‘‘Maraamartoo waraana biraa’’ Pirezidanti Isaayaas kaasan eenyu yaaddeessa?

Ertiraan wayita guyyaa walabummaashee yaadattuutti haasaan Pirezidantiin biyyattii Isaayaas Afawarqii kan yeroo biraa miidiyaatti baay'inaan hin mul’annee ni eegama.
Sababiinsaas haasaa isaanitiin ejjannoo mootummaasaanii, naannichaa fi addunyaa akkasumas dhimmoota waqtaawaa ilaalchiisuun ergaa waan dabarsaniifiidha.
Baranas guyyaa walabummaa Ertiraa kan waggaa 33ffaan Jimaata darbe Caamsaa 24, 2024 wayita kabajameetti, Pirezidanti Isaayaas akkuma barame warra lixaa kaasuun qeeqaniiru.
Afriikaatti dureewwan waggaa dheeraaf aangoorra ta'uun maqaansaanii ka'u keessaa tokko kan ta'an Pirezidanti Isaayaas, garee finciltootaa Ertiraan bilisa akka baatuu taasisee waggaa soddomaaf dursuu kaasee, walabummaan booda waggoota 33'f aangoo pirezidaantummaarratti argamu.
Dhimma Filisxeem irrattif ejjannoo biyyasaanii ibsaniiru. ‘‘Humnootiin waliigalaa’’ qaxanichatti waraana gara biraa kaasuuf yaadaa jiruu jedhan.
Isaayaas waggoottan kurnan darbaniif Ertiraa heera mootummaa fi mana maree ummataan filatame malee olaantummaan biyya dursuun alatti, ummaticharratti to'annoo cimaa taasisuufi sarbama mirgaa raawwachuun himatamu.
Galaana Diimaa tarsimoowaa ta'erratti kan argamtu Ertiraa kan dursan Isaayaas, biyyoota Lixaa waliinis dugdaafi garaa yoo ta'an, carraa argatan hundatti yoo qeeqan dhagahamu. Ammas Eertiraan walitti dhufeenya Raashiyaafi Chaayinaa waliin qabdu cimsataa jirti.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad aangootti dhufuun wal qabatee walitti dufeenya biyyota lamaanii waggaa 20 oliif badee ture fooyyeessuu danda'anii ture. Waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame keessattis raayyaa ittisa Itoophiyaa deegaruudhaan waraanaa bobbasuunshee ni yaadatama.
Erga waraanni cimaan mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti waliigaltee Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameen dhaabbateen booda, walitti dhufeenyi Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu ture, sadarkaa irratti argamu dubbachuun haala nama rakkiisuurratti argama.
Keessattuu MM Itoophiyaa erga biyyisaanii baayyina ummataa olaanaa qaxanicha keessatti qabduun siyaasa Galaanaa Diimaa keessatti gahee qabaachu akka qabdu kaasuun, yaada ulaa galaanaa argachuu ifa taasisaniin booda, walitti dhufeenyi biyyota lamaanii akka durii akka hin taane hedduun ni kaasu.
Gama Eritraatiin fedhii Itoophiyaa akkasumas haalawwan qaxanicha keessaa waliigalaa darbee darbee wantoota dhagahamaniin alatti, wantoonni ifatti jedhaman jiraachu dhabamuun haasaa pirezidantii Isaayaas akka eegamu taasiseera.
Kanaaf ammoo waltajjiin guyyaa yaadannoo walabummaa kan eegamu keessaa tokko.
Ofii maraamartoon waraanaa biraa eessaa dhufe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidanti Isaayaasaa haasaa isaanii guyyaa walabummaa Ertiraarratti taasisaniin, humna kaampii ‘‘olaantummaafi hunda to’achuu’’ kan jedhaniin, ilaalchi diinummaa biyyootarratti gaggeessaa turan mufii olaanaa uumeera jedhan.
‘‘Sababii kanaatiin yeroo ammaatti maraamartoo waraanaa gara biraa kaasuurratti argamu. Kunis icciitii addabaabaayii bahe ta'era’’ jechuun adeemsa keessa ifa akka ta’u dubbatan.
Haata’u malee Pirezidantichi eenyummaa kanneen gochaa diinummaa raawwataa kan turaniifi walitti bu’iinsa qindeessuurratti argamu kan jedhaniin kaampiin ‘‘olaantummaa fi hunda to’achuu’’ ibsuurraa of qusataniiru.
Pirezidantiichi ‘humnootiin naannichatti waraanaa kaasuuf barbaadan’’ jiru jechunsaanii hedduu biratti ijoo dubbio ta’eera.
