Fedhii saalqunnamtii dhabuuf testostirooniin fala ta'amoo hin ta'u?

Alan Reeves, baroota 1990moota keessa nama waltajjii baay'ee beekamu ture. Garee aartii The Dreamboys faana keessatti kumaatama bashannansiisa ture.
Gareemuuziqaa Poop kan Biriitish keessatti beekamu Spice Girls waliin ta'uun fiilmii Spice World jedhamurratti taatoo ture. Yeroo sanatti nama ganna 24 kan ture Alan Reeves, ofuma isaatuu akka dinqisiifamuufi hawwatamu dubbateera.
Haata'uu malee, umriin isaa ganna 30 yoo gahu, Alan Reeves, haala rakkisaa keessatti of arge. Miira hamaatu isa rakkise — fedhiin saalaa isaa guutumatti bade.
"Miirri gaariin natti hin dhagahamu ture," jedha.
Reeves, yeroo ammaa ganna 52 ta'a. Fedhii saal-quunnamtii dhabuun isaa yeroo dheeraaf hariiroo jaalalaa isaa irratti dhiibbaa olaanaa akka uume dubbata.
"Ji'oota sadiif, afuriif wal qunnamtii saalaa osoo hin goone turra. Homaa fedhiin na keessa hin turre," jedha.
"Wanni akkanaa jaalalleewwan lamaan akka wal hiikaniif sababa ta'uu danda'a."

Madda suuraa, Fragile Films/ Icon Entertainment International/ Polygram Filmed Entertainment
Ammaan tana Landanitti leenjisaa jabeenyaa qaamaa fi haala jireenyaa kan ta'e Reeves, yaala testostiroonii bakka buusuu testosterone replacement therapy (TRT) eegaluu fi kunis fedhii saal-quunnamtii jalaa du'ee ture bakkatti deebisuufii dubbata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis miira kaleessa jaarsa dullachaa fakkaatu keessa turerraa gara miira dargaggeessa waggaa 20tti akka isaa deebise hima.
"Abjuu" natti fakkaata jedha.
Dubartoonnillee gara testostiroonii deebi'anii jiru.
Miira fedhii saalqunnamtii jalaa du'e deeffachuu danda'u jedhe
Raacheel Maasan, dubartiin ganna 37 yoo taatu oonlaayinii dhimmoota dhaabbachuu marsaa laguu (menopause) barreessiti. Hormoniin waan " dinqiidha" jetti humna, xiyyeeffannoo fi fedhii saalqunnamtii isheerratti jijiirama fiduu yoo ibsitu.
Hammi testostiroonii ogeeyyiii fayyaan namootaaf ajajamuu akka malee dabaleera.
Ragaan Abbaa taayitaa Tajaajila Fayyaa Biyyoolessaa UK irraa argame kan bara 2021 fi 2024 gidduu akka agarsiisutti hangi testostiroonni namootaaf ajajamee 135%'n dabale.
Daballiin kun yeroo UK keessatti fedhiin saal-quunnamtii gadi bu'etti mul'ate.
Qorannoon biyyoolessaa ilaalcha saal-quunnamtii fi haala jireenyaa gaaffilee 10,000 gaafachuun waggoota kudhan kudhaniin qoratamuu bu'aan isaa bara kana dhumarra gadhiifama.
Qorannoon kun hanga yoonaa akka mul'isetti hammi irra deddeebiin (firiikuwensiin) saal-qubnnamtii raawwachuu namootaa gadi bu'eera.
Bara 1990 keessa namoonni umriin isaanii 16 - 44 ta'an ji'atti yeroo shan saalqunnamtii raawwatu.
Bara 2000 keessa kun gara si'a afuriitti gadi bu'e. Bara 2010 keessa immoo gara si'a sadiitti gadi bu'e. Bu'aan qorannoon bara kurnan itti aanuu immoo dhuma bara kanaa baha.
Qorattoonni bu'aan qorannoo kanaatiinis kan as duraarra gadi akka ta'u eegu. Qorattoonni sababni waan kanaa waa tokko qofa akka hin ta'in himu.
Dhimma kanarratti mariin godhamu itti fufeera. Maaliif fedhiin saal-qunnamtii namootaa gadi bu'aa dhufe?
Namoonni testostirooniin dhuguma fedhi saalaa ni fooyyessaa kan jedhu gaafachaa jiru.
Xiyyeeffannoon waan kanaaf kenname hin arbeeffamnee?, maallaqaaf jedhameetii?, moo namoonni ni ta'a jedhanii waan amananii waan fudhataniifi?
