Wantoota ijoo biyya bulchiinsa nam-tokkee Ertiraan adda taasisan muraasa

Pirezidaant Isaayas Afawarqii

Ertiraan biyyoota Afrikaa yeroo dhiyoo hundaa'an keessaa tokko. Itoophiyaarraa adda baatee erga walabummaa labsattee ganna 30 ta'eera. Gaanfa Afrikaarraa biyyoota sadi: Itoophiyaa, Jibuutii fi Sudaaniin wal-daangessiti.

Keessumaa qarqara Galaanaa Diimatti argamuusheetiin biyya bakka akkaan tarsiimawaa ta'eerratti argamtuudha.

Addunyaarratti biyyoota bulchiinsa nam-tokkee (totalitarian) ta'an muraasa keessa tokko Ertiraadha.

Ofii Ertiraa keessatti bulchiinsi mootummaa nam-tokkee maal fakkaata? Ertiraan erga hundooftee maal keessa dabarte? Haalli diinagdeefi hawaasummaa, qabiinsi mirga namaafi dimokiraasii ishee maal fakkaata? Kanneen jedhan maddawwan garaa garaa irraa qindeessineerra.

Biyya erga hundooftee pirezidaantii tokkoon bulaa jirtu

Ertiraan waraana waggaa hedduu booda bara 1993 Itoophiyaarraa erga adda baatee erga biyya taatee gaggeessaa tokko qofa qabdi.

Pirezidaant Isaayas Afawarqii morkataa malee waggoota 30 oliif Ertiraa gaggeessaa jiru. Adda Bilisa Baasaa Ertiraa (EPL) gaggeessaa kan turan Isaayaas Afawarqii, dhaabbilee siyaasaa kanneen akka ABO fi TPLF waliin ta'uun sirna Dargii humnaan kuffisuu keessatti shoora olaanaa qabu.

Ertiraan biyya ta'uuf mootummaa Hayilasillaaseefi mootummaa Dargii waliin waggoota 30 ta'uuf lola gaggeessite. Dargiin erga kufee booda rifarandamii gaggeeffameen Ertiraanonni sagalee dhibbeentaa 99.8 kennuun Ertiraan Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa akka taatuf murteessuusaanii ragaalen ni agarsiisu.

Bitootessa 21, 1993 Isaayaas Afawarqii pirezidaantii Ertiraa ta'uun filataman. Ertiraan Itoopihyaarraa adda baatee biyya walabaa ta'uunshee gaafa Caamsaa 24, 1993 ifatti labsame.

Ergasii Ertiraa keessatti filannoon gaggeeffames, gaggeessan biraan filames hin jiru. Erga Isaayaas Afawarqii pirezidaantii ta'anii as Itoophiyaan filannoo marsaa jaha gaggeessitee gaggeessitiota sadi jijjiirtetti: Mallas Zeenaawii, Hayila Maariyam Dassaalanyifi Abiy Ahmad.

Ertiraa keessa paartii tokko qofatu jira- People's Front for Democracy and Justice (PFDF) kan mootummaa bulchiinsa Pirezidaant Isaayaas qofa jechuudha.

Bara 1997 Ertiraatti filannoon ni gaggeeffama jedhamee yaadamus hin gaggeeffamne; ergasiis biyyattiitti filannoon gaggeeffame hin jiru.

Baruma 1997 keessa heerri biyyattii ragga'us hojiirra oolee akka hin beekne ragaalen dhaabbilee mirga namaaf falmanii ni agarsiisa.

Ertiraan maalif Kooriyaa Kaabaa Afrikaa jedhamti?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasni dhaabbata World Population Review jedhamuu akka agarsiisutti biyyoota bulchiinsa nam-tokkee (totalitarian states) yeroo ammaa addunyaarra jiran afur keessaa Ertiraan tokkoodha.

Akka dhaabbanni kun ibsetti biyyoonni kunneen Ertiraa, Kooriyaa Kaabaa, Afgaanistaanifi Turkmenistaanidha.

Ertitiraan biyyoota bulchiinsa nam-tokkeen bulan muraasa keessaa tokko ta'uusheetin Kooriyaa Kaabaa kan Afrikaa jedhanii kan waaman jiru.

Barruun The Economist akka gabaasetti, Ertiraafi Kooriyaan Kaabaa garaa garummaa qabaatanis akkaataa bulchiinsaafi qabiinsa mirga namaan wal-qabatee wantoonni wal-isaan fakkeessan heddutu jiru.

