Olompikiirratti medaaliyaa mo’achuun maallaqa argamsiisaa? Hangam?

Madda suuraa, Getty Images
Olompikiin ammayyaa bara 1896 Ateensitti yeroo jalqabu namoonni ispoortii pirofeeshinaala ta’an kamiyyuu irratti hirmaachuunii fi badhaasni maallaqaa hin hayyamamu ture.
Namoota ispoortii haaraa ykn bartuu ta’an qofatu irratti hirmaachuun hayyamama ture.
Olompikii Paaris baranaa kanarratti garuu namoota ispoortii baayyee dureeyyii ta’anirraa kaasee hanga warra omaa hin qabneetti kan irratti hirmaatan ta’eera.
Namoonni ispoortii madden garagaraarraa maallaqa argachuu danda’u. Ispoonsarootarraa, michootasarraa maallaqa badhaasanii argataniifi yeroo jalqabaatiif Olompikiirraa badhaasa ni argatu.
Ispoortii gosa hundaan garuu maallaqni hin argamu. Kunis maallaqa dorgommiin kun maddisiisu akkamitti haala fayyaa’aa ta’een qoqqooddachuun danda’ama gaaffii jedhu kaasa.
Buunyaafi Atileetiksii
Olompikii Paaris 2024 irratti akaakuuwwan dorgommii ispoortii 32 gaggeeffaman keessaa badhaasni maallaqaa kan irratti kennamu atileetiksiifi buunyaa qofaafidha.
Atileetiksiin Addunyaa Olompikii Paaris 2024 irratti namni medaaliyaa warqee mo’ate dolaara kuma 50 akka argatu ji’a Eblaa keessa beeksisee ture.
Ji’a tokko booda ammoo Waldaan Buunyaa Addunyaa (IBA) namoota Olompikiirratti shaampiyoonaa ta’eef badhaasa dolaara kuma 100 akka kennu dubbateera. Kun ammoo harka afur keessaa tokko federeeshinoota biyyaalessaaf, akkasumas harka tokko keessaa tokko kan biraan leenjistootaaf kennama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gosoota ispoortii lamaaniin namoonni meetiifi nahaasa argatanis maallaqa xiqqaa ni badhaafamu. Dorgommii buunyaatiin namoonni hanga sadarkaa shanaffaatti bahan ni badhaafamu.
Atileetiksiin Addunyaa Koree Olompikii Addunyaa (IOC) irraa maallaqa hanga ta’e argatuti fayyadamaa jira. Maallaqni kun ammoo kanaan dura namoota ispoortii horachuudhaaf kan oolu yoo ta’u, namoonni tokko tokko maallaqa badhaasuu jalqabuun murtee sirrii ta’uusaarratti gaaffii qabu.
“Tarii warra mo’ataniif kennamuun isaa namoonni ispoortii maqaa qaban sirriitti akka isaaniif kaffalamu kan jabeessu ta’uu danda’a,” jedha Dr. Toom Baasen Yunivarsiitii Koventariirraa.
“Warri medaaliyaa warqii mo’achaa jiran durumaaniyyu warra ispoonsara gaariifi badhaasa maallaqaa qaban ta’uu danda’u.”
Qeeqa dhiyaatu keessaa tokko maallaqni kun warra dorgommicha irratti sadarkaa olaanaarratti argaman caalaa namoota ispoortii ol adeemoo ta’aniif kennuun isaan jajjabeessuun faayidaarra ooluu danda’a kan jedhudha.
Namoota tokko tokko shaampiyoonaa Olompikii ta’an dabalatee haala maallaqaa rakkisaa keessatti waan argamaniif maallaqa kanaan gargaaramuu danda’u. Dorgommiiwwan Olompikiirratti medaaliyaawwan warqee afuriifi meetii lama kan argatte dorgomtuun jiminaastikii Sooviyeet uuniyeen Olgaa Korbuut sababa rakkinaatiif medaaliyaawwanshee sadanii bara 2017 keessa dolaara kuma 333 fi 500tti gurguruuf dirqamteetti.
Badhaasni maallaqaa buunyaatiif kennamu yeroo baayyee ifa miti. Koreen Olompikii Addunyaa (IOC) hariiroo IBA waliin qabu “maallaqni iftoomina dhabeera” jedhee ibsuun addaan kuteera.
“Akkuma yeroo kaanii maallaqni IBA eessaa akka dhufu ifa miti,” jechuun IOC ibsa baaseen beeksiseera.
“IBAn kana kan godhuuf qama Olompikii godhee turuudhaaf yaaluufidha,” jedha Dr. Baasen.

