Saalqunnamtiin araada ta'aa? Waldhaansa qabaa?

Madda suuraa, Getty Images
Barreessan Ameerikaa Maark Twaayin araada tamboo xuuxuu adda kutuun salphaadha yeroo 100 godhee beeka yoo jedhu dhagaahameera.
Namni gariin hagas mara salphaa miti jedhanii falmu. Garuummoo araadni tamboo fi qabiyyee nikotiiii qaban, araadni dhugaatii alkoolii fi qorichoota sammuu si'eessanii jiraachuun falmisiisaa ta'ee hin beeku.
Saalqunnamtiin garuu araada ta'a moo hin ta'u kan jedhurratti ogeeyyiin ammallee waliigaltee tokkorra hin geenye.
Hanga ammaatti saalqunnamtiin akka wantoota kaanii araadadha jedhamee beekamtii argatee waldhaansa kilinikaal warra qabu keessa akka tokkootti hin fudhatamne.
Biyyoota akka UK keessatti hanga bara 2018tti akka araadota kaanii hubatamee lakkoofsi namoota waldhaansa ykn gorsa barbaacha adeemanii tajaajilli fayyaa biyyattiin galmaahe hin jiru.
Haata'u malee marsaariitiin namoota rakkoo araada saalqunnamtii keessa jirra jedhanii gorsa barbaacha itti deeman qorate tokko namoota kuma 21 ta'an qorate keessaa dhibbeentaan 91 dhiirota akka ta'an ibsee ture.
Bara 2013 UK keessatti araadni saalqunnamtii akka rakkoo fayyaa ykn xiinsammuu fidutti ilaalamee warra waldhaansa qaban keessaa tokko akka ta'u gaaffiin dhiyaatee ture. Haata'u malee rakkoo fayyaa xiinsammuu hordofsiisurratti ragaan waan dhabameef kufaa ta'e.
Amma dura qumaarri ykn tirgaan akka amala rakkisaa (compulsive behaviours) jedhamee akka galmaahu ta'eera. Boodas rakkoo waldhaansa qabaatu akka ta'u murtaahe. Amalli hangaa ool nyaachuus akkasumatti beekamtii argateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeeyyiin dhimma saalqunnamtiirratti gorsa kennan rakkoon kunis dhawaataan garasitti deemuunsaa hin oolu jedhu.
Qorannoon bara 2014 maxxanfame tokko namoota araada saalqunnamtii qabaniif pornoogiraafii ilaaluun akkuma nama araada wantoota sammuu namaa si'eessan qabuuf qorichoota filachiisuuti. Sochiin sammuu isaanii walfakkaata jedha.
Garee Yunivarsiitii Kaambiriij yeros qorannicha hogganan Dr Baaleriiy Voon yaada BBCf kennaniin qorannichi rakkoo namootni araada saalqunnamtii keessa jiran qaban hubachuuf bu'uura kaahus araadadhamoo miti kan jedhu murteessuuf argannoo gahaan hin jiru jedhaniiru.
Namni tokko araada saalqunnamtii qaba jedhanii amanuuf jalqaba irratti maaltu wanti tokko araadadha nama jechiisisa isa jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Kanaaf ammoo yaadni nama hunda waliigalchu tokko hin argamne.
Yaadni guddaan wanti tokko araada ta'eera jechisiisu namni sun gocha sana raawwachuurratti xiinsamuunsaa hirkataa ta'eera kan jedhuudha. Hirkattummaansaa sun yoo wanticha dhaabe miidhaa qamaa yoo irraan gaheedha. ''Bu'ura kanaan saalqunnamtiin araada hin ta'u'' jedhu Piroofeesara Open Yunivarsitii kan ta'an Dr Fireedriik To'aates.
Garuummoo hiikkaan araadaa bal'aa ta'e ni barbaachisa jedhu.
Ofii araadni maali?