Ertiraan akkuma Kooriyaa Kaabaa meeshaa waraanaa akka alaa hin galchineef qoqqobbii UN (Arms Embargo) jala turte. Haata'u garuu, bara 2018 Itoophiyaan wajjin muddama waraanaa yeroo dheeraa keessaa baatee nagaa buusuusheerraa kan ka'e UN uggura kana Ertiraarraa kaasee ture.

Gama biraan ammoo, Ertiraas ta'ee Kooriyaan Kaabaa biyya bulchiinsa nam-tokkee yoo ta'an, humna waranaa ijaarutti amanu.

Gama biraan ammoo, biyyoota lachuu keessatti mirgi lammiilee kan daanga'eefi dhiibbaafi sarbamni mirga namoomaa heddu kan keesssatti raawwatuudha. Akka gabaasa kanaatti, biyyoonni lachuu sirna diinagdee cufaa-kan abbootii qabeenyaaf banaa hin taane hordofu.

Ertiraan bara 2002 irraa kaasun lammiilen biyyattii umuriin gahe kamuu tajaajila biyyaalessaa ykn loltummaa kennuun dirqama goote. Kunis yeroo hin murtoofnef kan ta'uudha.

Dubartoota dahan, qaama miidhamtoota ykn baay'ee nama dhukkubsateen alatti yeroo mootummaan hayyameen alatti tajaajila loltummaa keessaa bahuun hin danda'amu. Kuni ammoo bulchiinsa Kooriyaa Kaabaa wajjin wal-fakkeessa.

Dhimma Ertiraafi Itoophiyaarratti qorannoo kan gaggeessaniifi barsiisaa Saayinsii Siyaasaa ka ta'an Nagaraa Guddataas Ertiraafi Kooriyaa Kaabaa wal-bira qabuun amaloota bulchiinsa nam-tokkee tarreessu.

Loltoota Ertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Akka isaan jedhanitti biyyoonni akka Ertiraa bulchiinsa nam-tokkee hordofan waan hundumaa to'achuun (controlled states) beekamu. Kunis, siyaasa, nageenya, diinagdee, odeeffannoo, jiruufi jireenya uummataa, seenessa fa'aa to'achuun akkaataa mootummaan barbaadu qofa gochuudha.

"Ertiraan biyya waraanatti amantu [militarised] waan taatef jalqabumaa kaasee biyya waraanarratti hundooftedha," jechuun waanti hunduu gara waraana ijaarutti akka geeffamu kaasu.

"Diinagdeedhuma xiqqoo [qabdu] sanayyuu warshaa, hospitaala, yuunivarsiitifi wantoota akkanaa ijaarurra inveest hin godhan. Irra caalatti waraanatti amanu," jedhu xinxaalaan kun.

Ertiraan biyyoota ollaa hundumaa wajjin yeroo garaa garaatti lola keessa turuu kaasun, tarsiimoo alaashee dandeettii humna waraanaa agarsiisuu irratti akka bu'uureessite kaasu Nagaraa Guddataa.

"Biyyoonni totaalitaariyaan [bulchiinsa nam-tokkee] ta'an jiru. Guutummaan nama tokkoon to'atamanii buluu jechuudha," jechuun Ertiraan isaan keessaa tokko akka taate kaasun.

Akka isaan jedhanitti mootummaa bulchiinsa nam-tokkee (totalitarian) irra bulchiinsi abbaa irree (authoritarian) akka wayyu kaasu.

"Abbaan irree inumaayyuu gaaridha, sababni isaa hojii gareeti waan ta'eef. Sirna abbaa irree ta'ee namoonni gorsan jiru, kuni [bulchiinsi nam-tokkee] garuu namuma tokkoodha. Kanaaf biyyi bulchiinsa nama qeenxedhaan bultu ilaalchuma nama sanaatini kan isheen deemtu," jechuun garaa garummaa bulchiinsa abbaa irreefi bulchiinsa nam-tokkee ibsu.

"Biyyoonni akkanaa jiru. Fakkeenyaf, Kooriyaan Kaabaa biyya hiyyeettidha, garuu misaa'eluma dhukaasaa oolti. Waluma fakkaatu, biyyoonni sirna nam-tokkeen bulan caalmatti humna waraanaa cimaa ijaaruu irratti kan isaan xiyyeeffatan.

Sarbama mirga namoomaa hamaa

Ertiraan biyya qarqara Galaana Diimaafi iddoo tarsiimawaatti argamtu taatee osoo jirtuu carraa kanaan jireenya lammiileeshee jijjiiruu akka hin dandeenyetu himama.

Dhaabbanni Human Rights Watch (HRW)Ertiraa ilaalchisee gabasa bara 2025 baasen, Ertiran ammayyuu mirga lammiileesheerratti sarbama mirga garaa garaa akka raawwattu ibse.

