Waa'ee 'Ambaasaaddar kubbaa miilaa Afrikaa' Saadiyoo Maanee maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
'Saadiyoo Maanee Senegaal qofa shaampiyoonaa taasise miti, maqaa Afrikaa tolche' jechaa jiru xiinxaltoonni kubbaa miilaa.
Saadiyoo Maanee ammas Senegaal shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa akka taatu godheera. Taphataan duraanii Liiverpuul fi Baayer Muniik 'Goota Senegaal' jedhamee leellifamaa jira.
Dilbata Amajji 18, 2026 biyyi waancaa kana qopheessite Morookoon daqiiqaa 98ffaa irratti peenaaliitiin yeroo kennameefitti leenjisaan Senegaal Peeppee Tiyaaw gareesaa dirree keessaa baase.
Saadiyoo Maanee fi karra eegaan Senegaal Eduwaard Mendiin garuu taphattoonni Senegaal dirreetti deebisaniiru. Taphataan Morookoo Biraahim Diyaaz penaaliitii argamte yeroo rukkutu karra eegaan Senegaal salphaatti kubbattii qabatee oolche.
Senegaal fi Morookoon zeeroo fi zeeroon dhumee yeroo dabalataa kenname.
Senegaal saatii dabalame keessatti Morookoo 1 fi 0n mo'atte.
Maaneen kun isaaf Waancaa Afrikaa kann dhumaasaa akka ta'e dubbatee ture. Gaggeessaa (Amballii) garee Senegaal kan ta'e Maaneen "Kubbaan miilaa waan addaati. Addunyaan nu daawwachaa ture. Ummanni addunyaa kubbaa miilaa jallata. Kubbaan miilaa madda gammachuu waan ta'eef bifa gaariisaa agarsiisuu qabna," jedhe.
Falmiin waancaa kun diraamaan kann guutame ture. Dhumarratti garee Maaneen garee isaa waliin ta'uun Waancicha ol kaaseera.
"Daanyichi peenaaliitii waan kenneef qofa taphicha addaan kutuun maraatummaadha. Keessumaa kun kubbaa miilaa Afrikaa keessatti sirrii miti. Kubbaa miilaa keenya keessatti wanta kana fakkaatu arguurra mo'amuun filadha," jedhe Maaneen.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan Naajeeriyaa Daani'eel Amokaachii, "Maaneen karaa dheeraa deemee gareesaa gara dirretti deebisuun bu'aa guddaa argamsiiseera," jedhe.
Maaneen gamasaatiin, "daqiiqaafillee taanaan kubbaan miilaa addaan cituu hin qabu," jedhe.
"Addaan kutnee baanullee garuu deebineerra. Taphichas itti fufnee wanti ta'es ta'eera," jechuun Senegaal mirgaan galuus gammadeera Maaneen.
Taphataan gareesaa Daandel Maaneetiin "Ambaasaaddara kubbaa miilaa ajaa'ibaati" jedheera.
"Dirreen alatti nama akkamii akka ta'e ni beekna. Kubbaan miilaa maal akka ta'e ni beeka," jechuun BBCtti dubbateera.
Taphataan duraanii Morookoo Hasan Kaachul, "Kubbaan miilaa Afrikaas, kubbaan miilaa ddunyaas kufuutti yeroo dhiyaatetti Maaneen oolcheera," jedhe.
"Garee Senegaal keessaa eenyuuniyyu oliti Saadiyoo Maaneen jaalladha. Nama guddaa ta'uu isaa agarsiiseera. Kutaa itti uffatan deemuun gareesaa dirreetti deebiseera," jechuun dabalee ibsa taphataan duraanii Morookoo kun.
Maaneen kubbaa miilaa kan jalqabe Kibba-lixa Senegaal, Bambaalii keessattidha. Lafa ashawaa/cirracharratti yeroo umuriin isaa wagga 13 jiru taphachuu jalqabuurraa kaasee hanga addunyaa ajaa'ibsiisuutti gaheera.
Bara 2005 yeroo Liiverpuul AC Miilaaniin Shaampiyoons Liigiin mo'atu argeera.
Isaan booda ammoo Liiverpuul waliin Piriimer Liigii mo'ateera. Garee Senegaal maqaa masoo Taraangaa Laayeens [Leencota Taraangaa] jedhamuun beekaman waliinis Waancaa Afrikaa lama mo'ateera.
Bara 2021 yeroo Senegaal Masirii mo'atee Waancaa Afrikaa mo'atettis goolii ittiin mo'atan kan lakkoofsise Maanee ture.
Guyyaa sana "jireenya koo keessatti guyyaan itti baayyee gammadeefi jireenya koo keessatti waancaa guddaa itti argadhedha" jechuun ibse.
Qe'ee itti dhalaterraa kiiloomeetira 20 fagaattee kan argamtu Saadihaayyuu keessatti maqaasaatiin istaadiyeemiin moggaafameera.
Umuriin isaa wagga 33 kan ta'e maneen seenaa Waancaa Afrikaa isaa injifannoon goolabeera.

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Senegaal gamasaatiin Waancaa Afrikaa bara 2027 irratti akka hirmaatuuf amansiisuu akka barbaadu dubbate.
Waancaa Afrikaa itti aanu Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaatu waliin ta'ee qopheessa.
"Osoo nu waliin turee natti tola. Taphachaa itti fufuu ni danda'a," jechuun deeggaraan Maanee tokkos dubbateera.
Maaneen yeroo ammaa kana kilaba Sa'ud Arabiyaa Al- Naasir keessa taphachaa jira.Qe'ee itti dhalatetti hospitaalaa fi mana-barumsaa ijaarsisuuf waadaa galeera.
Ijaarsa maasgiidaaf maallaqa gumaachuurra darbee yeroo weerara Koronaavaayirasiis deeggarsa guddaa godheera.
Bara 2028 shaampiyooons Liigiirratti Riyaal maadiriidiin 3 fi 1n erga mo'ateen booda maaleyaa Liiverpuul 300 qe'ee dhalootasaf ergee ture.
Maaneen gara qe'ee dhalootasaati yeroo deebiyu, "akkuma nama kami ta'a. Nama gadi of qabudha,"jechuun pirezidantiin kilaba kubbaa miilaa naannawaa sanaa Foodee Baaker dubbateera.
Na argaa hin barbaadu. Jiraataan ganda sanaas hangam akka isa jaallatu isa agarsiisa," jechuun ibseera.
Maatiin isaa ammoo „nama hundaaf akka tolu nama dhama'udha; Musliima gaariidha,“ jechuun Maanee ibsan.
Liiverpuul erga mo'atee booda mana-fincaaniin masgiida tokkoo qulqulleessun isaa kanaaf agarsiiftuu gaariidha.
Imaamni masgiida Al Rahaam Abu Usmaah Al-Taahib, „qulqulleessuu isaa icciitin qabuu barbaade. Addabaabaayiitti hin raawwanne. Na argaa hin barbaadu. Nama of tuulu miti,“ jedheera.
Maaneen Waancaa Addunyaa 2026 irratti hirmaachuuf karoora qabateera.
Maaneen Waancaa Afrikaa taphoota gara marsaa dhumaatti qalbii hawwataa tureera.
Leenjisaan Snegaal "hanga danda'ametti akka nu waliin turu barbaadna," kann jedheefis sababa malee miti.












