Qonnaan bultonniifi daldaltoonni Itoophiyaa buna qaban dafanii gabaaf akka dhiyeessan gaafataman, maaliif?

Namoota buna qulqulleessaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gatii bunni gabaa addunyaa irratti qabaatu kan murteessu gabaa bunaa Niiwu Yoorkitti gatiin bunaa sadarkaa olaanaadhaan gadi bu'uun gabaafamaa jira.

Ragaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa akka agarsiisutti, ji'a tokko darbe kana keessatti qofa gabaa addunyaarratti gatiin bunaa dhibbeentaa 20 hanga 32 ta'uun gadi bu'eera.

Bunni Paawondiin tokko (kiloogiraamni 0.45) ji'ootaan dura gabaa bunaa Niiwu Yoork irratti doolaara afuriitti gurguramaa ture amma gara doolaara 2.8tti gadi bu'eera jedhan Daayireektarri Abbaa Taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa.

Gatiin bunaa ol ka'uu fi gadi bu'uun haala qilleensaa bara omishaa waliin akka walqabatuu fi biyyoota baayinaan buna gabaa addunyaaf dhiheessanitti barana omishtummaa olaanaan jiraachuun gadi bu'iinsa gatii kanaaf sababa ta'uus eeran.

"Haala qilleensaa omishaa fi omishtummaa irratti hundaa'eeti kan hir'atus kan dabalus. Bara kana biyya Biraazilii fi Veetinaam irraa bunni gabaa addunyaaf dhihaatu baayyee dabalee jira. Hamma karoorfamee ol ta'a jedhamee yaadama" jedhan.

Omishni bunaa Biyyoota lamaan, Biraazilii fi Veetinaam gatii gabaa bunaa Addunyaa warra murteessani.

"Waxabajjii dhufu kanatti bunni biyyoota lamaan irraa haala olaanaan dhihaata jedhamee waan tilmaamameef gatiin gadi bu'iinsa agarsiiseera" jedhan.

Qonnaan bultoonnii fi ala ergitoonni Itoophiyaa buna dafanii gurgurachuu qabu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Omisha buna Arabikaa biyyooya lamaan irraa sadarkaa olaanaan gabaaf dhihaata jedhamee tilmaamame Kanaan gatiin gabaa addunyaa yeroo ji'a tokko keessatti harka 20 gadi bu'e kuni ji'oota itti aananis carraan gadi bu'aa deemuu olaanaa ta'u himu angaa'aan Itoophiyaa kuni.

Qonnaan bultoonni, omishtoonnii fi warri alergii bunaa irratti hojjetan haala gatii bunaa amma addunyaarratti itti jiru kana hubatanii buna dafanii yoo hin gurguranne gatiin kana caalaa gadi bu'uu malas jedhan.

"Bunni kan gurguramu gabaa addunyaa irratti. Gabaa addunyaa irratti gatiin isaa yoo gadi bu'e gatiin buna biyya keenyaaf kennamus akkasuma gadi bu'a jechuudha," jedhan.

Abbaan Taayitichaa xiinxala gabaa buna adunyaa irratti taasise jedheen qonnaan bultoonni fi ala ergitoonni buna Itoophiyaa gatii amma jiru kanaan dafanii yoo gurguratan kisaaraa jalaa ooluu danda'u jedheera.

"Gabaa amma adunyaarra jiru kana yoo ilaalle amma qarshii 30 kisaaranii gurguruu fi booda qarshii 100 kasaaranii gurguruu akka jechuuti. Barana akka Itoophiyaattis bunni haalan omishameera. Qonanan bulaan ganaa gatiin dabala jedhanii yoo qabatanii taa'an kisaaraa guddaa ofitti fiduu danda'u," jedhan.

Namoota buna qasharame hafaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Waxabajji dhufutti Biraazil qofti buna Arabikaa kuntaala miliyoona 36 dhiheessiti jedhamee kan tilmaamamee olitti odeeffannoo dhiheenya baheen hanga kuntaala miliyoona 47 dhiheessuu akka dandeessu himameera jedhu Dr. Addunyaan.

Kanaaf jecha carraan bunni deebi'ee gatiinsaa ol ka'uu gadi aanaa akka ta'ee fi osooma dabale jedhamee yaadameeyyuu yoo akkam cimee Paawundiin okko doolaara sadii gahuu mala jechuun tilmaamu.

Kanaaf jechas haala omisha bunaa biyyoota Biraazilii fi Veetinaam, akkasumas sududa ittiin gatiin gadi bu'aa deemu kana tilmaama keessa galchuun qonnaan bulaan bunasaa dafee gara gabaa adunyaatti gatii amma jiruun gurgurachuun filannoo jalqabaa akka ta'e gorsu.

Gatiin bunaa gabaa addunyaa irratti gadi bu'uun himamaa jiraatulleen gabaa biyya keessaatti garuu gatii bunaa irratti hanga ammaa gadi bu'iinsi hin mul'anne.

Gatiin bunaa biyya keessaas gatii bunni gabaa addunyaa irratti qabu waliin hidhata waan qabuuf yeroo dhihootti biyya keessattis gatiin bunaa hir'ina agarsiisuun waan hin hafnedha jedhu Dr. Addunyaan.

"Gatiin bunaa biyya keessaas gatii bunaa gabaa adunyaa kanarratti hundaa'a. Kanaaf, bunni biyya keessattis akkasuma gadi bu'a jennee yaanna. Murtee kan ta'u gatii bunaa Niiwu Yoork irratti kennamu," jedhan.

Itoophiyaan waggaa kana keessa buna toonii kuma 600 gabaa adunyaa irratti dhiheessuun sharafa Doolaara Biliyoona sadii argachuu karoorfattee hojjechaa jirti.

Ji'oota torba darbe kanattis buna toonii kuma 200 fi kuma 20 erguun sharafa Doolaara Biliyoona tokkoo fi miliyoona 500 argachuu Daayireektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa BBCtti himaniiru.