Gaaboon garee kubbaa miilaa uggurte leenjisaafi Obaamiyaang ariite

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Gaaboon garee kubbaa miilaa biyyaalessaa ugguruu, Piiyeer Emeriik Obaamijaangiifi leenjisaa garichaa ar'uu beeksise.
Gareen Kubbaa miilaa Gaaboon Waancaa Afrikaarratti taphoota ramaddii sadanuu injifatamtee dorgommichaa bahuu booda mootummaan biyyattii tarkaanfii kan irratti fudhachuu beeksise.
Ministirri Ispoortii biyyattii ibsa televizhiinii biyyattiin baaseen Gareen Biyyaalessaa ugguramuu ibseera.
''Gahumsa saalfachiisaa Waancaa Afrikaarratti gareen kun agarsiise sababeeffatee mootummaan garee leenjistootaa ari'eera, gareen biyyaalessaas hanga ibsi biraa bahutti uggurameera,'' jedhan.
Dabalataan, taphattootni lama Buruunoo Ekuulee Maangaafi Peer Emeriik Obaamiyaang garicha keessaa ari'amuu himan.
Gaboon ramaddii F jalatti Ayivoorii Koost, Kaameruun fi Moozaambiik waliin ramadamte ture.
Tapahoota ramaddii sadanii injifattee sadarkaa dhumaa qabachuun dorgommii kana keessaa baate.
Kamerooniiin 1-0n, Mozaambiikiifi Ayivoorii Koostiin ammoo 3-2n injiftamte.
Jifataan ganna 36 Obaamiyaangiifi ittisni kilaba Kaardiif Siitii duraanii ganna 37 Maangaa tapha Maaraakeeshitti Ativoorii Koosti waliin godhan garee biyyaalessaaf tapha isaanii isa dhumaa ta'uu hin oolle.
Afrikaa keessattii gahumsa gareeleen biyyaalessaa agarsiisan wajjin walqabatee garee biyyaalessaa ugguruun baratamaa ta'ullee erga FIFAn gidduseentummaa mootummaarratti murtee cimaa dabarsuu eegalee haalli kun wayyaa'aa dhufeera jedha Rooyitarsi.