Fedhii saalqunnamtii gadi bu'aa dhufe
Qorattoonni akka jedhanitti muuxannoo fedhii saalaa gadi bu'uu kan Alan Reeves' fakkaatu dabalaa jira.
Daarektarri dhimmoota akkaadamii Qorannoo Biyyaalessaa Ilaalcha Saalqunnamtii fi Haala Jireenyaa So'aazig Kiliiftan, "fedhiin saalaa gadi bu'aa jiraachuu waggootaaf hubataa dhufneerra" jetti.
" Yeroo ammaa jaalalleewwan waliin turan kan 1990mootaa waliin wal bira qabamee yoo laalamu xiqqaachaa dhufanii jiru.
Kun fedhiin saalqunnamtii gadi bu'aa dhufuu agarsiiftuu tokko. Gareedhumti waliin turan sanuu yoo ilaalle gadi bu'aa jira fedhiin isaanii"
Dhuguma immoo, fedhiin saalquunnamtiin waliin raawwachuu kan akka malee gadi bu'aa jiru warra umriin deeme, kanneen gaa'ela keessa jiranii fi jaalalleewwan osoo wal hin fuune wal faana jiraatan jidduutti.
Kiliiftan akka jettutti sababni fedhiin saalqunnamtii gadi bu'aa jiruuf kana jedhanii dimshaashaan ibsuun rakkisaa dha.
"Akkuma uummataatti, kutaa hawaasaa hunda keessaa, maaliif fedhiin saalqunnamtii gadi bu'e waan jedhurratti hanga yoonaa ragaan kana jennee akka sababaatti afaan guunnee dubbannu hin jiru"
Qorannoowwan sababa waan kanaa adda baasuf qorataman jiru. Sababni ijoon tokko addunyaa dijitaalaa ta'uu akka danda'a. Filmaata garaagaraa fidee dhufuun isaa fi namoonni yeroo dheeraaf isaan qabamuu.
Sadarkaan dhiphinni ilma namaas kan waggoota 30 darbanii caalaa dabaleera. Kun sababa tokko ta'uu danda'a jedha hakiimni waliigalaa (GP) fi teraappistiin saalqunnamtii Dr Been Daavis.
"Namootni wanti itti hirmaatan baay'achaa dhufeera," jedha, "Teknolojiin isa tokko, garuu dhiphinnis dabaleera, mukaa'uun, kophummaan, […] kun hunduu walitti ida'amanii fedhiin saalaa akka gadi bu'u tolchu."
Inni biraa immoo toora oonlaayinii fedhiin adda addaa dhalateera — sun daldala guddaa ta'eera. Testostiroonii gad aanaan fedhii saalaa gadi aanaa godha.
"Dhiirota irratti hammi testostiroonii sirriitti gadi bu'aa jira, " jedha Yuuroolojistii gorsaan (qorataan dhimmoota ujummoo fincaanii) fi miseensi Waldaa Fayyaa Saalqunnamtii Biriitish (BSSM) Prof Geoffrey Hackett.
"Garaa (Borcii) baasuun, dhibeen sukkaaraa akaakuu 2, yeroo dheeraa taa'uun dabarsuun — kunneen hundi hamma testostiroonii gadi buusu.
Hammi testostiroonii gadi bu'uun ammoo fedhii saalqunnamtii gadi buusa."
Qorannoowwan guguddoon waggoota 20 darban hamma testostiroonii dhiiraa shallagan akka mul'isanitti hammi testostiroonii gadi bu'eera.
Garuu, Prof Hackett carraan testostiroonii gad aanaa qabaatanii fedhii saalaa olaanaa qabaachuu ni jira. kun nama hundaaf hin hojjetu jedha.
Haalota wal xaxaa kanneen keessatti,buufatoonni konkolaataa fi baaburaa, miiidiyaan hawaasaa beeksisaan guutamaa jiru: Fedhiin saalaa kee gadi bu'ee? Ni raatoftee? Dadhabdee? Testostiroonii kee laalchisi! Abbaan manaa kee miira dhabee jiraa? Sababa hormonii ta'uu danda'a!
Kanaafuu, teraappiin testostiroonii bakka buusuu fedhii saalqunnamtii hundumaaf furmaata fulla'aa dhaa?
Testostirooniin 'jireenya koo naa deebise'
Meliisaa Giriin waggaa tokko yeroo ta'uuf testostiroonii fudhachaa turte. Isheen akka jettutti, si'aayina jireenyaa kan deebiseef qofa osoo hin taane- gaa'ela ishee akka baraaref dubbatti.
