Buna xirinyii 'akka wayii mi'aawu', qaalii ta'eefi gaaffiin irratti ka'un walbaraa

Xirinyiin buna janfala (diimaa) nyaattee qashirii (kan qolli irra ka'e) baasti. Innis miicamee, gogee qophaa'a.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xirinyiin buna janfala (diimaa) nyaattee qashirii (kan qolli irra ka'e) baasti. Innis miicamee, gogee qophaa'a. Baay'inaan Indoneeshiyaafi biyyoota Eeshiyaatti beekama.

Gosi bunaa xirinyiin oomishtu kuni akka buna kaanii qonnaan bulaan bunni gaafa daraare funaanee, gogsee, dhiqee, akaawee danfisee dhugu miti.

Afaan Ingiliziin ‘Koppi Luwak ykn civet coffee’ jedhamuun beekama. Sababni isaas bineensa amala saree qabdu – xirinyiitu qopheessa.

Xirinyiin kuni gara caalu Itoophiyaa keessa oomisha shittoo oomishuuf kan oolu ‚‘zibaadii‘, oomishuun beekamti. Baay’inaanis gama lixaa Jimma, Iluu Abbaa Boor fa’i keessa argamti.

Waggoota dheeraa dura eegaltee Itoophiyaan biyya alaatti oomisha urgooftuuf oolu kana ni ergiti. Haa ta’u malee, buna xirinyiin hin milkoofne jedhu ogeeyyiin.

Bunni xirinyii bakka hunda hin argamu. Oomisha buna xirinyii biyya Eeshiyaa, kanneen akka Indoneeshiyaa fa’itu oomishuun beekama.

Hiyyeessatu dhugas miti. Gatiin isaa akkaan qaaliifi dhami isaas baay’ee mi’aawaadha.

Hoteela addunyaa gurguddootti qarshii guddaan gurgurama. Haa ta’u malee, falmitoota mirgaa bineensotaan ni qeeqama.

Bineensa xirinyii kiyyeessuun buna lafa jala naqanii gaafa baastu funaanu jechuunis komiin jabaa irratti ka’a.

Bunni Xirinyiin oomishtu maali?

Dr Taaddasee Habtaamuu I/Aanaa Pirezidantii dhimmoota Akkaadaamikii Yunivarsiitii Jimmaafi qorataa bineeldota bosonaati [Wild life ecologist]. Waa’ee xirinyii kanaa qorataniiru.

Gabaabumatti ‘’Koppi Luwaak jechuun buna diimaa xirinyiin nyaattee gogaa isaarraa pirotiniifi kaarbo haayidireetii fudhattee shamizii isaa wajjiin gadi’’ baastudha.

Akka qorataan kuni jedhanitti ‘’Isheen nutrient [albuuda] qola bunaa keessa jiru sanadha,’’ kan barbaaddu. Isheen buna diimaa isa mi’aawu ijoolleen illee jaalatan sana gaafa bilchaatu, filtee nyaatti.

''Yeroo bilchaatu diimaa diimaa isaa funaantee nyaatti. Waan keessaa argattu sana fudhattee buna jiraa isaa qola isaa waliin gadi baasti.’’

‘'Akka qorannee arginetti qolli bunaa pirotinii, kaarbo haayidireetii qaba, akkasumas dhadhaa (fat) kana qaba,’’ jedhan.

''Kanaaf koppi luwaak buna garaacha xirinyii keessaa bahe jechuudha’’.

Obbo Fitsum Bakaree Ogeessa bunaadha. Dhaabbata UNIDO’tti pirojektii bunaa irratti gorsaa teknikaa biyyaalessaa ta’un tajaajilu. Hojii gorsaas ni kennu.

''Isa diddiimaa sana nyaatte qola isaa (parchment) irraa baastee baasti. Yeroo bahu akka buna miiccamaatti kaninni bahu,’’ jechuun ibsu.

Akkamiin funaanu?

Karaa lamaan omishamu danda’a.

''Qabnee mana keessatti buna nyaachisneeni akka isheen baastu kan goonu. Karaa biraa bakka bunni biqilu nuti kana oomishuu dandeenyu.’’

''Amala isheetin buna sana ergi nyaattee booda kan isheen baastu boolla yookiin bakka tokottidha. Har’a fakkeenyaaf yoo nyaatte bakki isheen baaftu sana irra-deddeebiidhaan bakkuma sana baafti’’

''Omisha kana irratti wanti xiqqoo akka inni cimu godhu yoo bosona ta’e bakka isheen baaftu argachuudha,’’ jechuun ibsu.

