'Gammachuu imimmaan ija na guute'- Gabreel Yesuus Arsenaaliif galchii lama lakkoofsisee booda

Gabreel Yesuus gammachuusaa yeroo ibsatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gabreel Yesuus dordommii Chaampiyoonsi Liigii irratti galchii lama lakkoofsise

Arsenaal gara Xaaliyaanii imaluun morkii Shaampiyoonsi Liigii Intarmilaan waliin taasisee 3-1 injifateen yeroo dheeraaf miidhamarra kan ture Gabreel Yesuus galchii lama lakkoofsisuun Arsenaal akka injifatu gargaarera.

Galchii lammaffaa erga lakkoofsisee booda, gammachuun akka boo'e dubbate.

"Halkan ajaa'ibaa ture. Yeroo hundumaa taphataa ta'uun hawwa ture. Daa'imummaa kaasee dorgomii Serie A ilaalan guddadhe. Isteediyeemii kanatti argamee galchii yeroon lakkoofsise imimmaantu na hudhe, sababni isaa asitti taphachuun abjuu koo ture waan ta'eef.''

Ji'oota 11 kan ta'uuf miidhamaan tapharraa kan fagaatee ture Gabreel Yesuus, taphatti deebi'ee galchii lakkoofsisuun gammachuusaa guddaa akka ta'es hima.

"Gaaris ta'u badaa waanti mudatu kamuu waan ta'eef qaba. Yeroon ji'a 11 kan ta'uuf dirree irraa fagaadhe waan baay'een baradhe," jechuun Intar Miilaan waliin taphachuun salphaa akka hin taane ibse.

"Intar Miilaan morkachuun yeroo hundaa rakkisaadha. Bara darbe as dhufnee mo'amnee turre. Har'a [Kibxata) isaan caallee taphanne, isaan to'anne mo'anne jechuun," Arsenaal qabxii sadi guduunfatee galuutti gammaduu ibsa.

Gabreel Yesuus taphoota Shaampiyoonsi Liigii 10 irratti galchii hin lakkoofsisuu hin dandeenye Intar Miilan irratti lakkoofsisuun seenaasaa haaresseera.

Viiktoor Gaayikoreesh Arsenaal erga dhufee galchii lakkoofsisuutti akka eegame milkaa'uu hin dandeenye. Kanaaf ammoo erga miidhamarraa deebi'ee Arteettaan dursee Gabreel Yesuus akka taphachiisu dhiibbaa gochaa turan.

Gaayikoreesh jijjiiramee galee galchii bareeda lakkoofsiseera. Gabreel Yesuus waayillisaa Gaayikoreesh Intar Miilan irratti lakkoofsisuutti gammaduu ibseera.

"Hunduu jalqaba hiriiree taphachuu fedaha. Ani baay'een nama kabaja. Ani daa'ima miti, nama ganna 28, kanaaf kubbaa miilaa bareecheen hubadha.

"Gaayikoreesh jijjiiramee galee galchii lakkoofsisuu isaatti gammadeera. Anis innis lakkoofsisuu keenyatti gammadeera. Kaayis gaafa carraa argate akka lakkoofsisu abdiin qaba," jedhe.

Miikeel Arteettaa jifattoonnisaa lamaanuu Intar Miilan irratti galchii lakkoofsisuutti gammaduu ibsuun Gabreel Yesuus yeroo dheeraaf dhabuutti gaddee akka ture dubbate.

"Gaabii [Gabreel Yesuus] yeroo dheeraaf of biraa dhabnee turre. Galchii lakkoofsisuunsaa hamileensaafi kan garee akka ol ka'u gargaara," jechuun gareensaa Intar Miilaan irra aanutti gammaduu ibse.

Maan Siitiin garafamee gale

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Peep Gaardiyoolaa na dhageessaa? Taphattoonni kee garafamanii mo'aman" sagalee deeggartoota kilaba Bodo/Glimt irraa dhagahameedha.

Maan Siitiin morkii Shaampiyoonsi Liigiin kaleessa gara Noorweey imaluun kilaba Bodo/Glimt dhaan 3-1n waaroo qaanii uffatee gale.

Maan Siitiin dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti gahumsa gaarii agarsiisaa hin jiru.

Peep Gaardiyoolaan taphattoota miidhaman saddeet dhabee gara Noorweey qajeele.

Gama biroon taphataan haaraa Siitii gale Antoon Semeeniyoonifi Bernaandoo Siilvaan hin hirmaanne.

Maan Siitiin bara 2025 si'a saddeet walitti aansuun mo'achuun xumurus bara 2026 haala gaariin eegalaa hin jiru. Taphoota torba darban keessaa lama qofaa injifate.

Dhuma bara 2025 irraa kaasee qabxiin argataa jiran gaarii akka hin taane kan amane Peep Gaardiyoolaa, "Deebinee bayyanachuu qabna" jecuun dubbate.

"Dorgommommii Wolvis fi Galaatasaaraayii nu eeggatuuf of qopheessuu qabna," tapha Shaampiyoonsi Liigii kilaba Noorweey waliin taasiserratti gareensaa sirrii akka hin taane ibse.

Arsenaal taphoota Shaampiyoons Liigii 7 darban osoo hin mo'amin dursummaa itti fufeera. Garee 16tti makamuusaa dorgimmii Intar Miilaan dura mirkaneeffate.