'Fuullikoo viidiyoo saal-qunnamtii irratti gadhiifameen arge'

Suuraa keessan eeyyama keessan malee geeddaranii viidiyoo saal-qunnamtirratti karaa intarneetii otoo maxxanfamee argitanii maaltu isinitti akka dhaga'amu tilmaama.
Dubartiin tokko waan sukannessaa akkasiitu na mudate jetti.
Keetiin galgala gaafa tokkoo fuula tiwiitara ishee otoo ilaaltuu viidiyoo qalbii ishee jeeqe akka tasaa argite.
San booda ‘’naasuutu na weerare’’ jette Keetiin yeroo jalqabaatii ifatti waan ishee mudate yeroo ibsitu.
‘’Namni ani eenyummaa isaa hin barre tokko fuula koo ana fakkeessee viidiyoo saal-qunnamtiirrattitti maxxanse,’’ jette.
Namni eenyummaan isaa hin beekamne tekinolojii 'deep fake' jedhamu itti dhimma bahuun suuraa ishee, ishee fakkeessee nama biraarratti maxxanse.
Haala kanaan Keetiin taatoo fiilmii saal-qunnamtii taasifamte.
Viidiyoon sobaan Keetii fakkeffamee hojjatame kun saalqunnamtii dirqiin taasifamu mormuun duula gagggeessitu ilaalchisuun af-gaaffii isheen TV irratti taasifterraa fudhatamee hojjatame.
Viidiyoon dharaan hojjatame kun saalqunnamtii wayita raawwattu mul’isuuf dalagame.
‘’Baayyeen gaddee, sirnaan yaaduun dadhabe,’’ jette Keetiin.
‘’Viidiyoon dharaan sun akkuma natti mul’atetti iddoo hunda qaqqaba jedheen yaade - baay'ee suukanneessaa ture,’’ jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaan dura viidiyoon dharaa ykn 'deepfake’ harka caalu namoota beekamoo fi qondaaltoota siyaasaarratti qiyyaafata ture.
Viidiyoowwaan 'deepfake' yeroo heddu kan saal-qunnamtii hin turre, muraasni isaanii qoosaaf hojjataman.
Adeemsa keessa geeddaramaa adeemee jedha dhaabbanni Diiptirees.
Akka dhaabbannii kun jedhutti, viidiyoowwan fakkeeffamanii hojjataman %96 saal-qunnamtii dirqii wajjiin wal hin qabatan.
Akkuma saalqunnamtii dirqiin raawwatamee intarneetiirratti maxxanfamuutti viidiyoon fakkeeffame hojjatamu suura qoccollaa saalqunnamtiif ni oolfama.
Akka seera Iskootilaanditti suuraa ykn viidiyoo jaalallee ofii otoo hin eeyyamsiisiin qooduun akka yakkaatti ilaalama.
Haata’u malee, kutaalee UK kaanitti yakka kan ta’u yoo nama biraa tokko dhiphisuuf itti yaadame yoo dalagame qofadha.
Seerri haaraan garuu qaama dhimma kana hordofu ‘Ofcom’ jedhamu marsariitii kutaalee addunyaa kamirraayyuu maamiltoota intarneetii UK keessa miidhuuf hojjataniirratti tarkaanfii akka fudhatu eeyyamaf.
Keetiin dubartii ganna 30 yoo taatu, duula #NotYourPorn jedhu bara 2019 eegaltee turte.
Duulli isheen gaggeessite marsariitii namoonni ga’eeyyii itti gargaaraman irratti viidiyoowwaan saalqunnamtii eeyyama maamiltootaa otoo hin qabaatiin maxxanfaman akka haqaman taasise.
Kanaafu, qaamni suura sobaatiin maqaa ishee xureesse duula isheen gaggeessitetti mufateera.
Keetiin viidiyoowwan saalqunnamtii marsariitii saal -qunnamtii kun irraa jalaa harcaaste.
Haa ta’u malee, eenyummaa namoota kana raawwate ta’e viidiyoo sana daawwatee waan beektu hin qabdu.
Fuulli Keetii garuu viidiyoo taatoo fiilmii saalqunnamtii hojjatturratti maxxanfame.
Yaaddoon Keetii garuu namnii viidiyoo gowwomsaa sana hubachuu dhabuu malu kan jedhuudha.
‘’Viidiyoon sun mirga koo sarbe- eenyummaan koo waanin ani hin beekne keessatti eerame,’’jette.
Namoonni biroo viidiyoo sana jalatti qeeqa arrabsoo barreessu ture jette.
Keetiin amma mana isheettii hordofuu qabna, gudeedne, waraaabne viidiyoo isaa intarneetiirratti maxxansina jedhu ture jette.
‘’Yeroo akkasii maatii kootiif na yaachisa,’’ jetti Keetiin imimmaaniin hudhamaa.
‘’Maatiin viidiyoo kana yoo argan miira maalitu itti dhaga’ama?’’ jette.
Keessattu iddoo Keetiin hojjattuu fi jiraattu viidiyoo toora intarneetirratti maxxanfame jalatti barreeffamuu hordofee doorsifni itti jabaate ture.
‘’Garmaleen aare- eenyutu manaafi iddoon jiraadhu beeka?’’ jette.
Yeroo sana muddama keessa jiraachuun yaada ture. Kuni balaa qabatamaadha jette.

Keetiin muuxannoo isheerraa ka’uun nama haala walfakkaataan miidhaan irra gahe akkatti gargaartu amma ni beekti, duraan garuu waan gochuu qabdu sirriitti hin beektu.
