Ramadaana: Soomi Ramadaanaa qaamarratti dhiibbaa akkamii qaba? maaltu gorfama?

Madda suuraa, Getty Images
Soomi Ramadaanaa kan bara 1444 jalqabameera. Ji'a Ramadaanaa kana keessa akkaataa itti soorataniifi saatiin itti sooratan waan jijjiiramuuf qaama ofiif akka ta'utti barsiisuu feesisa.
Ramadaanaa keessa yeroon soomaa biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti adda adda ta'uu danda'a, kan hanga sa'aatii 20 sooman jiru.
Yeroo hanga kana nyaataa fi dhugaatii malee turuun qaama namaarratti dhiibbaa akkamii qabaata? Qaamni keenya akka hin miidhamneef akkaataan sirna nyaataa keenyaa fi sochii qaama keenyaa maal ta'uu qaba?
Dhimma kanarratti kan dubbisne Hospitaala Riifaraalaa Yuuniversitii Wallaggaatti Ispeeshaalistii dhibee keessoo qaamaa kan ta'an Dr Gurmeessaa Inkoosaa, wayita sooma Ramadaanaa soorata Pirootiinii fi kaarboohaaydireetii ga'aa qabu akkasumas bishaan heddumminaan dhuguutu barbaachisa jedhan.
Sooma Ramadaanaa fi sirna soorataa

Madda suuraa, Getty Images
Ji'a Ramadaanaa keessa hawaasni muslimaa obboroo irraa eegalee hanga aduu lixxutti nyaataa fi dhugaatii akkasumas cubbuu gosa kamiirraayyuu bilisa of gochuun dabarsa.
Ramadaana keessa yeroon waa itti nyaatan lamatu jira: Ifxaar fi Suhurii.
''Yeroo kunneen keessatti nyaata akkamii akka nyaannu beekuu qabna, irra caalaa ammoo bishaan (dhangala'aa) baayyee fayyadamuu qabna. Qaamni keenya nyaata osoo hin taane dhangala'aa maleedha yeroo dheeraa turuu kan hin dandeenye,'' jedhan Dr Gurmeessaan.
Ifxaarii hanga Suhurii yeroo jiru keessatti yoo xiqqaate bishaan liitira 2.5 caalaa dhuguu qabna kan jedhan Dr Gurmeessaan ''Wantoota dhangala'aa kana nu keessaa baasan kanneen kaafeenii of keessaa qaban akka kookaa, bunaa fi kaan hir'isuu qabna,'' jedhan.
Nyaata ammoo kanneen anniisaa ga'aa kennan soorachuu qabna, keessattuu galgala wayita afaxxarru, nyaata anniisaa guddaa kennan soorachuu qabna jechuun gorsu Dr Gurmeessaan.
''Fakkeenyaaf tamiriin tokko anniisaa baayyee kan kennuu fi akka amantaa islaamaattis kan gorfamuudha.
Dabalataan soorata pirotiinii fi kaarboohaayidireetii ga'aa qaban whole grain kan jedhaman kanneen akka qamadii, garbuu, ruuzii sirriitti soorachuu qabna.''
Qaamni namaa uumamaan nyaata olkaawwatee/kuufatee yeroo biraa itti fayyadama kan jedhan Dr Gurmeessaaan, ''yeroo soomaa isa kuufate kana itti fayyadama. Kanaafuu soorataa fi bishaan sirriitti fayyadamuun akka qaamni keenya irraa fayyadamaa oolu gochuu qabna,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Dr Gurmeessaan jedhanitti garaa qooqa ooletti nyaata dafee garaa guutu nyaachuu osoo hin taane suuta suuta nyaachuu qabna.
''Namoonni tokko tokko nyaata suhurii irratti hin nyaatan, garuu waan qaamni keenya guyyaa guutuu itti fayyadamaa oolu argachuu qaba. Keessattuu dubartoonni ulfaa, kanneen hoosisan akkasuma namoonni umriin jaaran dirqama nyaachuu qabu,'' jechuun nyaatni ganamaa murteessaa ta'uu eeran.
Ji'a Ramadaanaa kana keessa soorati cooma, shukkaaraa fi soogiddaa hedduu of keessaa qabu hin gorfamu kan jedhan Dr Gurmeessaan, keessattuu ammoo nyaata akkasii nyaatanii namoonni guyyaa rafaa oolan dhibee hamaaf saaxilamu jedhan.
Ramadaanaa fi dhibee keessoo
Ji'a Ramadaanaa kana keessa soomni nama umriin ga'e hundarrattuu dirqama, garuu daa'immanii fi kan dhukkubsatan, akkasumas dubartoonni ulfaa fi kanneen hoosisan amma soomuu dhiisanii yeroo biraa bakka buusuu danda'u.
Kanneen dhibee irraa fayyuu hin dandeenyee fi soorata dhiisnaan itti hammaata qaban ammoo sooma dhiisanii bakkasaa kaffaluun akka bakka buufatan amantiin Islaamaa ni ajaja.
Dr Gurmeessaan akka jedhanitti keessattuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban waa'ee soomaa xiyyeeffannaan ilaaluu qabu jedhan.
Dhibeewwan balaafamoo jiruu dhala namaa gaaga'uun jalqabarra jiran keessaa dhibeen Shukkaaraa isa hamaadha kan jedhan Dr Gurmeessaan, addunyaarratti dhibeen kun dhibbeentaa 10 jechuun nama 10 keessaa 1 qaba jedhan.
Dhibeen sukkaaraa gosa lama yoo ta'u sadarkaa 1ffaan kan dargaggoota wagga 30 gadii qabudha, sadarkaa lammaffaa ammoo namoota umriinsaanii deeme kan qabuudha.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa namoota dhibee sukkaaraa sadarkaa tokkoffaan qabaman akka sooman hin gorsu.
Dhukkuba shukkaaraa sadarkaa tokkoffaan namni qabame insuliiniin tasuma qaama keessaa dhuma, kan sadarkaa lammaffaa kan dhukkubsatan garuu insuliinii haga tokko waan qabaniif yoo sirriitti to'atan soomu danda'u.
''Namni sadarkaa jalqabaa qabu osooma hin soominiyyuu qoricha fudhannaan gilukosii isaanii gadi buusa, yoo isumarratti sooman ammoo gilukosiin qaamasaanii keessaa akkaan gadi bu'ee dhibee xannee (hypoglycaemia) nutti fida.
Qorichasaanii adda kutuu hin qaban, yeroo qoricha fudhatan hin sooratan yoo ta'e ammoo insuliinii hin argatan, kun ammoo hanga lubbuun darbuutti geessa,'' jedhan Dr Gurmeessaan.
Dhiibbaa Xiinsammuu fi xiinqaamaa (Psychological and Physiological)
Guyyoota jalqabaa soomi Ramadaanaa eegalu dadhabbii fi miira namatti hin tolletu namatti dhagahama, guyyoota gara dhumaa garuu qaamni namaa waan baratuuf soomi ni salphata.
Kanarratti yaada kan kennan Dr Gurmeessaan, qaamni keenya akkuma xiinsammuun wayitti baru fiiziyooloojiin yookiin xiinqaamaanis barataa deema jedhan.
''Qaamni keenya soorata gara keessaa seene kuufatee, yeroo barbaachisutti itti fayydama, inni kun gama fiiziyooloojiin waan jiruudha.
Gama xiinsammuunis qaamni namaa waan deddeebi'ee godhutti baraa, waan gochuu dhiisee irraa fagaatemmoo dagataa deema, haala haaraatti baraa deemuun amala dhala namaati.''
Sooma: fayyummaa fi madinummaa

