'Qabxii argannetti hin gammanne' - Maanchister Siitiin waa'ee qabxii gatuu fi morkii waancaa maal jedhe?

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Peep Gaardiyoolaan morkiin waancaa Piriimer Liigii bara kanaa kileboota lama, Arsenaalii fi Maanchister Siitii gidduutti tahaa? jedhamee gaafatameera.

Garuu gareen isaa qabxii argachuu malan hedduu gataa deemuun imala Arsenaal waliin taasisan irraa gufachiisuu mala.

Kileboonni lamaan akka adurree fi hantuutaa wal ari'aa jiru. Garuu Mikeel Arteettaan injifannoo guddaa galmeessuun Maanchister Siitiin ammoo Sanderlaand waliin qixa bahuun Arsenaal qabxii afuriin akka caalan godheera.

Haalli qilleensaa Istaadiyeemii Sanderlaand 'Stadium of Light' baay'ee dilaallaa'aa ture. Taphattoonni Maanchister Siitiis qorra kanaa fi miira deeggartoota Sanderlaand akka malee ho'aa tahe keessaa injifannoodhaan bahuu hin dandeenye.

Arsenaal waggaa 20 booda waancaa Piriimer Liigii injifachuuf haala ammaa kanaan itti fufuu qabu. Taphattoonni murteessoo kilebichaas miidhama irraa deebi'aniiru.

Maanchister Siitiin kubba %67 to'atee taphate, garuu ittisa Sanderlaand cabsuu hin dandeenye.

''Boqonnaa duraa fi booda waan adda addaa lama tahe'' jedhe dursaa taphattootaa kan tahe Bernaandoo Silvaa.

''Boqonnaa dura badaa hin taphanne ture. Akkasumas akka tahuu qabutti isa sanderlaandi deebisee nu jifachaa ture haala gaariin to'ataa hin turre.''

''Saffisaan isaan jifachuuf yaalaa turre. Bakka qullaa argachuuf jecha akka taphattoonni isaanii bakkaa socho'an gochaa hin turre. Boqonnaa booda garuu carraa baay'ee argannee ture. Har'a garuu galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.''

Qabxii kanatti hin gammanne. Saabni isaas mo'achuu barbaannee ture jedhe Bernaandoo Silvaan.

Taphataan duraanii Maanchister Siitii, Isteep Huuton, ''rikardii Sanderlaand dirree isaa irratti qabu yoo ilaalle qabxii qooddatanii bahuun isaaniif mala,'' jedhe.

Akkuma Arsenaal ji'a sadaasaa keessa tahe Maan Siitiin Sanderlaandiin dirree isaanii irratti mo'achuu hin danda'u.

Leenjisaan sanderlaand Regis le Biris qabxii argatanitti ''baay'ee gammadeera'' jedhan. Awurooppaa keessaa kileba cimaa kana haala gaariin morkanne jedhan.

'Bakka isaatti Roodiriin taphataa cimadha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maan Siitiin qabxii lama gatus oduu gaariin tokko ammoo Roodiriin taphatti deebi'uu isaati.

Miidhama jilbaa isa mudateen waggaa darbes Maan Siitiif osoo hin taphatiin dabarse. Roodrii malee hammentaa taphaa kilebichi mo'ataa ture baay'ee gadi bu'aadha.

Gaardiyoolaan boqonnaadhaa yeroo deebi'an Roodirii jijjiiree galche.

''Taphataa akkamii akka tahe daqiiqaa 45 keessatti mirkaneesseera. Bakka isaatti addunyaa irraa taphataa cimaadha. Kubbi miilaa taphattootaan murtaa'a.

Boqonnaa dura duubaan kubba qindeesinee taphachuuf baay'ee rakkanne. Rodirii erga galee garuu nuuf salphateera,'' jedhe Gaardiyoolaan.

''Sarara gidduu kubba dabarsuun hedduu cimaa ture. Kubba gara fuulduraatti kubba deemsisuun garee keenya fooyyesseera. Waggaa tokkoo fi walakkaaf isa dhabneerra. Garee keenya cimsa jedhaan amana'' jedhe Peep.

Arsenaal garee jabaa qaba. Liiverpuul ofiiyyuu rakkoo keessa galeera. Cheelsiin leenjisaa ari'eera. Sichi ce'umsa haaraa keessa galuu isa gaafata.

Kileboonni kaan waancaaf humna morkachuu irra hin jiran.

Gaardiyoolaan bara darbe waancaa tokko malee xumure. Baranas akkas taanaan isaa fi kileba isaaf kufaatii guddaadha.

Garuu miidhama taphattootaa irraa yoo bilisa tahee fi qabxii hin gatu tahe qofa Arsenaaliin morkata.