Lakkoofsi 'jaalalleewwan' ciisichasaanii gargar godhatanii maaliif dabalaa dhufe?

Madda suuraa, Getty Images
Taateen kun weerara Koovid-19 booda jalqabe.
Kurruufuun jaalalleeshee akka malee hammaate, Sesiiliyaan* hirriiba argachuu hin dandeenye.
Akka kurruufuu dhaabuuf isa dhiibuun garagalchuu yaaltus, milkaa'uu dhabde.
Dubartiin ganna 35 kun waan kana obsuu hin dandeenye. Egaa akkasiin ture kan murtee kanarra gahan: walbira kutaa tokko keessa rafuu dhiisuu.
"Hojiikoorra xiyyeeffachuu hin dandeenye, guyyaa guutuu dadhabbiin natti dhagahama. Halkan muraasa obsuu dandeessa, garuu yeroo dheeraaf rakkisaadha," jechuun magaalaa jiraattu Landan irraa BBCtti himte.
"Murtee salphaa hinturre. Hamileen keenya miidhameera. Tahus sirnaan rafuu akka dandeenyu hubannaan nan gammade."
Seesiliyaa fi jaalalleenshee ganna 43, haala "hirriibaaf walhiikuu ykn sleep divorce" jedhamu jireenyasaanii keessa galchaniiru.
"Hirriibaaf walhiikuun jalqabarra waan yeroof raawwatanidha. Garuu boodarra lameen hirriiba gaarii akka rafan hubatu," jedhu US Hospitaala McLean'tti saayikiyaatiristii ka tahan Isteefaanii Kooliyer.
"Yeroo hedduu sababnisaa fayyaa wajjin kan walqabatudha... isaan keessaa kurruufuu, miila garmalee sosochoosuu, hirriiba keessa ta'anii odoo hin beekin deddeemuu ykn sababa fayyaaf mana fincaanii deddeebi'uudha... Kun ammoo jaalalleesaanii jeeqa," jechuun BBCtti himte.
"Barmaata namoota biratti beekamaa dhufedha," jechuunis himti.

Madda suuraa, Getty Images
Qo'annoo 2023 keessa US'tti godhameen, kanneen gaafataman sadii keessaa tokkoo ol kan tahan, hirriiba gaarii argachuuf jecha, jaalallee isaaniin wajjin darbee darbee siree akka akkaarra akka ciisan himaniiru.
Akka qorannoo kanaatti barmaanni kun keessattuu labata “millennials” jedhamanii fi umuriin isaanii yeroo ammaa 28 hanga 42 jidduu jiru kan baratame akka tahe akeeka.
Isaan keessaa %43 kan tahan jaalallee isaaniirraa kophaatti siree biraarra akka ciisan himaniiru.
Ragaan kun kanneen dhaloota "Generation X" (kanneen ALA 1965 hanga 1980'tti dhalatan) %33 yoo tahu, labata "Generation Z" jedhaman (baroota 1997 - 2012 jidduu dhalatan) biratti ammoo %28 taha.
Akkasumas kanneen umriin jaaraniifi labata "baby boomers" jedhamuun beekaman (baroota 1946 - 1964 jidduu dhalatan) biratti ammoo %22 tahuun gabaafameera.

Madda suuraa, Getty Images
Faayidaan isaa maali?
Ogeeyyiin jaalalleewwan kutaa adda addaa keessa rafuuf murteessan faayidaa hedduu akka argatan akeeku.
"Faayidaa ijoon hirriiba idilee fi cimaa rafuu danda'u. Hirriiba gaarii argachuun ammoo fayyaa keenya waliigalaaf murteessaadha," jedhu Dr Koliyeer.
"Nami hirriiba argachuu hin dandeenye, dhukkuba dandamachuurraa eegalee hanga sirna qaamaasaanii irratti dhiibbaa fida. Kana malees, daftee aarta, obsa hin qabdu. Hanga dhiphinaattillee gahuu dandeessa."
Ogeettiin fayyaa sammuu kun akka jettutti "hirriibaan walhiikuun" hariiroo fayya-qabeessa tahe itti fufsiisuufillee gargaara.
"Lameen sirnaan hin boqonne, caalaa wal mormuu danda'u, salphumatti dallanu, akkasumas garaa walitti jabaatu," jechuunis himte.