Hiriyaan Keetii viidiyoo gowwomsaa tiwiitira gubbaa deddeebi’aa ture gabaasuu ykn ripoorti godhuu hordofee guutummaattii marsariitii tiwitaraa irraa buufame.
Haa ta’u malee, viidiyoon gowwoomsaa erga maxxanfamee, toora intarneetiirratti qoodamee guutummaatti haquun rakkisaadha.
‘’Keetiin viidiyooon sun guutummaatti intarneetiirraa akka buufamun barbaade ture, garuu ani homaa gochuu hin dandeenye’’ jette.
Viidiyoon gowwoomsaa toora intarneetiirratti iddoo inni gabaa qabu jiraachuu eerti.
Namoonni kaan viidiyoon gowwoomsaa akkasii haadha warraa isaaniirrattii akka hojjatamu, ollaa fi nama waliin hojjatan irratti akka hojjatamu gaaafatu jette.
Namoonni viidiyoo gowwoomsaa akkasii hojjatu Kibba- Baha Ingilaand keessa maadheeffate tokko maqaa isaa otoo hin ibsiin BBC'tti dubbateera.
Innii akka jedhutti, itti bohaaruuf namoota bebbeekamoorratti viidiyoo gowwoomsa hojjachuu eegale.
Boodarra dubartii jaalate tokko fi hiriyoota isaarratti viidiyoo gowwoomsaa hojjateera.
Yeroon hojjadhu dogoggorri tokkolle akka hin jiraanneetti ture- namni kamiyyuu hin shakkuu jedha.
Viidiyowwaan gowwoomsaa hojjachuutti kan gammadu namni kuni, maallaqa itti argachuu akka eegale dubbata.
Suuraalee dubartootaa miidiyaalee hawaasaarra baay'inaan akka argatu hima.
Inni akka jedhutti, yeroo dhiyootti bilbila viidiyoo zuumiin bilbilamuurra bu'uureffatee viidiyoo gowwoomsaa hojjateera.
‘’Viidiyoo gahaa, kan namni kallattiin gara kaameraa ilaaluurraa viidiyoo gowwaamsa 'deepfake' hojjachuuf daataa gahaan argadha,’’ jedha.
Namni kun ‘’dubartoonni muraasni’’ viidiyoo gowwoomsaan isaanirratti hojjatamu isaaf miidhamuu maluu jedhee amana.
Haata’u malee, akka inni jedhutti miidhaa cimaa qaqqabsiisu hin qabaatu.
‘’Kun ana miti jechuu danda’u ‘’jedha, kana jedhanii bira taru akka danada’an hima.
‘’Gama hamileetiin yoon ilaalemmoo, waanti viidiyoo kana hojjachuurraa na dhoowwu homtuu hin jiru,’’ jedhe.
‘’Maallaqaan irraa argadha jedhee yoon yaade nan hojjadha, tattaaffii dabalataa nan barbaachisu’’ jedha.
Istaandaardii vidiyoowwaan gowwoomsaa kun ittiin hojjataman ogeeyyii hoojjatanii fi teekinoloojii ammayyaa gargaaramaniirratti hundaa’a.
Taatullee namni viidiyoowwan saalqunnamtii gowwoomsaa dalagamu duuba jiru tokko akka himutti, suuraalee gowwomsaa kana adda baasuun sichi salphaa ta’uuf hin jiru.
Marsariitiin saalqunnamtii kun ji’atti namonnii miliyoona 13 akka daawwatan fi viidiyoowwan 20,000 dawwannaaf dhiyeessa.
Namni viidiyoowwan saalqunnamtii duuba jiru kun Ameerikaa kan jiraatu yoo ta’u, miidiyaaleetti hedduu hin haasa’u. Taatullee otoo maqaa isaa hin himatiin BBC'tti dubbateera.
Akka namni kun jedhutti, dubartoota hawaasa duratti hedduu hin beekamneerratti viidiyoowwaan gowwoomsaa hojjachuun daangaa dhiibamuu hin qabnedha.
Taatullee viidiyoowwaan gowwoomsaa dubartoota bebbeekamoo, miidiyaaleerratti beekamanii fi qondaaltota siyaasaa dhiyeessuun rakkoo hin qabu jedha.
Viidiyoon gowwomsaa Keetiirratti dalagame garuu fayyaa ishee kan miidhe qofaa miti, namoota biroollee akka shakkitu taasise.
Keetiin akka yaaddutti haleellaan isheerra qaqqabe doorsiisuufi qaanessuuf yaaluun olitti, ishee callisiisuuf kan yaadameedha.
Yeroo murtaa’eef duula gaggeeessaa turterraa duubatti deebitee turte, amma caalattu itti jabaatte. ''Isaan akka injifatan hin barbaadu,'' jette.
Viidiyoowwaan gowwomsaa dubartoota to’achuuf akka hinoolle dhaabbileen teekinolojii of eeggannoo barbaachisaa gochuu akka qaban gaafattti.
''Appilikeeshiniin kamiyyuu qabiyyee saal-qunnaamtii adda baasuu qaba'' jette.
Yoo dhaabbileen maallaqa, leeccalloo fi yeroo appilikeeshiiniin isaanii iddoo qoccollaan saalaa itti raawwatamne gochuurratti hin hojjanne itti-gaafatamummaa isaanii hin bahanne jechuudha'' jette.












