Maddiin morkataa buunyaa abootteen dhahame bakka lamatti cabe

Jaak Pool bunyaa yeroo jalqabaaf akka itti hin fufne taasifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaak Pool bunyaa yeroo jalqabaaf akka itti hin fufne taasifame

Jaak Pool wal dorgommii buunyaa ulfaatina olaanaa Ameerikaa Miyaamitti gaggeffamerratti morkatasaa Antoonii Joshuwaa jedhamuun maddiin isaa bakka lamatti cabe.

Erga cabee booda ilkaan kaan irraa harca'eera, maddiin isaa sibiila taayitaaniyeemiin bakka buufameef.

Dargaggeessi ganna 28 kun shaampiyoonaa buunyaa addunyaa yeroo lamaa kan ta'e Jooshuwaa waliin marroo ja'a morkate.

Garuu, Pool haleellaa buunyaa morkataasaatiin deddeebiin irra qaqqabe ofirraa qolachuu dadhabuu hordofuun injifatameera.

Yuutiyuberiin gara ispoortii buunyaatti geeddarate Jaak Pool, morkii gaggeffame booda ''maddiikoo waanuma cabe natti fakkaate'' jedhee ture.

''Baqaqsanii wal'aanuun naaf taasifame akka gaarii ture, jaalalaafi deeggarsa keessan hundaaf galatoomaa,'' jechuun Pool inistaagiraamii irratti barreesse.

"Guyyaa torbaaf wanta dhangala'aa qofan dhuguu qaba" jedhe.

Pool suuraa meeshaa walaansaa raajiin kaafame miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse maddiin isaa iddoo lamatti cabuu agarsiisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa miidhaan irra gaheen ibsa gaazexeessitootaaf kennamurratti kan hafe Pool, buunyaan shaampiyoonaa addunyaa yeroo afurii kan ture Saa'ol Kaaneloo Alvaareez ''guyyoota 10 booda'' waliin taphachuu nan danda'aa jedhee qoosee ture.

''Ispoortii keessatti, keessumaa tapha buunyaa keessatti maddiin nama cabuun baratamaadha,'' jedhan hogganaan dhaabbata Most Valuable Promotions Nakisaa Bidariyaan.

"Namni maddiin cabe deeb'e fayyuuf torban afurii hanga ja'aa ta'a."

Pool morkataasaa muuxannoo guddaa qabu waliin falmiitti kan seene yoo ta'u, saffisaa isatti gargaaramuuni fi miilaan jalaa dheessuun rukuttaa gurguddaa jalaa ooluuf yaale.

Morkiin isaanii kun sababa garaagarummaa ulfaatinaa fi qaawwi muuxannoo morkattoota gidduu jiruun qeeqa guddoo kaase.

Pool tapha harka caalu buunyaa ulfaatina gadaanaarratti kan hirmaataa ture yoo ta'u, "yeroo murtaa'eef tapha bunyaarraa nan fagaadha" jedhe

" Maddi na cabeen fayyisa, sana booda deebi'ee namoota ulfaatina kootiin wal madaalan waliin sadarkaa addunyaaf falma.

"Boqonnaa yeroo gabaabaan fudhaadha. Waggaa jahaan darban haala jajjaba keessan ture'' jedhe.

Ji'oota muraasa dura falmiin Pool fi Jooshuwaa guddoo eegamaa ture , amma eegumsi sun waan goolabame fakkaata.