalilaandis ta'e Gaanfa Afrikaaf faayidaa tokkollee hin qabu,'' jedhan.
Pirezidant Erdowaan fi Ministirri Muummee Abiy ''marii bal'aa erga waliin taasisanii'' booda ibsa waloo kennan.
Pirezidantiin Turkii kun waggaa 11 booda Finfinnee daawwachuutti akka gammadan ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Turkiin gama misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka damee baaburaa fi maloota geejjibaa kaaniin, gama indastiriin akkasumas sararoota humna ibsaa daddabarsan diriirsuun qindoomina cimaa akka qaban ibsan Pirezidant Erdowaan.
''Hariiroo keenya gama daldalaa, investimentii, anniisaa, misooma albuudaa, qonna, telekominikeeshinii fi barnootaan jiru irratti MM Abiy fi jila isaanii waliin mari'anneerra.''
Pirezidantichi Itoophiyaan ''seenaa amantii Islaamaa keessatti ga'ee dorgomaa hin qabne qabdi,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Afrikaa keessatti teessoo Muslimootaa isa jalqabaa kan ta'e Masjiidi Najaashii Itoophiyaa, ganda Najaashii keessatti argama. Kun walitti hidhamiinsa seenaa nuti Itoophiyaa waliin qabnu keessattis ga'ee guddaa qaba.''
Masjiida kana iddootti deebisuu fi suphuun haaressuu keessatti tumsa gochuu kaasuun, ''hojiin kun hambaa seenaa Afrikaa ganamaa kunuunsuun alatti michummaa ganamaa gidduu keenya ture cimsuu keessatti hiika guddaa qaba,'' jedhan.
Hariiroon Itoophiyaa fi Turkii bara 1896 akka eegale Marsariitii Ministeera dhimma alaa biyyattiirratti eerameera.
Marsariitiin kun qoonsilaan jalqabaa Turkii bara 1912 Hararitti banamuu fi biyyoota Sahaaraa gadii keessaa ammoo imbaasiin Turkii inni jalqabaa bara 1926tti Itoophiyaatti banamuu ibsa.
Itoophiyaan ammoo imbasii ishee bara 1933tti Turkiitti bante. Imbasiin bara 1984 cufamuun bara 2006 deebi'ee baname.
Imalli xiyyaaraa kan jalqabaa bara 2006tti jalqabe. Dhaabbatni gargaraasaa idila addunyaa Turkii TIKA ammoo bara 2015tti Itoophiyaatti waajira isaa bane.
Turkiin ammas karaa dhaabbata kanaa Itoophiyaa keessatti tumsa ishee akka cimsitu Pirezidant Erdowaan ibsaniiru.
Hariiroo waggoota dheera lakkoofsise kana keessatti abbootiin qabeenyaa Turkii hedduun Itoophiyaa keessatti hojiilee investimentii adda addaarratti hirmaataniiru.
Yeroo ammaa Turkiin Chaayinaatti aantee biyya Itoophiyaa keessatti hojiilee investimentii gurguddaa hojjettudha.
Pirezidant Erdoowaan ''biyyoota Itoophiyaa keessatti hojii investimentii hojjetan keessaa sadarkaa lammaffaarra argamuu keenyatti guddoo gammadna,'' jedhan.
Bara 2019tti biyyootni lamaan daldala doolaara biiliyoona 398.8 baasu walitti daldalaniiru.
Investimentiin cinaatti damee barnootaanis hariiroo cimaa ijaaraniiru.
Bara 2020tti barattootni Itoophiyaa 632 ta'an iskoolaarshiippii sadarkaa adda addaa argachuu ministeerri barnootaa ibseera.
Yeoo ammaa kubbaaniyyaawwan Turkii 200 caalan doolaara biiliyoona 2.5 baasuun hojii investimentii hojjetaa jiraachuu fi kanaanis lammiileen Itoophiyaa kuma 20 ta'an fayyadamaa akka jiran ibsan Pirezidant Erdowaan.
Kana malees kontiraaktaroonni Turkii pirojektoota akka daandii baaburaa, geejjiba, warshaalee, anniisaa fi tuurizimiin walqabatan kanneen doolaara biiliyoona 2.6 baasan hojjechaa jiraachuu eeran.
Pirezidant Erdowaan biyyi isaanii, Turkiin, ''michuu ishee cimaa kan ta'e uummata Itoophiyaa faana hariiroon yeroo dheeraaf qabdu daran akka cimuuf xiyyeeffannoo guddaa'' akka kennitu dubbatan.
