Seenaa Iraan biyya Shi'aa: Bara Peershiyaa jedhamtu irraa hanga har'aatti

Madda suuraa, Getty Images
Warri Lixaa ammallee Peershiyaa jedhuun, dhugumayyuu Iraan hiddishee ganamaa Impaayera Peershiyaa ture.
Impaayerri qarooma ganamaa jedhamuun beekamtu kun dhaloota Kirsitoos dura bara 550-330 sirna mootummaa- Achaemenid dynasty jedhamu jalatti bulaa turte.
Bulchiinsi akkasii biyya keessatti bara 636 seenaa ta’e. Babal’ina amantii Islaamaa hordofee biyyattii keessatti bulchiinsi Islaamaa eegale.
Ergasii hanga har’aatti sanumaan jirti. Jaarraa 9ffaa keessa Afaan Peershiyaa ammayyaawaan eegale, barreeffamni afaan Peershiyaa barreeffama Afaan Arabaan walfakkaata.
Bara 1501 biyya amantii Islaamaa Shi’aa ta’uushee kan labsite Peershiyaan, maqaa Iraan jedhu labsattee ittiin of waamuu kan eegalte bara 1935 irraa eegalteetti.
Heera mootummaa bulchiinsa ammayyaa
Iraan heera mootummaa aangoo bulchitootaa daangessu yeroo jalqabaaf kan bocatte bara 1907 ta’us hanga yoonaa qabatamaatti hojiitti hiiktee hin beektu jedhamuun komtamti.
Biyyattiin bara 1921 irraa hanga 1963tti bulchiinsa gonfoo maatii Pahlaavii jala turte.
Bara 1921 Guraandhala keessa ajajaan humna waraanaa biyyattii Razaa Kaan aangoo qabaachuun waggaa shaniif erga bulchee booda bara 1926 Razaa Shaah Pahlaavii mootii gochuun muude.
Ammoo maatii warra kanaa fi ministira muummee biyyattii yeroo sanaa Mohammad Musaddiq gidduutti bara 1951 uumamee wana tureef warri Shaah yeroof biyyaa baqatanii turan.
Hagayya bara 1953 garuu Biriteen fi tajaajilli tikaa Ameerikaa walta’uun ministira muummee kana wayita aangoorraa buusan, Shaah biyya alaa bakka yeroof itti miliqee turee biyyatti deebi’uun aangoo harkatti deebifate.
Bara 1963 irraa eegalee ammo biyyattii keessatti wanti haaraan uumamuu eegale. Shaah mata duree ''Warraaqsa warra adii'' jedhuun rifoormii lafaa, diinagdee fi hawaasummaa eegale.
Bara 1960oota gara dhumaa poolisii dhoksaan ijaareen mormitoota to’annoosaa jala oolchaa ture.
Aangoon Shaah qoramuu kan eegale bara 1978 gara xumuraa irraa eegaleeti. Imaammati Shaah abbootii amantii alageessuu fi qoollifachuu eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Warraaqsa Iraan sochii 1979 booda...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi abbaa irree Shaah gara hokkaraa, jeequmsaa fi mormii uummataatti biyya geese. Yoona kana bulchiinsa humna waraanaa guutummaatti labse.
Ta’us humnaan cabsee bulchuun itti fufuu hin dandeenye. Haalli siyaasaa wallaaquu gaafa eegalu Shaah maatiisaa qabatee bara 1979 ji’a Amajjii keessaa biyyaa baqate.
Kun ta’ee osoo hin turin Guraandhala 1979 dureen amantii Islaamaa morkataa Shaah turan Ayaatullaah Ruhoollaah Khomeeyinii waggoota 14f bakka itti baqatanii jiraataa turan, Iraaq fi Faransaay, irraa gara biyyaatti deebi’an.