Xirinyiin amala isheen bakka tokko doorii baati. Buna akkana baaste fuudhanii dhiqu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xirinyiin amala isheen bakka tokko doorii baati. Buna akkana baaste fuudhanii dhiqu

Bineensi kuni yeroo dheeraaf bakka tokkootti boolii ba’un beekamti.

''Xirinyiin maatii tokko keessaa bahe abbaan haati ijoolleen iddoo tokkotti doorii bahu. Kuni akka daangaatti jara fayyada.

''Jarri qoba qobaa waan jiraataniif akka bakka wal qunnamtiitti isaan fayyada. Bakki suni bakka wal argaa jaraati. Buna eessaa nyaatanu fidanii achi kaa‘u,’’ jedhu Dr Taaddasaan immoo.

Buna kaanirraa maaltu adda godha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Bunni pirotiniin keessaa gad-yaa’e dhume kun mi’aan isaa akka addaati. Akka wayii mi’aawa,’’ jechuun ibsu qorataan dhimma kana irratti qonnaan bultoota waliin dalagan.

''Akka qorannee arginetti qolli bunaa pirotinii, kaarbo haayidireetii qaba, akkasumas dhadhaa (fat) kana qaba.

''Bunichi garaacha ishee keessa yemmuu turu inzaayimoota adda addaatu isa keessa seenee pirootinoota buna keessa jiran caccabsee gad-baasa.’’

Pirotiniin qolaafi ija bunaa keessa argama. Warshaan buna keessaa pirotinii baasu ''addunyaa kana irratti hin jiru’’ jechuun bineensa kana jaju.

''Qimamiin garaacha ishee keessa oomishtu ija bunaa keessa galee pirotinii keessaa yaasa. Bunni pirootinii hin qabne [immoo] akka wayii mi’aawa.

''Sadarkaan bunaa maaliin ilaalama yoo jettani sadarkaa pirotinii keessa jiruun madaalama. Bunni pirootinii hin qabne akka wayii mi’aawa. Hin argamu kun laa.’’

Obbo Fitsum Bakareenis kanaan waliigalu.

''Dhamdhama isaa irratti dhama (flavour) adda ta’e ta’e qaba. Fermentation garaa ishee keessatti raawwatee baha. Kuni dhamdhama bunaa [cup quality) isaa ni dabala.

‘‘Bosona keessa wantoota argatte adda addaa nyaatti waan ta’ef wantoota akkanaa waliini fermentation process isaa kan raawwatu. Kunimmoo kan industirii keessa isa seenee bahurraa adda,’’ jedhu.

Itoophiyaa keessa hangam beekama?

Akka ogeeyyiin jedhanitti omishin kuni bakkee bosona gurguddoo bineensi xirinyii argamtutti bal’inaan argama. Gara caalu Indoneeshiyaa, Kolombiyaa, Kostaa Rikaa fa’itti beekama.

Itoophiyaa keessas keessumaa gama Lixaafi kibba-lixa biyyattii bosonni gurguddaa jirutti xirinyiifi oomishni ishee ni beekama.

‘’Itoophiyaa keessa jira garuu hangi oomishamu baay’ee xiqqaadha. Ishee faana bu’uu gaafata,’’ jedhu Obbo Fitsum.

Qonnaan bulaa Filiippins bakkee bineensi xirinyii doorii baate ija bunaa yoo barbaadan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bulaa Filiippins bakkee bineensi xirinyii doorii baate ija bunaa yoo barbaadan

Dr Taaddasaan qonnaan bultoonni buna kana akka oomishan sochii guddaa godhuu dubbatu.

‘’Kana dura oomishneerra. Garuu gabaan hin jiru. Gabaa sana nuu uumaa jenne dhaabbata ECX’tti iyyanne. Kanumaan abdii kutataa jirra. Gara fuulduraatti garuu gaafa tokko ka‘un isaa hin oolu.

‘‘Yeroo tokko gabaan hin barbaada jedhee qonnaan bultoota xirinyii manaa qaban oomishaan jedhe. Kuntaala sadii afur baasanii hin dadhabani. Buna sana deebisanii dhugani ofumaaf,’’ jedhan.

Garuu carraan oomisha kana bal‘isu ni jira jechuun amanu Obbo Fitsuumis. Shaakkisoo, Jimma keessa akkasumas Iluu Abbaa Booraatti kanneen kana dalagan akka jiran ogeeyyiin himu.

