'Si wayya, ani hafeera, imaanaa biyyaa akka deebistu eebbisee sitti kenne'

Atileet Taammiraat Tolaa maaraatoonii 'jabaa' jedhamu kana injifachuun lammiilee Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiran boonseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taammiraat Tolaa maaraatoonii 'jabaa' jedhamu kana injifachuun lammiilee Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiran boonseera
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Atileet Taammiraat Tolaa Olompikii Paaris irratti maaraatooniin injifatee qalbii ummataa qabxii dhabuun cabee ture ol qabe.

Warqiin waggoota 24 booda maqaa biyyaa ol kaafte qofa osoo hin taane hirmaachuun isaayyuu seenaa addaa hin dubbatamne qaba.

Pirezidantiin Itoophiyaa, MM Abiy fi kaan injifannoo Taammiraat Tolaan argameen ‘baga gammanne’ jedhaniiru.

Taammiraat maaraatoonii jabaadha jedhamuufi atileetota bebbeekamoo duubatti hambise sa’aatii 2:06:26’n seenuun riikardii Olompikii sakandii jahaan cabsuun injifate.

Riikardiin kuni waggoota 16 dura atileetii Keeniyaa amma lubbuun hin jirreen galmaa’e. Guyyoota 16 dura garuu Taammiraat ofiifuu Olompikiirratti akka hirmaatu hin beeku ture.

Hanga torban lama duraatti eeggataa kan ture atileetiin kuni akkamiin waltajjii atileetiksii guddicha Olompikiirrati waggoota saddeet booda hirmaachuu danda’e?

Koreen Olompikii Itoophiyaa dhimmichi isaan ilaallatu waan kana ummataaf ifa hin goone.

BBC’n garuu Taammiraat Tolaafi Atileet Siisaay Lammaa dubbisee seenaa kana qophesseera.

Taammiraat erga dorgommii maaraatoonii Olompikii Paaris injifate booda kanneen dursee galateeffate keessaa ijoon atileetii kanadha.

‘’Inni haa deemu jedhee ani akkan deemu taasiseera,’’ jechuun ‘’Waaqni ulfina haa kennuuf,’’ jedhee eebbise.

Taammiraat maaliif eeggataa ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetiin ogummaa isaa kabajee, fedhii biyyaa of dura kaa’ee Taammiraatif carraa uume Atileet Sisaay Lammaa jedhama.

Barana Maaraatoonii Vaalensiyaa ga’umsa guddaan injifate. Eegasiis Boostanitti qofaa gulufaa morkattoota isaa fagootti dhiisee gale.

Dorgommii Vaalensiyaa Mudde keessa taasifamerratti Qananisaan 4ffaa, atileetiin Ugaandaa Jooshuwaa Chepteegee yeroo duraaf maaraatoonii fiigee 37ffaa bahe.

Sa’aatiin 2:01:48 Vaalensiyaatti Sisaay galmeesse rikardii bakkichaa kan cabse ture. Fageenyichaan yeroo saffisaa addunyaa galmaa'an keessaa isa afraffaa qabate.

Fiigichawwan maaraatoonii bara 2023 dorgomaman keessaa atileetii Keeniyaa abbaa riikardii addunyaa ta’eefi lubbuun isaa balaa konkolaataan darbe, Kevin Kiptum, qofatu isa caala.

Bara 2024 dorgomaman keessaammoo sa’aatii fooyyee kan isatti siiqu galmeesseyyuu hin jiru.

Maaliif Olompikii Paaris irratti isa arguu dhabneree?

Koreen Olompikii Itoophiyaa ga’umsaafi sa’aatii irra jiru arguun falmii malee tokkoffaarra kan filate Atileet Sisaay Girmaayidha. Dheeressaa Galataanis maaraatoonii Siiviyaa mo’achuun filame.

Olompikiin Paaris eegaluu ji’a sadii dura Maaraatoonii Landan kan fiige Qananiisaa Baqqalaanis lammaffaan xumuree waggoota 12 booda hiree Olompikii argate.

Atileet Sisaay Lammaa barana maaraatoonii Vaalensiyaafi Boostan ga'umsa guddaan injifachuun ala yeroo saffisaa akka addunyaatti lammaffaa ta'e galmeesseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Sisaay Lammaa barana maaraatoonii Vaalensiyaafi Boostan ga'umsa guddaan injifachuun ala yeroo saffisaa akka addunyaatti lammaffaa ta'e galmeesseera

Barana baatii Sadaasa keessa Taammiraat Tolaan maraatoonii Niiw Yoork riikardii bakkichaa cabsuun injifateera.