Baruma kana keessaa rifarandamiin erga gaggeeffamee booda Mootummaan Islaamaa Rippaabilika Iraan labsame, hidhattoonni Islaamaa embasii Ameerikaa magaalaa Tahaaranitti argamu keessatti lammiilee Ameerikaa 52 qabachuun, wal’aansaaf gara Ameerikaa kan imale Shaah akka biyyatti deebi’uun adabbii isaa argatu gaafatan.
Iraan fi Ameerikaan achumarraa haaloo walitti qabachuu eegalan.
Bara 1980 ji’a Amajjii keessaa Abolhasan Banii-Sadir pirezidantii Rippaablika Islaamaa Iraan kan jalqabaa ta’uun filataman.
Pirezidantiin jalqabaa Iraan filatamanii baruma sana keessaa ji’oota muraasa booda Masirii keessaa jiruu baqaarra kan ture Shaah dhibee kaansariin du’uun dhagahame.
Seenaa Iraan keessatti taatee guddaa kan ture waraana Iraaq waliin taasisteedha. Waraanni kun bara 1980 Fulbaana 22 eegalee waggaa saddeetiif gaggeeffame.
Lammiileen Ameerikaa embasii US Tahraan keessaa jirutti qabaman guyyoota 444 erga hidhamanii booda bara 1981 Amajjii keessaa gadhiifaman.
Baruma kana Waxabajji keessa pirezidantiin jalqabaa Iraan Banii-Sadir aangoorraa ari’amuun, isa booda gara Faransaayitti baqatan.
Ameerikaa fi Sooviyeet Yuuniyen ammoo meeshaa waraanaa Iraaniif dhiheessuu adda kutan, ergasii garuu bara 1985 Ameerikaan dhoksaan meeshaa waraanaa Iraaniif dhiheessuutti kaate.
Ameerikaan kan kan gootuuf Iraan lammiileeshee butaman akka gadhiistuuf. Waliigalteen Ameerikaa fi aanga’oota Iraan gidduu kun hanga 1987 kan itti fufe yoo ta’u bara bulchiinsa Pirezidantii Ameerikaa yeroo sanaa Roonaald Reegaan ture.
Waraanni Iraan fi Iraaq kan bara 1980 eegale marii jaarsummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin gaggeeffameen bara 1988 dhaabbate.
Adoolessa 1988 biyyoonni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’an.
Boqochuu Ayaatullaah Khomeeyinii fi aangoo qabachuu Ayaatullaah Alii Kameenii

Madda suuraa, AFP
Iraan keessatti jijjiiramni guddaan kan biraan kan uumame bara 1989 wayita Ayaatullaah Ruhollaah Khomeeyinii boqotan ture.
Bara 1980oota keessaa marsaa lamaaf pirezidantii Iraan ta’anii kan turan Ayaatullaah Alii Khameenii hoogganaa olaanaa Iraan ta’an, Ali Akbar Haashimii-Raafsanjaanii ammoo pirezidantii ta’an.
Taateen bara 1990 Iraan mudate seenaa biyyattii keessatti yoomuu hin dagatamu, balaa kirkira lafaa biyyattii mudateen namoonni kuma 40 ta’an du’aniiru.
Ameerikaan Iraan waliin diinummaatti kan seente bara hoogganaa olaanaa Shaah ta’us, haaloon kun dhawaata keessaa hanga bara 1990oota keessatti fulla’uun diinummaan biyyoota lameenii cimeera.
Bara 1995 Ameerikaan himannaa heddummeessuun Iraan irra qoqqobbii boba’aa fi daldalaa keesse.
Shororkeessitoota tumsuu, meeshaalee waraanaa niwukilaraa hidhachuu fi haasaa Israa’el fi Filisxeem gidduu seenuun diinummaa agarsiisuun dhimmoota Ameerikaan ittiin Iraan himattedha.
Filannoo pirezidantummaa bara 1997 gaggeeffameen Mohammad Katamii sagalee kenname keessaa harka 70 argachuun mo’atan.
Garuu waggaa lama booda bulchiinsa isaanii jalatti hookkarri mudate. Barattoonni Yunivarsitii Tahraan kanneen dimokiraasii deeggaran mormiitti ka’an.
