'Itoophiyaan naannawashee kan ilaaltu ija walta'uutiin malee, miira babal'ifachuun miti' - MM Abiy

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PHD) lammiilee Itoophiyaa fi Muslimoota addunyaa maraan baga baatii Ramadaanaa bara 2026 (1447) geessan jedhan.

Ergaa Afaan Arabaan miidiyaa hawaasummaasaaniirratti maxxansaniin, Itoophiyaan biyya jaarraa 14 dura ergamaan Rabbii Nabi Mohammad (SAW) biyya haqa hin jallisne ta'uushee dhugaa bahan ta'uu ibsan MM Abiy.

Itoophiyaan biyya jalqabaa amantoota haqaaf dawoo taate ta'uu kan ibsan MM Abiy, ''Nabiyyiin keenya Mohammad (SAW) biyya haqi namaa keessatti hin jallanne ta'uu jaarraa 14 dura dhugaa bahan. Amanamummaa fi haqi daangaa ykn sabummaadhaan akka hin daangeffamne Itoophiyaan addunyaatti mul'isteetti,'' jedhan.

Seenaa kana bu'uura godhachuun Itoophiyaa keessatti simannaan ji'a Ramadaanaa adda ta'uu ibsan.

Itoophiyaan addunyaarratti biyya amantii waaqa tokkichaaf (Monotheism) karaa saaqxe ta'uu erga baga geessanii kana keessatti eeraniiru MM Abiy.

''Itoophiyaan dachee eebbifamtuu ergaa ergamaa kabajaa Nabi Mohammad (SAW) fudhattedha.''

MM Abiy Itoophiyaan seenaa amantii Islaamaa keessatti sagalee walabummaa fi birmadummaa ta'uu ibsuun, maqaa nama (sahaabaa) azaanaan beekamu Bilaal ibn Rabaah eeran.

Bakka mu'azzineen Islaamaa Bilaal ibn Rabaah keessaa bahe ta'uusheerraa ka'ee gumaachi Itoophiyaa guddaa ta'uu ibsan.

''Har'a salaata shananiif sagaleen mallattoo ta'ee gurra namootaa keessaa bilbilu maddi isaa Abisiiniyaadha.

Sagalee ergamaan kabajaa Nabi Mohammad (SAW) guddoo kabajuun akka Ka'aabaatti ol bahu taasisan.''

Akkuma sana Itoophiyaan yoomuu sagalee haqaa fi dhugaa taatee itti fufti kan jedhan MM Abiy, ''misoomni keenyas mirga warra kaanii sarbuudhaan ykn qooda kaanii fudhachuudhaan miti,'' jedhan.

Itoophiyaan har'a ummatashee miliyoona 130 ol ta'e hiyyumma keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirtu ta'uu kan eeran MM Abiy, "naannawaashee kan ilaaltu ija walta'insaan malee babal'ifannaan miti' jechuun dubbatan.

Biyyi duudhaa amanamummaa fi haqaan beekamtu Itoophiyaan qooda biyya biraa fudhachuu, daangaa babal'ifachuu ykn nageenya ollaa yaaddoo keessa galchuuf fedhii fi karoora hin qabdu jedha ibsi MM Abiy.

''Qabeenya bishaanii keenyaa misoomsuuf wayita sochoonu biyya biraa jalaa hir'isuuf miti,'' jedha ibsichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lagni Abbayyaa eebba Waaqaa ta'uu kan eeran MM Abiy, ''akka walqixa karaa haqa qabeessa ta'een irraa fayyadamnuuf badhaasa nuuf kennamedha.

Riqicha hariiroo cimsu malee dirree waraanaa ta'uu hin qabu jennee amanna,'' jedhan.

''Naayil guddichi badhaasa walooti. Hunda keenyaaf badhaasa kennamedha. Copha isaarratti wal loluu dhiisnee arjooma kanarraa qindoominaan haa fayyadamnu!''

Itoophiyaan ollaashee waliin walamantaa fi kabajaan jiraatti kan jedhan MM Abiy, ''ollaa keenyarratti dhiibbaa hin uumnu, waraana irratti banuufis karooraa hin qabnu. Qooda namaa jalaa hir'isuufis fedhii hin qabnu,'' jedhan.

''Lagni Abbayyaa (Naayil) kan nu qoqqoodu osoo hin taane kan hariiroo keenya jabeessee utubu akka ta'uuf harka keenya diriirsineerra.''

MM Abiy ibsa kana keessatti fedhiin Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabdu maddi isaa sirrii fi haqa qabeessa ta'uus eeraniiru.

''Karra galaanaa argachuuf fedhiin Itoophiyaan qabdu naga qabeessa, uumami kan dirqamsiisuudha. Sababi uumamaa tokko lakkoofsi uummata biyyattii dabaluudha. Kanaaf ammoo ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti,'' jedhan.

Ammoo waamicha tumsaa fi waliin misoomuu biyyoota ollaaf taasifame kan birmadummaa isaanii karaa hin sarbineen galma ga'u ta'uu ibsan.

''Yeroon ammaa yeroo waraanni fi walitti bu'iinsi marii nagaa fi ilaa fi ilaameedhaan bakka bu'uu qabuudha,'' jechuun ji'a Ramadaanaan walqabsiisanii waa'ee nageenyaa kaasan MM Abiy.

''Qabeenya keenya meeshaa waraanaa ittiin bituurraa gara misoomaatti, nama ajjeesuurraa gara bayyanachiisuutti akka ceenu,'' jechuun waamicha dhiheessaniiru.

''Ji'a Ramadaanaa kana keessa gama hundaan waadaa keenya ni haaressina,'' kan jedhan MM Abiy, ''Itoophiyaan yoomiyyuu dachee wal danda'uu, nageenyaa fi haqaa kan dhaloota egeree jireenya mijataa dhaalchistu tataee itti fufti,'' jedhan.

Ji'a kabajamaa kana keessa Waaqi tattaaffii misoomaa, badhaadhinaa fi nageenyaa akka milkeessuuf gaafataniiru.