Malli boca fuula dubartootaa ittiin miidhagsan jiraa? Odeeffannoo miidiyaa hawaasaarraa arginu hangam dhugaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaa hawaasaarratti bareedina eeggachuuf fuula bishaan cabbiin guuutame keessa kaawwachuurraa kaasee hanga waan qorraa fuularra kaawwachuutti akka hojiirra oolchan gorfama.
Malawwan kunneen yeroo ilaalan waan hojjetan fakkaatanillee ogeessonni wallaansa gogaa garuu namoonni baayyee hubannoo akka hin qabneefi gaaffii tokko malee fudhatanii hojiirra oolchuu dubbatu.
Wanti miidiyaa hawaasaarratti furmaata jedhamee dhiyaatus kan yeroof ta'u akka ta'e ibsu.
Ispeeshaalistii wallaansa godaa kan ta'an Dr. Ayizaa Jamaal dhiita'uun fuulaa kan mudatu dhangala'aa yeroo jiraatu, soogiddaafi alkoolii baayyee fudhachuun, akkasumas hirriba dhabuurraa kan ka'e ta'uu ibsu.
Ispeeshaalistiin gogaa biraa Tiinaa Tiyaanaa gama isaaniitiin oonlaayiniirratti kan argaman malawwan coomni fuulaa akka hir'isu taasisa jedhaman bakka sadiitti qoodamuu akka danda'an dubbatu.
Kana yeroo ibsan qarraaf of saaxiluu, maasaajii fi bu'aawwan fuula jabeessan yeroof fayyadamuu ta'uu tarreessu.
"Dhiitaa mul'atu sirriitti hir'isuun aara galfii kennuun ni danda'ama, haata'u malee asirratti wanti ijoon yeroodhaaf ta'uu isaati. Caasaa/boca fuulaa dhaabbataan hin jijjiiran."
Akkas taanaa dhiita'uu fuulaa sirreessuuf wanti gargaaru maalidha?
1. Wallaansa qorraa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fuula cabbiin haguuguu ykn bishaan dilalla'aaa keessa kaa'uun mala ittiin miidhagina fuulaa eeggatan irra deddeebiin dubbatamudha.
Tiinaan malli miidhagina eeggachuu akkasii kun kan himamu, "qorraaf of saaxiluun hiddi dhiigaa akka shuntuuru gochuun dhiita'uu waan hir'isuufidha," jedhu.
Icciitiin fuula cabbiin haguuguu ykn fuula bishaan qorraa keessa kaa'uun kanadha.
Dhiita'inni fuulaa akka hir'atu fooxaa firiijii keessa kaa'uun, cabbiin sukkuumuu ykn cabbii irra kaa'uun gadi qabuu hin barbaachisu; bishaan dilallaa'aa fuulatti naqachuun waan barbaachisu raawwachuu danda'a, gahaadhas.
Dr. Ayizaan itti dabaluun, "xiqqoo akka jabaatuufi miira daddammaquu uuma. Keessumaa ammoo ganama yoo ta'e," jedhu.
Haata'u malee, bu'aan isaa yeroof yoo ta'u, "guyyootaaf osoo hin taane sa'aatiiwwaniifidha," jedhu.
Tiinaan itti dabaluun daddamaqsuurra darbee kana irra deddeebiin godhachuun miidhaa qabaatu yoo ibsan, "irra deddeebiin fuula cabbiif saaxiluun gogaa haphii ta'e akka miidhamu ykn shiffiitaa kakkaasuu danda'a; kanaaf of eeggannoo barbaachisa."
2. Fuula riguu

Madda suuraa, Getty Images
Kanaan dura meeshaalee mana ispaa : waan fuula ittiin maran, akkasumas dhakaa/saddeeqawwan ittiin sukkuuman keessa turan amma meeshaalee mana itti dhiqatanii hedduu keenyaa ta'aniiru.
Meeshaalee bocaalee jedhamanii kan beeksifaman dhakawwaan/saddeeqawwan fuula ittiin sukkuummatan/rigatan kunneen beekamtii argataniiru.
Dr. Ayizaan garuu, "gogaa guutummaatti yeroo dheeraatiif hin jabeessan, caasaa/boca gogaa hin jijjiiran ykn cooma hin balleessan," jedhu.
Dabalataanis, "akka meeshaa ittiin lalaaffisaniitti/ mucuceessaniitti" ilaaluun gaaruu ta'uu ibsaniiru.
Haata'u malee, yeroodhaaf dhiita fuulaa hir'isuuf ni gargaaru.