Barattoonni kunneen barruun biyyattii keessatti jijjiiramni akka dhufu hojjetu- Salaam jedhamu cufamuutti mufachuun hiriira mormii eegalan.
Hokkara hamaa guyyoota ja’aaf ture kanarratti barattoonni humnoota nageenyaa waliin walitti bu’aniiru, sababa Kanaan barattoonni 1,000 caalan hidhamaniiru.
Bara 2000 wayita yeroo jalqabaaf filannoon Majlisaa Iraan keessatti gaggeeffamu Liberaalonni fi deeggartoonni Katamii humnaan warra sirna duriitti cichan harkaa aangoo baafachuun paarlaamaa biyyattii dhuunfatan.
Kana hordofee seerri pireesii haaraan ba’e, bu’uura seera kanaan manni murtii biyyattii barruulee jijjiiramni akka dhufu hojjetan 16 akka cufaman ajaje.
Filannoo pirezidantummaa bara 2001 gaggeeffameen Pirezidant Katamii irra deebiin filataman.
Wayita kana qoccolloon Ameerikaa fi Iraan gidduutti eegale waggaa digdama ol lakkoofsiseera, biyyattiin garuu ajaja US tokkollee osoo hin raawwachiisin akkaataa duudhaa biyyasheen of hoogganuu itti fufte.
Inumaa biyyoota faallaa Ameerikaa deeman waliin hariiroo uumuu yookiin waliin hojjechuu eegalte Iraan.
Amajjii 2002 Pirezidantiin yeroo sanaa Ameerikaa Joorji Buush Iraaq, Iraan fi Kooriyaa Kaabaa walfakkeessuun amala tokkoon ibsan. Biyyoonni sadanuu ''hammeenyaan walitti hidhatan'' jedhaniin.
Biyyoonni kunneen misaa’ela fageenyaa dheeraa furguggifamuu kan haala walfakkaatuun biyyoota isaanii keessatti oomishan dhukaasuurraa akka of qusatanis akeekkachiisan.
Haata’u malee biyyoota sadaniif kun homaayyuu itti hin fakkaanne. Inumaa Iraan Raashiyaa waliin gabbisaa niwukilaraa eegalte.
Bara 2002 ji’a Fulbaanaa keessa ogeeyyiin teeknikaa Raashiyaa wiirtuu niwukilaraa Iraan kan jalqabaa buufata Busheher jedhamutti hojjechuufii eegalan.
Kana Ameerikaan cimsitee mormiti, Iraan garuu kan gochuurraa duubatti hin deebine.
Sagantaa niwukilaraa Iraan fi atakaaroo warra lixaa
Bara 2003 mormiin barattoota ammas Tahraan keessatti deebi’e. Dureen amantaa bulchiinsa biyyaa keessatti aangoo isa olaanaa qabaachuu mormuun hiriira ba’an barattoonni.
Baruma kana ji’a Onkoloolessaa keessa biyyattiin sagantaa gabbisa yuraaniyemii akka dhaabdu fi UN oomisha niwukilaraashee akka sakatta’u murteessuu ibsite. Kun Iraaniif murtee ulfaataadha.
Iraan dhiibbaa guddaa keessa waan seenteef tarkaanfii kana fudhatte.
Qaama UN kan ta’ee fi dhimma niwukilaraa kan to’atu- IAEA Iraan meeshaa waraanaa niwukilara irraa hojjetaa jiraachuu ragaan mul’isu akka hin jirre ifaamse.
Haata’u malee bara 2004 jaarmiyaan dhimma niwukilaraa addunyaa ilaalu kun Iraan waliin waldhabe. Iraan gabbisni niwukilaraa ishee akka sakatta’amuuf eeyyamamuu didde jechuun qeeqe jaarmiyaan kun.