Ertiraan biyyoota naannooshee jiran keessatti walitti bu’iinsii gaggeeffamaa jiraachuu fi yaaddoon waraanaa gara biraa jiraachu Isaayaas dubbachunsaa, gaaffii eessaa fi attamiin jedhu kaaseera.
Ertiraa miidhaan waraana biyyoota naannoosheetti argamanii kallattii adda addaatiin xuqeera.
Sudaan wal-waraansa waggaa tokko ol lakkoofsise keessa jirti. Kaabni Itoophiyaa waraanaa keessaa bahulleen ganaa hin bayyanane. Biyyi Yaman kan Galaanaa Diinaan gamatti argamtus waggootaaf waraana keessatti argamti.
Pirezidanti Isaayaas humnoota ‘‘olaantummaafi hunda to’achuu’’ jechuun ‘‘waliigalatti addunyaa lixaa fi keessattuu Ameerikaa eeruudhaafiidha,’’ jedhan xinxalaan siyaasa Gaanfa Afriikaa UKtti bu’ureeffate, Abduraahimaan Sa’iid (Aboohashiim).
Ertiraan erga walitti dhufeenyi Ameerikaa waliin qabdu bade waggoonni kudhan kan lakkaa’aman yoo ta’u, Isaayaasisi carraa argatan hundaan Ameerikaa sababii imaammata naannichatti hordofituun yoo himataniifi qeeqan dhagahamu.
Ameerikaan sababii haala mirga namommaafi gahee siyaasa qaxanichaa keessatti qabdu gaarii hin taaneetiif Ertiraa qeeqxi.
Himannaan Isaayaas dhugaa qabaatulleen, garuu hojiiwwan inniifi bulchiinsi isaanii Ertiraa keessatti raawwachu qaban raawwachu wanna hin dandeenye, gaaffiifi komii ummataan ka’u aguuguudhaaf warra kaan itti gaafatamo gochuun Pirezidanti Isaayaasi biratti waan barameedha jedhu Abduuraahimaan.
‘‘Isaayaas haasaa isaanitiin qaamoolee adda addaa himachuudhaan, kana sababa godhaachunis ummata Ertiraa fi olaantummaa seeraa akkasumas fedhii bulchiinsa demokiraasii hanga dhumaatti to’anniisaa jala galfachuun kan barame ta’era.’’
Itti dabalunis, addunyaan humna olaantumma tokko ykn kan biraa jala ta’unshee, kan tureefi ammas kan jiru ta’un dhugaa ta’ulleen, ‘’Isaayaas garuu haala kana keessatti walitti fufiinsaan biyya of dandeessee imaltu ijaaruudhaaf hojii kana jedhamu hin raawwannee’’ jechuun qeequ.

Madda suuraa, Getty Images
Yaaddoo waraana Gaanfa Afriikaa
Gaanfa Afriikaa yeroo gara yerootti giingoo waraanaa keessa tureetti, qaamooleen pirezidanti Isaayaas ‘olaantootaafi humnoota hunda to’achuu’ jedheen, waraanaa gara biraa kakaasuudhaaf fedhii akka qaban dubbachunsaa dhimma yaaddeessaa qaxanichaati.
Obbo Aburaahimaan Sa’iid, naannichatti walitti bu’iinsi umamuunsaa kan cufame ta’u baatulleen, haasaan pirezidanti isaayaas garuu dadhabiisaa haguuguu fi ummataa yaaddoon qabachuudhaaf mala itti fayyadamu baramaadha jedhu.
‘‘Waggoota 33 darban keessa Isaayaas dursaa garee waraanaa tokkorraa gara nama siyaasaa biyya karaa dimokiraasitiin dursuutti ceesisuu dadhabunsaa haguuguudhaaf yeroodhaa gara yerootti haasaa ummata kakaasaan akkasii taasisuu filatu.’’
Biyyoonni Afriikaa keeesaa Ertiraan wal daangeessituun, Sudaan, Itoophiyaafi Jabuutiidha.
Biyyoonni naannichaa kaan waraanaa keessatti argamu, kan hafan ammo kanaan dura kan waraanaan miidhamaniidha. Kanaaf, qaxanichatti waraanni gara biraa yoo ka’e miidhaan qaqqabsiisu salphaa hin ta’u.
Abduraahimaan akka jedhaniitti, biyyoota naannichaatti haalli waraanni itti ka’u malu mijataatu jira. Kanaaf, Gaanfa Afriikaatti giingoo waraanaa gara biraa ka’uudhaaf carraansaa cufaa miti jechuun ni danda’ama jedhee amana.