Fedhiin saalaa ishee gadi bu'ee ture gaa'ela isheerratti dhiibbaa hamaa qabaachaa akka ture dubbatti.
Umriin ishee waggaa 43 kan taate, Meliisaan, marsaan laguu ishee dhaabbachuuf kan ture ta'ullee doktarri ishee karaa Teraappii Testostiroonii Bakka buusuutiin ostiroojinii fi piroojestiroonii ajajeef. Giriin akka jettutti hakiimni ishee sadarkaa testostiroonii ishee shallaguufii dideera. Hormonii dabalataa hin feetu ture.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK (NHS) testostirooniin dubartoota Teraappii Hormonii Bakka buusuu (HRT) qoratamanii fi fedhiin saalaa isaanii gadi bu'eef qofa heyyamama. Kuun yaaddoo warri qaban hakiima isaanii waliin dubbachuu qabu.
Boodarra, Giriin gara kiliinika dhuunfaa deemuun, qorannii dhiigaa qoratamte, hammi testostiroonii ishee gadi bu'aa ta'uu barte.
Bu'aa qorannoo kanas hakiima isheef geessite. Amma testostirooniin karaa NHS kennameef. Karaa kiliinika dhuunfaas kan dabalataa ajamameef
"Jireenya koo naa deebise. Gaaf tokko tokko, akkan umrii waggaa 20 ta'eetti natti dhagahama" jetti. "Humna (si'aayina argadheera, natti tolee jira, fedhiin saalaa koo naa deebi'e."

Madda suuraa, Melissa Green
Gariin testostiroonii yoo amanan, kanneen shakkanis jiru.
Cheryl O'Malley testostiroonii si'aayina, humna fedhii saalaa ishee umrii laguun ishee dhaabbatetti kan deebiseef ta'us, fedhiin saalqunnamtii ishee daran dabaluu fi miira ishee to'achuu sadarkaa dadhabuu fa'i gahuu ibsiti.
"Baay'ee natti dhaabata. Abbaa warraa koo waliin walqunnamtii saalaa gochuu nan hawwa. Akkasumas isan jibba. Of to'achuun dadhaba."
Raachel Maason waayee TRT akkana jechuun maxxansite: dubartoonni hedduun testostiroonii jalqabuuf ni sodaatu, akka dhiiraa taana jedhanii yaadda'u, fuula isaaniirratti rifeensa biqilchu, of dhabu" jetti.

Madda suuraa, Rachel Mason @raysecommunity
Maason "rifeensa akka biqilchite" himti, harka ishee bakka dibata testostiroonii guyyaa guyyaan dibatturratti. Garuu bu'aa isaatuu naa caalaa jette.
Rifeensi qaama namaarratti dabaluu malees, TRT'n dhiiibbaa kaan ni qaba.
Dubartootarratti, dheerina rifeensasaanii akka malee dabala, fuulatti shif jedha, ulfaatinni isaanii ni dabala. Kunneen hamma testostiroonnii hir'isuun ykn adda kutuun to'achuun ni danda'ama.
Dhiiirotarratti, dhiibbaa akka ulfaatina qaamaa dabaluu, dhukkubbii, rifeensi irraa yaa'uu, qunxurroon isaanii yeroo dheeraaf dhaabbachuuu, miirri ol bahuu fi gadi bu'uu ni mudata.
Isparmiin xiqqaachuu fa''illee ni mudata. Kun dhala horachuurrattis dhiibbaa ni qabaata. Dhimmoota kanneeniif mana yaalaa deemuun gaarii dha.
'Maallaqaaf bololuu'
Hakiimonni NHS tokko tokkoo fi gorsitoonni dhimma fayyaa sadarkaa lammaffaa BBC dubbise kiliinikoonni dhuunfaa rakkoo fayyaa wal xaxaa kana TRT gurguruun hiikuuf bu'aa hin malleef hojjechaa jiru.
Gorsituun dhimmoota saalaa fi wal hormaata fayyaa NHS' Dr Paawulaa Biriigs, waan kana "maallaqaaf bololuu" jettiin.
"To'annoon ala ba'aa jira" jetti. "Indaastiriin fayyaa qaawwa kana akka uume fi kanneen bolola maallaqaa qaban akka dhimma itti bahaa jiran ibsiti.
"Kun sarbama guddaa dha."
"It's abusive."
Kiliinikoonni dhuunfaa, garuu, tajaajila fayyaa NHS kennuu dadhabe kennuun jiruu namootaa fooyyessaa jirra jedhu.
