Qondaaltonni Kutaa Poolisii Los Angeles gabaasa dhukaasa kanaa hordofee shakkamaa tokko to'annaa jala oolchaniiru
Qondaalli poolisii tokko CBS News' tti akka himetti, manni irratti xiyyeeffatame kan Rihaanaati. Bakka haleellaan kun itti dhaqqabeettis kan rasasi qawween keessa dhuka'e argataniiru .
Poolisiin akka jedhutti dhukaasa kanaan namni miidhame hin jiru . Rihaanaa yeroo sanatti mana sana keessa akka turte maddi nageenyaa tokko gaazexaa Los Angeles Times'tti himeera.
Qorattoonni akka jedhanitti shakkamtuun kun dubartii ganna 30 keessa jirtu , konkolaataa manaa i dhaabdee dhukaasa torba gara manaatti dhukaastee deemte.
Boodarra poolisiin konkolaataa ishee hordofuun to'annoo jala oolche. Angawoonni hanga ammaatti eenyummaa ishee fi maalif haleellaa kana raawwachuu akka barbaadde hin ibsine.
Rihaanaa dhiheenya kana bara darbe Fulbaana keessa mucaa ishee sadaffaa , intala, raapper A$AP Rockii waliin godhataniiru. Isaan dura ijoollee dhiira lamas qabu.
Rihaanaan muuziqaa malees,agarsiisa miidhaginaa fi uffata beeksisuu keessaa maqaa gaarii horatteerti. Akka Forbes jedhamutti urjiin muuziqaa ganna 37 kun qabeenya doolaara biiliyoona 1 ol qabdi.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Tiraamp filatamuu hoogganaa olaanaa haaraa Iraanitti hin gammadne- Fox News
Madda suuraa, gett
Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan ilma Ayaatollaa duraanii Alii Kaameenii kan ta'e Mojtabaa Kaameenii hoogganaa olaanaa gochuu filachuu isheetti gammachuu akka hin qabne Fox News gabaaseera.
Sagantaa Fox News irratti oduu kan dhiheessu Birayaan Kilmeed erga Iraan hogganaa olaanaa filachuu ibsitee booda Tiraampitti dubbachuu fi pirezidantichis ''itti hin gammadne'' jechuun akka deebiseef gabaase.
Kilmeed waan Pirezidant Tiraamp waliin dubbatan bal'inaan hin ibsine, Tiraampis hanga ammaatti as ba'ee dhimma kanarratti ibsa hin kennine.