Giyokereesh Arsenaalitti baruu dadhabemoo Arteettatu itti fayyadamuu wallaale?

Viktor Gyokeres

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Viiktoor Gaayokereesh taphoota hanga ammaa Arsenaaliif taphateen galchii torba qofa lakkoofsise

Viiktoor Giyokereesh bara darbe kilaba Ispoortingiif taphoota 52 irratti galchii 54 lakkoofsisee ture- taphoota hundarratti galchii tokkoofi isaa ol lakkoofsise jechuudha.

Arsenaal gaafa mallatteessisu kan Shaampiyoonaa Poorchugaal Spoortingitti lakkoofsise caalaa lakkoofsisa jedhamee eegamaa ture. Garuu akka eegame hin taane.

Akkaataan tapha Arsenaalifi Ispoortiing garaa gara ta'uutu akka galchii irraa eegamu hin lakkoofsisne isa taasise kan jedhanis jiru. Lakki, Arsenaalitti baruu dadhabeeti kan jedhanis akkuma jedhan Arteettanis itti fayyadamuu hin dandeenya kan jedhus falmii biraati.

Taphataan bara darbe taphoota hundarratti galchii tokkoofi isaa ol lakkoofsise Arsenaal erga seenee maalif galchii lakkoofsisuu dadhabe?

Dorgommiin Pirimeerliigii yeroo walakkaan taphatamee jirutti Gaayokereesh galchii shan qofa lakkoofsise- sanaayyuu lama rukuttaa peenaalititi.

Dandeettiin galchii lakkoofsisuu jifataa kanaa gadi bu'e moo Arsenaaltu sadarkaa isaatti taphataa hin jiru, ykn isumatu akka Porchugaalitti milkaa'e dorgommii Ingilizitti milkaa'uu dadhabe? Rakkoon isa moo Arteettaa bira jira?

Giyokereesh kilaba Ispoortingitti gahuumsa addaarra ture

Kilaba Ispoortingitti Giyokereesh jifataa ijoo ture. Akkaataan tapha kilabichaas kubbaa taphachuun ariitiin gara fuulduraatti deemudha. Keessumaa kubbaa dheeraa gara fuulduraatti erguun beekamu.

Kilaba masaanuu irraa kubbaa fudhannaan ariitiin kubbaa dheeraa gara Gaayikereeshitti ergama; inni gara galchiitti jijjiiruun beekama. Malli kubbaa dheeraa ariitiin gara fuulduraatti erguu kilabichi ittiin beekamu Gaayokereesh galchiiwwan heddu akka lakkoofsisu isa gargaaree ture.

Arsenaal garuu kubbaa dheeraa fuulduratti erguu osoo hin taane suuta jedhee duubaa ka'uun of gumeessaa gara fuulduraatti deemuun sanduuqa garee faallaa keessaa galchii lakkoofsisuun beekama.

Giyokereesh nama kubbaa to'atee of harka tursiisufi bakka dhiphaa keessatti kubbaa milaammilchee darbuuf rakkatu ta'uunsaa akka galchii hin lakkoofsisneef isa danqera.

Giyokereesh ittisa dhumaa cabsee darbuun beekama

Giyokereesh ittisa dhumaa irratti hirkachuun bakka bal'aa irraa galchii lakkoofsisuun beekama. Ispoorting yeroo ture kubbaa fageenyarraa ergamuuf sarara ittisaa garee faallaa humnaan dhiibuun bakka bal'aa uummatee galchii lakkoofsisa.

Keessumaa miilla mirgaan bakka bal'aafi roga irraa dhiitu karra eegaan garee faallaa deebisuuf ni rakkata.

Arteettaan mala kana hojiirra oolchuuf yaalaa jira- kubbaan dheeraan ergameefi bakka bal'aa irraa kubbaa humnaan dhiitee akka lakkoofsisu.