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin fayyaa soomuun fayyummaa dhala namaaf gaariidha jedhu, Dr Gurmeessaan gamasaaniin namni waan soomeef qofa fayyummaansaa hin miidhamu yookiin ammoo waan waan soomeef qofas fayyummaan sirnaan eegameera jennee jala muruu hin dandeenyu jedhu.
''Garuu qorannoowwan adda addaa soomuun fayyummaa keenyaaf gaariidha jedhu. Namoonni dhibee sukkaaraa qabaniiifi coomni hedduun qaamasaanii keessa jiru, ulfaatina guddaa qaban wayita sooman qaamni isaanii cooma qaama keessa jirutti fayydamuun gubuun fayyummaatti isaan deebisuu danda'a.''
''Fakkeenyaaf namoonni dhukkuba sukkaaraa sadarkaa lammaffaa qaban yeroo baayyee qaamni isaanii baayyee fufurdaa warra ta'eedha. Ulfaatinnisaanii humnaa olidha. Yeroo akkanaa soomni ulfaatinnisaanii akka hir'isu, qaamni isaanii akka sirratuufillee ni fayyada,'' jedhan.
Akkasuma ammoo namoonni qaamni isaanii qal'aa ta'e yoo yeroo dheeraa sooman fayyummaa argatu jechuu miti, inumaa nyaata pirootiinii fi kaarboohaayidireetii sirnaan hin sooratan tanaan soomaan ni miidhamu jedhu Dr Gurmeessaan.
Madinummaan qaamaa wanta yeroo dheeraa keessa ijaaramuudha kan jedhan Dr Gurmeessaan, tibba soomaa nyaata madaalamaa nyaannaan madinummaa ijaarrachuun inuma danda'ama jedhan.
''Yeroo soomaa sa'atii dheeraa nyaata malee turuurraan kan hafe nyaata madaalamaa nyaachuun waanuma danda'amuudha. Kanaafuu waan madinummaa keenyaaf gargaaru inuma arganna. Madinummaan qaamaa baay'inaan gosa soorataa nuti soorannurratti hundaa'a.''
Dr Gurmeessaan fiiziyooloojiin qaama keenyaa yoo sirrates madinummaan ni dabala jedhan.
Madinummaan hirriba waliinis walqabata, namni hirriba ga'aa hin rafne madinummaansaa ni hir'isa, kan sirnaan rafe madinummaansaa ni dabala, kanaafuu sooma nyaata, hirriba, sochii fi fiiziyooloojii qaamaa irraa adda baasnee madinummaa dubbachuun rakkisaadha.
Nyaatanii yeroo dheeraa rafuun miidhaa akkamii qaba?
Ramadaana keessa namoonni tokko tokko soorata erga nyaatanii booda guyyaa guutuu rafaa olanii, ammoo galgala nyaatatti deebi'u, kun fayyaa namaaf balaadha jedhan.
''Dhala namaaf sochiin akkaan barbaachisaadha. Namni tokko nyaata sirriitti nyaatee guyyaa guutuu rafaa kan oolu yoo ta'e nyaatni gubatee hojiirra hin oolu, qaamni keenyammoo sochiin jiraatee soorati hin gubatu taanaan baasee gata osoo hin taane olkaa'a, nyaata kuufame kun furdina dabala. Kun fayyaaf gaarii miti,'' jedhan Dr Gurmeessaan.
''Nyaata cooma qabu nyaachuun ammoo daran hamaadha, garuu foon diimaan pirotiinii ga'aa waan of keessaa qabuuf ni gorfama. Foon lukkuus gogaasaatu hin gorfamu malee fayyaa keenyaaf gaariidha.''
Garuu nyaata kamuu nyaannu guyyaa guyyaa sochiin barbaachisaadha.