Ga’umsa booda kanaan garuu Qananiisaa waliin Maaraatoonii Landanitti fiigee xumuruu hin dandeenye.

Isa duras waggaa kana Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapestittis dorgommii osoo hin xumuriin hafe.

Niiw Yoorkittis injifatu ga’umsa dhihoo waan hin mul’isneef fakkaata Koreen Olompikii Itoophiyaa eeggataa godhee isa file.

Gadduun hin hafu garuu qophiin itti fufe.

Ta’us, atileetiin waggaa lama dura Shaampiyonaa Addunyaa Yuujinitti riikardii shaampiyoonaa cabsuun mo’achuu isaa yaadaa abdiidhaan eegaa ture.

Osoo qophiirra jiranii garuu torban sadii dura waatu mudate. Atileetiin garee Itoophiyaa keessa yeroo saffisaa kan qabu Sisaay qormaatni isa qunname.

'Taammiraat na dide'

Olompikiirratti warqii injifachuuf kan onnate Sisaay torban sadii dura osoo leenjirra jiranii ''dogongora shaakalaa'' irratti qunnameen miidhame.

Miidhama isaa ‘’leenjii saayinsawaa’’ hin taanetu narraan gahe jechuun BBC’tti hime.

Waggaa sadii dura atileetonni Itoophiyaa dhiiraan maaraatoonii Tookiyoo hirmaatan waan dorgommiyyuu hin xumurreef isa jijjiiruuf isa abdate jalaa dukkaneesse.

Achi dhimma kana Atileet Taammiraat Tolaa gurra buuse. Taammiraat garuu dide.

‘’Ani hin danda’u jedhee ati akka galtu jedhee itti hime. Innirree baay’ee akka tokko itti dhagahame. Ani akkamitti gala nama kana iddoo kanatti miidhanii,’’ jechuu isaa Sisaay dubbate.

Qorannoo garagaraa taasisuu isaafi yoo dhaqees hanga yaade milkaa’u akka hin dandeenye waan itti dhagahameef dubbii isaa deebi’ee Taammiraatitti kaase.

Sisaay ‘’Rabbillee hin eeyyamne’’ yoo jedhu Tammiraat immoo ‘’..akkamitti ta’a dura adda baasi jedhe,’’ diduu isaa torban lama dura BBC’tti dubbate.

Xalayaa barraa'e

Sisaay carraan jiru dorgommii keessaa bahuufi namni kaan akka isa bakka bu’u gochuudha.

Erga ogeeyyii garagaraa bira deemee qoratamee booda Koree Olompikii Itoophiyaaf, garagalchammoo Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf godhee xalayaa barreesse.

Xalayaan kunis akkana jedha.

‘’Balaa tasaa lukakoorratti dogongora shaakalaan waan na mudateef Olompikii hirmaachuu waan hin dandeenyeef biyyakoo bakka bu’uu dadhabuu kiyyaaf natti dhagahama.

‘’Kanaaf doktarootaan ilaalamee waan jiruuf garee maaraatoonii Olompikii keessaa baheera jedheen beeksise,’’ jechuun BBC’tti hime.

Maaraatoonii Olompikii Paaris ummati Itoophiyaa biyya keessaafi alaa haala ho'aan hordofaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maaraatoonii Olompikii Paaris ummati Itoophiyaa biyya keessaafi alaa haala ho'aan hordofaa ture

Wanti guddaan as jira. Abjuun atileetii kamuu Olompikii gubbaa hirmaachuudha. Hirmaachuufis aarsaa guddaa kanfalu.

Sababa kanaaf kana dura akka agarre erga filaman booda osoollee dhukkubsatanii ‘atileetii Olompikii’ jedhamuuf jecha kan dhibee dhoksan ykn dhoksameef kan hirmaatan jiru.

Sisaay garuu kana hin goone ‘ani haala gaarirra hin jiru, nama bakka buusaa jedhee’ jedhee ifatti ofii isaatiin qoratamee xalayaa barreesse.

Biyya keenyatti hammanatti hubatamuudhaas baatu Olompikii gubbaa injifachuu miti hirmaachuunu ummata kaan biratti akka waan guddaatti ilaalama.