Dorgommii Chaampiyoons Liigii bara darbeerratti Gaayokereesh kubbaa fageenyarraa kennameef yeroo Siitii irratti lakkoofsisu
Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii Chaampiyoons Liigii bara darbeerratti Gaayokereesh kubbaa fageenyarraa kennameef yeroo Siitii irratti lakkoofsisu

Yeroo heddu kubbaan karaa bitaan yeroo kennamuuf miilla isaa bitaan yoo dhiitu kubbaan humna hin qabdu. Kanaaf, miilla mirgaan jifachuuf akka toluufitti kubbaa muree gara gidduutti geessuun miila mirgaan gara goolitti erga.

Galchiiwwan 54 bara darbe Ispoortingiif lakkoofsise keessaa hedduunsaa kubbaa fageenyarraa ergamuuf balla bal'aa irraa kan lakkoofsiseedha.

Galchiiwwan 20 ammoo rukuttaa peenaaliitii fayyadamuuni kan lakkoofsise.

Arsenaalitti rakkoo maaltu isa mudate?

Falaasamni tapha Arsenaal kubbaa qabachuun suuta duubaa ka'anii gara fuulduraatti deemudha. Arteettaan yeroo dhiyoo as kubbaa dheeraa Deevid Raayaafi Diklan Raayis gara fuulduraatti ergan fayyadamuu eegaleera.

Haa ta'u garuu ammayyuu irra caala kubbaa duubaa gurmeessuun suuta sanduuqa garee faallaa keessaa yaaluu fayyadama.

Kuni ammoo Gaayokereesh bakka dhiphaafi marfama keessa akka galuufi kubbaa yaaluuf bakka bal'aa akka inni hin arganneefi hin milkoofne isa taasiseera.

Kuni faallaa kilaba isaa duraanii Ispoortiing kan ta'eedha.

Gaayokereesh tapha Arsenaalifi Aston Viilaa irratti taphattoota Aston Viilatiin marfamee kan agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Gaayokereesh tapha Arsenaalifi Aston Viilaa irratti taphattoota Aston Viilatiin marfamee kan agarsiisu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaayokereesh liigii haaraa- Pirimer Liigii keessatti akka irraa eegame milkaa'aa hin jiru.

Gama biraan ammoo akkaataan tapha Arsenaal itti taphatuufi kilabasaa duraanii garaa gara ta'uun qormaata itti ta'us dafee of madaksuu dadhabsuunsaa rakkoosaa akka ta'etu hima.

Dandeettiin dhuunfaatiinis gadi bu'uu, kubbaa gabaabaa to'achuu dadhabuufi galchiitti jijjiiruu dhabuunsaa rakkoo dhuunfaasaa akka ta'etti ka'aa jira.

Taphattoonni Arsenaal kubba dheeraa yeroo gara fuulduraatti ergan illee garee faallaatti baay'ee yaaddoo uumaa hin jiru jechuun komatama.

Yeroo Ispoorting ture Gaayokereesh kubbaa dheeraa ergame qabannaan, galchiitti akka jijjiiru beekama. Arsenaalitti garuu carraa akkasiis yeroo argatu galchii uumuu hin dandeenye.

Kanaaf ammoo falli taphataa biraa kan akka Kai Haveertz waliin akka taphatu gochuudha.

Kaayi Haveertz kubbaa qabachuun lakkoofsa 9 wajjin wal-qunnamuu sirriitti danda'a.

Akka yeroo Ispoorting ture lakkoofsisu Arsenaaliif lakkoofsisuu baatus, Arsenaal gabatee Pirimeer Liigiirra akka taa'u heddu gargaarera.

Keessumaa sarara ittisaa garee faallaa jeequfi akka isaan bakka dogoggoraa qabatan gochuun taphattoonni Arsenaal biroo akka galchii lakkoofsisan heddu gargaarera.

Ittisni garee faallaa xiyyeeffannoo guddaa Gaayokereesh irra akka ta'uufi taphattoonni Arsenaal akka galchii lakkoofsisan gargaarera.

Gama biraan ammoo taphataa ofittuu osoo hin taane kubbaa argate gareesaaf dabarsee kennuu irratti cimana guddaa agarsiisera.