Kantiibaan magaalaa Tahraan sirna duriitti cichuun baayyee beekaman Mahmuud Ahmaddiinjaad bara 2005 pirezidantii ta’uun erga aangoo Akkbar Hashemi Rafsanjani irraa fudhatanii booda Iraan wiirtuuwwan gabbisa niwukilaraa bebbeekamoo kanneen akka Isfahan fi Natanz keessatti sagantaashee cimsitee akka itti fuftu ibsite.
Iraan sagantaan gabbisa niwukilaraa ishee naga qabeessa kan ta’ee fi kaayyoon sagantaa kanaas misooma biyyaaf ta’uu ibsitus, IAEA garuu Iraan Waliigaltee niwukilaraa biyyoonni irratti walta’an- Non-Proliferation Treaty jedhamu sarbiteetti jechuun himate.
Bara 2006 ji’a Guraandhalaa keessa Iraan giddugala Natanz keessatti gabbisa yuraaniyemii ishee itti fufte.
Dubbiin sagantaa niwukilaraa Iraan hammaachaa deemee, UN dablatee biyyoota lixaaraa hedduurraas biyyattiif diina hore.
Ameerikaan bara 2007 ji’a Onkoloolessaa keessa qoqqobbii Iraan keesse. Kun erga qoqqobbii jalqabaa keessee waggaa 30 booda isa hamadha jedhameera.
Iraan- biyya rakkoo keessoo fi alaaf harka hin kennine
Rakkoon Iraan biyyoota alaarraa kan dhufu qofaa hin turre, keessaas rakkoon osoo hin mudatin hafee hin beeku. Kunis bulchiinsi biyyattii tokko gammachiisee isa kaan waan mufachiisuuf.
Filannoo 2009 irrattis kanumatu mudate. Pirezidant Mahmuud Ahmaddiinjaad irra deebiin mo’achuusaanii wayita labsatan, mormitoonni filannoo waliin dhahame jechuun dubbii kaasan.
Jeequmsa filannoo yeroo sanaan walqabatee mudateen yoo xiqqaate namoonni 30 ta’an du’aniiru, 1,000 kan caalan ammoo hidhamaniiru.
Pirezidantiin kun erga Warraaqsa Islaamaa Rippaablika Iraan bara 1979 as yeroo jalqabaaf nama dubartii kaabinee isaanii keessatti makan ta’aniiru.
Bara 2009 ji’a Fulbaanaa keessa Iraan naannawa Qoom jedhamutti yuraaniyemii gabbisaa jiraachuu ibsite, biyyattiin sagantaan kun karaa naga qabeessa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsitus garuu sababa kanaan qoqqobbii jalaa hin baraaramne.
Manni maree nageenyaa UN walga’ii bara 2010 Waxabajjii keessa taa’een yeroo afraffaaf Iraan irra qoqqobbii kaa’uu ibseera.
Iraan shaakallii misaa’elaa fageenya giddugaleessaa fi fageenya dheeraa irra deddeebiin taasisuu itti fufte, kunimmoo humnoota Israa’el fi Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaa keessa buufatan hedduu qaqqabuu kan danda’u waan ta’eef biyyoonni michuu waliin ta’an kunneen (US fi Israa’el) guddoo yaadda’an.
Bara Hasan Rohaanii pirezidantii Iraan turan sagantaa niwukilaraa irratti jijjiirama uumuuf yaalameera.
Hasan Rohaanii fi rifoormii
Hasan Rohaanii bara 2013 ji’a Waxabajjii keessa aangoo pirezidaantummaa qabatan. Dureen amantii warra jijjiirama fedhaniin deeggaraman kun Iraaq waliinis hariiroo mishaa uumanii ture.
Finxaaleyyii Sunnii Iraaq keessa lootee seentu akka qolatan biyyattiif waadaa seenuun hojjechaa turan.
Eegdonni Warraaqsaa Iraan gara Iraaq imaluun leenjii waraanaa kennaa turuutu himama.
Bara 2015 Adoolessa keessa marii waggoota dheeraa booda dureewwan biyyoota addunyaa hojii misooma niwukilaraa Iraan danagessuurratti waliigalteerra ga’an.