"[Ertiraan] mirga amantii, yaada ofii bilisaan ibsachuu, fi namoota tajaajila biyyaalessaa/loltummaa yeroonsaa hin daangeffamneetti humnaan galchuu dabalatee mirgoota namoomaa uumatashee sarbuu itti fufteetti," jedha.

Biyyattiin bara 1993 erga walabummaa labsattee filannoo gaggeessitee akka hin beekneefi bara 2010 irraa kaasee qaamni seera tumu kamuu wal-gahee akka hin beekne eerun heera mirga lammiilee kabachiisuf bara 1997 ragga'ellee hanga ammaa hojiirra akka hin oolchin tarreessa gabaasi dhaabbata mirga namoomaa kun.

Namooni gaaffii mootummaarratti kaasan, qondaalota olaanoo dabalatee, heddduusaanii mana hidhaatti waggootaf gidiraa argaa jiru. Kaansaanii ammoo waggootaf bakki isaan jiran hin beekamu.

Ministirri Maallaqaa duraanii Obbo Birhaan Abrahaa, pirezidaant Isaayyaas akka aangoo gadhiisaniif ifatti waan gaafataniif jecha hidhamanii waggootaf mana hidhaatti dararamaa erga turanii booda bara darbe mana hidhaa keessatti du'uunsaanii ni yaadatama.

Seeran ala nama hidhuu, dhabamsiisuu, gaaffii tokko malee waggoota hedduuf ija namaa duraa fageessanii hidhuu, hiraarsuu fa'aan Ertiraa keessatti baramaa akka ta'es eera.

Sarbama mirgootaa biroo Ertiraa keessatti raawwataman keessaa, mirga amantiiti. Keessumaa gaggeessitoonni amantaa Warra Wangeelaa Ertiraa keessatti hidhaafi dararaa garaa garaaf akka saaxilaman, kaansaanii ammoo mana hidhaa keessatti du'uu BBCn kanaan dura gabaasaa ture.

Akka gabaasa HRW kanaatti Ertiraa keessatti dhaabbileen siviliifi miidiyaa walabaa hin jiran. Miidiyaa mootummaatiin alatti miidiyaan dhuunfaa kamiyyuu hin jiru.

Bara 2001 irraa kaasee mootummaan Ertiraa miidiyaa walabaa kamiyyuu ugguree jira. Dhaabbanni Reporters Without Borders gabaasa waggaa sadi dura baasen Ertiraan mirga gaazexeessummaa kabajuun addunyaarraa sadarkaa gadi aanarra jiraachuu ibse.

Lammiilen biyyattii keessumaa dargaggoonni dhiittaa mirga namoomaa, leenjii loltummaa dirqamaafi dhiibbawwan garaa garaa baqaaf karaa seeran alaa biyyoota garaa garaatti godaanu.

Biyya Afrikaa saayikilii oofun beekamtu

Ertiraan biyya uummata miliyeena Ertiraatti saayikilii oofun gosa ispoortii akkaan jaalatamaadha. Saayikilii qofaa osoon hin taane Ertiraan atileetotta jajjaboo kanneen akka Zarasannaayi Taaddasaas horatteetti.

Ertiraan dorgommiiwwan ispoortii saayikiliifi fiigicha fadeenya dheeratiin wal-tajjiiwwan addunyaarratti maqaanshee waamameera.

Keessumaa falmiin atileet Zarasannaayi Taaddasaafi atileet Qananiisaa Baqqalaa wal-tajjiiwwan dorgommii addunyaa garaa garaa irratti taasisan ni yaadatama.

Ertiraatti saayikiliin akka aadatti ilaalama. Keessumaa magaalan Asmaraa saayikiliif mijattuudha.

Magaalota Ertiraa keessatti lakkoofsi konkolaataa baay'ee muraasa waan ta'eef namoonni hedduun saayikiliin socho'u.

Manneen gurgurtaafi suphaa saayikilii Asmaraa keessatti argaman lakkoofsan hedduudha.

Lammiilen biyyattii saayikilii gosa hundaa oofu: kan gaara bahan, kan magaala keessa ittiin deemaniifi kan dorgommii fa'aa. Dhiira dubartii, hojjattuu manaa, nama guddaa xiqqaan Asmaraa keessatti saayikilii oofun baramaadha.

Lammiin Ertiraa mootii saayikilii jedhamuun beekamu Biiniyaam Girmaay bara darbe dorgommii saayikilii akka addunyaatti beekamaa ta'e Tour de France mo'aatee.

Dorgommii kana mo'achuusaatin Afrikaarraa nama jalqabaati.