Waliigaltee Masirii fi Eertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?

Jilli Masirii Badir Abdellaatii durfamu Asmaraatti Eertiraa waliin waliigaltee mallatteesse

Madda suuraa, Al Aharam

Ibsa waa'ee suuraa, Jilli Masirii Badir Abdellaatii durfamu Asmaraatti Eertiraa waliin waliigaltee mallatteesse
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Masirii fi Eertiraan geejiba Gaalana Diimaarra walitti hidhuuf waligaltee mallatteessan.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Abdellaatii daawwannaa tibbana gara Asmaraatti taasisaniin, biyyoonni lameen waliigaltee geejibaa fi daldalaa walii mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaatti biyyoonni lameen geejiba galaanarraa wal quunnamu.

Kaayyoon sarara doonii kana walitti hidhuu ammoo carraa hulaa galaanaa qabaachuu isaanii kanatti fayyadamuun daldalaafi tajaajila loojistikii biyyoota lameenii fooyyessuu akka tahan ibsan.

Dabalataan, waliigalticha keessatti Masiriin ogummaa ijaarsa buufata doonii ammayyaa fi daandii baaburaa qabdu Eertiraaf qooduuf waliigalaniiru.

Jilli Masirii Ertiraa daawwate Ministira Dhimma Alaa biyyattii Badir Abdellaatiifi Ministera Geejibaa Kameel al Waazir fa'aa qabata.

Isaan kallattii pirezidaant Abdul Fattaa al-sisii kenneefiin kan imalan yoo tahu ergaa isaas pirezidaanti Isaayas Afewarqiin gahuu gabaasni Al Aharam ibseera.

Jila kana waliin abbootiin qabeenyaa Masirii kan imalan yoo tahu Eertiraa keessatti maal irratti hojjechuu akak danda'an irratti mariin gaggeeffameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni lameen buufata doonii galaana Diimaa irraa qaban walitti hidhuu qofa oso hin taane nageenya isaa irrattis mari'ataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Abdellaatiin biyyi kamiyyuu Galaana Diimaatti bahu nageenya qarqara isaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa qaba jedhan.

Nageenya qarqara Galaana Diimaa kabachiisuuf biyyi alaa biraan keessatti hirmaachuu hin qabu jedhan.

Abdellaatiin biyya kam jechuu akka barbaadan maqaa hin dhahiin malee hulaa galaanaa argachuuf biyyi irra deddeebiin gaaffii dhiyeessaa turte Itoophiyaadha.

Biyyoonni lameenuu gaaffii Itoophiyaa kanaaf deebii gahaa kennaa hin turre.

Inumaayyuu Itoophiyaa fi Eertiraa gara walitti bu'insaatti geessuu danda'ama jedhee soodatameera.

Mootummaan Masirii yeroo wlaiigaltee kana mallatteessu walabummaa Eertiraa akka deeggaru ibseera. Biyyoota Gaanfa Afrikaa hundaa keessattis tasgabbiin akka bu'u dhaaman.

Mootummaan Eertiraa hariiroo yeroo dheeraa masirii wlaiin qaban ibsuun deeggarsa taasisaniif dinqisiifachuu gabaafame.

Dhimma siyaasaa fi dinagdee biyyoota lamaan fayyadan irratti qindoominaan hojjechuuf akka fedhii qabu mootummaan Eertiraa ibseera.

Masiriin Eertiraa waliin hariiroo cimaa uummachuu kan jalqbde yeroo Eertiraan Itoophiyaa irra foxxoquuf qabsoo gaggeessaa turte irraa jalqabuuni.

Hariiroon Masirii fi Eertiraa dhiyeenya ammoo akka malee dabaleera.

Kunis Itoophiyaan gaaffii hulaa galaanaa argachuu dhiyeessuu yeroo jalqabdu Eertiraa dallansiiseera.

Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa nagaa Eertiraa irraa fayyadamuuf gaaffii dhiyeesitee deebii quubsaa akka hin arganne ibsaa turte. Ergasii Somaaliyaafis gaaffii wal fakkaataa dhiyeesitee ture. Booda yeroo Itoophiyaan Somaaliilaand waliin Waliigaltee Wal Hubannoo mallattesitu muddamni Gaanfa Afrikaa keessatti akka malee dabale.

Kun Eertiraan Somaaliyaa cina dhaabbachuu yeroo ibsitu Masiriinis hatattamaan itti dabalamte.

Masiriin durumaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti Itoophiyaa waliin waliigalteerra waan hin geenyeef gara Somaaliyaa gortee walabummaa Somaaliyaaf akka dhaabbatu ibsite.

Bulchiinsa qarqara galaanaa ilaalchisees biyyoota hulaa galaanaa qaban qofa ilaallachuu qaba jechaa turan.

Itoophiyaan galaana Diimaa irraa km 60 hin caalle irratti kan argamtu yoo tahu rakkoon nageenyaa Galaana Diimaa irratti mudachuu malu kamuu nageenya biyyaalessaa isheef yaaddoo tahuu himti.

Dhimma daldalaafis tahe nageenya biyyaalessaa isheef Itoophiyaa, biyyi uummata miliyoona 120 ol qabdu hulaa galaanaa argachuu akka qabdu gaaffii dhiyeessaa turte.

Amma Masirii fi Eertiraan buufata doonii isaanii wal qunnamsiisuun hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru.

Masiriin geejiba, ijaarsa, qoricha, albuuda, daandii baaburaa fi kaan irratti Eertiraa waliin hojjechuuf waliigalteetti.