Madda suuraa, Getty Images
Ogeessa sirna hargansuu kan tahe Seema Khosla yaada kanaan waliigala.
"Hirriibni gaarii hin taane miirakee jeequu akka danda'u beekna... nama hirriiba akka dhabdu si godhe sanatti dallanuu dandeessa, kunammoo hariiroo namootaa miidha," jedha.
Sesiliyaan jaalalleeshee ammaa wajjin kutaa garagaraa keessa ciisuun "jireenyakoo geeddareera" jetti.
"Amma daran natti mijateera. Hirriiba gaarii argachuun koo, sireerra bakka bal'aa qabaachuu, akkasumas nama odoo hin jeeqiin akka fedhe gaggaragaluu danda'uun [waan dansaadha]."
"Akkasumas michuunkee sa'aa hirriibaa ka'utti ka'uu hinqabdu. Gaafuma sitti toleefi yeroo barbaaddetti kaata."
Miidhaahoo qabaa?
Miidhaan ifa jiru inni duraa, sireen dabalataa yookis kutaan dabalataa barbaachisuu isaati. Kanaaf lameen hedduuf barmaanni kun waan yaadamuyyuu miti.
Yoo danda'ama ta'eyyuu ammoo, murteen ciisicha gargar gochuu miidhaa biroo fidee dhufa.
Innis maali jennaan - cimdiiwwan hedduun qunnamtii dhiyeenyatti taasisan jalaa laaffisuu akka malu ogeeyyiin ni himu.
"Gama hariiroo michuukoo wajjin qabnuun, waanti tahe wahii geeddarame," jetti Sesiliyaan.
"Hariiroon duraan qabnu miidhamaa dhufe. Garuu ammoo hangas mara ulfaataa miti. Akkan yaadutti faayidaa isaatu caala."
Dr. Kooliyer akka jettutti, namoonni yeroosaanii guutuu hojiirra dabarsan hedduun, abbaa warraa ykn haadha warraasaanii wajjin gaafa walarganii walitti dhiyaatanidha kan hirriibatti galan.
"Kanaafuu, falli jiru tokko sa'aatii wajjin dabarsan haala gaariin fayyadamuudha," jetti ogeettiin kun.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessa hirriibaa (somnologist) kan tahan Dr Paabloo Birookmaan gamasaaniin, barmaanni "hirriibaaf walhiikuun" cimdiiwwan hundaaf kan hojjetu miti jedhu.
"Akka jaalaleewwaniitti wajjin rafuun faayidaa uumamaa qaba. Namoota hedduuf, hariiroon kan uumamu abjuu keessaani. Dhala namaa keessa kun uumama keenya ganamaati.
"Fakkeenyaaf, haadhaafi daa'imni hariiroo akkasii wayita daa'imni harma hootu uumama. Kunis sa'aa hirriibaa walfakkaatu akka qabaataniifi boqonnaa akka argatan godha."
“Qorannoowwan akka jaalalleewwan waggootii dheeraaf waliin rafanii sababa hariiroon isaanii wal simeef hirriiba sadarkaa adda addaa to’achuu danda’an jiran himan jiru. Kanaan bareedina hirribakee fooyyessuu dandeessa,” jedhu oggeessi hirribaa kun.
Ta’us, yoo “hirribaaf walhiikuuf” filattan, gorsi muraasi isin fudhachuu qabdan jiru jedhu.
“Wanti kun namni tokko fedhee inni biraan ammoo yoo hin fedhu ta’e hin hojjetu, sababiinsaa gara walitti gadduutti geessuu danda’a,” jedhu Dr Koliyeer.
“Namootni tokko tokko qofaa rafuu hin fedhani, kun ammoo akka isaan gaddan taasisa. Gama biraan ammoo waa’ee wali ialtee qixa ta’e, kan lamaan isaanii waliin murteessani yaaduu qabu,” jechuun Dr Birookmaan waliigalu.
“Nama rakkoo kana qabuuf, kurruufuu, hirriiba keessa deemuu ykn wixxifachuus yoo ta’e, waan cimu ta’uu mala. Sababiinsaa namootni siree adda addaarra rafuu hin fenee jiru… akka waliigalaatti, dhiirotni kana gochuurraa of qusatu,” jedhan.
Qorannoowwan kun kan agarsiisan barmaati kun, yoo xiqqaate biyyootii muraasa keessatti waan beekkamtii argaachaa jirudha.
UK keessatti, Federeeshiniin Siree Biyyaaleessaa, bara 2020’tti jaalalleewwan Biritish waliin jiraatan keessa %15 kan ta’an siree adda addaarra rafu – kan %89 ammoo darbeeyyu kutaa adda addaa keessa rafu.
Qorannoon bara 2009’tti The Sleep Council’n gaggeeffame akka agarsiisutti jaalalleewwan keessaa %7 gaditu siree adda addaa fayyadama.
“Kun waggootii kurnan darban keessatti shaakala siree adda addaarra rafuu gara dachaan dabaluusaa kan agarsiisudha,” jedha Federeeshiniin Siree Biyyaalessaa.
Kanaaf eenyutu eessa rafa kan jedhu irratti, jaalalleewwan hedduu hirriiba halkanii gaarii argachuuf dursa kan kennaa jiran fakkaata.
*Seesiliyaa - maqaanshee kan geeddarame.












