Lammiileen Eertiraa biyyoota adda addaa keessa jiran maaliif wal lolu?

Madda suuraa, Getty Images
Lammileen Eeritraa biyyoota garaa garaatti argaman Jimaata har'aa Caamsaa 24 guyyaa walabummaa saanii kabajatu.
Biyya isaaniitiin ala ta'udhaan waggaa walabummaa 33ffaa wayita kabajataniittis, humnoonni poolisii biyyoota adda addaa jeequumsiifi walitti bu'iinsi ni umama jechuun of eeggannooratti argamu.
Lammiileen Eertiraa biyya isaanii keessa jiran guyyaa Bilisummaa kana yeroo kabajan jeequmsa kaasuu hin danda'an.
Haata'u malee, lammiileen Ertiraa mootummaa mormaniifi biyyoota adda addaa jiraatan guyyaa kanarratti jeequmsa kaasu jedhamee sodaatameera.
Biyyoonni tokko tokko inumaayyuu yaaddannoodhuma guyyaa kanaa akka hin gaggeeffamneef dhorkaniiru.
Eertiraan Itoophiyaarraa bilisummaashee argachuuf waraana hadhaawaa gara waggaa 30 fudhate gaggeesiteetti.
Biyya taatee erga hundooftee garuu lammiilee biyyatti hedduuf guyyaa kana kabajuun ammayyuu hin liqimfamuuf.
Sababnisaa ammoo bilisummaa ni arganna jedhanii abadatan osoo ijaan hin argiin hafuu isaaniiti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaanti Isaayaas Afewarqii osoo filannoo biyyaalessaa tokkollee hin gaggeessiin biyyattii waggoota 33 guuutuuf gaggeessan.
Eertiraan biyya tokkittii adunyaa irraa heera mootummaa hin qabnedha. Paartiin siyaasaa ykn waldaan kamiyyuu paartii biyya bulchaa jiru PFDJ irraa kan hafe biyyattii keessa akka socho'uuf hin eeyyamamu.
Walabummaan miidiyaa era dhaabatee bubbuleera. Bara 2001 yeroo gaazexeesitoonni dhuunfaa cufamanii, gulaaltonni isaanii hidhaman qabee biyyattii keessa walabummaan miidiyaa hin jiru.
Dargaggoonni Eertiraa kumaatamni tajaajila loltummaa ykn waraanaa dirqamaa biyyattii keessatti kennuu qaban baqachuun imala balaafamaas tahu fayyadamanii biyyichaa baqataniiru.
Tajaajila loltummaa biyyaalessaa dirqama kennan kanarraa ka'uun Eertiraan adunyaa irraa biyya uummatni ishee loltummaan leenji'e ishee duraa taateetti.
Kanarraa ka'uudhaanis diyaaspooraa Eertiraa gidduutti wal qoqqodinsi guddaan kan mudate. Waggaa lama dura gareen tokko mootummaa amma aangoora jiru mormuuf hundaa'e.

Madda suuraa, Getty images
Gareen kun biyya isaanii keessaa sababa mootummaa abbaa irree kanaan dhiibamnee baane jedhanii amanu. Gareen dargaggoota irra aijaarameefi hidhate Birgade Ni'hamedu jedhamuun beekama.
Dirreen lola isaanii ammoo guyyaa ayyaaneffannaa biyyaalessaa fi feestivaalota deeggartoonni mootummaafi imbaasiin waliin tahuun qopheessanidha.
gareen kun sagantaalee akkasii irratti argamuun mootummaa aangoorra jiru morma.
Diyaaspooraa Eertiraa keessa namoota ilaalcha adda addaa qabantu jiru. Gariin yeroo waraana Dargii waliin gaggeeffamu keessa kan biyyaa bahanii fi akka qabsoon isaanii galma gahuuf maallaqa biyya alaatti hojjetanii argatan biyyatti erguun deeggaraa turanidha.
Isaan kunneen dhamaatiin keenya ija godhachuun biyya walabaa ijaarranneerra jedhanii amanu.