Akka ogeessi kun jedhanitti wanti araada waan biraarraa adda baasu ijoon yaada lama. Tokko gocha sanarraa bu'aa argamuufi amala kana ilaalchisee yaada waldhayaa jirudha. Fayidaan gocha sanarraa argamu araada amala hin barbaachifnerraa wanta adda baasudha jedhu. Walfakkeenyu amala hin barbaachifne fi araada wanti walfakkeessu baayyeedha.
Namootni araada qaban gocha sanarraa gammachuu yeroo argachuu barbaadu. Miidhaa yeroo dheeraa qabaatuyyuu jechuudha. Namootni amala baratamaa gaarii hin taane qaban ammoo amalasaanii sanarraa gammachuun argatan hin jiru.
Amma gaaffii biraan ka'u dhalli namaa gammachuu barbaada erga ta'ee wanta guyyuu gammachuu argachuuf goonu araadarraa maaltu adda baasa kan jedhuudha.
Ogeessi xiinsammuu Dr Haarriyeet Gaarood amalli tokko araada kan ta'u hammentaa gochicha raawwanurratti hundaa'ee miidhaa nama sanaafi namoota naannoosaa jiran irraan gahuurratti hundaa'uuni jedhu.
Araadni nyataa fi tirgaa araadota waldhaansa xiinsammuu qabaatan ta'anii beekamtii argataniiru. Saalqunnamtiin garuu deeggarsa fayyaa hin qabu. Ammoo hawaasa keessa dhimmi kun ni ka'a, namni hedduun garuu gorsa barbaadaa akka jiru hubachuu Gaarood ni himu.
Dr Abigeel Saan ogeettii gorsa kilinikaaliiti. Amalootni saalqunnamtii gariin araada ta'u jettee amanti. Namootni gariin amalli saalqunnamtii kunniin to'annoosaanii ol ta'uun kan rakkattan sababa fedha qunnamtii saalaa mataasaatiin qofa osoo hin. taane, rakkoowwan akka mukaa'uu, dhiphina sammuu ykn yaadannoo badaadhaan dhiibamanii miirota sana keessaa bahuufi jetti.
Wantootni dhiibbaa godhan jiru jedhanii muggutu. Sun ammoo gocha sanarraa fayidaan akka argamu godhuu jetti.
''Saalqunnamtiin akka kanatti hin hojjetu jedhanii yaaduuf sababni hin jiru. Rakkoonsaa ammatti ragaa gahaa kan hin qabne ta'uudha'' jetti.
Ammoo amala kana araada jedhanii labsuun namoota keessumaa rakkoo biraa baqachuutti gocha kana raawwataniin ni gargaara jettee hin amantu.
Araadni saalqunnamtii jette jetteedhaa?
Namni hundi saalqunnamtiin araada jedhee hin amanu.
Gorsaan dhimma saalqunnamtii Deeviid Leey barreeffama jette jettee araada saalqunnamtii (The Myth of Sex Addiction) jechuun barreesse keessatti amalootni araada saalqunnamtii jedhamanii himaman mallattoolee amaloota waldhaanamuu hin dandeenyedha jedha. Waldhaansa gochuuf ragaa gahaan hin jiru jedha.
''Saalqunnamtii ykn qaama ofii tuttuquun of gammachiisuun(masturbation) alkoolii fi qoricha sammuu hadoochuun walqixxeessuun waan hin malleedha. Namootni araada alkoolii qaban yoo dhiisa du'uu malu'' jedha.
Dabaluun ilaalchi araada saalqunnamtii jedhu duudhaa saalqunnamtii hawaasa keessatti seera qabeessadha jedhamurraa akka maddus dubbata.
Warri saalqunnamtiin araadadha jedhamuu hin qabu jedhan fedhii saalqunnamtii olaanaa agarsiisuufi amalli isa waliin mul'isan wanta waldhaanamuu qabu miti jedhu.
Faallaa kanaan namootni rakkoo araada saalqunnamtii keessa akka jiran amananii deeggarsa oogummaa barbaadan akka fayyadaman rakkoon kun akka araadaatti beekamuu akka qabu barbaadu.