Madda suuraa, Getty Images
Maqaa biyyaa ol kaasuu
Namoonni ispoortii Olompikiirratti medaaliyaa mo’achuutiin karaan biroo baayyeen ittiin badhaasa maallaqaa argatan duraan turan ni jiru.
Baayyeen isaanii injifannoo waltajjicharratti argamsiisaniin biyyasaaniitiin badhaafamu.
Singaappoor biyya namoota ispoortii biyyasheetiif badhaasa guddaa kennitu akka taate ni amanama. Olompikii Paaris irratti namni medaaliyaa warqee argamsiise dolaara kuma 750 argata.
Biyyi Olompikii qopheessite Faransaay Yuroo kuma 80 badhaasti. Namoonni ispoortii Morookoo ammoo dolaara kuma 200 argatu.
Ameerikaan ammoo dolaara kuma 37 fi 500 warra warqee mo’ataniif ni kenniti.
Biyyoonni akka Yunaayitid Kingidam tokko tokko ammoo badhaasa maallaqaa tokkoyyu hin kennan.
Badhaasawwan kunneen garuu galii namoonni ispoortii gurguddoo argatan waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu gadi aanaadha.
“Namoota ispoortii of gargaaruuf jecha hojii yeroo boqonnaa qabanirraa kaasee akka taphattoota garee kubbaa kachoo Ameerikaa warra miindaa guddaa argataniitu irratti hirmaata,” jedha Dr. Baasen.
Akka galii namoota ispoortii waggaa waggaatiin Barruun Foorbiis baasutti taanaan taphataan Golfii lammii Ispeen Joon Raahim Olompikii Paaris 2024 irratti nama ispoortii maallaqni guddaan kaffalamuufidha.
Namni ispoortii kun bara darbe keessa dolaara miliyoona 218 akka argate barruun kun tilmaameera. Maallaqni kun harki caalu kan argame hirmaannaa falmisiisaa ta’e Live Golf Sa’ud Arabiyaarraati.
Namni ispoortii sadarkaa lamaffaafratti kaffaltiin olaanaan kaffalamuuf taphataa kubbaa kachoo Ameerikaa Leebireen Jamsidha. Innis mdolaara miliyoona 128 akka argate tilmaamama.
Galiin dorgommii Olompikiirraa argatan Rahaamiifi Jamsiif qabeenya qabanirratti jijjiirama guddaa hin fidu.
Haata’u malee, namoonni baayyee hin beekamne medaaliyaa argachuun isaanii galii dabalataa akka qabaatan isaan gargaara.
Waliigaltee ispoonsaraa yeroo mallatteessanitti medaaliyaa Olompikii yeroo argatanitti maallaqa dabalataa akka argatan waliigalteesaaniirra kaa’ameera.

Madda suuraa, Getty Images
Qabiyyee medaaliyaawwaniifi gatiisaanii
Medaaliyaawwan warqee vara 1912 irraa kaasee guutummaan guutuutti warqee ta’anii hin beekan. Medaaliyaan warqeen bara kana Olompkiriirratti dhiyaate meetii giraama 505 fi warqee giraama ja’a qaba. Gabaan isaa gabarratti ammoo dolaara 950 baasa.
Warri Olompikii Paaris irratti mo’atan garuu kanaan olitti gammachuun isaanii kan gatiidhaan tilmaamamuu danda’uun ol ta’a.
Olompikii Paaris 2024 irratti irratti hirmaachuun atileetota injifataniif medaaliyaawwan kennamanirratti yaadannoodhaaf mallattoo Paaris kan ta’e siidaa Ayifil irraa kan fudhatame sibiilli xiqqoon akka itti dabalameeru himama.












