Addunyaarratti gurraa guddaa kan qabu Maayik Taayisan dargaggeessa YouTuber tureen mo'ame

Maayik Taayisan dargaggeessa waggaa 27 Jaak Pooliin mo'ame

Madda suuraa, Getty Images

Maayik Taayisan buunyaan [boxer] addunyaarratti gurra guddaa qaba. Ga'eessi umuriin isaa waggaa 58 ta'e kun dargaggeessa umuriin isaa waggaa 27 Youtuber turee amma garuu uspoortii buunyaa filate ykn [boxer] ta'e Jaak Pooliin mo'ame.

Maayik Taayisan dorgommii idilee osoo hin gaggeessiin waggoota 19 erga tureen booda dorgommiitti deebi'e.

Dorgommiin miilanaa kun Teksaas keessatti bakka namoonni 70,000 qaamaan argamanii, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo karaa tamsaasa Netflix daawwatanitti gaggeeeffame.

Maayik Taayisan dorgommii booda Netflix irratti akka dubbatetti, "Hangan danda'u waanan yaaleef nan gammada. Kana ammoo namaaf osoo hin taane ofiifan mirkaneessa," jedhe.

Yaada morkataasaa Jaak Pool ilaalchisuun dubbateen, "Nama baayyee lola danda'udha. Dhugaamatti [kabajatu isaaf mala]," jedhe.

Jaal Pool gamasaatiin Maayik Taayisan mo'achuun booda dubbii Netflix irratti dubbateen akkas jedheera.

"Maayik Taayisan [dorgomuun] kabaja. Kabaja kana isaaf, Maayikiif haa taasifnu. Isa dorgomiin dorgommii kamiiniyyu olidha. Isa malee har'a bakka kanatti isa hin dorgomnu ture.

Namni kun goota addaati. Isa waliin dorgomuun kabaja guddaadha. Dorgommii [lola] baayyee cimaa ture. Akkas ni ta'a jedhees eegeen ture."

Yeroo jalqaba gara bakka dorgommiitti seenanitti simannaan gootaa kan taasifameef Taayisan, yeroo dorgommichi gara xumuraatti dhiyaatetti garuu namoonni hedduun yeroo gunguman dhaga'ameera.

Deeggartoonni hangi tokkos osoo daanyaan qabxii dhumaa ifa hin godhiin ture ba'uu kan jalqaban.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guutummaa dorgommichaarratti Maayik Taayisan dorgomaa isaa kan abootuu danda'e si'a 18 qofa yoo ta'u, Pool garuu si'a 78 itti aggaammachuu danda'eera.

Pool baayyee kan beekamu viidiyoowwan piraankii oonlaayinaan gadhiisuun yoo ta'u, osoo gara addunyaa buunyaatti hin makamiin dura hordoftoota miliyoona 70 qaba ture.

Pool hanga ammaatti dorgommiiwwan pirofeeshinaala ta'an 11 kan dorgome yoo ta'u, dorgommii bara darbe Toomiiy Farii waliin ture qorrratti kan mo'ame.

Fedhii nama buunyaa beekamaa Meksiikoo Saa'ul Alvaaz waliin waliif ba'uuf qabu irra deebiin ibseera.

Addunyaarratti buunyaan beekamaa kan ta'e Maayikel Jeeraard Taayisan bara 1985 hanga 2005tti dorgommii pirofeeshinaalaa 56 taasiseen si'a 6 qofa ture kan mo'ame.

Maayik Taayisan dorgommii miidhagaa yeroo dhumaatiif kan taasise bara 2005 ture. Dorgommii bara sanaarratti dorgomaa isaa lammii Ayerlaand Keevin Maakberaa Yidiin hedduu tumamee ture.

Maayik Taayisan shaampiyoonaa addunyaa kan ta'e reefuu umuriin isaa waggaa 20 irra yeroo jiru ture.

Kun ammoo kan ta'e bara 1986 keessa Tiriivar Berbikin mo'achuusaa hordofeeti.