''Wayita iji addunyaa Gaanfa Afrikaarra buufatee jiru kanatti caasaan mootummaa akka Itoophiyaa yeroo dheeraaf ijaaramee fi fakkeenyummaa qabu kun irruma caalaa barbaachisaa ta'aa dhufeera,'' jedhan Pirezidant Erdowaan.
Biyyoota Afrikaa waliin michummaa wal hubannoorratti hundaa'e akka cimsanii fi tumsa fedhii biyyootaa giddugaleessa godhate akka taasisan waadaa seenan qondaalli Turkii kun.
Turkiin naannawa Gaanfa Afrikaa kanatti walitti bu'iinsi akka dhalatu akka hin barbaanne Erdowaan haasaa isaanii keessatti eeraniiru.
''Naannawa Gaanfa Afrikaa duraanii rakkoo keessa jirutti walitti bu'iinsi fi dhibeen haaraan akka mudatu Turkiin gonkumaa hin feetu.''
''Rakkooleen naannawa kanaa biyyoota naannawa kanaan furamuu qabu. Naannoon kun dirree waraanaa humnoota alaa ta'uu hin qabu,'' jechuun ejjennoo biyyasaanii ibsan.
Pirezidant Erdowaan daawwannaa Itoophiyaa kanarraa ''bu'aan abdachiisaa fi faayida qabeessa ta'e,'' akka argamu abdii guddaa qabaachuu ibsan.
''Daawwannaan kun nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf bu'aa guddaa akka buusu nan abdadha,'' jedhan.
Turkiin naannoo Itoophiyaan keessatti argamtu, Gaanfa Afrikaatti, ''birmadummaan biyyaa fi walabummaan daangaa akka kabajamu xiyyeeffannaa kennuun akka hojjettu,'' ibsan.
Gama kanaan beekamtiin Israa'el bulchiinsa Somaaliyaarraa adda baatee ofiin of bulchitu Somaalilaandiif kennite naannawa kanaaf faayidaa akka hin qabne ibsuun Israa'eliin qeeqan.
Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti taasifame jedhamee ture Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa argamsiisa jedhamee eegamee ture.
Waliigaltee jedhame kana booda rakkoon Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti hammaatee ture jaarsummaa Turkiin furamuu yaadachiisan Pirezidant Erdowaan.
Gama kanaan tasgabbiin erga uumamee booda Gaanfi Afrikaa iddoo hawwata carraa diinagdee ta'uu wanti dhorku tokkollee akka hin jirre ibsan.

Madda suuraa, Presidency of the Republic of Türkiye
Ministirri Muummee Abiy dhimmoota Pirezidant Erdowaan faana xiyyeeffannaan irratti mari'atan keessaa tokko dhimma ulaa galaanaa ta'uu ibsan.
''Itoophiyaan guddina galmeessisaa jirtu cimsitee itti fufsiisuu kan dandeessu yoo ulaa galaanaa argattedha,'' jedhan.
''Biyyi uummata miiliyoona 130 caalu qabdu ulaa galaanaa dhorkamtee, akkaataa barmaataa fi adeemsa addunyaarra jiruun ala ta'een dhiibbaa diinota keenyaan waggootaaf lafaan marfamnee akka hafnu ta'eera. Kun sirrii akka hin taane irratti mari'anneerra.''
Michuuwwaan Itoophiyaa kanneen akka Turkii ''akka Itoophiyaan karaa nagaan ulaa galaanaa argattu dhiibbaa dippiloomaasii uumuun akka tumsa taasisan,'' dubbachuus ibsan MM Abiy.
''Gama kanaan Pirezidant Erdowaan ga'ee mataasaanii akka gumaachan waliin dubbanneerra.''
Biyyi addunyaarratti dhimmoota adda addaa keessatti dhiibbaa uumuun beekamtu Turkiin, Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti biyya murteessituu ta'uushee akka hubattu Pirezidant Erdowaan irraa dhagahuu ibsan MM Abiy.
Turkiin akkuma Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti qooda olaanaa gumaachuun beekamtu Afrikaa keessatti ga'eeshee akka ba'attu irrattis mari'achuu himan.
Dureewwan biyyoota lameenii daldala biyyoota lameenii babal'isuurrattis waliigaluu ibsaniiru.
MM Abiy xiyyeeffannaan jiru daldala waggaan Turkii fi Itoophiyaa gidduutti taasifamu ''yoo xiqqaate doolaara biiliyoona tokkorraan ga'uu akka ta'e,'' ibsaniiru.
Pirezidant Erdowaanis yaada MM Abiy kana milkeessuuf carraawwan jiran hundatti fayyadamuuf karoora akka qaban ibsaniiru.