Hakiimni waliigalee NHS fi daarektarri kiliinika Voy, dhaabbileen fayyaa dhuunfaa qaawwa gama fayyaan jiru guutaa jiru jedhu.
"Yeroo ammaa, NHS namoota hanqina testostiroonii qaban kumaatama qorachuu fi yaaluu hin danda'u"
TRT' n UK keessatti karaa NHS kennama. Karaa dhaabbilee Indookirinoalojii ykn yuuroolojii.
Mikaa'el Kooksis bara 2016 kaasee karaa dhaabbata ofii Balance My Hormones tajaajila TRT kennaa ture. Fedhiin hormonii akka malee dabaluu hima.
Dhukkubsattoonni karaa NHS qoratamanii hanqina testostiroonii akka hin qabne itti himame gara dhaabbilee dhuunfaa deemu jedhe.
"Testostirooniin isaanii sadarkaa NHS kaayee ol jechuun hanqina hanqina hin qaban jechuu miti.
"Adii fi gurraacha miti, hanqinni ni jiraata" jedha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dhiirota umriin isaanii 30 fi 40 jidduu irratti testostirooniin 1% tiin gadi bu'uu jalqaba.
NHS kun amala uumamaa namaati jedha. kun fedhii saalaa keenyas carraan gadi buusu isaa xinnaa dha.
Alan Reeves jalqaba TRT karaa NHS fudhate. Torban sadi gidduutti lilmoo afur waraaname. Yaala yeroo 4ffaaf kennameef booda akka itti hin fufne hime.
Rakkoon isaa hin furamne. achiin gara kiliinika dhuunfaa deemuu murteesse.

Madda suuraa, Alan Reeves @coachalreeves
Tole, dhiirotaaf gulantaan testostiroonii fayyaa qabeessi meeqa? kun dhaabbata gaafattu ykn qorannoo dubbifterratti hundaaya.
Qajeelfamni Waldaa Fayyaa Dhimmoota Saalaa Biriitish (BSSM, qorannoowwan jajjaboo addunyaarraa ka'uun dhiironni testostiroonii 12nmol/L, gadi qaban tajaajila TRT argachuu qabu jedhe. Kunneen mallattoo hormoniin saalaa isaanii gadi bu'uu (hypogonadism) kan agarsiisan ta'uu qabu jedha.
Qajeelfamni NHS immoo dhiirotaaf kanneen gulantaan isaanii 6 fi 8nmol/L ta'e hanqina testostiroonii qabu jedhe.
Dubartoonni umrii 20 fi 40 jidduutti testostirooniin isaanii gadi bu'uu eegala.
Gaafa marsaa laguu arguu dhaaban immoo guututti dhaabbata. Kun uumama. Gaaffiin hir'inni kun hagam fedhii saalqunnamtii fi fayyummaarratti dhiibbaa qaba kan jedhu dha.
Testostiroonii dubartootaafis ni barbaachisa. Garuu hammi isaan barbaachisu xinnaa dha.
Dubartootaaf tajaajilli kun heyyama hakiimaa sadarkaan kaayameef hin jiru.
Yeroo ammaa Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) UK hagamtu testostiroonii hagamtu dubartootaaf kennama kan jedhu hun baafne.
Biriigs beeksisi kiliinikoota dhuunfaa " waa hunda madaala dhorkee jira" jetti.
Ani haala barbaachisu keessatti TRT hin mormu, kanan mormu beeksisa isaa daangaa dabree jiru dha."

Madda suuraa, Cheryl O'Malley
'Akka raajiitti akka hin laalle'
Alan Reeves, waggoota torbaaf tajaajila TRT kiliinika dhuunfaa, Balance My Hormones irraa argachaa ture. Amma jireenyi isaa bu'uurarraa fooyya'uufii dubbata.
"Fedhiin saalaa koo naa deebi'eera. Jalqabarra fedhiin olaanaan na keessatti uumamee ture. Halkan hunda walitti aansee halkan 10f na barbaachisa ture.
"Amma garuu tasgabbaayeera. Bakka gaariin jira."
Haa ta'uu malee, Reeves "akka raajiitti akka hin laalamnee jedha" Reeves.
Haala jireenyaa keenya osoo jijjiirama hin fidin testostiroonii fudhachuun hin ta'u jedha.
"Konkolaataa caccabetti" motora konkolaataa Feraarii qicuu akka hin taane akeekkachiisa. Bishaan tumuu akka jechuu ti.
"Yeroo dheeraa miilaan nnan imala jedha.
"Kan duraanirra ofitti amanamummaan qaba amma" jedha Alan Reeves.