Warri mootummaa mormu ammoo biyya keenya keessaatti cunqurfamuun dararaan nurra gahee baane. Ammayyuu biyya koolugaltummaa itti gaafannee jiraannu keessattiyyuu doorsisa guddaa nurra gaha jedhanii amanu.
Roobel Asmallaash, UKtti dura taa'aa garee Birgeedii Ni’hamedu kan tahe dhaloonni amma jiru mootummaa Eertiraa kana loluun aangoorraa buusuu qabna jedhee amana jedhe.
''Uummanni mormii isaas karaa nagaa ibsachuuf mirgi isaa mulqameera'' jedhe.
Roobel bara 2013 tajaajila loltummaa jalaa miliquun kan biyyaa bahe yoo tahu, amma UK keessaa tajaajila taaksii kenna.
Duulliisaan gaggeessan maqaa “Blue Revolution” jedhamuunis beekama. Kunis alaabaa bara 1952 yeroo Biriitish Eertiraa bulchaa turte kan bocamee fi yeroo sana ofiin of bulchaa akka turte agarsiisa.
Ertiraan bara 1952tti ammoo Itoophiyaa waliin federeshiniidhaan waliiti dabalamuun waggaa kudhaaniif bulaa turtuus, booda federeshinichi diigamee Itoophiyaa jalatti akka bultu taasifame.
Adunyaarratti damee adda addaa kan qabu yoo tahu, sagantaan deeggartoota mootummaan qophaa'u kamuu eeyyamamuu hin qabu jedhu.
Bara darbe Kanaadaa, Jarmanii, Israa'el, Nezerlaandis, Iswiidin, Iswiizerlaandi, UK fi US keessatto walitti bu'insi mudatee ture.
Wal dhabdee kana keessatti dhagaa, aalbee fi uleedhaan wal dhaanaa turan.
Teel Aviiv keessatti aktivistiin abbaa ijoollee afurii tahe tokko haaluma akkasii keessatti ajjeefame.
Deeggaraan mootummaa tokko ammoo miidhamuun ammayyuu hospitaalatti yaalamaa jira.
Torban darbe poolisiin Landan haleellaa ji'a Muddee keessaa harka qabu jechuun suuraa lammiilee Eertiraa barbaadamu jedhee maxxansee ture.
Mormitootni sagantaa deeggartootni mootummaa Kamberweelitti qopheessan irra bahuun jeequmsa kaasanii ture.
Miidhaan poolisoota nageenya kabachiisuuf achi turan irra gahe isa hamaa an jireenyakootti argedha'' jedhan poolsiin dhimmicha qorataa turan.
''Hanga ammaatti namoota 44 jeequmsa kana keessatti hirmaatan to'annoo jala oolchineerra. Garuu ammayyuu namootni akka to'annoo jala oolan barbaannuu fi uummatni saaxiluu qabu hedduun jiru'' jedhan.
Barana ammoo qondaalonni iswiizerlaandi yaadannoon ayyaana biyyaalessaa akka hin gaggeeffamne dhorkuun 'Blue Revolutionary' dhiibbaa uumeera.
Imbaasiin Eertiraa Iswiizerlaandi jiru, tarkaanfii kanaan mufachuu ibsuun qondaalonni mootummaa ''garee jeequmsa'' kaasuuf beekamtii kennuudha jedhe.
Magaalaan Daach, Rijiwiskii jedhamtus sagantichi akka hin gaggeeffamne dhorkiteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Roobeel jalqabarra sagantaalee irratti dubbiin to’annoon ala tahuu amanuun miseensota Birgaadee Ni’haamedu irratti garuu xiyyeeffatamee ture jedhan.
'‘Duraan hoggansi dhimma kana to‘atuufi eegumsa kennu hin turre sababa kanaan miseensonni keenya baayyee haleellaaf saaxilaman,’’ jedhan.
''Haa tahu malee hogganooti Birgaadee Ni’hameeduu amma seera mormii irratti hubannoo kennaa jiru.
''Seera raawwachiiftoota waliin tahuun diddaa keenya itti fufna,’’ jedhan.
Dhaloota umriisaatti jiran qofti yaada fiinxaalessaa akka qabatan akka hin taasifamne beeka.