Bakka kanaa ammoo qoqqobbiin diinagdee muraasi Iraan irraa kaafame.
Addunyaarratti biyyi hordoftoota amantii Islaamaa Shi’aa jedhamu qabaachuun dursitu Iraan, bara 206 taatee mudate booda biyya Muslimaa- Sa’uudii Arabiyaa waliin diinoman.
Bara sana ji’a Amajjii keessa Sa’uudiin duree amantii Shi’aa Iraan Mimr al-Nimr jedhamu ajjeeste, kana hordofeetu balaan kan mudate.
Lammiileen Iraan kumaa-kitilaan ba'uun embasii Sa’uudii kan Iraan keessa jiru daaraa godhan.
Caamsaa 2017 ammas Pirezidanti Hasan Rohaanii irra deebiin filataman. Garuu marsaa kana qormaata guddaatu isaan mudate.
Qaala’iinsi jireenyaa uummata karaatti baase. Lammiileen biyyattii magaalota gurguddoo biyyattiitti daandiitti ba’uun hiriira gaggeessuu itti fufan. Pirezidantichi fi hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatullaah Alii Khameenii dubbiin kun dhugaa ta’uu fi akka furamuu qabu uummataaf waadaa seenan.
Bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp hariiroon Ameerikaa fi Iraan akka duraanii hin turre. Inumaa Tiraamp biyyisaa akka marii niwukilaraa Iraan keessaa baatu godhe.
Walqoollifannaan US fi Iraan bara 2019 ammoo bifa haaraan as ba’e. Keessattuu ji’a Caamsaa fi Waxabajjii keessa dhibdee guddaatu ture. Ameerikaan dhaabbata boba’aa ishee Galoo Galaanaa Iraantu haleele jechuun haaloo ba’uutti galte, Tahraan himannaa kana waakkatteetti.
Kana hordofee gatiin boba’aa Iraan keessatti akka malee dabale, kunimmoo mormii uummataa marsaa biraa kaase. Mormii alanaan qaamoleen nageenyaa humna fayyadamuun lammiilee 100 caalan ajjeesan.
Taateen bara 2020 mudates Iraan akka haaloo ba’uutti cichitu taasiseera. Amajjii 2020 Ajajaan Humna waraanaa Quds (humna waraanaa Iraan kan mootummaa Siiriyaa deeggaruuf ramadame) Qaasim Sulayimaanii haleellaa qilleensaa Ameerikaan ajjeefame.
Haleellaan buufata xiyyaaraa Baagdaaditti lubbuu qondaala waraanaa olaanaa Iraan galaafate kun Iraan fi Ameerikaa akkaan walitti hammeesse.
Dureewwan biyyaa Iraan biyyoota lixaa biratti qofa osoo hin taane lammiilee biyyattiinis guddoo komatamu.
Keessattuu wayita filannoo pirezidantummaa bara 2020 gaggeeffamee taateen mudate dimokiraasii biyyattii maseenseera jedhama.
Bara 2021 pirezidantii kan ta’anii fi hooganaa olaanaa Iraan- Supreme leader ta’uuf kan abdatamaa turan qondalalli Iraan Dilbata darbe balaa helikooptaraan du’an, Ibraahim Ra'iisii, filannoorratti morkattoota dararuun taphaan ala godhan jedhamuun komatamu.
Pirezidantichi daangaa Azarbaajanitti hidhawwan humna ibsaa lama eebbisanii osoo deebi’aa jiranii helikooptarri isaan baattee turte naannawa magaalaa Tabziin jedhamtuutti kufuun qondaaltota waliin turan waliin du’an.
Biyyattiinis taatee kana hordofuun gadda guyaa shanii labsiteetti. Filannoon pirezidantummaa guyyoota shantama keessatti hanga gaggeeffamutti, Itti Aanaa kan turan Mohammad Mokber pirezidantii ta’uun tajaajiluu itti fufaniiru.












