Jaalallee dhugaa argachuun yeroo kaan caalaa rakkisaa ta'aa dhufeeraa?

Guutuu addunyaatti namoonni jaalallee wajjin gaa'ela ijaaran argachuuf rakkachaa jiru. Biyyoota akka Iraan, Meeksikoo, Peeruu, Afrikaa Kibbaa fi Kooriyaa Kibbaatti lakkoofsi jaalalleewwan lubbuu ta'anii hir'ataa dhufeera.
Chaayinaa keessatti lakkoofsi jaalalleewwan gaa'ila ijaaranii bara 2014 miliyoona 13 ture bara 2024tti gara naannoo miliyoona 6tti gadi bu'eera.
Fiinlaanditti yaadni uummataa sassaabame akka agarsiisutti ammoo jaalalleewwan gaa'ila gahuu caalatti adda bahaa jiraachuu agarsiisa.
Maarree addunyaa bakka hedduutti hariiroo jaalalaa milkaafi waaraa qabaachuun maaliif rakkisaa ta'e?
Filippeen nama ganna 36 yoo ta'u magaalaa Santa Katarina Biraazil keessa jiraata. Hiriyyaa jaalalaa qabaachuuf waan gochuu qabu hunda godhus hin milkoofne.
Mana barnootaa wayita ture dubartoota qalbiinsaa jaalatetti xalayaa ergus deebii jajjabeessaa hin arganne.
Yunivarsiitii wayita ture dubartoota barnootaan gargaaree isaan waliin yeroo qabaachuuf yaaleera.
Achii umriinsaa ganna 30 erga gahee booda ammoo dubartoota waliin hariiroo uumuu haala danda'u irratti gorsa ogeessaa barbaacha deemeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee hanga ammaa bu'aa hin arganne. ''Ani nama jireenya jaalalaasaa waan godhu hin beeknedha'' jedha.
Felippee umriisaa mana 20 hojii tasgabbaa'aa osoo hin argatiin dabarse. Kunimmoo carraa dubartoota harkisuu jalaa xiqqeessuu dubbata.
Ammoo ''wantichi rakkoo qofa miti'' jedha. Dhiironni baayyeen jaalallee qabachuuf yaaluu dhiisutti jiru jedha.
Ragaan Yunaayitiid Isteets akka agarsiisutti dhiironni umrii 18-24 gidduu jiran warra kaan caala yeroosaanii irra hedduu kophaa dabarsu. Kunimmoo wanta waggaa 20 dura ture waliin yoo wal bira qabamu garaagarummaa guddaa qaba.
Bara sana dargaggoonni umrii kana keessa jiran akkuma warra ganna 30-40 gidduu jiranii namaa waliin hariiroo uumu turan. Warra waggaa 50 oliimmoo ni caalu ture.
Amma dargaggoonni waliin yeroo dabarsuu caala miidiyaa hawaasaarra, geemii taphachuu fi TV ilaaluutti yeroo dabarsu. Biraazil biyyi Felippee addunyaarratti biyya namni hedduun miidiyaa hawaasaa itti fayyadamuudha.
Dargaggoonni yeroosaanii hedduu intarneeta gubbaatti dabarsu, ammoo achirratti michuu barbaaddatus. Garuummoo aappiiwwan jaalallee irratti barbaadan fayyadamnisaanii gadi bu'aa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Akka dhaabbanni basaasa gabaa Sensor Tower jedhutti, seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif baayyee kan gadi bu'e, appiiwwan jaalallee gurguddoon addunyaa ja'an bara 2024'tti namoonni buufatan %18 gadi bu'eera.
Yunivarsiitii Isteetii Arizoonaa keessatti daayreektarri Laaboraatorii Hariiroo fi Teeknooloojii, Liiseel Sharabii, fayyadamtoonni baay'ina namootaa malee qulqullina hidhataataa (connectiona) dhabamusaatti, appii jaalalleeiin mufachuu, dadhabuui fi nuffuu dubbataniiru.
Dhimmoota isheen argatte keessaa tokko akkaataa namoonni itti walitti dhufan irratti kalaqni baay'ee xiqqaa ta'uu isaati.
Appiiwwan baay'eensaanii dubartoota caalaa maamiloota dhiiraa baay'ee qabu. "Dhiironni akka waan tuffatamaniitti waan ilaalaniif kunis addatti mufachiisuu danda'a," jedhu Dr Sharabiin. Dubartoonni ammoo baay'ina deebii argataniin dhiphinni akka itti dhaga'amu ta'u.
Akkasumas appiiwwan jaalallee keessatti itti gaafatamummaa hin qabu, kunis amala hamaa ykn jijjiramaa akka qabaatan taasisuu danda'a jettee amanta.
"Suuta suutaan ammoo akka waan ati namoota waliin haasa'aa hin jirree akka sitti dhaga'amuu taasisuu danda'a."
Hasaanaa Abujaa, Naayijeeriyaa irraa, gonkumaa appii jaalalaa seentee hin beektu. "Akkan waan ofiikoo caalbaasiin gurguruutti natti dhaga'ame," jetti.