Dr. Tiinaan gamasaaniitiin, "maasaajiin lallaafaa dhangala'aa gogaa jala jiru jajjabeessa garuu irra deddeebiin fayyadamnaan kuufama dhangala'aa hiri'isa," jedhu.
Omishaaleen kanneen gogaa irra yeroo gangalchan ykn yeroo rigamu, dhangala'aan dhaabbate fuularraa garra xannachoota gogaa jala jiraniitti (Lymph nodes) akka deemu gargaaru.
Tiinaan meeshalee kanneen qorrisiisuun bu'aa isaa olaanaa taasisuu waan danda'uuf namoonni tokko tokko firiijii/qorrisiistuu keessa kaa'uu filatu jedhu.
Seeraan hojjennaan miidhaa kamiyyu kan hin qaqqabsiisne ta'uu danda'a, garuu jedhu Dr.Tiinaan, " dhiibbaa humnaa olii gochuun madaa'uu ykn hiddi dhiigaa akka ciraman gochuu waan danda'uuf suuta jechuun gochuun akka barbaachisu" akeekkachiisu.
3. Kireemota Kafeeyinii qaban

Madda suuraa, Getty Images
Kireemiin ijaa Kafeeyinii waan qabuuf faayidaan isaa namoota dhiibbaa uumaniin baayyinaan ni odeeffama.
Gogaan naannoo ijaa jiran, keessumaa dhiita'uudhaaf kan saaxilamanidha; sababiin isaa ammoo dhngala'aan salphaatti naannoo sanatti waan kuufamuuf ta'uu ogeessonni fayyaa ni dubbatu.
Mala miidhagina ittiin eegsifatan baayyee keessaa bifa adda ta'een Dr.Tiinaan, malli miidhagina ittiin eeggatan kun hanga tokko dhugaa of keessaa akka qabu dubbatu.
"Kafeeyiniin hidda dhiigaa dhiphisa' kanaaf, kireemonni ijaa Kafeeyinii qaban dhiita'uu hir'isuu danda'u" jedhu.
Kafeeyiniin dhiita'uu ijaa yeroof hir'isa.
Dr.Ayizaan ammoo "gur'aacha'uu yeroo baayyee ija gara jalaatti mul'atu hir'isuudhaaf" ni gargaara jechuun ibsu.
Kireemii ijaa fayyadamuu yoo yaaddan, Dr.Tiinaan Kafeeyinii waliin wantota jiidha qabatan kireemota qaban akka barbaaddatan gorsu. Sababiin isaa ammoo qulqullina gogaa waan eeguuf gargaarudha.
Kireemicha firiijii ykn qabbaneessituu keessa kaa'uun yookaan ammoo "dugda fallaana qabbanaa'aan dibachuu" akka dandeessan dabakuun ibsu.
Dr. Ayizaan akka fallaana/maankiyaa qorraa ykn karaxiitii shayee qorraa fayyadamuu" dhiita'uu yeroof hir'isuun gpogaa fooyyeessuun faayidaa wal fakkaauuf oola," jedhu.
Dr.Tiinaan yaada kanaan waliigalanii malawwan kunneen adeemsa wal fakkaatu hordofu "hata'u malee, bu'aa xiqqaa argamsiisuu danda'u," jechuun ibsu.
Kireemiin ijaa Kafeeyinii dhiita'uu hir'isuuf gargaarullee, Tiinaan sababa isaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka ta'e gorsu.
"Dhugaatii alkoolii hir'isaa, alarjikiiwwan jiran sirnaan wallaansa barbaachisu fudhadhaa, hirriba gahaa rafuu yaalaa, akkasumas mataa keessan yeroo raftan xiqqoo ol kaasaatii rafaa," jechuun gorsu.
Dhiita'inni baayyeen dhimma wallaansa fayyaa miti waan ta'eef yeroo mataa isaatti hir'achuu danda'a kan jedhan Dr. Tiinaan,"dhiita'uun sun itti kan fufee mul'atu taanaan, hammaachaa kan deemus taanaan, dhukkubbiin kan isinitti dhaga'amu taanaan ykn waan akka hafuura kutaa kan isinitti dhaga'amu taanaan yookaan ammoo qaama bakka biraa keessa dhiita'i jiraannaan mallattoowwan dhibee biroo waliin kan wal qabate taanaan hakiima keessan bira deemtanii mariisisuun barbaachisaa ta'a" jedhu.