Haa ta’u malee, akka biyyaatti imaammati kana deeggaru akka hin jirre ibsu.

Obbo Lammii Yittaagasuu dhaabbata Arkena Coffee jedhamu keessa piromoshinii gabaafi tajaajila gorsaas dalagu.

Ogeessi bunaa kuni buna xirinyii kana oomishuu keessa seenuuf jedhani gaafannaanis eeyyama akka dhaban dubbatu. ‘’Viidiyoos baasen itti agarsiise,’’ jedhu.

Garuu, angawoonni dhimmichuma hin beekan jedhu.

‘’Eeyyama gaafa gaafachuu dhaqxu si dhorku. Shittoo oomishuu barbaadde malee jedhu. Kana nuti hin beeknu naan jedhani.’’

Gatiin hangam qaaliidha?

Walumaa gala gatiin buna xirinyii akkaan qaaliidha. Haa ta’u malee, gatii isaa sirrii baruun xiqqoo ni rakkisa.

Obbo Fitsum ‘‘Bunni suni kan xirinyiiti jedhamee approve [mirkanoofnaan] ta’e jennaan gatiin isaa buna speciality[adda] kan jennurratti dachaadhaan kan gurguramu,‘‘ jedhu.

Maddeen garagaraa bunni xirinyii siiniin tokko dolaara 30 - 100 ta’u eeran jiru. Kiiloon walakkaa (paawundii tokko/ 0.45kg) immoo dolaara 100 - 600 ta’u ibsu.

Dr Taaddasaan gama isaaniin ‘’Gatiin isaa baay’ee ol kaa’adha. Finjaalli tokko dolaara shantamaan dhugama. Kiiloon tokko dolaara 600 fi isaa oli. Ammammoo ciraa mi’aayaa dhufeera,’’ jedhu.

‘’Nami xirinyii oomishu yeroo isaa eeggatee buna diimaa kana yoo kenneefi, hojii lamatu hojjetama. Tokko zibaadii hojjetaa jira, lama buna isa akka wayii mi’aawu baasaa jira.

‘’Xirinyiinis hin fayyadamti, qotee bulaanis galiin isaa ol ka’a, biyyis immoo kuntaala 100 [buna isa kaan] erguutti buna kiiloo sadii afur erguutu caala,’’ jechuun abdii himu. ‘’Madda galii addaa’’ ni ta’a.

Yaaddoo falmitootaa

Kanneen mirga bineensotaaf falman bineensi kuni buna kana haa oomishtuuf kiyyeeffamtee buna dirqamaan bakka tokko teessee akka nyaattu taasifamti jechuun falman jiru.

Dr Taaddasaan garuu kana ni mormu. ‘’Nutimmoo akkas miti. Daggala keessa nyaachaa jirti, duriis kanuma nyaatti kanaan duras.’’

Itoophiyaan buna oomishuun biyyoota akka addunyaatti sadarkaa duraarra jiran keessaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan buna oomishuun biyyoota akka addunyaatti sadarkaa duraarra jiran keessaati

‘‘Qotee bulaan galiin isaa yoo baroo [gaarii] ta’e xirinyii hin kunuunfata.‘‘

Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti biyyoota buna oomishan keessaa tokkodha. Buna xirinyiinis fayyadamuu dandeessi jedhu ogeessi kuni

Amala bineensa xirinyii

Xirinyiin akkuma sareeti. Xirinyiin Indoneeshiyaa‘’haantutarra xiqqoo caalti. Xirinyiin inni biyya keenyaa immoo hangaan guddaadha’’ jedhu Dr Taaddasaan.

Akkuma saree dhalti. ‘’Tokkoon ishii si’a sadii afur dhalti waggaatti. Al takka ilmoo afur dhaltee lama guddifatti.’’

Xirinyiin fooniis, biqiltootas wal qixa sooratti. ‘’Illeettiirraa gadi kan ta’an allaattii kana fa’I, jara lafa jiraatan ni nyaatti. Hanqaaquu jaraa hin nyaatti. Waan du’e waan lafatti dhiistu hin jiru.

‘’Illeettii, hantuuta kana fa’i adamsiti. Ija odaa fa’i baay’ee jaalatti. Ija waddeessaas, bunas,’’ jechuun ibsu. Amalli ishee akkami? Nama hin loltuu?

‘‘Hin lolu [ni lolti]. Madaqsuu immoo baay’ee tole hin jettu. Of eeggataati. Otoo manatti dhaltee guddattee baroodha. Isheen bakkeedhaa qabamtu nama hin lolti [ni lolti.]‘’