Waggaa sadii dura Olompikii Tookiyootti atileetonni Itoophiyaa sadanuu maaraatoonii hin xumurre ture. Barana injifachuun biyyaaf maqaa horuu fedha ture.

Sanuummoo ga’umsa gaariirra ture. Haa ta’u malee, garaa hiruus hin feene. Biyya caalsifatuu isaa hime.

Keessumaa kanneen waa’ee atileetiksii hordofan gaafa Taammiraat injifatu kana ragaa bahan. Sisaay akka atileetii kaanii ani fayyaadha jedhee adeemuu danda’a ture.

Erga dorgommii eegalee miidhame jedhee keessaa bahuu inuma danda’a. Garuu akkas hin goone.

'Imaanaa biyyaa narraa fudhu'

‘’Ani miidhamee biyyimmoo miidhamuun itti hin jiru,’’ jedhee Taammiraat akka hirmaatu akka fedhu torban lama dura BBC’tti hime.

Xalayaa akka galcheefi Taammiraat dhaqee akka fiigu itti hime.

‘’Xalayaa galcheera deemtee biyya akka bakka buutu, imaanaa biyyaa akka deebistu,’’ jedheeni jedhe.

‘’Fiiguu waan hin dandeenyeef boqonnaa fudhadhu malee maashaan kiyya boru fiigichaaf hin ta’u jedhee imaanaa kana eebbisee itti kenne.

‘’Mucaan kuni obboleessa kiyya, hiriyyaalee waliin hojjenna [leenjii]. Bakka ani dadhabe innimmoo fiigee deebisuu akka danda’u itti kenne.

‘’Ani achi deemee fiigicha kana humna baasee hin fiigu miidhameera. Innimmoo nagaa wanta qaba ta’ef deemee fiiguu danda’a.

‘’Waan gaarii fida jedhee yaada Rabbimmoo ni gargaara,’’ jechuun Sisaay hime.

Kuni egaa torbanoota dura. Silaa miidhamuu baate Sisaay warqii nan fida jettee yaaddaa jechuun gaaffii BBC irraa dhihaateef ‘’Tokkoffaadhaan of eege,’’ jechuun deebise.

Gareen Itoophiyaas ‘’warqii fidu jedhee yaada’’ jechuunis dubbatee ture.

Akkuma inni jedhe Itoophiyaa Olompikii Paaris irratti warqii jalqabaa argatte.

'Sisaay Waaqni ulfina haa kennuuf!'

Dorgommii booda dhimma kana kan gaafatame atileet Taammiraat Tolaa, kanuma BBC’tti ragaa bahe.

‘‘Xumurarratti Olompikii naaf deemi sababni isaas miillikoo waan hin dandeenye jechuun anaaf inni wayya. Inni haa deemu jedhee ani akkan deemu taasiseera.

‘’Obboleessakoo kana baay’een galateeffadha. Osoo inni akkas jechuudhaa baate bakka isaa bakka bu’uu hin fedhu ture. Inni garuu osoo ati deemte wayya, ani miillikoo danda’aa hin jiru.

‘’Erga Boostanii miilli na miidhameera osoo ati deemtee waan wayyaa’u hojjette wayya naan jedhe. Eegasii galateeffadhen fudhe dhufeen warqii kana argadhe.

‘’Isa baay’een galateeffadha. Waaqni ulfina haa kennuuf. Warqiin kuni ofiikoof qofa osoo hin taane kan isaatisi. Adaraan [Imaanaan] isaas keessa jira,’’ jechuun dorgommii booda BBC’tti hime.

‘’Carraa kana waan naaf kenneef injifannoon kuni kan isaatis,’’ jechuu isaas Rooyitars gabaaseera.

Taammiraat tuuta keessaa bahuuf si’a lama erga yaale booda si’a sadaffaan adda of foo’e fuula duratti qajeelee mo’ate.

‘’[Fageenya] 41km yeroon gahudha akkan injifadhu abdii kanin horadhe. Malee hangasitti hin barren ture,’’ jechuun hime.

Fageenya Itoophiyaan ittiin beekamtuun keessumaa 5000m fi 10,000m baranas milkaa’uu dhabuun ‘’nan gadda’’ jedheera Taammiraat.

‘’Fuuladuratti qabxiin wayyoo qabu akka galmaa’u abdiin qaba.’’