‘‘Biyyoota lamaan dabalatee, dureewwan naannichaa kuufaatii bulchiinsaa fi sarbama mirga namoommaa qaban haguuguudhaaf waraanaa kaasuu danda’u’’ jechuun, carraan yaaddoon Isaayaas dhugaa itti ta’u malu jiraachu kaasa.
Kanaaf ammo adda durummaadhaan kan shakku Itoophiyaafi Ertiraa yoo ta’u, biyyoonni kunneenis haalawwan garaa garaatti ibsiwwan baasaniifi walitti dhufeenyisaanii qabannaa’uun kanaaf akka agarsiiftuutti fudhatamu akka danda’u eeran.
‘‘Yaaddoowwan Ertiraa keessaa tokko kan keessoo yoo ta’u, kunis sirna mootummaa walitti fufaan sirnaan diriirfamu dhabu’’ ta’u kan kaasan Abduraahimaan, ‘‘lammaffaan ammo fedhii cimaa gama ministira mummee Itoophiyaatiin buufata galaanaa argachuudhaaf gaggeeffamaa jiruudha,’’ jedhan.
Biyyoota naannoo gaanfa Afriikaatti waraanni wal walii yeroo garaa garaatti gaggeeffameen dhiigni hedduu lola’eela. Sudaan waraanaa wal walii keessa yoo taatu, Itoophiyaa keessattis walitti bu’insi kan adda hin cine yoo ta’u, haala kanaan attamiin waraana keessa seenamu danda’amaa?
‘‘Dureewwan naannichaa rakkoolee keessoofi alaasaanii fudhuudhaaf karaa nagaa akka furmaataatti hin fudhatan. Sababii kanaatiinis dureewwan akka Pirezidanti Isaayaas jiran ummannisaanii akka dahoo waraanaa walitti fufaa jala turu taasisuu’’ jedhan Abduuraahimaan.
Galaana Diimaa madda yaaddoo Isaayaas gara biraa
Waraanaa Baha Jidduugalaatti umamee hordofee, sochiin biyyoonni lixaa Galaanaa Diimaafi Galoo Galaanaa Edan irra taasisan madda yaaddoo pirezidantichaa gara biraati.
Pirezidantichi haasaa yeroo garaagaraatti taasisaniin, kun kallattiidhaan ta’e al-kallattiidhaan kan Eertiraa yaaddeessuu ta’u kaasaniiru.
Galaanni Diimaa kan dooniiwwan gurguddaan irra imalan, sababii waraanni Gaazaa-Israa’el ka’utiin rakkoon mudateera. Naannoo gaanfa Afriikaa kan daangaa Galaana Diimaa ta’ettis humnootiin galaanaa biyyoota adda addaa bobaafamaniiru.
Hidhattoonni Huuttii duura Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessituu mormanis, dooniiwwan daldalaarratti yeroo garaagaraatti haleellaa raawwataniiru. Kana dhaabuudhaafis biyyoonni lixaa humnoota galaanaafi qilleensaa isaanii naannichatti bobbaasuu erga eegalanii baatiiwwan lakkaa’amaniiru.
Galaanaa Diimaarratti daangaa galaanaa dheeraa kan qabdu Ertiraan, yaaddoo kana qooddatti. Walitti dhufeenya Raashiyaafi Chaayinaa waliin cimsaa dhufteenis, madaallii sochiilee biyyoonni lixaa naannichatti taasifaman eegsiisuuf jechas, humnoota galaanaa biyyootaaf karrashee banu dandeessi.
Dhiheenya kanas dooniin humna galaanaa Raashiyaa Mitsawaa qubachuunsaa ni yaadatama.
Pirezidanti Isaayaas haasaa isaanitiin, muddama naannichatti umameetti fayyadamuun, humnootiin ‘‘olaantummaa fi hunda to’achuu sarara galaana addunyaa eeguudhaaf’’ sababa jedhun ‘’jidduu-galuumsa seeraanaa alaafi dorgommiin galaanaarraa’’ gaggeessaa jiran, diibbaa biyyasaaniirratti qabaatu haalaan xinxaluu qabus jedhan.
Humnootiin warra Lixaa sochiin Galaanaa Diimaarratti qaban dhiheenya akan kan babal’ate ta’ulleen, Eertiraa kara kibbaatiin kan daangeessituu Jabuutiin, buufataalee humna galaana biyyoota lixaa hedduu osoo keessimeessituu baroota lakkoofsiifte jirti.
Eertiraafi Jabuutiin erga daangaarratti wal dhabanii booda, walitti dhufeenyisaanii baayyee qabbanaa’aa fi kan shakkiin guutameedha.