Haata'u malee, sababii dhiironni dudhaaashee qooddatan xiqqaa ta'eef jaalallee isheef ta'u argachuuf rakkisaa ta'a.
"Ani dhimmi dubartootaa kan natti dhagahamudha. Kunis bu'aa beekumsaati, wantoota murtaa'oon kana booda ijakoo duluunfadhee bira darbuu hin dandeenye jiru," jetti.
Umuriin ishee 26 yoo ta'u, ogeettii seeraati. Ta'us, daldala uffata miiccuu milkaa'aa akkasumas dhaabbata miti mootummaa (NGO) miidhamtoota jeequmsa maatii deeggaru geggeessiti.
Intarneetii bal'inaan fayyadamuun dubartoonni Naayijeeriyaa haala kanaan dura gonkumaa hin dandeenyeen miidhaa maatii akka gabaasan bilisummaa kenneera jettee amanta.
Kunis dhaloonni ishee balaa hariiroo badaa caalaatti hubata jechuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan qorannoo US, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa fi kutaalee Awurooppaa tokko tokko irraa argame akka agarsiisutti, shamarran, keessumaa kanneen mirga dubartootaa ilaalchisee hubannoo tarkaanfataa agarsiisan fi dargaggoota xiqqaa ta'an gidduutti qaawwi bal'achaa dhufeera.
Ogeettiin hawaasummaa Dr Aliis Evaans saalaa jidduu garaagarummaa guddaatu jira jechuun dhimma kana irratti kitaaba barreessaa jirti.
Akkaataan aadaa toora interneetii irratti itti fayyadamnu kanaaf sababa tokko ta'uu mala jettee amanta.
"Dubartoonni fedhiin dhimma dubartootaa isaanii dabalaa dhufe garuu kan dhiironni saffisa walfakkaatuun guddachaa hin jirre ta'uu hubachu danda'u," jetti.
Hasaanaaf sun dhugaadha. Yeroo baayyee dhiira akkaawuntii miidiyaa hawaasaa hordofan kan ilaalacha jibba dubartootaa qaban ykn ammoo kan yaada jibba dubartootaa irratti walii galan argiteetti. "Kunis waan sodaachisaa ta'edha," jetti.
Iraan keessa Naaziin kan umuriin ganna 40 ta'u rakkoo wal fakkaatu qabdi. Waggoota 10 darbaniif qeenxee taatee jaalallee barbaadaa turte.
"Ani xiqqoo dubartootaafan looga ykn feminiistiidha," jetti. "Hojjechuun barbaada, maallaqa hangaa hiriyaakoo argachuu barbaada.
Garuu ammoo dubartoonni hedduun ammallee hiriyaa gaa'elaa irratti ejjennoo gahee aadaa konsarvaatiivii irraa madde qabu.
Naazii fi Hassana nama akka isaanii maallaqaan wabii hin qabne waliin michuu gochuu hin fedhan.
Dubartoonni lamaan digrii lammaffaa fi hojii gaarii qabu. Gareen dhiirota argaman kan isaan walqixa jedhanii ilaaluu danda'an xiqqaachaa dhufeera.
Biyyoota baay'ee keessatti, amma dubartoota barnoota sadarkaa olaanarraa eebbifaman dhiirota caalaa, shamarran immoo mana barumsaa keessatti ijoollee dhiiraa caalu dhufaa jira.
Kophaa ta'uu ykn 'dhaabbatanii hafuu' irratti maqaa balleessiin xiqqaa ta'uu isaatiin, guutummaatti jaalallee argachuuf jalqabuu keessaa bahuun salphaa ta'aa jira jedhu Dr Eevaans.
"Bashannana dhuunfaa qulqullina olaanaa qabu dabaluuf yoo beelamanii wal baruun isaan nuffisiisaa ta'e, hey, mana keessa turuu fi filmii ilaaluu ykn tapha viidiyoo taphachuu qofa jechuudha," jetti.
Namoonni tapha hin taane raawwachuuf dhiibbaa xiqqaa jala yoo ta'an, waan gaarii ta'uu amanti. Garuu ammoo dargaggoota gidduutti walitti dhufeenyi dhabamuun ishee yaaddessa.
"Dhiiraa fi dubartoonni yaada jaalalaa waliif qooduun, ilaalcha adda addaa addunyaa kanaaf qaban waliin qooduun yeroo waliin dabarsuu yoo baatan, waliif yaaduu horachuun rakkisaa ta'a," jetti.
Appii jaalalaa kan qoratan Dr Sharabiin, teknooloojiin walitti dhufeenya addunyaa dhugaa muraasa akka balleesse waliigalu.
"Dargaggoonni nama miidhagaa tmana dhugaatii keessatti arguu danda'u. Haata'u malee itti hin dhiyaatan. Kanarra appii jaalallee keessa jiraachuu isaanii hubachuuf seenu natti himaniiru," jetti.
"Walumaagalatti karaa duraan hin beekneen wal qunnamtii namaa irraa fagaanna jedheen yaada,'' jechuun yaaddoo qaban ibsu.