Dhalooti lammiilee Eritiraa daayaaspooraatti dhalataniifi maatiin isaanii mootummaa deeggaranis yaada kana duuba bobbaafamaniiru.
Dhaabni hogganu PFDJ daayaaspooraa keessatti caasaa dargaggoo hundeesseera, qondaalli dhaabichaa tokkos garee ‘hidhataa’’ jedhaniiruni.
Addi Dargaggootaa Demookiraasiifi Haqaa (YPFDJ) bara 2005tti kan hundaa’e yoo tahu '‘diinota Eritiraan haasaa sobaa facaafamu saaxiluuf’’ hundaa’e jedha marsariitiin oduu mootumman biyyattiin hogganamu.
Kanneen filaman muraasni gara Eritiraatti imaluun leenjii loltummaa kaampii Sawa jedhamu keessatti fudhatu- isaan garuu akka warra Eritiraatti dhalatee miti, achii bahuun ni eeyyamamaafi.
Pireezidaanti Isaayyaas qophii waraanaaf taasisu kan hin dhaabne yoo tahu bara 2017tti sirna haaraa baase- ''Adda Diddaa Afur’’ kunis kutaa daayaaspooraa armaan gadii dabalata:
- Addi jalqabaa sadii -Baha, Gidduugalaa fi Lixni – ajaja waraanaa sadiin gurmaa’u.
- Inni arfaffaa 4G jedhamu embaasiiwwan Eritiraafi garee dargaggootaa YPFDJ’n gurmaa’ee, bobbaafama.
Dani’el Teklaayi dhalataa Eritiraa Ameerikaa Kaalifoorniyaa jiraatan yoo tahu deeggaraa PFDJ tahurra sabboonaa jechuun of ibsu, daayaspooraa kanas akka ''zoonii diinagdeetti akka ilaalan,’’ himu.
Namni ganna 53 hojii baankii irratti bobba’an lammiilee sabboonummaan gara biyyaatti qarshii ergan duunufatanii akka PFDJ deeggaran ilaaluun sirrii miti jedhan.
Obbo Daani’el kanaan dura mootummaa mormuun dubbachaa akka turan himuun, yeroo waraana Tigraayi garuu sabboonummaansaanii deebi’ee akka dagaage dubbatu.
Eritiraan yeroo waraana Tigraay mootummaa Itoophiyaa cina dhaabbachuun TPLF lolaa turte.
'‘Yeroo waraana Tigraayi lammiileen Eritiraa baayyee ilaalcha siyaasaa isaanii moggaatti baasuun mootummaa Eritiraa, loltuufi fedhii uummataa deeggaran,’’ jedhu.
''Tokkummaan kuni guyyaa walabummaaf akka haaraatti beekamtii kennuu jalqabe, guyyooti kabajaa biyyalessaa biroos ho’aa dhufan,’’
Haa tahu malee kanneen kaayyoo kanaaf filamuu didanii hirmaannaa Ertiraan waraana Tigraayi irratti qabdu morman turanis jedhu.
''Tokkummaan biyyalessaa ho’uu hordofee kanneen mootummaa akkaan morman hokkara filatan… dhakaa darbachuu, konkolaataa gubuu, meeshaa mancaasuufi poolisiitti bu’uufaa jalqaban,’’ jedhu Obbo Daani’el.
YPFDJ hokkora waliin maqaan dhahamee beeka jedhee hin amanu jechuun garee isaaniin mormaniin qeequ.
Akka nama dhaabbata One Nation jedhamu- jijjiiramani demookiraasii Eritiraa keessa akka dhufu hundeesse tokkootti feestivaalonni lammiilee Ertiraa addunyaarratti akka dagaagan barbaadu, sagantaalee kana haquun gochaa ''fiinxaalessitootaf’’ deebii miti jedhan.
''Deebiin maloota kanaaf harka kennuu osoo hin taane, seerri akka kabajamu gochuu dha. Kanneen seera cabsan hojii isaaniif itti-gaafatamuu qabu,’’ jedhan.












